‘Gifaataa’: Ayyaana bara haaraa saba Walaayittaafi sirna araaraa isaan walqabatee adeemsifamu

Sabni kamuu afaan, aadaa, duudhaa, seenaafi hambaalee aadaa ittiin beekamu qaba. Barreeffamni kun aadafi duudhaa sabni Walaayittaa ittiin beekamu keessaa isaan ijoo ta’anirratti xiyyeeffata.

Ittigaafatamaa Qajeelcha Aadaafi Turizimii Godina Walaayittaa Obbo Tashoomaa Habtee dhiyeenya kana garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti akka himanitti, sabni Walaayittaa uffannaa aadaa ittiin beekamu qaba. Sabni kun ragada aadaafi meeshaalee muuziqaa ittiin beekamus qaba. Sabni Walaayittaa jijjiirraa bara haaraa ‘Giifaataa’ jedhamu kan dhuunfaasaa qaba. Ayyaanni bara haaraa kun waggaa waggaan haala ho’aadhaan kabajama. Sabni kun foon diimina barbaree ‘Daaxxaa’n nyaachuudhaan beekama jedhu.

“Gifaataan’ ayyaana bara haaraa waggaa waggaan Fulbaana keessa saba Walaayittaa biratti haala ho’aadhaan kabajamu ta’uu himanii, ayyaanichi utuu hinkabajamnin dura namoonni wallolan walitti araaramu.

Akka aadaa saba Walaayittaatti idaa baatanii waggaa haaraatti hince’an. Kanaafuu ayyaanichaan dura sirni jaarsummaafi araaraa ni raawwatama. Sirni araaraa abbootii keenyarraa dhaalle ammayyuu jaarsolii biyyaatiin raawwatamaa jira. Sirna Dubbushaa kanarratti jaarsoliin namoota wallolan walitti araarsanii, nagaa buusanii eebbisu. Walaayittaan saba nageenyaafi hojii jaalatuudha.

Sirni Dubbushaa jaarsolii biyyaatiin addababa’iitti raawwatama. Sirnicharratti namoonni wallolan ni araaramu. Sirnichi jala bultii bara haaraatti kan raawwatamu yoo ta’u, waa’een dhimma biyyaas sirnicharratti ni mari’atama. Sirni araaraafi marii kun jaarsolii biyyaatiin kan geggeeffamu ta’uus himaniiru.

Aadaafi duudhaan sabichaa eegameefi kunuunfamee dhaloota ittaanutti akka ce’uuf Qajeelchi Aadaafi Turizimii godinichaa keessumaa dargaggootarratti hojiilee bal’aa raawwataa jiraachuu himanii, yeroo dhiyoo as dargaggoota biratti dadammaqiinsi uumameera. Dargaggoonni Walaayittaa gama uffannaa aadaafi ragada aadaa sabichaa akkasumas aadaafi duudhaas eeguutiin hirmaannaa guddaa taasisaa jiru. Qajeelchi gurmaa’ina dargaggootaa gara garaa waliin ta’uun aadaafi duudhaa sabichaa eeguu, kunuunsuufi beeksisuuf hojiilee gara garaa raawwachaa jiraachuus himaniiru.

Qajeelchichi aadaan sabichaa ammayyummaan utuu hinfaalamiin akkasumas aadaa biraatiin hinliqimfamin dhalootaa dhalootatti akka darbuuf caasaalee dargaggootaa 23 hirmaachisuun irratti hojjechaa jiraachuu kan ibsan Obbo Tashoomaan, Yunivarsitii Walaayittaa Sooddoo waliinis dhimmicharratti hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Afaan sabichaa guddisuuf hiika jechootaafi seerlugaaa yunivarsiticha waliin kan maxxansiisan ta’uus eeraniiru.

Qajeelchichi yunivarsiticha, Biiroo Aaadaafi Turizimii Naannoo Itoophiyaa Kibbaafi Bulchiinsa Hambaalee Itoophiyaa waliin ta’uun Ayyaana bara haaraa saba Walaayittaa ‘Giifaataa’ jedhamu ‘UNESCO’tti galmeessisuuf hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Tashoomaan, hojichi xumuramaa jiraachuufi ‘Gifaataan’ dhiyeenyatti galmaa’uuf dabaree eeggachaa jiraachuu dubbatu.

‘Gifaataan’ hambaa kiliyaa ykn hinqaqqabatamne ta’uu himanii, yunivarsiticha waliin hambaa qaqqabatamu ‘Amaadoo Kellaa’ irratti qorannoo adeemsisaa jiraachuu ibsu. Yunivarsitichi hojiilee waajjirichi raawwachaa jiru hedduurratti hirmaachaa jiraachuufi gara fuulduraattis hojii caalu kan waliin hojjetan ta’uu eeru.

‘Gifaataan’ Ayyaana bara Haaraa sabni Walaayittaa Fulbaana keessa kabajuufi jalabultiinsaa Waxabajjii irraa eegalee qophiin taasifama. Guyyaa ayyaanichi irra oolu abbootiin urjii, ji’aafi biiftuu ilaaluudhaan murteessu.

Hambaaleen aadaa saba Walaayittaa godambaa godinichaas ta’e Yunivarsitii Walaaayittaa Sooddootti qindaa’anii eegamaafi kunuunfamaa jiraachuu kan dubbatan, Obbo Tashoomaan, hambaaleen sabichaa bara Mootii Kaawo Xoonaa irraa eegalanii jiran walitti qabamanii Godambaa keessatti eegamaa jiraachuus himaniiru.

Teessoon mootii kanaafi maallaqni sabichi ittiin bitaafi gurguraa ture akkasumas uffannaafi meeshaaleen aadaa sabichaa gara garaa godambichatti kan argaman ta’uufi yeroo ammaa godambichi haareffamaa jiraachuu eeraniiru.

Aadaa, duudhaafi hambaalee aadaafi seenaa keenya eeggachuufi kunuunfachuu qabna kan jedhan Obbo Tashoomaan, dameen turizimii utubaawwan guddina dinagdee biyyaa shanan keessaa tokko waan ta’eef qaamolee hundaan qindoominaan irratti hojjetamuu akka qabus dubbataniiru.

Qajeelcha Aadaafi Turizimii Godinichaatti Dursaa Garee Adeemsa Hojii Aadaa, Seenaafi Hambaa Obbo Adaanaa Ayizaa akka jedhanitti, garichi aadaa, seenaafi hambaalee sabichaa eeguu, kunuunsuufi beeksisuu akkasumas afaan sabichaa guddisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Aadaa, duudhaafi hambaalee aadaa sabichaa walitti qabuun eeguun, kunuunsuufi beeksisuun dhaloota dhufutti akka darbu taasisuun hojiilee ijoo garichi raawwataa jiru ta’uu himu.

Garichi sabni Walaayittaa aadaafi duudhaasaa sirriitti beekee akka eeggatu taasisuurratti hojii bal’aa raawwachaa jiraachuus himanii, baroota dheeraaf aadaa, duudhaafi seenaan sabichaa xiyyeeffannaa barbaachisu argachaa waan hinturreef amma xiyyeeffannaan irratti hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Aadaa, duudhaa, seenaafi hambaalee aadaa sabcihaa qorachuun, eeguun, kunuunsuufi beeksisuun dhalootatti akka darbu taasisuun hojiilee gurguddoo garichi raawwachaa jiru ta’uu kan himan Obbo Adaanaan, seenaa sabichaa qorachuun, maxxansuufi hawaasa biraan ga’uunis hojii garichaan raawwatamaa jiru ta’uu dubbatu.

Hojii armaan olitti eeraman Yunivarsitii Walaayittaa Sooddoo waliin hojjechaa jiraachuu himanii, yunivarsitichi qorannoowwan aadaafi seenaa sabichaa joornaalota addunyaarratti maxxanfaman hedduu kan taasise ta’uus eeraniiru.

Sabni Walaayittaa aadaafi duudhaa ittiin beekamuufi beekumsawwan xabboo hedduu qaba. Sabichi hambaalee kiliyaa ittiin beekamu kan akka Ayyaana Bara Haaraa ‘Giifaataa’ qaba. Sabichi kaalaandarii dhuunfaasaa urjiifi ji’a ilaaluun bara ittiin lakkaa’u qaba. Sabichi ogummaa ijaarsa manaa ittiin beekamus ni qaba. Sabni Walaayittaa uffannaa aadaa, sirbaafi ragada aadaa ittiin beekamuufi sabootaafi sablammoota biroorraa adda isa taasisan kan qabu ta’uu dubbatu.

Beekumsa xabboo sabni Walaayittaa qabu keessaa tokko wal’aansa aadaafi qoricha aadaa qopheessuudha kan jedhan Obbo Adaanaan, sabichi ogummaa wal’aansa dhidhiibbaa aadaatiinis beekamaadha. Sabichi sirna jaarsummaa ittiin beekamuu kan qabu ta’uufi garichi aadaa, duudhaa, seenaafi beekumsa xabboo sabichi qabu walitti qabee eeguufi kunuunsuun dhaloota dhufutti dabarsuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Sabni walaayittaa Sirna Jaarsummaa ‘Awaasiyaa’fi ‘Guuteraa’ jedhaman qaba. ‘Awaasiyaa’ jedhuun dudubbachuu jechuudha. Sirni kun ‘Dubbushaa’ irratti adeemsifama. ‘Guuteraa’ jechuun ammoo iddoo itti ummanni itti walittiqabamu jechuudha. Sirni jaarsummaa kun bakka mukni guddaan gaaddisa qabu jirutti kan geggeeffamu yoo ta’u, sirnicharratti namoonni wallolan dhiyaatanii jaarsolii biyyaatiin araaramu. Namni lubbuun harkatti badellee sirnicharratti araarama.

Sirnicharratti qarri dheeboo waljala qaxxaamuree kaa’ama. Namoonni walitti araaraman harka walqabatanii qara eeboo sanarra akka darban taasifama. Kana jechuun ammaan booda eeboo walitti aggaamuun hinjiru jechuudha. Siricharratti sa’i maseente ni qalamti. Kun ammoo dubbiin namoota walitti araaraman gidduu ture maseeneera jechuutti hiikama. Isa booda kormi qalamee naatama; bordeenis dhugama. Sirna kanaan namoota wallolan gidduutti araara dhugaatu ta’a. Sirni araaraa kun jibbiinsi dhalootaa dhalootatti akka hindabarre taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qaba jechuun ibsu.

Jaarsummaan sirna araaraa jibbiinsi dhalootaa dhalootatti akka hinceene taasisuudha. Abbaan seerummaa ammayyaa garuu haqa baasa malee araara dhugaa hinfidu. Namni nama ajjeesee akka murtee abbaa seeraa ammayyaatti waggooa 20fi isaa ol hidhamee ba’us, namni firrisaa jalaa du’e haaloo qabatee dhalaa dhalasaatti dabarsa. Sanyiiwwan lamaan gidduutti gaa’elli hinraawwatu. Jaarsummaan aadaa hariiroo hawaasaa cimsuu, araara dhugaa buusuu, tokkummaa hawaasaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhu.

Saba Walaayittaa biratti jaarsummaan ammayyuu duudhaa daran cimaadha. Sirnichii abbootii amantiifi jaarsolii biyyaatiin adeemsifamaa jira. Jaarsummaan abbaa seerummaa ammayyaatiifiyyuu bu’uura waan ta’eef ammayyuu cimee akka ittifufuuf hojjechaa jiraachuu ibsu.

Ammayyummaan jiruufi jireenya dhala namaa daran jijjiireera kan jedhan Obbo Adaanaan, gama kaaniin aadaafi duudhaa hawaasaarratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Saba kamuu bira yoo deemne aadaafi duudhaa ganamaa akka jrutti argachuu hindandeenyu. ‘Ammayyummaan’ keessumaa aadaa hawaasa magaalaa daran miidhaa jira.

Magaalaan bakka sabooniifi sablammoonni afaan, aadaa, amantiifi eenyummaa gara garaa qaban keessa jiraatan waan ta’eef aadaa walmakaafi kan baadiyyaarra adda ta’etu uumama. Ummanni baadiyyaa jiraatu ammoo aadaa magaalaatti uumame akka ammayyummaatti ilaalee fudhata. Aadaafi duudhaan ganamaa haala kanaan baadiyyaattis ta’e magaalaatti faalamaafi badaa jira jedhu.

Dhaloonni ammaa waantota biyya alaatii dhufan hunda akka ammayyummaatti ykn qaroominaatti fudhachuun aadaafi duudhaasaa dhiisee duukaa jiga. Kanaafuu aadaafi duudhaa keenya ganamaa eeggachuurratti cimnee hojjechuu, kunuunsinee dhalootaa dhalootatti dabarsuu qabna jedhu.

Jaarsummaan sirna guddaa waldhabdee furuun araara dhugaa buusu, tokkummaa ummataa cimsuufi ijaarsa ummataa keessatti iddoo olaanaa qabu ta’uus himanii, sirni kun akka hinquucarreef ykn hinbanneef hunduu xiyyeeffannaa olaanaadhaan irratti hojjachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Yeroo ammaa jaarsummaan mootummaa birattis fudhatama argatee tajaajila kennaa jiraachuu eeranii, jaarsummaan sadarkaa sabaatti qofa utuu hintaane sadarkuma biyyaattuu xiyyeeffannaa argatee hojiirra oolaa jiraachuu dubbatu. Abbootiin amantiis barsiisa Wangeelaafi Quraanaarratti hundaa’uudhaan kan wallole waan walitti araarsaniifi ummanni bal’aanis isaan waan dhaga’uuf hojii jaarsummaa keessatti gahee guddaa irra eegamu bahachuu akka qaban gaafataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ ‘Gifaataa’: Ayyaana bara haaraa saba Walaayittaafi sirna araaraa isaan walqabatee adeemsifamu”

  1. Pingback: link dultogel

Comments are closed.