“Waraanni isuma harkaa qabnu hir’isa malee waan haaraa nuuf ida’u tokkoyyuu hinqabu”  – Abiyyi Ahmad(PhD)

Ministeraa Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) Kibxata darbe gaaffiilee miseensota Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaataniifiif deebiifi ibsa bal’aa kennaniiru. Nutis deebiifi ibsa isaan keessumaa dhimmoota nageenyaafi isaan walqabsiisuun kennan akka ittaanutti qindeessinee dhiyeessineerra.

Dhimma nageenyaa

Waraanni Oromiyaa lixaa keessattuu godinaalee Wallaggaa gara garaa keessatti adeemsifamaa ture naannawichaaf waan dabale tokkollee hinqabu. Garuu wantoota akka bu’uuraalee misoomaafi kanneen biroo tanaan dura turan hir’isuunsaa waan hinoolleedha.

Kana qofa osoo hintaane, waraanni Itoophiyaa kaabaa, naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa tures Itoophiyaarraa waa hir’ise malee waan dabale tokkollee hinqabu. Kan naannoo Amaaraatti adeemsifamaa tureefi ammas ittijiru kunis waan hir’isu malee waan naannawichaaf dabalu tokkollee akka hinqabaanne hubachuun barbaachisaadha.

Kanaaf walitti bu’iinsaafi waraanarraa kisaaraafi hir’ina malee bu’aan argamu akka hinjirre namni kamuu hubachuu qaba. Kana waan ta’eefis dhimmoota gara garaarratti walitti bu’iinsaafi walwaraansaaf ariifachuurra tasgabbiidhaan ilaalanii dubbii jiru karaa nagaafi mariidhaan furuu shaakaluun murteessaa ta’a.

Sababoota garaa gartee siyaasaafi kanneen birootiif walitti bu’iinsiifi walwaraansi akka furmaata dhumaatti akka hinilaalamneefi dursi marii karaa nagaatiin taasifamuuf kennamuu akka qabu hubachiisuufi qabsiisuu keessatti immoo abbootiin amantii, jaarsoliin biyyaa, hayyootniifi dargaggootni gaheesaanii gumaachuu qabu.

Biyyattiin tasgabbii horattee akka ittifuftuuf nageenyi dhimma murteessaa ta’uu mootummaan waan sirriitti hubateef yeroo kamuu garaagartee uumamu karaa nagaafi mariidhaan furuuf yeroo hunda qophiidha.

Hurriin baay’ate jedhanii hinboraafatan. Sababnisaas hanga fedhe furdatus hurriin hurrima waan ta’eef. Wanti boraafatamu waan nama hirkisuu danda’u ta’uu qaba. Kanaaf abdiifi hawwii hintaane keessa galamee haala qabatamaa lafarra jiru diiguuf tattaafachuun badiin ala faayidaa tokkollee qaama kamiifuu argamsiisuu akka hindandeenye hubatamee, qaamotni kamuu gargaarateewwan dhimmoota adda addaarrattu uumamuu malan kamuu marii, araaraafi miira walhubannaatiin akka furamaniif yaaduufi hojjachuun barbaachisaa ta’a.

Nutis akka mootummaatti kan hawwinus ta’ee kan hojjannu haaluma amma kaasaa jiru kanarratti ejjannoo cimaa ta’e qabachuudhaani.

Biyyoota Afrikaa kamuu keessatti ummanni hanga ummata gaafa ayyaana Qillee kabajuuf Finfinneetti kabajuuf bahe baay’atu, hanga gaafa ayyaana Iidaafi Maskalaa kabajuuf iddoo tokkotti bahee ayyaanota kanniin rakkoo tokko malee kabaju hinjiru.

Baay’inni ummata miiliyoonota hedduutti lakka’amuu kun iddoo tokkotti bahee ayyaanota akkanaa kabajuun kan danda’ameef sababa nageenyi jiruufi. Osoo nageenyi jiraachuu baatee ummanni hangas baay’atu walitti bahee nagaan gara manasaatti galuun waan yaadamu hinturre.

Kana waan ta’eef yeroo ammaa Itoophiyaa keessa akka waan nageenyi tokkollee hinjirreetti olola odeeffamu amananii hafarsuun dhaabachuu qaba jennee amanna. Yeroo ammaa biyyattii keessa nageenyi jiraa? Gaaffii jedhuuf deebiinsaa eeyyeen jiraadha.

Haa ta’u malee garuu hanqinootni akka jiraniifi iddoowwan tokko tokkottis ta’e darbee darbee rakkoon boora’uu nageenyaa akka jiru amanuun barbaachisaadha. Waan hunda madaala qixaa irra kaa’anii qixa sirrii ta’een hubachuufi fudhachuun barbaachisaa ta’a.

Gootummaa

Wanti biraa ammoo ilaalchi gootummaadhaan walqabatee jirus sirrachuu qaba. Gootummaan yookiin jagnummaan waraana qofaan madaalamuu hinqabu. Namni tokko hojii nageenya waaraa mirkaneessuuf hojjateen goota ta’uu nidanda’a, kaan immoo hojii misoomaa dinagdee biyyattii geeddaruun goota ta’uu danda’a. Qulqullina naannawaa eegsisuudhaan goota ta’uu ni danda’a. Kanaaf gootummaan weeddisaa kilaashii baatanii fiiguu qofa akka hintaane hubachuunis barbaachisaadha.

Aangoon kan argamu…

Dabalataan aangoon kan argamuu danda’u karaa humnaafi waraanaatiin qofa akka ta’etti yaaduunis dhaabachuu qaba. Sababnisaas addunyaa amma jirru keessatti aangoon mootummaa ta’anii biyya hoogganuuf nama gargaaru karaa humnaatiin qofa waan danda’amu akka hintaaneedha.

Olaantummaa seeraa mirkaneessuun cimee ittifufa

Gama keenyaan yeroo ittaanuuf wantoota guguddoo afur niraawwanna. Isaanis; hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu cimee ittifufa. Asirratti nu waraanaati “Harka keessan maradhaatii taa’aa” yaada jedhu hinfudhannu, irrattis walii hingallu. Kanaaf mootummaan seeraan filamee aangoo irra jiru waan taaneef hanga humni keenya nuu eeyyameen hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf eegalame cimsinee ittifufna jechuudha.

Yeroo olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojjannu kamuu garuu, tokko tokkoo daqiiqaawwanii hojiiwwan kana ittiin raawwannu keessatti balbala keenya marii nagaatiif banaa taasisuudhaani. Mariidhaaf, nagaadhaaf yeroo hundaa balballi keenya banaadha. Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuuf raawwannu marii nageenyaatiif carraa kennuudhaan ta’uu waan qabuuf kana goona.

Yeroo ammaa rakkoon biyyattii tana keessa jiru rakkoo hoji dhabdummaati. Namootni hedduu kan gara hojii nagaa booreessuutti galaniif irra jireessaan sababa gahaa qabsoof isaan kakaasu qabatanii osoo hintaane, hojidhabdoota waan ta’aniif nama ugguranii maallaqa itti gaafatu.

Kanaaf furmaanni gama kanaan dhimma kana hundeerraa furuuf dhihaachuu qabus dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuudhaan ta’uu qaba. Kanaafis mootummaan yeroo ammaa xiyyeeffannoo guddaadhaan dhimma kanarratti hojjachaa jira. Kana cimsanii ittifufuun garuu barbaachisaa ta’a.

Dhimmootni kanaan ala jiran bal’inaan marii biyyaalessaa keessatti kan hammatamaniifi gamuma sanaan furmaata waaraa akka ergatantu yaadama.

Sochii Shaneetiin walqabatee

Shaneen qabsoodhaaf gara bosonaatti kan gale waadaan waliigaltee Asmaraatti taasifamee ture gama mootummaatiin guutamuufii dhabee ganameera yoo ta’e, ummanni inni siifan qabsaa’a jedhuun sun mirga waan dhabeef, waan misooma dhabeef, nageenya dhabeef yoo ta’e, ummatuma siifan qabsaa’a jedhaniin sana ugguraa, misoomni akka hinhojjatamneef danqaa ta’aafii saamicha irratti raawwachaa akkamitti ummataafan qabsaa’a jechuun danda’ama? Kanaaf adeemsi qabsoo bifa kanaan adeemu ummata isaan isiniif qabsoofna jedhan, Oromoodhaaf jijjiirama tokkollee kan fiduu danda’uu miti.

Yeroo ammaatti hojii guddaan qaamni kun irratti bobba’ee jiru namoota gara garaa ugguruudhaan maallaqa gaafachuu, kankolaattota daandiirratti gubuufi misoomni bal’inaan ummatichaaf akka hinhojjatamne danquurratti xiyyeeffatanii socho’aa jiru.

Haalli akkanaa immoo ulaagaa kamiinuu qabsoo kaayyoo tokko galmaan gahachuuf taasifamu ta’uu hindanda’u. Sochiin akkanaa badii guddaadha. Osoo aangoo fudhaa jedhamee itti kennameeyyuu miira kamiin ummata ugguraa turan, saamaafi ajjeesaa turaniin sin bulcha jechuu danda’u? Kana waan ta’eefis gara miira ofiitti deebi’anii yaaduufi garaagaratee jiru kamuu waraana osoo hintaane, marii karaa nagaatiif dursa kennanii hojjachuun hunda caalaa filatamaa ta’uu hubachuun barbaachisaadha.

Ummata Oromootiifis kan barbaachisu yaada dabalataafi mo’ataa akkasumas filmaata qabu dhiheessuudhaan beekamtiifi sagalee ummataa filannoodhaan argatanii akka ummanni isaan filatu yoo taasisuu danda’an qofa.

Yaada filmaataa qabaniin gara ummataa dhufanii sagalee ummataa argachuudhaan karaa gara aangootti ittiin dhufuu danda’an dhiisanii qabsoo hidhannoo filachuunsaanii hanga ammaatti bu’aa inni buuseef hubachuu qabu.

Karaa mariifi araaraatiin dubbii fixuun murtee Shanee kan barbaadu yemmuu ta’u, kanneen nu keessa taa’anii abdii Shaneefi qaamolee iddoowwan gara garaatti qabsoo hidhannootti jiran waliin hojjachaafi abdii horachaa jiranis asuma keessa jiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ “Waraanni isuma harkaa qabnu hir’isa malee waan haaraa nuuf ida’u tokkoyyuu hinqabu”  – Abiyyi Ahmad(PhD)”

Comments are closed.