“Yunivarsitiin Walqixxee guutummaatti gara ‘Applied Science’tti ce’uuf hojiilee hedduu raawwachaa jira” – Doktar Yohaannis Gabruu

Keessummaan Bariisaa maxxansa kanaa Yunivarsitii Walqixxeetti, Pirezidaantii Ittaanaa Qorannoo, Tajaajila Hawaasummaafi Ce’umsa Teknolojii Doktar Yohaannis Gabruuti. Gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa torbee darbe isaan waliin dhimmoota adda addaarratti taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessan gabaabinaan utuu nuu ibsitanii?

Doktar Yohaannis: Finfinneettin dhaladhee guddadhe. Barnoota koo sadarkaa tokkoffaa Mana Barnootaa ‘Misiraaq Barri’fi Mana Barnootaa Sadarkaa tokkoffaa Garjiittin baradhe. Sadarkaa lammaffaa ammoo mana barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Booleettin hordofe.

Digrii koo jalqabaafi lammaffaa Yunivarsitii Baahir Daaritti baradheen Herrega (‘Mathematics’)n eebbifame. Digirii koo sadaffaa ammoo Yunivarsitii Handiraa kan Hinditti argamutti damee barnootaa, ‘Mathematics Fixed Point Theory’ jedhamuun xumuree bara 2010 gara biyyaatti deebi’e.

Akkuman digrii koo tokkoffaa xumureen mana barnootaa Oromiyaa, Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Qarsaa Maallimaa, Magaalaa Leemmanittin mana barnootaa sadarkaa 2ffaatti barsiisummaan mindeeffamee hojii eegale.

Mana barnootichaatti ergan waggaa tokkoof hojjedhee booda Yunivarsitii Aksuumitti mindeeffameen hojjechaa ture. Bara 2003 booda ammoo Yunivarsitii Walaayittaa Sooddootti jijjiirameen ergan waggoota sadiif hojjedhee booda bara 2006 irraa eegalee hanga ammaatti Yunivarsitii Walqixxeetti mindeeffameen hojjechaa jira.

Yunivarsitii Walqixxeetti jalqaba barsiisaa ta’een mindeeffame. Booda Hogganaa Muummee Saayinsiifi Diinii Kolleejii Saayinsii Uumamaa ta’ees hojjedheera. Yeroo ammaa yunivarsitichatti Pirezidaantii Ittaanaa Dhimmoota Qorannoo, Tajaajila Hawaasummaafi Ce’umsa Teknolojii ta’ee hojjechuu ergan jalqabee waggaa lakkoofsiseera.

Bariisaa: Hojiileen Yunivarsitiin Walqixxee gama tajaajila hawaasummaatiin raawwataa jiru maal fakkaatu?

Doktar Yohaannis: Yunivarsitiin Walqixxee hojii baruu barsiisuutiin ala qo’annoofi qorannoo, tajaajila hawaasummaafi ce’umsa teknolojiirratti hojiilee bal’aa raawwachaa jira. ALA bara 2021/22 pirojektota qorannoo 50 irratti hojjechaa turre. Pirojektota kunneen keessaa sadii pirojektota guguddoodha. Bara 2023 ammoo pirojektota 48 irratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra.

Qorannoon pirojektota kunneenii bajata mootummaan nuu ramaduufi deggarsa dhaabbilee adda addaarraa argannuun hojjechaa jirra. Bara 2024 kanattis pirojektota qorannoo filataman barsiisota keenya qorannoo adeemsisaniif kennuu ni jalqabna.

Bariisaa: Tajaajilli hawaasummaa yunivarsitichi damee barnootaatiin kennaa jiru maal fakkaata?

Doktar Yohaannis: Yunivarsitichi tajaajila hawaasummaa dameelee gara garaa (barnoota, fayyaa, qonnaafi anniisaa) irratti xiyyeeffatee kennaa jirra. Bara darberraa kaasee rakkoo sirna barnootaa mudate furuuf barsiisonni keenya manneen barnootaa 20 Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa, Godina Guraagee Bahaafi aanaalee addaa lama keessatti Sanbata Sanbata titooriyaalii kennaa jiru.

Yunivarsitiin keenya barsiisota 50 ramadee manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa dhiyeenyatti argamanitti titooriyaaliifi leenjii akka kennan taasisaa jira. Barsiisonni keenya bakkawwan hunda ga’anii tajaajila kennuu hindanda’an.

Kanaafuu barsiisonni godinichaa sadarkaa barnootaa digrii 2ffaafi isaa ol qaban 50 filannee barattoota manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa godinicha keessa jiraniif titooriyaalii kennaa turreerra. Waliigalaan barsiisota 100n titooriyaalii kennaa turre.

Manneen barnootaa baadiyyaa godinichaatti argaman tokko tokko barsiisota kan hinqabne ykn ammoo barsiisaa fiiziksiis ta’ee kan herrega barsiisu jira. Manni barumsaa barsiisaa afaanii hinqabnes jira. Yunivarsitichi hanqina gama kanaan manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa godinichaa keessatti mul’atu guutuuf yaalii cimaa taasisaa jira.

Dhiyeenya kana Yunivarsitiin Walqixxee Yunivarsitii Waraabeefi Yunivarsitii Waachaamoo waliin ta’uun barsiisota qophii barnootaatiin sadarkaa gaariirra jiraniifi Bulchiinsa Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa keessaa walitti babba’an 1100 olliif mooraa Yunivarsitii Walqixxeetti guyyoota shaniif sirna barnootaa haaraarratti leenjifneerra.

Bariisaa: Tajaajilli hawaasummaa yunivarsitichi damee fayyaatiin kennaa jiru maal fakkaata?

Doktar Yohaannis: Damee fayyaatiin hojii humna dhaabbilee fayyaa cimsuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Hospitaala Hawaariyaat dhiyeenyatti hojii jalqabsiisuuf hojjechaa jirra. Yunivarsitichi hospitaalicha hojii jalqabsiisuuf kompiyuutaroota, meeshaalee biiroofi wal’aansaa qarshii miliyoona lamaafi kuma 850tti tilmaamamu deggarsa taasiseera. Hospitaalichi hanga humna guutummaatti socho’uu danda’utti deggarsa barbaachisu ni taasisnaaf.

Bariisaa: Tajaajilli hawaasummaa yunivarsitichi damee qonnaatiin kennaa jiru maal fakkaata?

Doktar Yohaannis: Yunivarsitiin keenya wiirtuuwwan qorannoo qonnaa adda addaa kanneen akka Wiirtuu Qorannoo Farazeefi Miiqee jedhaman qaba. Wiirtuun Farazee beelladootarratti kan hojjetu yoo ta’u, Miiqeen ammoo bunaafi fuduraaleerratti qorannoo adeemsisa.

Yunivarsitichi wiirtuuwwan qorannoo biroo kan qabu ta’us wiirtuulee lamaan eeramanitti hojiilee guguddootu raawwatamaa jira. Wiirtuun Qorannoo Farazee yunivarsitiicharraa kiiloomeetira 50 fagaatee argama.

Qorannoowwan qonnaarratti adeemsifaman dhimmoota sadiirratti xiyyeeffatu. Tokkoffaan sanyiin akka hinbanne taasisuudha. Fakkeenyaaf warqeen (qaachoon) sanyiiwwan adda addaa qaba. Wiirtuu Qorannoo Farazeetti sanyiiwwan warqee 71 kan argamu yoo ta’u, tokko tokkoonsaanii faayidaa gara garaatiif oolu. Warqeen qorichummaadhaaf gargaarus jira. akka sanyiin warqee hinbanneef wiirtichatti baay’ifamanii qonnaan bultootaaf kennamaa jiru.

Qorannoowwan gara garaa yunivarsitiiwwan adda addaattis ni adeemsifamu. Dhiyeenya kana Yunivarsitiin Finfinnee qorannoo dhibee warqeerratti adeemsise ifa taasiseera. Kun oduu gammachiisaadha. Qorannoon kun dhibeen baakteeriyaal wilt( ‘bacterial wilt’) jedhamu warqee cooligsee dhabamsiisaa ture ittisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Yunivarsitiin Walqixxee erga hojii jalqabee waggaa 11 ta’eera. Turtii kana keessatti dhibee warqeerratti qorannoo adeemsisaa turus Yunivarsitiin Finfinnee qorannoosaa dursee argachuun dadhabbii keenya fureera.

Godinni yunivarsitichi itti argamu omisha warqeetiin waan beekamuuf yuinivarsitichi omishichaaf xiyyeeffannaa guddaa kennee hojjechaa jira. Wiirtuu Qorannoo Farazee keessa duraan sanyii warqee 57tu ture. Yeroo ammaa garuu sanyii warqee 71tu wiirticha keessa jira. Yunivarsitichi warqeerratti qorannoo adeemsisuu erga jalqabee waggaa saddeet ta’eera.

Nyaata warqee qopheessuun hojiilee humna haadholiitiin raawwataman keessaa isa baay’ee dadhabsiisaadha. Dadhabbii kana salphisuuf dhaabbileen adda addaa maashiinota gara garaa hojjechuuf yaalii taasisaniiru. Yunivarsitiin Walqixxees maashiinota nyaata warqee qopheessuuf gargaaran lama kalaqeera.

Maashiinota kanneen qonnaan bultoota hundaa biraan ga’uun rakkisaa waan ta’eef dubartoota gurmaa’aniif kennuuf hojjechaa jirra. Yoo deggarsa arganne maashiinota kunneen baay’ifnee qonnaan bulaa biraan ni geenya.

 Bariisaa: Yunivarsitiin Walqixxee omishaafi omishtummaa warqee guddisuuf maal hojjechaa jira?

Doktar Yohaannis: Yunivarsitiin keenya omishaafi omishtummaa warqee guddisuuf qorannoo ‘Biogas’ jedhamu adeemsisaa jira. Qorannoon kun dhangala’aan beelladoota keessaa ba’u xaa’oo uumamaa bakka bu’uudhaan omishaafi omishtummaa warqee guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba jennee yaadna. Qorannoon kun waggoota sadii keessatti xumurama.

Hafteen nyaata warqeerraa cirrachaan makamee ijaarsa daandii asfaaltiif jabina ni kenna jedhamee qorannoon Siviil Injinariingiidhaan irratti adeemsifamaa jira. Qorannoo omishni warqee jijjiirama haala qilleensaa eeguufi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti qabu ammoo ‘Agricultural Economics’n jedhamuun hojjetamaa jira.

Bariisaa: Warqee akaakuuwwan nyaataa biroorraa maaltu adda taasisa?

Doktar Yohaannis: Qorannoo warqee irratti adeemsifameen kan sanyiinsaa nyaataaf ooluufi qorichummaaf oolu jira. Sanyiin warqee caba fayyisu jira. Sanyiiwwan hundi maqaa tokkoon waamamanis faayidaa kennaniin gargari. Warqee nyaata qofaaf utuu hintaane meeshaaleen mana keessaa irraa hojjetaman danuudha. Qorannoo dhiyeenya ifa ta’een hafteesaarraa waraqaan jabina qabu hojjetameera.

Warqeen waan hongee dandamatuuf akaakuuwwan midhaanii biroorraa adda. Balaa hongee yeroo gara garaa biyya keenyatti mudateen hawaasni naannawawwan warqeen baay’inaan itti omishamu jiraatu daran hinmiidhamne. Omishni isaas utuu bakkeewwan hundatti babal’atee wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba jennee amanna. Yunivarsitichi bakkeewwan kanaan dura omishnisaa hinbeekamnetti akka omishamu taasisaa jira.

Nyaatni warqee baadiyyaatti qofa utuu hintaane magaalotattis daran baratamaa dhufeera. Finfinneettis nyaatni qoccoo daran baratamaa dhufeera. Kochee (Kitifoo)n ‘qoccoo’ malee hin nyaatamu. Kanaafuu omishaafi omishtummaasaa guddisuun hojii xiyyeeffannaa addaa barbaaduudha.

Yunivarsitiin Walqixxee omishaafi omishtummaa warqee guddisuuf barana qorannoo ‘Call for Enset’ jedhamu qorattoota yunivarsitichaafi qorattoota akka biyyaatti qorannoo adeemsisan hirmaachisuun hojjechaa jira. Yeroo ammaa piropozaaliin qoranichaa xumuramee qorattoota faana waliigaltee taasifneerra. Hojiileen kunneen yunivarsitichi omishaafi omishtummaa warqee guddisuufi sanyiisaa eeguurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu agarsiisu.

Bariisaa: Qorannoo yunivarsitichi bunarratti taasisaa tureen bu’aaleen argaman akkamitti ibsamu?

Doktar Yohaannis: Yunivarsitiin Walqixxee Inistiitiyuutii Qorannoo Buna Jimmaa waliin waggoota saddeetiif bunarratti qorannoo adeemsisaa tureera. Qorannoon kun sanyii buna Guraagee baasuuf adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, qorannichi xumuramuuf waggaa lamatu hafe.

Qorannichaan waggaa lama booda sanyiin buna Guraagee fooyya’aan ba’uu danda’a. Yunivarsitiin keenya bara darbe biqiltuuwwan bunaa qorannoon ba’e kuma 27 qonnaan bultootaaf kenneerra. Barana ammoo biqiltuuwwan bunaa kuma 100 ol qonnaan bultootaaf raabsuuf hojjechaa jira.

Bariisaa: Bu’aan qorannoo yunivarsitichi fuduraaleerratti adeemsiseen galmaa’e akkamitti ibsama?

Doktar Yohaannis: Yunivarsitiin keenya fuduraalee keessaa avokaadoofi appiliirratti qorannoo adeemsisaa jira. Biqiltuuwwan avokaadoofi appilii omisha fooyya’aa kennan baay’isee qonnaan bultootaaf kennaa jira. Qonnaan bultoonni naannawa manasaaniitti biqiltuuwwan dhaabuudhaan akka irraa fayyadaman taasisaa jirra.

Bariisaa: Tajaajilli hawaasummaa yunivarsitichi gama ce’umsa teknolojiitiin kennaa jiru maal fakkaata?

Doktar Yohaannis: Barsiisotaafi barattoota keenya waliin ce’umsa teknolojiirratti hojiilee gara garaa hojjechaa jirra. Hojiileen kunneen irrajireessaan barsiisotaafi barattoota ‘ICT’fi injineeriingii yunivarsitii keenyaatiin raawwatamaa jiru. Barsiisonniifi barattoonni keenya hojiilee kalaqaa gara garaa hojjechaa jiru. Yunivarsitiin keenya hojiilee kalaqaa miidiyaarra hinoolle hedduu raawwachaa jira.

Yunivarsitiin keenya wiirtuu barattoonni mana barumsaa sadarkaa lammaffaa dhufanii itti leenji’aniifi beekumsaafi dandeettiisaanii itti gabbifatanis qaba. Bara darbe barattoonni kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti jiran kuma ja’a ta’an wiirtichatti leenjisuun ga’umsaafi dandeettiisaanii akka fooyyeffatan taasifneera. Hojii baruu barsiisuuu keessatti jijjiiramni altokkotti dhufuu baatus duubdeebii nu ga’aa jiruun namoonni baay’een fayyadamaa waan jiraniif leenjii kana baranas ittifufuuf qophiirra jirra.

Bariisaa: Yunivarsitiin Walqixxee guutummaatti gara ‘Applied Science’tti ce’uuf maal hojjechaa jira?

Doktara Yohaannis: Yunivarsitiin keenya kaadhimamaa ‘Applied Science’ti. Kana jechuun humna qabnuun ‘Applied Science’ keessa galleerra. Yunivarsitiin keenya yunivarsitiiwwan dhaloota sadaffaa ‘Applied Science’ keessa galan lamaan keessaa isa tokko. Laaboraatooriin keenya, pirofaayiliin istaafii keenyaa gaarii ta’uufi haalli teessuma bakka argama yunivarsitichaa sadarkaa kana akka argannu nu taasiseera. Istaafiin yunivarsitichi doktaroota hedduu qaba. Yunivarsitoonni buleeyyii baay’een dhufanii laaboraatoorii keenyatti fayyadamaa jiru. Isaan kun walitti ida’amanii sadarkaa har’a irra jirruuf bu’uura nuu ta’aniiru.

Yunivarsitiin keenya guutummaatti gara ‘Applied Science’tti ce’uuf hojiilee hedduu raawwachaa jira. Tarsiimoo wixinuun, hojiirra oolmaa tarsiimichaa koreedhaan qopheessuu, sirna barnootaa fooyyessuun, qorannoon adeemsifnuufi tajaajilli hawaasummaa kennamaa jiru hojiilee yunivarsitichi guutummaan gara ‘Applied Science’tti ce’uuf taasisaa jiru keessaa isaan ijoodha. Yunivarsitichi bara dhufu guutummaatti ‘Applied Science’ keessa ni gala jedheen yaada.

‘Applied Science’ keessatti ce’umsi teknolojii daran murteessaadha. Kana jechuun hojiin keenya harki caalu kalaqaafi gocharratti xiyyeeffata. Hojiin baruu barsiisuu keenyas akkasuma. Barattoonni yunivarsitiicharra ba’an qorannoo gochaan ibsamu adeemsisu qabu.

Barattoonni yunivarsitii ‘Applied Science’ irraa bahan barnoota yaaddiddama (tiwoorii) qofaan baratan utuu hintaane harkaanis kan hojjetaniidha. Barataa sammuufi harkisaa waa kalaquufi hojjetu baasuuf workishooppiifi wiirtuuwwan qorannoo keenya cimsinee hojjechaa waan jirruuf sadarkaa gaariirra geenya jedheen abdadha.

Bariisaa: Hojii qo’annoofi qorannoo akkasumas tajaajila hawaasummaa yunivarsitichi kennurratti wantoonni akka hanqinaatti ka’an yoo jiraatan?

Doktar Yohaannis: Sirni bittaa rakkoo guddaa uumaa jira. Keemikaalota qorattoota keenyaaf bituuf caalbaasiif kan mijatu miti. Qorataan tokko keemikaala miliigiraamii xiqqoo barbaada. Sirni bittaa keenya hanqina waan qabuuf keemikaala kana binnee dhiyeessuun rakkisaadha. Kun hojii qorannoo keenyarratti dhiibbaa guddaa uumaa jira. Kanaafuu sirni bittaa biyyattii fooyya’uu qaba.

Rakkoo lammaffaan hanqina bajataati. Hojiin qorannoo bajata mootummaan ramadu qofaan waan milkaa’uu hindandeenyeef dhaabbilee biroo faana hariiroo uumnee hojjechaa jirra. Hanqinni bajataa hojii qorannoo keenya akkaataa barbaannuun akka hinadeemsifneef dhiibbaa mataasaa qaba.

Bariisaa: Hariiroo Yunivarsitiin Walqixxee yunivarsitiiwwan biyya keessaafi alaa waliin qabu maal fakkaata?

Doktar Yohaannis: Yunivarsitiin keenya yunivarsitiiwwan biyya keessaa kanneen akka Yunivarsitiiwwan Jimmaa, Arbaa Miinci, Finfinnee, Dabra Maarqoos akkasumas Ministeera Qonnaafi dhaabbilee biroo waliin hariiroo gaarii uumee hojjechaa jira.

Yunivarsitoota biyya alaa keessaa ammoo Yunivarsitii Chaayinaa, Hindi, Awurooppaafi Ameerikaa waliin hariiroo gaarii uumnee hojjechaa jirra. Yunivarsitichi haaraa dhaloota sadaffaa waan ta’eef hariiroo yunivarsitiiwwaniifi dhaabbilee biyya keessaafi alaa waliin qabu caalaatti babal’ifnee itti adeemuu qabna.

Bariisaa: Dhumarratti yaadni hinkaane ykn ergaa dabalataa yoo qabaattan?

Doktar Yohaannis: Yunivarsitiin keenya gama qo’annoofi qorannoo, tajaajila hawaasummaatiinis ta’u ce’umsa teknolojiitiin hojiilee hedduu miidiyaadhaan ifa hinbaane raawwateera; raawwachaas jira. Hojiilee kanneen ummata biraan gahuuf dhuftanii waan nu gaafattaniif guddaa galatoomaa.

 Natsaannat Taaddasaatiin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You

One Comment to “ “Yunivarsitiin Walqixxee guutummaatti gara ‘Applied Science’tti ce’uuf hojiilee hedduu raawwachaa jira” – Doktar Yohaannis Gabruu”

  1. Pingback: พรมรถ

Comments are closed.