‘Tsahaay’:Xiyyaara Itoophiyaa waggoota 88 booda biyyashiitti deebi’uuf jettu

“Har’a guyyaa itti xiyyaara ‘Tsahaay’ Mootummaa Xaaliyaaniirraa ifatti deebifachuu keenya kabajnu waan ta’eef Itoophiyaanota hundaaf guyyaa guddaa itti boonaniidha. Ministira Muummee Xaaliyaanii, Joorjiyaa Meeloonii waggaa guutuudhaaf haalatti xiyyaarichi deebi’u mijeessuun waan deeggaraniif guddaan galateeffadha.

‘Tsahaay’ ALA bara 1935 walta’iinsa injiinara lammii Jarman kan paayileetii mootichaa ture, Herr Ludwig Weber jedhamuufi ogeessota Itoophiyaa bara sana turaniin xiyyaara yeroo jalqabaatiif Itoophiyaatti hojjetameedha. Tattaaffiin cabiinsa keenya wal’aanuu waltajjii addunyaatti mul’ataa dhufeera”.

-Ergaa Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) Kibxata darbe Amajjii 21 bara 2016 Xaaliyaanirraa dabarsan

Ittidabaluunis, ‘Tsahaay’ xiyyaara jalqabaa Itoophiyaa keessatti suphamteedha. Bara 1929 gara Itaalii dhufte. Waantota guguddoo warra lixaatiin Itoophiyaadhaa fudhataman keessaa tokko xiyyaara Tsahaayi jedhamtu tana. ‘Tsahaay’ keessa teknolojiifi innooveeshiinii akkasumas ejjennoo guddachuufi jijjiramutu jira.

Itoophiyaatti xiyyaara suphuufi fayyadamuu jalqabneetu, osoo yeroo dheeraaf hinturiin kan fudhatamteedha. Hambaaleen akka kanaa osoo biyya keenya keessa jiraatanii, dargaggoonni keenya caalaatti akka waa kalaqaniifi fooyyessaniif ni kakaasa ture. Fakkeenyaaf Godambaan kun waggaa 100 guuteera. Umriin Tsahaayi waggaa 88 guuteera.

Teknolojiiwwan waggoota 100 darbaniif godhambaa kana keessa turan sababa callisanii taa’aa turaniif yeroodhaa gara yerootti foyyeessaa har’a gahaniiru. Jalqabbiin keenya yeroo gabaabaatti waan dhaabateef fedhiin kalaquufi guddachuu yerootti qabnu cabeera jechuudha.

Tattaaffiin cabiinsa keenya wal’aanuu waltajjii addunyaatti mul’ataa dhufeera. Wayita dhageettiifi fedhiin Itoophiyaa waliin guddachuu dabalaa dhufu, akkuma dameewwan hundaan milkaa’ina agarre, Tsahaay deebisiisuunis bu’aan nama ajaa’ibsiisuu argameera. Kanaafis ministirri muummee Itaalii gahee olaanaa waan qabaniif galata guddaan isaan haa gahuun jedha.

Erga pirojektii kana jalqabnee waggaa tokko guuteera. Jalqabarratti xiqqoo miidhamtee ture, garuu bajata ramadanii kana fakkaatteetti. Kanaafuu Tsahaayis iddoo kabajaa maluuf ni teessi.

Dhaloonni haaraan Itoophiyaas yeroon Itoophiyaan xiyyaara suphuufi fayyadamuu jalqabde kan ture ta’uu hubatanii, kalaqa haaraa akka taasisaniif ni kakaasa. Itaaliin wanti guddaan deebiste siidaa Aksuumi. Ittaanse Tsahaayi jechuudha. Yeroo ammaa Itiyoophiyaan hambaaleefi qabeenya hedduu addunyaarra faca’anii jiran qabdi.

Yoo seenaa keenya deebisuu dandeenye, caba keenya wal’anuu dandeenye, hangasuma galiin turizimii keenya dabalaa deema. Hundarra yeroo itti pirojektii yaadannoo Injifannoo Adwaa eebbisiisuuf dhiyaannetti, Tsahaay deebi’uun waan addaati.

Itoophiyaanonni baga gammaddan! Biyyi kanaan dura fakkeenya beelaa taate, har’a fakkeenya qamadii omishuu taatetti. Kabajaafi dhageettishee deebisiisuu dandeessee jirti. Kun injifannoo ummata Itoophiyaa maraati. Injifannoon itti fufa jedhan. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebees dhimma kanarratti ergaa ittaanu dabarsaniiru.

Barii ijaarsa Godaambaa yaadannoo injifannoo Adwaa xumurretti waraana addunyaa 2ffaa dura Itoophiyaatti kan hojjatameefi Xaaliyaaniin fudhatamee kan ture xiyyaarri Tsahaay milkii dippiloomaasii kabajamoo ministira muummee keenyaan har’a fudhachuu keenyaan kabajaafi boonuun natti dhaga’ameera. Yeroo ittaanuttis xiyyaara seenaqabeessa kana yaadannoo injifannoo Adwaa keessa kabaja guddaan daawwannaaf kan keenyu ta’a.

Gorsaan imaammataa Hariiroo Alaa Ministira Muummee Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasees yaada ittaanu kennaniiru. Xiyyaarri Tsahaay jedhamtu gara biyyasheetti deebi’uuf qophaa’uunshii milkaa’ina dippilomaasiiti. Kunis bu’aa walii galteefi michummaarratti hundaa’eeti. Seenaan aviyeeshinii Itoophiyaa dinqisiisaa ta’uufi qorannoowwan birootiif kan nama dammaqsuudha.

Itoophiyaan bara 1920 balaliistota jalqabaa Xiyyaaraa dhiiraafi dubara Jigjigaatti leenjistee turte. Bara 1935 immoo xiyyaara jalqabaa Itoophiyaatti hojjetamte ‘Tsahaay’ jedhamtu tana hojjetteetti. Waajjira Ministira Muummeetti Gorsaan Dhimmoota Hawaasummaa Diyaaqon Daani’eel Kibraat gamasaaniin yaada ittaanu kennaniiru.

Jijjiirama jechuun cabiinsa suphuun lammaaffaa deebi’ee akka hincabne gochuu, jijjiirama ittifufsiisuufi biyya cimtuu ijaaruudha. Yeroo jijjiirama jennu cabiinsa suphuun lammaaffaa deebi’ee akka hincabne taasisuu, jijjiirama ittifufsiisuufi biyya cimtuu ijaaruudha.

Seenaa Itoophiyaa ammayyaa lammaffaa 1920 jedhamu keessaa tokko kan jalqabame indaastirii aviyeeshinii babal’isuudha. Gama kanaan hojichi kan jalqabame Aviyeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaatti. Kanaafis Itoophiyaanonni xiyyaara bituun jalqabanii gara xiyyaara hojjechuutti ce’an.

Yaada xiyyaara hojjechuu kanas balal’isaa xiyyaaraa Hayilasillaaseefi dhalataa lammii biyya Jarman Injiinar Her Luwingi Wabarii fide. Injiinarichi ogeessota lammiilee Itoophiyaa waliin ta’uun bara 1928tti xiyyaarota sadii hojjechuuf karoorfatanii hojii jalqaban.

Injiinarichi bara 1925fi 26 gara Itoophiyaa akka dhufes ni himama. Bu’uuruma kanaan xiyyaarasaanii jalqabaa Mudde bara 1928 hojjetanii xumranii, baruma sana yaalii balalii shaakallii taasisuun milkaa’an.

Ogeessonni kunneen erga xiyyaara Tashaayi hojjetanii xumuranii booda weerara Itaalii 1928 mudateen pirojektonni xiyyaarota sadii hojjechuuf karoorfaman gufatan. Xiyyaarittiinis erga tajaajila murtaa’aa kennitee booda akka dhaabbattu taasifame. Sana booda bara 1929 gara Itaaliitti fudhatamtee waggoota 88 achuma oliif turte.

Kunis akkuma Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad jedhan hojiilee qaama cabiinsa Itoophiyaa suphuuf hojjetamaniiti. Cabiinsa Itoophiyaa kan jedhamu keessaa tokko hojjiilee Itoophiyaanonni hojjetan akka cabu taasifame deebisanii suphuun karaa qabsiisuudhas.

Hojiilee gama kanaan hojjetamaa jiran keessaa tokko xiyyaara Tsahaayi gara Itoophiyaatti deebisuufi Itoophiyaafi Itoophiyaanotaaf agarsiisuun, kunis agarsiistuu biyyatti suphuuti.

Sababanisaas Itoophiyaanonni kaka’ums mataasaaniin Pirojektii bara sana eegalame osoo ittifufneerra ta’ee har’a biyyoota xiyyaara omishan keessaa tokko taanaayyu. Biyyoota kaanirraa xiyyaara hinbitnu, silaa xiyyaara biyyoota birootti gurgurraayyu. Waggoota darban hojii akkasiitu cabe. Cabiinsa kana suphuufis Itoophiyaan carraawwan akkasii dhabde deebistee akka argattuufi dhaloonni waan darbeerraa akka baratu gochuuf nigargaara.

Itoophiyaanonni bara sana yaada guddaa qabuuyyu. Amma yeroo jijjiirama jennu cabiinsa suphuun lammaffaa deebi’ee akka hincabne taasisuun, sana booda cimee akka ittifufu taasisuun biyya cimtuu ijaaruudha.

Xiyyaarri Tsahaayi gara biyyaatti deebi’uu kan dandeesse hojii guddaa Minitirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad raawwataniini. Xiyyaarri Itoophiyaa ‘’Tsahaay’’ jedhamtu gara biyyaatti deebifamuun agarsiiftuu cabiinsa seenaa suphuuf carraaqamaa jiruuti

Xiyyaarri Itoophiyaa ‘’Tsahaay’’ jedhamtu gara biyyaatti akka deebituuf waliigalteen mallatteeffamuun injifannoo dippilomaasii guddaadha. Gorsaan dhimma nageenyaa biyyaalessaa Ministira Muummee Ambaasaaddar Rediwaan Huseenis Xiyyaarri Itoophiyaa Itoophiyaadhaan hojjetamteefi ‘’Tsahaay’’ jedhamtu gara biyyaatti akka deebituuf waliigalteen mallatteeffamuun injifannoo dippilomaasii guddaadha jedhan.

Ittidabaluunis, “Bara 1928 wixineefi ogeeyyii keenyaan hirmaannaa ogeessa biyya alaatiin kan hojjetamte xiyyaarri Itoophiyaa Tsahaay jedhamtu waliigalteen gara biyyasheetti deebi’uu ishee dandeesisuu mallatteeffameera. Waliigalteen kun injifannoo dippilomaasii guddaadha” jedhan.

Kutaa Qophiitiin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You

One Comment to “ ‘Tsahaay’:Xiyyaara Itoophiyaa waggoota 88 booda biyyashiitti deebi’uuf jettu”

  1. Pingback: he said

Comments are closed.