Amala haalonni balleessan sirreessuuf furmaanni sobaafi haasaa jibbiinsaa lagachuudha

Labsiin haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa ittisuufi to’achuuf bahe falmii dheeraa booda sagalee caalmaan erga ragga’ee waggoonni afur lakkaa’amaniiru.

Labsiin kun haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa haleellaa saba, amantaa, ummata, korniyaafi qaama miidhamummaa irratti fuulleffatan dhorkuu kan kaayyeffateedha.

Kanaanis, haasaa ergaa jibbiinsaa ofkeessaa qaban addababa’ii, walgahii, miidiyaa biroodkaastii, maxxansa, miidiyaa hawaasummaafi kanneen biroorratti tamsaasuun dhorkaa ta’uu labsiin kun ifatti kaa’us hanga ammaatti bifa kamiin hojiirra oolaa akka jiruufi hangam rakkoo kana furaa akka jiru waan beekamaadha.

Sababnisaas erga labsiin kun ba’eetii as yakkoonni haasaa jibbiinsaa ni babal’atan moo ni hir’atan? Qaamotniifi namootni dhuunfaa gocha kana fakkaaturratti hirmaatan hangamtu haala labsii kanaan seeratti dhihaatee gaafatame? Qaamoleen labsii kana raawwachiisuuf ittigaafatamummaa guutuu qaban immoo jiruu? kan jedhus qorannoo mataasaa kan barbaadu ta’us, osoo labsiin haasaa jibbiinsaa kun hinbahinii kaasee hanga har’aattuu yakkoonni saba, amantaa, saalaafi duudhaalee hawaasa gara garaa xureessuufi jibbisiisuu ittuma fufee jiraachuun waan dhufaa lufaan taajjabuudha.

Rakkooleen haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa kun erguma labsiin kun bahee asittuu ittifufuunsaanii labsichi qaawwa qabaachuusaa kan agarsiisu ta’uu warrootni qeeqan akkuma jiran, waan hunda labsiifi seeraan qofa sodaachisanii sirreessuun waan hindanda’amneef duudhaa ganamaa isa namummaa qofaaf kabaja walii kennan sana keessaa bahamuun rakkoo kanaaf sababa guddaa ta’aa jiraachuus namootni kaasan hedduudha.

Labsii haaraan namni ykn gareen haasaa jibbiinsaa dhorkame taasise hidhaa hanga waggaa lamaa ykn qarshii kuma 100 hincaalleen adabama jedha.

Sababa haasaa jibbiinsaatiin yoo nama dhuunfaa ykn gareerra miidhaan gahe ammoo hidhaa waggaa tokkoo hanga shanii adabsiisa.

Namni miidiyaa hawaasummaarratti hordoftoota 5000fi isaa olqabu, miidiyaa biroodkaastiifi maxxansa yeroo yeroon bahurratti haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa maxxansuun hidhaa hanga waggaa sadiifi qarshii kuma 100 hincaalleen akka adabamu ibsa.

Miidiyaa hawaasummaarratti ‘like’fi tag’ tahuun garuu akka nama hingaafachiisnes labsicharratti ibsameera. Labsichi mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu heera, keewwata 29/2 irratti tumame kan sarbuudha jechuun qaamoleen falma mirga namoomaa gara garaa sodaasaanii ibsachaa turuun kan yaadatamuudha.

Haa ta’u malee labsicharratti qaamolee mirgootaa namaaf mormina jedhan dabalatee namoonni kaan yaada ofii bilisaan ibsachuu danquu mala jechuun yaaddoo qaban ibsachaa turaniiru.

Gaaffii guddaan garuu seerichi maaliif yaaddoo uume? Kan jedhu yemmuu ta’u, erga wixinee labsii haasaa jibbiinsaafi tatamsa’ina odeeffannoo sobaa hambisuufi to’achuuf baherratti mariin godhame booda kan qaamolee yaaddoo qaban dhagahamuu eegaluun kun dhuguma quuqama mirga namoomaa namni yaadasaa bilisaan ibsachuurratti qaburraa kan maddu moo fedhii mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu daheeffatanii wanti dabarfachaa turaniifi sanaan boodas ittifufuu barbaadan jira?

Kunis qorannoodhaan kan deebi’u ta’ee wantoota ifatti mul’atanirraa ka’uudhaan dhimmichi dhimma mirgoota yaada ofii bilisaan ibsachuu qofa osoo hintaane kana daheeffatanii ajandaa biroo dabarfachuuf fedhii qofa osoo hintaane, tattaaffiinis akka jiru hubachuun salphaadha.

Qaamolee labsii haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa kana raawwachiisuuf gahee qaban keessaa isa duraa kan ta’e Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa immoo labsicha raawwachiisuuf hanga humnisaa heeyyamu tattaafachaa jiraachuu Daarektarri Ittaanaan Abbaa taayitichaa Obbo Yoonaataan Tasfaayee ni dubbatu.

Gaheefi ittigaafatamummaan abbaa taayitichaatiif kenname yeroo yeroodhaan haala haasaan jibbiinsaafi odeeffannoowwan sobaa miidiyaalee gara garaa kanneen hawaasummaas dabalatee keessa jirurratti qorannoo gaggabaabaa gaggeessuudhaan gabaasa qopheessuu ta’uu himanii, dhimma odeeffannoo sobaafi haasaa jibbiinsaa irratti hawaasa kutaalee biyyattii keessa jiran hundaaf hubannoo uumuunis ittigaafatamummaa ta’uu ibsu.

Akka yaadasaanitti; ittigaafatamummaa lamaan kanneeniin ala nama tokko odeeffannoo sobaa dabarsiteeta ykn haasaa jibbiinsaa tamsaasteeta jennee ofii keenyaaf waan isa goonu hinqabnu.

Odeeffannoo sobaa sana ykn haasaa jibbiinsaa sana kan tamsaase miidiyaa biyya kanatti argamu yoo ta’e garuu of eeggannoowwan gara garaa itti barreessuudhaan hanga sadarkaa heeyyama daldalaa tamsaasummaa irraa deebisuutti gahuu ni dandeenya. Haala kanaan miidiyaaleen haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa tamsaasuun walqabatan xalayaan of eeggannoo dhumaa irratti barreeffamuus ibsaniiru.

Haa ta’uu malee yeroo ammaa haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaatiin walqabatee sadarkaa olaanaadhaan tamsaasaa jiran miidiyaalee hawaasaa yemmuu ta’an, gama barreeffamoota jibbiinsaafi odeeffannoowwan barreeffamaa soba ta’an tamsaasuutiin Feesbuukiin sadarkaa jalqabaa irratti argama.

Gama odeeffannoowwan sobaa qindaa’aniifi haasaa jibbiinsaa of keessaa qaban tamsaasuutiin immoo Tiktookiifi Yuutuubiin walduraa duubaan sadarkaa qabataniiru. Telegraamiin, fi‘X’n immoo miidiyaalee hawaasaa yeroo ammaa haasaan jibbiinsaafi odeeffannoon sobaa baay’inaan ittiin darbaa jiran waan ta’aniif to’annoon dhaabbilee kanneeniirratti taasifamu ulfaataa ta’uu Obbo Yoonaatan ni ibsu.

Feesbuukiidhaan ala dhaabbileen miidiyaa hawaasummaa olitti ibsaman kunniin hundi Itoophiyaa keessaa damee kan hinqabne ta’uun yemmuu rakkooleen kunniin uumamanitti hatattamaan walqunnamanii odeeffannoo walgeedaruudhaan rakkinicha furuuf yaalii taasifamurratti dhibbaa uumaa jiraachuu kaasanii, feesbuukiinuu bakka bu’aa malee Itoophiyaatti hanga ammaatti dameesaa hinbananne jedhan.

Miidiyaaleen hawaasaa kunniin haala gaariidhaan ittifayyadamnaan jiruufi jireenya salphisuufi daldaloota gara garaa ittigaggeessuuf barbaachisoo waan ta’aniif sababa namootni muraasni haasaa jibbiinsaa irratti gaggeessaniifi odeeffannoowwan sobaa ittiin dabarsaniif akka biyyaatti ugguruun barbaachisaa akka hintaanes nidubbatu.

Akka ibsasaaniitti; hanga danda’ameen dhaabbileen miidiyaalee hawaasummaa biyya keessatti darban kunniin biyya keenyatti damee akka qabaatan, yoo hintaane immoo bakka bu’aas ta’u nama yemmuu rakkoon uumamu qunnamamuun danda’amu asii akka qabaataniif sochiin taasifamaa jira.

Inni biraa Itoophiyaan biyya sabaafi sablammootaa, aadaafi afaanota, akkasumas duudhaalee hedduu qabdu waan taateef, haasaa namni tokko haasa’u “kun haasaa jibbiinsaati, sun immoo haasaa jibbiinsaa miti” jedhanii adda baasuunuu daran ulfaataadha.

Pilaatfoormiiwwan miidiyaaleen hawaasummaa kunniin ittiin dalaganis afaanota biyyoota alaa waan ta’aniif namni biyya kanaa yemmuu miidiyaalee kanneen fayyadamu osoo haasaa jibbiinsaa wayii argee hiikaasaa otoo sirriitti hinhubatiin caljedheetuma ‘react’ gochuu danda’a.

Akka labsii haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaatti immoo nama odeeffannoo sana maxxanse qofa osoo hintaane, kan ‘like, share’ godhes kan gaafatamu waan ta’eef nama osoo hiikaa odeeffannoo sanaa hinbeekiin raawwate sana adabuun akka namummaatti namatti ulfaata.

Kanaaf dhimmi haasaa jibbiinsaafi odeeffannoowwan sobaa karaa miidiyaalee hawaasummaatiin darban kanneen to’achuu labsiin kun bahuu qofaadhaan kan deebii argatu osoo hintaane, qindoomina waajjiraaleefi tarsiimoodhaan deeggarame kan gaafatuudha.

Sababoota labsiin kun ittiin baheef keessaa inni tokko haasaa jibbiinsaa darbuuniifi odeeffannoowwan sobaa tamsa’aniin waldhabdeen sabaafi amantii waggoota muraasa darban uumamanis bakkeewwan interneetiin haalaan hinjirretti dabalatee rakkooleen walitti bu’iinsaafi buqqaatii kan uumaman ta’uun immoo rakkoon jara shakkaman duwwaa osoo hintaane, kan hinbaramnes jiraachuu rakkoolee akka biyyaatti uumamaa jiran keessatti shoorri miidiyaalee hawaasummaa olaanaa akka hintaane waan agarsiisu fakkaata.

Waan ta’eefis rakkoon kun labsiifi seerota gara garaa baasuu qofaan kan furamu waan hintaaneef duudhaalee soba dubbachuufi haasaa jibbiinsa qabu lagachuutti deebi’uun dirqama ta’a.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 26 Bara 2016

Recommended For You