“Fardi Qundhudhoo, Arbi Baabbileefi Jimaan, qabeenya Harargeen Bahaa ittiin beekamu yoo ta’u, amma ammoo godina callaadhaanis caalaa jiruudha” – Obbo Ayyaalewu Taakkalaa

Godinni Harargee Bahaa aanaalee 23 of jalaa kan qabu yoo ta’u, qilleensa naannawa baddaa, baddadareefi gammoojjii akkasumas, misooma jimaafi gaba jimaatiin beekamtii olaanaa gonfateedha.

Gaafa waa’een Harargee Bahaa ka’u waan jimaa qofaan maqaa qabu taasisanii kan ilaalan tokko lama miti. Haata’uutii wiirtuu hawwata turizimii akka Afrikaa Bahaatti kan jalqabaa ta’e kan qabu ta’uu kan quba qabu baay’een waan jiran hinfakkaatan, yoo jiraatanis muraasa.

Harargeen Bahaa gola hawwata turistii ta’uutti dabalee jimaadhaan ala dachee omishaafi omishtumman dachaan dabalaa jiru ta’uurra darbee godina callaa alergiif oolu omishuu danda’uudha kan odeeffanne.

Bariisaanis dhimma kana faana dha’uun gara Godina Haragee Bahaatti imaluun kan afaaniin odeeffamu kun qabatamaan maal akka fakkaaturratti Bulchaa Ittaanaa Godina Haragee Bahaa Obbo Ayyaalewu Taakkalaa keessummaa maxxansa kanaa taasifateera. Turtii isaan waliin taasisnes akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Godinni Harargee Bahaa aanaaleefi gandoota meeqa of jalaa qabaa? Haalli qilleensaasaa hoo maal fakkaata?

Obbo Ayyaalewu: Godinni Harargee Bahaa aanaalee 23fi gandoota baadiyyaa ykn araddaalee 583 of jalaa kan qabu yoo ta’u, haalli qilleensaasaas baddaa, baddadareefi gammoojjiidha. Haalli qilleensaasaa omishaafi omishtummaaf mijataadha.

Bariisaa: Gaafa maqaan Harargee Bahaa ka’u namoonni naannawa omisha jimaa qofaan beekamu ittifakkaatu jiruutii mee isin dhugaa jiru akkamiin ibsitu?

Obbo Ayyaalewu: Dhugaa dubbachuuf gaafa waa’een Harargee Bahaa ka’u kanneen waan omisha jimaa qofaan badhaate taasisanii ilaalan hindhiban. Haata’uutii dhugaan jiru kana miti. Godinichi omishaalee akka qamadii, lawuzii, ruuziifi boqqolloo fa’iinis kan ofgeesseedha.

Bariisaa: Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru Harargee Bahaatti maal fakkaata?

Obbo Ayyaalewu: Makaanaayizeeshiniin qonnaa amma hojiirra oole osoo hinbabal’atiin dura godinichatti aanaaleen wabii midhaan nyaataatiin of hindandeenyeefi eeggattummaa jalatti kufan turaniiru. Deemsa keessa tarkaanfii mootummaan jijjiiramaa omishaafi omishtummaa dabaluuf inisheetivii qamadiifi ruuziifaarratti fudhateen jijjiiramoonni jajjabeessoon galmaa’aniiru.

Bariisaa: Inisheetivoonni qonnaa mootummaa jijjiiramaatiin eegalaman hawaasa kaleessa eeggattummaa jala tureef furmaata ta’eera jechaa jirtuu?

Obbo Ayyaalewu: Dhugaa dubbachuuf qe’een Harargee Bahaa eeggattummaa rooba jalaa bahuun aadaa jallisiin omishuu gabbifachuun kana malees inisheetivii qonnaa mootummaan hojiirra oolchaa jirutti fayyadamuun wabii midhaan nyaataatiin of danda’uurra darbanii sadarkaa gabaaf dhiyeessuurra gahaniiru. Kun waan nama gammachiisuudha.

Bariisaa: Harargeen Bahaa kaleessa omishaafi omishtummaa callaatiin of gahuu dhabuusheetiif sababni maali? Sun furameetu har’a wabii midhaan nyaataatiin of danda’uurra darbee qamadii alergiif qophaa’e keessatti gahee godhate jechuudhaa?

Obbo Ayyaalewu: Tarsiimoon ashaaraa magariisaa mootummaa jijjiiramaa Doktar Abiyyii Ahmadiin eegalame xiyyeeffannoo argatee waan hojiirra ooleef jijjiiramni qilleensaa omishaafi omishtummaa godinichaa hubaa ture akka furamu ta’eera.

Gaarreen godinicha keessa jiran kanneen kanaan dura golgolaa’an tarsiimoo ashaaraa magariisaatiin magariisa uffataniiru. Kanarraa kan ka’e jijjiiramni haala qilleensaa kanaan dura hudhaa dhala namaa ta’ee ture waalta’uun omishaafi omishtummaan dachaadhaan akka dabaluuf sababa ta’eera.

Bariisaa: Bu’aan ashaaraa magariisaatiin galmaa’aa jiru akkamitti ibsama?

Obbo Ayyaalewu: Ashaaraan magariisaa lafa qabachuusaatiin roobni gahaan yeroosaa eegee akka roobu taasiseera. Kana malees lafti kanaan dura golgolaa’ee ture akka bay’anatu taasiseera.

Kana malees hirkattummaan roobaa kanaan dura ture hafee aadaan jallisiin midhaan omishuu gabbachuusaan omishaafi omishtummaan dachaan dabaleera. Kunimmoo seenaa addaa Harargee Bahaa keessatti galmaahe qonnaan bulaan keenya itti milkaa’eedha jechuun nidanda’ama.

Akka godinichaatti omisha qamadii bara 2013 hektaara kuma jaharratti eegalame jajjabeessaa ta’uusaatiin barana hojichi gara hektaara kuma 93tti akka guddate taasifamee omishni qamadii olaanaan argameera. Hiyyumniifi eeggattummaan hafeera. Aadaan waggaatti lama omishuu babal’achuun wabii midhaan nyaataatiin of danda’uurra darbee alergiif akka gahamu dhugoomseera.

Harargee Bahaatti qamadiin dur ija qofaan beekamu qe’ee qonnaan bulaatti omishamuu jalqabuun ofiifis facaasuu akka baran isaan taasiseera. Kun milkaa’ina nama boonsuudha. Qonnaan bultoonni keenyas ta’an ogeeyyonni misoomaa galateeffamuu qabu.

Bariisaa: Hojiin misooma ashaaraa magariisaarratti gaggeeffamaa ture hoo akkamitti ibsama?

Obbo Ayyaalewu: Bara 2015 tattaaffii gama kanaan taasifameen guyyaa tokkotti riikardii haaraa galmeessisuun biqiltuu miliyoona 45 dhaabneerra. Kunis kaka’umsi qonnaan bulaa keenyaas ta’e kutaan hawaasaa hundi jijjiiramaaf qabu olaanaa waan ta’eef milkaa’uun danda’ameera.

Bariisaa: Haroon Haramaayaa waggoota dheeraaf gogee ture har’a deebi’eera. Kun akkamiin ta’e? Hojii misooma ashaaraa magariisaatiin walqabataa laata?

Obbo Ayyaalewu: Dhugaa dubbachuuf misoomni ashaaraa magariisaa adeemsifamaa jiru qilleensa naannawaa faalamee ture waaltessuun haroon waggoota 17 oliif gogee ture akka bay’anatu taasiseera.

Bariisaa: Haroon Haramaayaa deebi’ee bayyanachuusaan bu’aan argame jiraa?

Obbo Ayyaalewu: Bakkatti deebi’uun harichaa qilleensaafi uumama naannawichaatti simboo horeera. Carraa hojiis uumeera. Bakka bashannanaa ta’ee turistoota hawwachaa jira. Kun waan ajaa’ibaati. Miirri kutannoo jiraannaan milkaa’inni fagoo miti.

Bariisaa: Namoonni akka Harargeen Bahaa giddugala hawwata turistii taate hinbeekne jiru. Wiirtuuleen hawwata turistii jiran maal fa’i mee?

Obbo Ayyaalewu: Dhugaa dubbachuuf akkuman dura sii kaase gaafa maqaan Harargee Bahaa ka’u namoonni jimaa qofaan kan badhaate taasisanii kan ilaalan jiru. Haata’uutii godinichi akka Afrikaa Bahaatti giddugala hawwata turistii adda ta’e kan qabduudha.

Afrikaa Bahaatti biyyi qabeenya fardeen bosonaatiin maqaa qabdu tokkollee hinjirtu. Godinni keenya garuu isa jalqabaati. Har’a akka Afrikaa Bahaatti fardeen bosonaatiin dursaa jiraachuun keenya biyya keenya Itoophiyaa addunyaatti kan beeksisuufi turistootas kan hawwatuudha. Kunis dinagdee biyyaa cimsuu keessatti qooda olaanaa kan taphatuudha.

Bariisaa: Seenaan fardeen kanneenii dheeraadha. Haata’uutii fardeen kunniin yeroo ammaa maalirra jiru?

Obbo Ayyaalewu: Waggoota muraasa dura xiyyeeffanno dhabuun lakkoofsaan gadi bu’anii turan. Deemsa keessa hordoffiifi deeggarsa fardeen kanaaf taasifameen haalli mijataa waan uumameef baay’innisaanii dabaleera. Yeroo muraasaa as 30 ol ta’aniiru.

Bariisaa: Eegumsiifi kunuunsi fardeen bosonaa Qundhudhoof taasifamaa jiru maal fakkaata, haalli mijataan uumameef akkamiin ibsama?

Obbo Ayyaalewu: Waggaa muraasaa as mootummaan naannoo Oromiyaa dhimma fardeen bosonaa kana ilaalchisuun qorannaa barbaachisu taasisee daangaan akka daanga’uuf gochuun hordoffiifi deeggarsi waan godhameefiif har’a haala gaariirra jiru jechuun nidanda’ama.

Akka Afrikaa Bahaatti qabeenya fardeen bosonaan dursuun keenya qalbiin turistootaa gara keenyatti akka fuulleffatu waan taasisuuf xiyyeeffannoon kennamee irratti hojjetamaa jira.

Bariisaa: Bakka argama fardeen bosonaa gaara Qundhudhoo kanaan walqabatee yaanni falmisiisaa aanaa keenyadha, daangaarradha jedhu ka’aa ture haqni jiru maalidha?

Obbo Ayyaalewu: Dursa kan beekuu qabnu qabeenyi kun kan Oromiyaa ta’uu, ibsituu simboofi seenaa, gootummaa abbootii keenya darbanii akka ta’an dagatamuun irra hinjiraatu.

Lammatammoo fardeen bosonaa gaara Qundhudhoo kun kan argaman aanaalee Gursumiifi Jaarsoo gidduutti yoo ta’u, waan walfalmisiisu hinqabu, kanuma keenya yoo jenne gahaadha.

Gabaabumatti fardeen bosonaa gaara Qundhudhoo akka Afrikaa Bahaatti isaan jalqabaa waan ta’aniif ikoo turizimii keessatti hammatamee misoomuu akka qabu kallatii taa’e hordofuun yeroo ammaa haala gaariirra kan jiruufi biyya keenya boonsuudha. Lafti daanga’eefii kaartaan kennamees misoomaa jira.

Bariisaa: Arbi Baabbillees wiirtuu hawwata turistii Harargeen Bahaa qabu keessaa isa ijoodha. Baay’inni Arboota kanneenii hammami? Hordoffiifi deeggarsa taasifamaa jiru akkamiin ibsitu?

Obbo Ayyaalewu: Baay’inni Arba Baabbillee yeroo ammaa 300 oli. Akka arboonni kunniin balaaf hin saaxilamneef eegumsi taasifamaafii jira.

Gochi seeraan alaa arbarratti raawwatamu akka dhaabatuufis sadarkaa godinaa hanga federaalaatti tattaaffiin taasifamaa jiru olaanaadha. Bu’aa achirraa argamus maallaqatti jijjiiruufis cichoominaan hojjetaa jirra.

Giddugalli kun biyya keenyaaf galii guddaa kan argamsiisu waan ta’eef gama mootummaanis deeggarsi barbaachisaan taasifamaa jira. Nutis jala dhiyeenyaan hordofuun hawwata turistii akka ta’an hojjetaa jirra.

Bariisaa: Holqi, Gaarri Mul’ataafi kanneen biroos hawwata turistii godinichi qabu keessaa isaan biroodha. Dacheen godinichaa albuudaanis daran kan badhaadheedha. Qabeenyawwan kanneen faayidaarra oolchuuf simannaa invastarootaaf taasifamu akkamiin ibsitu?

Obbo Ayyaalewu: Dhugaa dubbachuuf godinni keenya turistii hawwachun ala invastimantiifis qabeenya albuudaa guddaa qaba. Warra misoomsanii misoomuu barbaadaniif balballi keenya banaadha.

Akaakuuwwan albuudaa gara garaa guutaniiru. Kanneen misoomsanii maallaqatti jijjiiruun dirqama waan ta’eef abbootiin qabeenyaa diyaaspooraawwan hirmaannaa barbaachisu taasisuu qabu.

Gabaabumatti Harargeen Lixaa jimaadhaan qofa osoo hintaane misooma omishaalee nyaataatiin, turizimiidhaan, dammaan, albuudaan kan ofgeesse waan ta’eef koottaa misoomsaa, misoomaa jechaa warra misoomsanii misoomuu barbaadaniif balbalasaa banee simachuuf qophiidha.

Bariisaa: Hojiin damee barnootaarratti hojjetamaa jiru maal fakkaata?

Obbo Ayyaalewu: Hawaasni faayidaa barnootaa argeera. Haroon goge deebi’eefiira. Kun bu’aa barnootaati. Aadaan waggaatti lama omishuun hiyyuma seenaa gochuu gabbateera. Kanarraa kan ka’e misooma barnootaarratti adda durummaan hirmaannaa taasisaa waan jiruuf hawaasaaf galanni nimala. Manneen barnootaa bu’uura boruu hirmaannaa ummataatiin qofa ijaaraman kuma tokkoofi 153 qaqqabaniiru.

Bariisaa: Dargaggoonni baratanii hojii dhabuurraa kan ka’e araadawwan gara garaatiif saaxilamaa jiru. Rakkoo hojii dhabummaa kana furuuf hojiin hojjetamaa jiru maal fakkaata?

Obbo Ayyaalewu: Hudhaa dargaggootarra jiru furuuf aadaa hojii keenyaa ilaaluun barbaachisaadha. Kunis hojii uummachuu osoo danda’uu callisaan yeroo gubuun araada hinmalleef saaxilamuun mul’ataa tureera.

Rakkoo kana furuuf qabeenya maal qabna, hubannoo dargaggootaa akkamiin jijjiirra isa jedhurratti hojii hojjetameen har’a dargaggoonni keenya eeggattummaa jalaa bahaa jiru. Bakka hojii nuu kennaa hojjennee ofis biyya keenyas rakkina keessaa baasna kanneen jedhan hedduudha.

Haaluma kanaan deggarsi barbaachisu taasifameefii kan of jijjiran tokko lama miti. Ammas xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamaa jira. Dargaggoonni keenyas kana hubatanii qophaa’ummaa qaban agarsiisuu qabu. Dargaggoonni misooma dammaafi daldalaarratti hirmatanii dinagdeesaanii jijjiiraa jiru.

Dhaabbileen dhuunfaafi miti mootummaas carraa hojii uumaa jiru. Ta’us gahaa waan hintaneef hunda mootummaarraa eeguun sirrii waan hintaaneef dhaabbileen biroos quuqama dargaggootaaf qaban qabatamaan agarsiisuu qabu.

Bariisaa: Namni tokko hojjetee of jijjiiruuf nageenyi jiraachuun murteessaadha. Rakkoo nageenyaa furuuf sochiin akka godinaatti taasifamaa jiru maal fakkaata?

Obbo Ayyaalewu: Hawaasni godinichaa ashaaraa magariisaa, misooma waloof akkuma waliin dhaabachaa ture nageenya waloosaa kabachiifachuufis humna guutuudhaan hojjetee bu’aa gaariis galmeessiseera.

Keessumaa nageenya waaraasaanii mirkaneessuuf hawaasni keenya dhaadannoo, ‘na eegi sin eega’ jedhuun gaachana sirnaatiin of ijaaree walhordofaa omishaafi omishtummaansaanii akka hingufanne, nageenyi waloosaanii akka hinboorofne hojjechuun rakkoo nageenyaa tokko malee waljiraachisaa jira. Aadaan kun kan daran gabbachuu qabuudha.

Keessumaa gaachana sirnaafi raayyaa ittisa biyyaa keessatti hirmaachuun akkasumas tajaajila lammummaa kennuun jaalalaafi kabaja nageenyaaf qabu agarsiiseera.

Kanamalees leenjii milishaaf hamma qaburraa maallaqa walitti qabuun nageenyasaaniif dursa kennaa jiru. Kunimmoo jaalala biyyaafi waloosaaniif bakka guddaa qabaachuusaanii agarsiisa.

Bariisaa: Keessumaa hirmaannaa dargaggoonni raayyaa ittisa biyyaa keessatti qaban akkamiin ibsitu?

Obbo Ayyaalewu: Akka godina keenyaatti waggaa kana qofa dargaggoonni kuma 25 ol fedhiisaaniin raayyaa ittisa biyyaatti makamanii biyyasaanii tajaajilaa jiru.

Kanamalees ijaarsa caasaa nageenyaatiif akka godinichaatti qarshiin miliyoona 42 ol hawaasarraa walitti kan qabame yoo ta’u, nageenyasaaf bakka guddaa akka qabu kan agarsiisuudha.

Bariisaa: Harargeen Bahaa gocha alseerummaa daldalarratti uumamuuf saaxilamaa waan ta’eef kana ittisuurratti maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Ayyaalewu: Dhugaa dubbachuuf sochiin kontirobaandii akka godina keenyaatti hudhaa guddaadha. Hudhaa kana furuuf caasaaleen nageenyaafi hawaasni hirmaannaa guddaa taasisaa turaniiru. Alseerummaa gama kanaan mul’atu maqsuuf tarkaanfiilee fudhatamaniin bu’aalee jajjabeessoon galmaa’aniiru.

Salphaatti ittisa qindaa’aa gama kanaan qaamolee nageenyaa gara garaatiin taasifamaa tureen daldalli kontirobaandii tilmaama qarshii miliyoona 147 ol galii ta’uu danda’eera.

Bariisaa: Damee fayyaatiin hoo du’aatii haadholiifi daa’immanii hir’isuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Ayyaalewu: Hojiin hubannoo uumuu ekisteenshinii fayyaatiin buufataalee maratti kennamaa jira. Dhukkubootni daddarboo akka hintatamsaaneef hordoffiifi deeggarsi taasifamaa jira. Hanqina dhiyeessii qorichaa furuufis babal’isa manneen qorichaa hawaasaarratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Bariisaa: Ittifayyadamni inshuraansii fayyaa akka godina keessaniitti jiru maal fakkaata? hubannoon hawaasaa hoo hammam cimeera?

Obbo Ayyaalewu: Gama ittifayyadama inshuraansii fayyaatiin hawaasni keenya faayidaafi miidhaasaa adda baasee argeera. Kan dursee itti makame baasii humnaa oliirraa of baraaruun tajaajila si’ataafi qulqullina qabu argataa jira. Warri duubatti hafanii turanis waljalaa ittimakamaa jiru. Tajaajilichi hawaasa keenya baasii hinmallerraa baraareera.

Ammas irratti hojjetamaa jira. ittifayyadama inshuraansii fayyaa babal’isuun hiyyeessi isa qabuun qixa tajaajila wal’aansa fayyaa si’ataafi qulqullina qabu akka argatu taasisuu danda’eera.

Bariisaa: Dhaabbileen fayyaa gama ogeessota wal’aansaa qabaachuutiin sadarkaa akkamiirra jiru?

Obbo Ayyaalewu: Dhugaa dubbachuuf hanqinni ogeessota wal’aansaa jira. Ta’us adeemsaan nifooyyessina yaada jedhu qabna. Inshuraansiin fayyaa keenya hojiirra kan oolu ogeessi wal’aansa kennu yoo jiraateedha. Hudhaan gama dhiyeessii qorichaafi hanqina ogeessotaatiin jiru dhimma furmaata argachuu qabuudha.

Bariisaa: Dhimmoota hawaasa fayyadamoo taasisaniifi mootummaadhaan kallattiin itti kennamee irratti hojjetamaa jiran keessaa waldhabdee mana murtii aadaatiin furuu isa tokko. Hojmaanni kun akka godinaatti maalirra jira?

Obbo Ayyaalewu: Akka godina keenyaatti aanaafi gandootatti tajaajilli mana murtii aadaan oldabarfataa (oliyyannoo) hojirra ooluun dhamaatee hawaasaa furaa jiru jechuun nidanda’ama.

Sochichi namoonni duudhaa ganamaasaaniitti akka deebi’an gochuu, ilaafi ilaameedhaan araara buusuun tokko mo’ataa kaan mo’atamaa kan itti ta’u osoo hintaane araarri gama lachaniinuu akka bu’u kan taasisuudha.

Hojmaanni kun qisaasa’ina yeroo, maallaqaafi dhamaatee kan maqse; duudhaafi gaaddisa caayaa aadaa kan gabbisu mana murtii idileerraa ba’aa ulfaataa kan hir’ise waan ta’eef mala filatamaa du’aatii xiqqeesseedha.

Bariisaa: Godinni Harargee Bahaa gama bu’uuraalee misoomaatiin sadarkaa akkamiirra jira?

Obbo Ayyaalewu: Bishaan, daandiin, ibsaan waantota misooma biyya tokkootiif murteessitoota ta’an keessaa isaan ijoodha. Dhiyeessiiwwan kunniin mootummaa qofaan waliin gahama jedhanii yaaduun waan danda’amu miti.

Tajaajilli ifaa hamma tokko jiraatus hawaasni ammallee gaaffii qaba, bishaan dhugaatiis fudhannee yoo ilaalle hudhaa dabalataa nuqoraa jiruudha; waliingahinsarrattis rakkoon waan jiruuf dhimma xiyyeeffannoo argatee irratti hojjetamuu qabuudha.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif galatoomaa.

Obbo Ayyaalewu: Nutis karaa dheeraa deemtanii dhuftanii dhimmi hawaasa Godina Harargee Bahaa na ilaallata jettanii deeggarsa ogummaa taasistaniif isin galateeffanna.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ “Fardi Qundhudhoo, Arbi Baabbileefi Jimaan, qabeenya Harargeen Bahaa ittiin beekamu yoo ta’u, amma ammoo godina callaadhaanis caalaa jiruudha” – Obbo Ayyaalewu Taakkalaa”

Comments are closed.