Tapha Fardaa ilmaan Kuush Itoophiyaa kaabaa biratti

Waa’een ilmaan Kuush gaafa ka’u ga’umsa tapha fardaa, aadaa keessattiifi lolarratti isaan qaban gargar baasanii ilaaluun hindanda’amu yoo jenne dubbii arbeessuu hinta’u. Ilmaan Kuush uumamumaan dachee kan guutan yoo ta’u, keessumaa Itoophiyaa kaabaatti sirna cunqursaa sabboonummaafi eenyummaa qeequuf osoo hinjilbeeffatiin ofiifii aadaasaanii kunuunsaa kabajaa kabachiisaa labataa labatatti dabarsaa dhaloota har’aa harkaan gahataniiru.

Ilmaan Kuush Itoophiyaa kaabaa keessa bal’inaan jiraatan keessaa sabni Agawu isa tokko yoo ta’u, dhiibbaa eenyummaafi aadaa akkasumas afaansaaniirratti sirnoonni qaqqabsiisaa turaniin osoo hinboora’iin har’aan kan gahatan, kanamalees ofiif qabsaa’uurra darbanii walabummaa biyyaa kabachiisuu keessatti akkuma saboota, sablammootaafi ummattoota biroo wareegama kaffaluun jaalala biyyaaf hiriiraa turaniidha.

Agawu maddisaa Kuush ta’ee gosa torba of jalaa kan qabu yoo ta’u, isaanis Ankashaa, Azanaa, Caaraa, Quuwaquraa, Baanjaa, Ziiganiifi Matakkali. Duudhaafi aadaa ganamaa ittiin guddatanirraa kan ka’e uffata aadaa adii kuula diimaadhaan miidhage ykn jaanoofi dibaabee aadaa meexxiirraa hojjetameen miidhaganii ayyaanotaafi sirnoota gara garaa wallee saffisaa mudhii raasuun qalbii namaa hawwatu.

Dhimmi kun maaliif ka’e jechuun hinoolu. Barreeffamni keenya kun ayyaana hundeeffama Waldaa Fardeenii Agawu marsaa 84 dheengadda Injibaaraatti kabajame bu’uura godhachuun yoo ta’u, warri Agawu weerara Xaaliyaaniin marsaa lammataaf Itoophiyaarratti bante qolachuuf gootonni fardeensaaniin dabaalamanii diina hamma funyaaniitti hidhatee dhufe addatti bahanii loluun injifannoo Adwaa faajjii gurraachota Afrikaa gaalmeessisuu keessatti qoodnisaanii waan salphaa miti.

Warri Agawu akkuma Oromoo tapha fardaatiin ga’umsa olaanaa kan qaban yoo ta’u, waldaa kabajaafi jaalala fardasaniif qabanirraa kan ka’e weerara Xaaliyaanii lammaffaa booda namoota 30 hincaalleen hundaa’eedha. Taphni fardaa kun waggaa waggaan akka kabajamu taasisuun tibbanas marsaa 84f kabajataniiru.

Fardi ummata Agawu biratti agarsiistuu gootummaati, gadda gammachuufi sirnoota gara garaa keessatti ittiin miidhagee bahee aadaa, duudhaafi ayyaanota adda addaas nidabaala. Seenessa sobaa bara atseewwanii katabamaa tureen ijaarama Itoophiyaa keesssumaa kabachiisa walabummaa Itoophiyaatiif soora ilmaan sabaafi sablammii taphataa turan gadi bahee akka hinmul’anne ta’aa turuu eenyumaafuu dhokataa miti.

Wayita sirni jijjiiramaa lafa qabachuu eegalutti taateewwan aadaa, duudhaafi sirnoonni ilmaan sabaafi sablammii hawwata tuuristii ta’uu danda’an kanneen barootaaf dhoksaa keessa turan ykn saba tokkoof qofa kennamanii turan abbaaf deebi’uu jalqabaniiru. Kan kaleessa ukkaamsaa jala ture har’a miidhaginaafi simboo biyyaa ta’aas jira.

Ayyaanni hundeeffama Waldaa Fardeenii Agawu oggaa waggaa waggaadhaan kabajamu koorniyaan osoo walhinfoohiin dhiirri dubartiin, qarodhabeessi osoo hinhafiin dorgommiiwwan garagaraa nigaggeeffamu. Kunis ayyaanichi haala ho’aadhaan akka kabajamuufi qalbii daawwattootaa akka hawwatu kan taasisuudha.

Guyyaa hundeeffamaa waggaa waggaadhaan gaggeessuu qofti gahaa waan hintaaneef kan bashannanaaf oolaa jiru kana gara madda galiifi hawwata turistiitti geeddaruuf hojjetamuu akka qabu irratti waliigalamee hojiitti seenameera.

Sababanisaas ga’umsi tapha fardaa hunda hirmaachisuun gaggeeffamu kun hawaasa addunyaatiif fakkeenya ta’uun hubatamee xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetamaa jiraachuun kan nama gammachiisuudha.

Warri Agawu kabaja hundeeffama waldichaa tibbana Magaalaa Injibaaraatti gaggeeffamerratti keessummoota gara karaa Adiinas (Anaa Dhufu) jedhanii simachuun ayyaanichi madda galiifi hawwata turistii ta’uu akka danda’u qabatamaan agarsiisaniiru.

Itoophiyaan haadha ilmaan sabaafi sablammii 80 olii taate tun akkuma baay’inashee aadaa, duudhaa, sirnootaafi eenyummaa hawwata turistii nama dhuunfaarraa hanga biyyaatti madda galii addaa uumuu danda’u of keessatti hammattee jiraachisaa jirti.

Tapha fardaa kanarratti miseensonni waldichaa fardeen kuma 62 oliin waggaa waggaan irrattikan hirmaatan yoo ta’u, daa’immanii kaasee hanga maanguddootaatti dorgommiin qalbii nama hawwatu nigaggeeffama. Waldichi sadarkaa Itoophiyaatti kan galmaaa’e yoo ta’u, akka addunyaatti ‘UNESCO’dhaan galmeessisuuf humna guutuun hojjetamaa jira.

Wayita dorgommicharratti hirmaatan wallee ‘Aymoloo’ jedhamu dhageessisaa kan bahan yoo ta’u, akaakuuwwan tapha fardaa akka Gombisa, Daangilaasaa, (Shubbisa)fa’is ni adeemsifamu. Faaya fardaa kanneen akka alangee, kooraa fardaa Oromiyaarraa bitatanii ayyaanota gara garaarratti ifanii mul’achuun “Aymoloo” ykn ammoo akka Oromiyaatti faaruu Kaawoo Fardaa mataasaanii aymoloo jechaa dorgomu jechuudha.

Walumaagalatti ilmaan Kuush Itoophiyaa kaabaatti argamaniifi ijaaramasheetiif wareegama kaffaluun maqaashee olkaasan keessaa ummanni Agawu isa tokko yoo ta’u, tattaaffiin ga’umsa tapha fardaasaanii umrii dheeraa qabu kana ‘UNESCO’tti galmeessisuuf taasisan akka milkaa’uuf hawwina.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You