“Nuti buufata keessatti hiriira qabannee dhaabanna konkolaattonni alatti dhoksaadhaan fe’u” -Tajaajilamtoota Bishooftuu-Finfinnee

“Amma rakkoon sun hiikkateera” -Waajjira Geejibaa Magaalaa Bishooftuu

Finfinnee: Dameelee guddina dinagdeefi cimina hariiroo hawaasaa biyya tokkoo keessatti akka utubaa amansiisaatti eeraman keessaa tokko tajaajila geejibaati. Geejibni ni geessa, nifidas. Damee murteessaa kanatti si’ana tajaajilli akkamii kennamaa akka jiru keessumaa namni guyyaa guyyaadhaan ittifayyadamu sirriitti ragaa bahuu danda’a.

Keessumaa magaalota guguddoo akka Finfinneefi Adaamaa fa’itti tajaajilli damee geejibaatiin kennamu daran walxaxaadha. Fakkeenyaaf konkolaattonni miniibaasii jedhaman Adaamaarraa Finfinnee (Qaallittii, Laambarat, Awutobis Taraa, Ayyaar Xeenaa, Jamoo, Istaadiyoomii…) jedhanii fe’an taarifnisaa meeqa akka ta’e ifatti beekamaa laata? Haalli isaan ittife’an hammam hordofama? Keessumaa rakkoon kun Sanbattan lamaan, Jimaata galgalaafi Wiixata maal fakkaata? Deebii gaaffiilee kanneenii imalaafi qaamolee dhimmi ilaaluuf dhiiseen gara xiinxalli kootti deebi’a.

Gaazexaan Bariisaa Bishooftuu ka’umsa godhachuun kenniinsi tajaajila geejibaa Oromiyaatti maal akka fakkaaturratti komii imalaa (hojjetaan Bishooftuurraa Finfinneetti deddeebi’u), yaadaafi deebii waajjira geejibaa magaalattiifi kan Ejensii Geejibaa Oromiyaa haala ittaanuun dhiyeesseera.

“Ani Wiixataa hanga Sanbataatti geejiba deddeebisa ummataattin fayyadama. Bishooftuurraa hanga Finfinneetti (Qaallittii) konkolaataa sadarkaa 1ffaa jedhamuuf taariifni mootummaan baase qarshii 38. Abbootiin qabeenyaa garuu qarshii 40 nurraa fudhatu. Qarshii lama hindeebisan jechuudha. Sadarkaa lammaffaan qarshii 35 kanfalchiisa. Deebii haa qabaatuu haa dhiisnu waanti beeknu hinjiru. Nuti waan gaafatamne kanfalla. Isayyuu kadhanneeti.

“Warri tikeetii karaa elektironiksii muran jiru. Warri kun konkolaachistoota wajjin waliigaltee qabu. Isaan maddiitti goranii warra kaan nurratti kakaasu. Kan hojjetu dallaalaadha. Dallaa buufata konkolaataa jiru maddiitti baasanii darbaa fe’u, kanfalchiisu. Yoo konkolaataan hinjiraanne ammoo yeroon daandii qarshii 38 qarshii 100n ittideemamus jira.

“Kanneen qarshii 80 gaafatanis jiru. Maali yoo jenneen konkolaataan hinjiru jedhu. Hojiifi dhimmoota birootiif waan imalamuuf, furmaanni biraas waan hinjirreef hojjettoonni tikeetii muran, konkolaachistoonniifi dallaalonni walijaaranii ummata rakkisaa jiru. Kana qofa miti torbanuma darbellee dhimma wayiitiif Magaalaa Mojoo deemeen ture. Taarifni Bishooftuu-Mojoo qarshii 30. Konkolaachistoonni garuu qarshii 50 kanfalchiisaa jiru.

Waan namni to’atu hinjirreef warri konkolaachisaa yoo barbaaddan qarshii hammanaatiin deemaa jedhu. Tajaajilli naannawa sanatti kennamu quufsaa miti. Namni meeqaan feete, konkolaataan jira hinjiru jedhee to’atu hinjiru. Namni qorraafi aduu keessa dhaabachaa oola.

“Tikeetii karaa elektironiksii muruun jira. Garuu nuti hiriiruma qabannee dhaabannaa, konkolaattonni alaa fe’u. Kanaan dura Adaamaa Bishooftuu qarshii 90 kanfalchiisu turan. Sababasaa gaafannaan konkolaataan hinjiru jedhu. Garuu yeroo sana to’annaa cimaa doqdoqqeedhaan deeggaramee taasifameen hoteelota keessaafi bakka dhokatee gadi yaasaa turan.

“Konkolaachistoota haala kanaan ummata rakkisaa turaniif eeyyamni hojii akka hinkennamne taasifamuu quban qaba. Kun to’annaa cimaan taasifamuu kan agarsiisuudha. Haala kanaan hordofnaan waanti hinsirroofne hinjiru. Asitti garuu (Bishooftuutti) ummanni daran rakkachaa jira. Ummanni dhimmumasaa raawwatachuuf fiiguu malee eenyutti iyyatee furmaata akka argatus quba hinqabu. Nama hojii kooti jedhee kenniinsa tajaajilaa kana to’atu tokkollee argee hinbeeku.

Imalaan taariifaan ala hinkanfalu jedhee mirgasaa kabachiifachuurratti maal fakkaata jenneenii turre. Isaanis, “Namni waanuma gaafatame kanfalee bakka dhimma ofii gahuu malee maaliif jedhee hingaafatu. Yoo gaafatte bu’i siin jedhu. Waan gatiin boba’aa dabaleef yoo kaffalte kaffali yoo ta’uu baate bu’i jedhanii si buusu. Yoo akka tasaa namni walga’ee wace motora dhaamsanii konkolaataa keessaa bu’u. Konkolaataan kan kiyyaa maaltu si galche siin jedhu. Garuu eeyyamni harkasaanii jiru tajaajila ummataatiif jedha. Eeyyamni kan kennameef ummata tajaajili jedhameeti. Qaamni kana to’atu ittigaafatamummaasaa sirnaan bahachuu qaba” jedhan.

Bariisaan dhimma kanarratti Ittigaafatamaa Waajjira Geejibaa Magaalaa Bishooftuu Abarraa Shifarraa deebii ittaanu argateera.

“Bulchiinsi Magaalaa Bishooftuu tajaajila geejibaa ammayyeessuuf hojmaata teknolojii daataa beeziidhaan hogganamu keessa galchuuf, tooftaa mootummaan bocee baaseen hogganuuf hojjetaa jira. Fakkeenyaaf konkolaataa ‘awutoomeet’ gochuu ykn daataa beezii keessa galchuu ykn akka seeraan lakkaa’amee beekamu gochuu jalqabneerra.

“Kan lammataa konkolaachisaa ykn leenjisaa daataa beezii keessa galchinee tajaajilli ‘online’ akka kennamu taasisneerra. Sadaffaa tajaajila ‘etikeet’ jedhamu hojiirraa oolchineerra. Tajaajilli sadaffaan kan tajaajilamaan buufata keessatti kanfalee konkolaataa keessa galee imaluudha.

“Akka kanaan duraa faayiliin baatamee olii gadi deemamu hinjiru. Gaafa abbaan konkolaataa konkolaataa qabatee dhufu tilmaama gatiisaa gadi buusuu akka hindandeenye, barri konkolaatichi itti omishame akka hindogoggorreef faayilli waraqaadhaan jiru akka kompiyuutara keessa galu gochuudha. Hojmaanni kun bara darberraa kaasee hojiirra jira.”

“Konkolaataan sadarkaasaatiin dhaabatee jira. Gara imalaan deemu gaafatamee tikeetiin muramaaf; daballii maallaqaa tokko malee taarifa mootummaan baaseen. Eeyyemni bobbiif konkolaachisaaf kennamee konkolaataan mooraadhaa akka bahu taasifama.”

Kun faayidaa lama qaba. Tokkoffaa akka konkolaataan sarararraa hinbanneef siistamaan hogganna. Turtii konkolaataan bakka deemuuf bahetti taasisu duukaa buuna. Akka gatii hindaballeefis nihordofna. Akka Bishooftuutti karoora ‘etikeetii’ jala galchuu 18 qabna. Hanga ammaatti 12 raawwanneerra.

“Gaafa hojii kana eegallu hudhaalee hedduun nu qunnamanii turan. Abbootiin qabeenyaafi konkolaachistoonni daballiin gatii akka hafu waan hinbarbaadneef siistamicha fudhachuuf eeyyamamoo hinturre. Konkolaataa karaarraa balleessuun, dhoksanii alatti fe’uufi kkfn tureera.”

“Dhamaatii guddaadhaan gara buufataatti fidne. Waldaaleen abbootii qabeenyaa buufata keessa jiranis fedhii hinqabaniiyyu. Garuu kallattii mootummaan kaa’e waan ta’eef gufuu sana cabsinee, hubannoos uumnee akka hawaasni tajaajila gaarii argatu gochaa jirra. Amma rakkoon sun hiikkateera. Kana booda sararoota qabnu hunda siistamii keessa galchina jechuudha.”

“Fedhiifi dhiyeessiin walhinmadaalu. Kun garuma fuulduraattuu nuuf yaaddoo guddaa ta’a. Sababiinsaas, konkolaataa haaraan gara biyyaa seenaa hinjiru. Abbaan qabeenyaa konkolaataa bitee dhiyeessuu hindandeenye. Konkolaatonni buleeyyiin dulloomanii gabaa keessaa bahaa jiru. Kanarratti waan qo’annes qabna. Kanaa achi imalaan seerumaan keessummeeffamaa jira.”

“Sababa dallaalaan hiriira keessaa nama baasuu yaaleef baranuma konkolaattota 126 ol adabneerra. Konkolaachistoonni ‘etikeetiin’ ala fe’uuf yaalanis jiru. Iddoo qaawwi wayii jirutti kun darbee darbee nimudata”.

Sanbattan, Wiixata ganamaafi Jimaata galgala keessumaa yeroo to’attoonni hinjirretti taarifaa ol kanfalchiisuun akka jiru tajaajilamtoonni gaafanne nutti himaniiru. Kanarratti maal jettu jenneenii turre. Isaanis, “Waanti akkanaa hinjiru. Soba. Gama to’attootaatiinis mootummaan buufatatti to’attoota hinramadne, caasaan akkanaas hinjiru. Yoo rakkoon jiraate buufata keessaa waajjira waan qabnuuf achitti komii dhiyeeffachuun ni danda’ama.

“Waajjirri keenya tajaajila gaarii kenna jedhamuun sadarkaa gaariirra jira. Waantota akka qaawwaatti ka’an kanneenirratti nutis irratti hojjenna. Ummannis obsaan nu hordofee waan isa mudaterratti eeruu nuu kennuu qaba” jedhan.

Obbo Geetaachoo Abbabaa Ejensii Geejiba Oromiyaatti, daarektara mirkaneessaa tajaajila geejiba ummataati. “Akka ejensii geejibaatti, kenna taajilaa fooyyessuudhaan walqabatee hojiilee guguddoo hojjetaa turre. Dhiyeessii kenna tajaajilaa buufata konkolaataa ammayyeessuuf hojiin ‘etikeetiidhaan’ jalqabne jira. Kanaanis imalaan buufatuma keessatti taarifaan kaffaluu akka qabu; daandiirratti taarifni akka hindabalamne, darbaan akka hinfe’amne taasisuun bu’aa gaarii argamsiisaa jira. Kenniinsa tajaajilaa geejibaa fooyyessuuf hojmaata ‘etikeetii’ bara darbe buufataalee sadiitti jalqabneerra. Amma 41rra geenyeerra. Barana akka karooraatti hanga buufataalee 200 ni geenya jennee karoofannee hojiitti seenneerra.

Kanaanis komiin ummataa akka xiqqaatu ta’eera. Taarifaa ol kanfalchiisuufi darbaa fe’uun erga ‘etikeetii’ kana jalqabnee xiqqaateera.

“Buufataalee babal’isuurrattis xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Buufataaleen keenya iddoowwan sadiitti qoodamaniiru, guddaa jiddugaleessaafi xiqqaa jedhamanii. Karoora barana qabanne, kan buufataalee 200 milkeessuuf xiyyeeffannaadhaan hojjechaa jirra. Kanaafis dhaabbilee hojiirra jiran madaalaa kaan ammoo dorgomsiisaa jirra.”

“Deeggarsi ummata biraa barbaadamu ni hafa. Erga imalaan buufata keessatti tikeetii kutatee bahee booda alatti konkolaachisaan sossobachuudhaan maallaqa dabalchiifachuun nijira. Ijoolleen tikeetii muran darbee darbee saantima hambifachuunis ni mul’ata. Dhimmoota akkanaa sirreessuuf hojjechaa jirra.”

“Kanaa achi rakkoo fedhiifi dhiyeessiin walmadaaluu dhabuun ala sisitamichi waanuma gaariidha. Ummanni buufata keessattis ta’e alatti taariifa murtaa’een ala maallaqa dabaluu hinqabu. Milkaa’ina sistamii haaraa kanaaf to’attoonni, tiraafikiin, hojjettoonni geejibaa, ittigaafatamtoonni seektarichaa sadarkaan jiran, qindeessitoonniifi hojjetaan buufataa, waldaaleen akkasumas ummanni mataansaa komii ka’u xiqqeessuuf qoodasaanii sirnaan bahachuu qabu.”

“Taariiifaa ol kanfalchiisuun, mooraadhaa alatti fe’uun darbee darbee ni mudata ta’a. Hattuun guyyuma guyyaan tooftaa jijjiirratti. Kanaaf konkolaataa buufata keessa hingalletti fayyadamuu dhiisuun ummanni qoodasaa bahachuu qaba. Keessumaa haalli kun darbee darbee galgalaafi ganama konkolaachistoota tokko tokko biratti ni mul’ata. Kanarratti ummanni caasaalee keenyaaf eeruu kennuu qaba. Isarratti hundoofnee nutis tarkaanfii ni fudhanna, hojmaaticha teknolojiidhaan cimsuuf xiyyeeffannaan hojjetaa jirra.”

“Komishinii Poolisii Oromiyaa wajjin ta’uudhaan qorannoon gaggeessine jira. Komii ummanni kaasaa jiru karaa qindoomina qabuun tarkaanfii fudhatanii sirreessuun akka barbaachisu, kallattiinis kaa’amee hojiitti galameera. Waantota raawwannu hunda buufatuma keessatti raawwannee daandiitti bahuu qabna jennee hojjechaa jirra. Hojmaata keenyas teknolojiidhaan deeggaruu akka qabnu irratti waliigalamee kallattiin kaa’amee hojjetamaa jira” jedhan.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You