“Jijjiiramaa as dandeettiin raawwachiisummaa dhaabbatichaa dhibbantaa 30 irraa gara 70tti guddateera” – Obbo Tashoomaa Yaamii

Biyyoota addunyaa hedduu keessatti hojiin qaama raawwachiiftuu mootummaatiin raawwataman ummataaf ifa akka ta’an, bifa ittigaafatamummaa qabuun akka raawwataman, bulchiinsi gaariin akka diriiru, mirgi dimokraasiifi namummaa akka dagaaguuf dhaabbilee dimokraasii hundeessuun barbaachisaa qofa osoo hintaane, akka dirqamaattis ilaalama.

Itoophiyaanis naannawa bara 1990mootaatti liqiifi deggarsi Baankii Addunyaafi ‘IMF’ irraa argattu dhaabbilee dimokraasii hundeessuu akka qabdu keessattuu (Abbagaar Ummataa) akka hundeessituuf dhiibbaa irra gahaa tureen bara 1992tti dhaabbatni kun biyyattii keessatti akka hundaa’uuf sababa ta’ee jira.

Yeroo sanatti Itoophiyaan barbaachisummaa dhaabbatichaa amantee osoo hintaane liqiifi gargaarsa dhaabbilee addunyaa kanneenii argachuuf akka ta’e kan himamu ta’uus, hundeeffamuun dhaabbatichaa garuu lammiilee qaamota raawwachiistuu mootummaatiin rakkooleen bulchiinsaa irra gahaa jiraniif akka iddoo ara galfiitti tajaajiluu eegaleera.

Keessattuu waggoottan muraasa jijjiiramaa kana keessatti hawaasni barbaachisummaafi faayidaa dhaabbatichaa hubachuudhaan bal’inaan itti tajaajilamaa jiraachutu dubbatama.

Obbo Tashoomaa Yaamii, Dhaabbata Abbagaar Itoophiyaatti Hogganaa Waajjira Damee Oromiyaa dhimmuma kanarratti ibsa akka nuuf kennaniif keessummaa torbee kanaa taasifanneerra.

Bariisaa: Gaafdeebii keenyaaf eeyyamamoo ta’uu keessaniif isin galateeffachaa, mee haala hundeeffama dhaabbatichaarraa nuu eegaltuu?

Obbo Tashoomaa: Isinis haala hojii waliigalaa dhaabbatichaa irratti nu dubbisuudhaaf dhufuu keessaniif ulfaadhaa!, gara gaaffii nagaafateetti yommuun siif deebi’u immoo, biyya keenyatti dhaabbileen mootummaafi waajjiraaleen garagaraa yommuu hundaa’an labsiidhaan yoo ta’u, dhaabbata Abbagaar dabalatee dhaabbileen dimokraasii garuu kan hundaa’an labsiidhaan osoo hintaane, heera mootummaa federaalawaa dimokraatawaa Itoophiyaatiini. Kun immoo giddu seentummaa qaamota raawwachiiftuu ittisuudhaan walabummaa dhaabbilee dimokraasiitiif kennuuf yaadamee yoo ta’u, Dhaabbanni Abbagaaris yeroo jalqabaatiif biyya kanatti bara 1992tti labsii lakk. 211n hundaa’uu danda’eera. Ergasii immoo bara 2011tti labsii lakkoofsa 1142 kan fooyya’e yoo ta’u, dhiheenyuma kanattis jijjiirama kana keessatti yeroo lammataatiif bifa ergamaafi ittigaafatamummaa dabalataa kennuun akka haaraatti fooyya’uu danda’eera.

Erguma ce’umsiifi jijjiiramni siyaasaa biyyattii keessatti dhufeen booda yeroo lammataaf jijjiiramuun kun immoo xiyyeeffannoo olaanaa argachuu dhaabbatichaa kan ibsu yoo ta’u, gama biraatiin immoo fedhiin hawaasni biyyattii dhaabbatichatti tajaajilamuu barbaadanii yeroorraa yerootti dabalaa dhufuus kan agarsiisuudha.

Bariisaa: Kaayyoo guddaan hundeeffama dhaabbatichaa maal ture?

Obbo Tashoomaa: Jalqabumarraa yeroo ka’amu kaayyoo guddaan dhaabbatichi itti hundaa’eef bulchiinsa gaarii hojiiwwan mootummaa keessatti diriirsuufi yemmuu rakkooleen bulchiinsa gaarii dhaabbileefi waajjiraalee garagaraa keessatti uumamuusaaniif iyyannoon dhufe yookiin kaka’umsa ofiisaatiin qoratee rakkooleen akkasii uumamuu bira gahe immoo tarkaanfileen sirreeffamaa akka fudhataman kallattii akeekuudha.

Kaayyoo guddaa dhaabbatichaaf kenname kana galmaan ga’uuf immoo aangooleen labsiiwwan lamaan Dhaabbata Abbagaar Ummataatiif kennaman ni jiru. Isaanis; kan jalqabaa labsii lakkofsa 1142 kan hojiileen miidhaa bulchiinsaa akka hinqaqqabne to’achuuf isa gargaaru, dhimma dubartootaa, daa’immanii, maanguddootaafi qaama miidhamtootarratti sarbamuun mirgaa akka hinqaqqabne to’achuufi mirgisaanii akka kabajamu mirkaneessuu, mirgi kutaalee hawaasaa kanaaf kenname qixa sirrii ta’een hojirra oolaa jiraachuusaa to’achuu, bakka kanarra darbee mirgisaanii sarbamee argametti immoo komii simachuudhaan yaada furmaataa kennuudha.

Kaayyoo guddaan kan biraa ammoo mirgi bilisummaa odeeffannoo akka mirkanaa’u taasisuudha. Keessattuu namni kamiyyuu yookiin immoo qaamni kamiyyuu qaamolee mootummaa sadeen, qaama seera baaftuu, seera raawwachiiftuufi qaama murtii seeraa dabalatee odeeffannoo fedhe argachuudhaaf mirga guutuu argateera.

Odeeffannoo fedhe funaanuu qofaaf osoo hintaane, chaanaalii barbaadetti fayyadamee odeeffannoo argate sana nama biraatiif dabarsuu yookiin qilleensarra oolchuufis mirga guutuu qaba. Keeyyanni biyyattii 22s qaamni kamiyyuu odeeffannoo argate afaaniin, barreeffamaaniifi gama miidiyaatiin tamsaasuudhaaf mirga akka qabu ni ibsa.

Kunis irra jireessaan labsii mirga bilisummaa odeeffannoo jalattis tumamee kan argamuudha. Gabaasa hojiiwwan mirga odeeffannoo irratti hojjetaman qindeessee hanga Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa biyyattiitiif dhiheessuuf mirga kan qabu Dhaabba Abbagaar Ummataa qofa.

Hojiiwwan hanga ammaatti hojjataman yemmuu ilaallu dadhabbiifi ciminas kan qabu yemmuu ta’u, keessattuu dhimmi bulchiinsa gaarii manneen hojii mootummaa keessatti mirkaneessuu hojii qaama tokko qofaan hojjatamee milkaa’u osoo hintaane, qindoomina dhaabbilee garagaraa kan gaafatu waan ta’eef harcaatiiwwan mul’achuunsaanii waan hinoolle.

Bariisaa: Labsiin dhaabbatichaa dhiheenya kana fooyya’e maal maal of keessatti hammata laata?

Obbo Tashoomaa: Gaaffii bareeda na gaafatte. Kanaan dura labsiin ture qaawwa seeraa banaa ta’e akka qabu sirriitti ilaalamee qaamootni garagaraa erga irratti mari’ataniin booda labsii fooyya’eedha. Akka seera biyya kanaatti lammiilee biyya kanaa kan jedhaman isaan waajjiraaleefi manneen hojii mootummaa qofa keessatti hojjetan osoo hintaane, isaan dhaabbilee dhuunfaa keessa hojjetanis kan dabalatu ta’uus, hojiin to’annoofi hordoffii dhaabbatichi hanga ammaatti hojjechaa ture isa waajjiraalee mootummaa keessatti raawwataman qofarratti kan xiyyeeffatu ture.

Kana jechuun immoo ergamni dhaabbatichaa lammiileen sababa miidhaa bulchiinsaatiin akka hinmiidhamne eeguu jedhu sun isaan waajjiraalee mootummaa keessa hojjetan qofa kan hammate waan ta’eef, mirga lammiilee waajjiraaleefi dhaabbilee dhuunfaa kan dagate ta’uusaatiin hir’uu ture jechuudha.

Labsiin dhaabbata Abbagaar dhiheenyatti haaroomee bahe kun immoo hojiiwwan dhaabbatichi kanaan dura sababa daangaa aangootiin itti galuu sodaate hedduu akka hojjatuuf carraa kan uume yemmuu ta’u, keessattuu tanaan dura miidhaalee bulchiinsaatiin walqabatee rakkoolee bulchiinsaa dhaabbilee mootummaa keessatti raawwataman qofa simatee ilaalaa ture.

Haa ta’u malee lammiileen biyya kanaa isaan dhaabbilee mootummaa keessatti hojjetan qofaa osoo hintaane, isaan dhaabbilee dhuunfaa keessa jiranis kan dabalatu waan ta’eef labsiin haaraa kun rakkoo gama daangaa aangootiin jiru kana cabsee miidhaalee bulchiinsaa dhaabbilee mootummaas ta’ee dhuunfaa keessatti uumamuu malan hundarratti qorannoo akka gaggeessuuf aangoo kenneera.

Labsii amma fooyya’e kanaan dhimmoota akka murteessootti ka’an keessaa inni bira dhimma qaqqabummaafi faayidaa hawaasni barbaadu dhiheenyaatti kennuuti. Gama kanaan labsii fooyya’e kanaan duratti akka naannoo Oromiyaatti damee olaanaa Finfinnee jiru alatti damee biraa godinoota keessaa hinqabnu turre.

Labsii haaraa kanaan garuu yoo xiqqaate dameewwan dabalataa sadii kutaalee Oromiyaa garagaraa keessatti akka hundaa’aniif carraa nuuf kennee jira. Dameewwan dabalataa banuun kun immoo dadhabbii hawaasaa hir’isuudhaan dhiheenyatti tajaajila ummanni barbaadu kennuuf barbaachisaa yoo ta’u, ammas taanaan dameewwan dabalataa kunneenis baay’ina ummata Oromoofi bal’ina Oromiyaa waliin yemmuu madaalamu gahaa ta’uu dhabus, isaanuma banaman kanneen hundaafuu akka dhihaatan taasisuudhaaf baha Oromiyaatiif Ciroo irratti, Dhiha Oromiyaatiif Naqamtee irratti, akkasumas kallattii kibbaa bahaatiin immoo Bulee Horaa irratti kan banaman ta’u jechuudha.

Bariisaa: Yaada furmaataa dhaabbatichi kennu simatanii sirreessuu irratti qaamoleen raawwachiiftuu maal fakkaatu?

Obbo Tashoomaa: Yaada furmaataa dhaabbanni keenya yeroo garagaraatti kennu simatanii hojirra oolchuu irratti dhaabbileen galata guddaa argachuu qaban jiru. Yeroo tokko tokko inumaayyuu wanti baratamaa dhufe tokko jira. Innis maalinni yoo jette, komiin tokko waajjira tokkorratti yoo nu bira gahu, nuti immoo osoo walmorkii keessa hingaliin hoggansa waajjirichaa waliin waliif bilbillee haalli hoggansi sun osoo nuti dhamaatii biraa keessa hingaliin nama komii qabu sana ofitti simatee ofumaaf achitti furuu bal’inaan mul’achaa jira. Kun immoo hojii jajjabeeffamuu qabuudha.

Dhaabbatni abbagaaris ta’ee waajjiraaleen mootummaa hundi kan hojjennuuf ummatuma kanaafi; hojii ummata tokkoo hojjechaa immoo inni tokko akka shakkaatti, inni tokko immoo akka shakkamaatti wal ilaaluu irra, iyyannoowwan dhufan irratti osoo gara qorannoo bal’aatti hinseeniin dura hoggansa waajjiraaleetiif bilbilanii haala salphaa dadhabbii komataa, ogeessoota abbagaariifi kanneen biroos hir’isuu danda’u kanaan dhimma xumuruun hojii jajjabeeffamuu qabuudha.

Gama biraatiin immoo, haa xiqqaatanis malee erga iyyannoo dhihaaterratti hundaa’uudhaan yookiin immoo kaka’umsa mataa ofiitiin qorannoo gaggeeffamee miidhaan bulchiinsa gaarii qaqqabuunsaa mirkanaa’ee yaadni furmaataa itti kennamees yaadicha fudhatanii hojitti hiikuudhaaf dhaabbileen qoollifatanis jiru.

Kanneen immoo gabaasa guutuu qindeessinee Caffee Oromiyaafi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummata Itoophiyaatiif dhiheessina jechuudha.

Hanqinoota gama kanaan jiran kana furuuf immoo qaamota dhimmi ilaalu keessattuu, Waajjira Pirezidaantii, Caffee Oromiyaa, Biiroo Siviil Sarvisiifi kanneen biroo waliin ta’uudhaan hanqinootni kunniin akka dhabamaniif hojii bal’atu hojjetamaa jira.

Akka Dhaabbata Abbagaar Ummataa Damee Oromiyaattis hanqinni humna namaa jiru olaanaa yoo ta’u, caasaan nuuf ramadame nama 101 osoo ta’ee jiruu namni yeroo ammaa hojirratti argamu garuu nama 42 qofa. Namuma xiqqaa kanaan hojiin hojjetamaa jiru gaarii ta’us, yeroo dhihoo keessatti rakkoo hanqina namaa gama kanaan jiru furuudhaafis qacarriin kan adeemsifamu ta’a.

Haa ta’uu malee dandeettiin raawwachiistummaa dhaabbatichaa kan madaalamu yaadni furmaataa inni kenne hangam hojirra oole kan jedhuun waan ta’eef, tanaan dura yaadota furmaataa dhaabbatichi waajjiraalee garagaraatiif kennu keessaa kan raawwatamu dhibbantaa 30 kan hincaalle qofaa ture. Yeroo ammaa kana garuu keessattuu jijjiiramaan asitti gara dhibbantaa 60 hanga 70tti guddachuu danda’eera.

Kanaaf jijjiirama kanaa as dandeettiin raawwachiistummaa dhaabbatichaa dachaadhaan dabaluu danda’eera jechuun ni danda’ama.

Akka waliigalaatti garuu dhimmi bulchiinsa gaarii manneen hojii mootummaa sadarkaadhaan jiran keessatti mirkaneessuu dandeettii dhaabbata abbagaar qofaan kan milkaa’u akka hintaane dagatamuu hinqabu. Bulchiinsi gaarii piilaariiwwan gurguddoo sadii kan qabu yemmuu ta’u isaan keessaa mootummaan isa duraafi gahee olaanaa fudhachuu qabuudha.

Dhaabbileen dhuunfaafi namni dhuunfaas hojii bulchiinsa gaarii mirkaneessuu keessatti shoora isaanii yoo bahatan malee dhimmi bulchiinsa gaarii tattaaffii qaama tokkoo qofaan mirkanaa’uu akka hindandeenye jala sararamuu qaba.

Bariisaa: Gama hojii dhaabbatichaa dijitaalessuutiin hoo maal fakkaattu?

Obbo Tashoomaa: Yoo dhugaa dubbanne gama hojmaata dijitaalaatti galuudhaan dadhabbii maamiltootaa hir’isuutiinis jalqabbii gaariitu jira jechuun ni danda’ama. Akka fakkeenyaatti yoo ilaalle, komiiwwan iddoo garagaraatii gara dhaabbatichaatti dhufaa jiran keessaa dhibbantaa 40fi sanaa ol kan ta’u karaa chaanaalii telegiraamii dhaabbatichaatiin kan dhufuudha. Akkasumas, lakkofsi bilbilaa bilisaas diriiree maamiltootni iddoo jiranirraa qaamaan hanga asiitti dhufuun osoo isaan irraa hineegamiin haalli ittiin komiisaanii ergachuu itti danda’aniis mijatee jira.

Sababuma chaanalii telegiraamiifi bilbila tolaa kanatti fayyadamuu jalqabneef immoo baay’inni komii nuti raawwachuuf karoorfannuufi raawwiinsaa garaagarummaa guddaa akka qabaatu taasisaa jira. Isuma bara 2015 yemmuu ilaallu baay’inni nuti waggaa sanatti raawwanne isa karoorfanne harka dachaan akka caalu taasisee jira.

Hojiin gama kanaan hojjenne akkuma biyyaattuu dameelee hojii biroo sadarkaa biyyaatti jiran keessaa hojii fakkeenyummaa qabu ta’uusaatiin akka muuxannoo gaariitti naannolee birootiifis akka qoodamu taasifamee jira.

Dijitaaleessuun kun immoo tajaajila maamila alaatiif kennamu qofaa osoo hintaane, tajaajila keessaa dhaabbatichaas kan dabalatu waan ta’eef, keessoo dhaabbatichaattis yemmuu odeeffannoon wayii jiraate, walga’ii dabalatee chaanaaliin telegiraamii uumamee waan jiruuf hojiiwwan hedduu karuma sanaan raawwatamaa jiru.

Bariisaa: Itti quufinsi maamiltootaa sadarkaa maalirra jira laata?

Obbo Tashoomaa: Gaaffii kana silaa dhaabbaticha osoo hintaane, maamiltoota keenya osoo gaafattee caalatti gaarii ta’a jedheen yaada. Haa ta’uutii erga na gaafattee gama dhaabbatichaatiin komiiwwan dhihaatan sirnaan simatanii qorannoo barbaachisu erga taasisaniin booda qaama dhimmichi ilaaluuf dabarsuun walqabatee aadaa hojii simannaa komiifi himannaa adda ta’e qabna.

Namni nu biratti qaama wayii komatu akka iyyannoo manneen murtii sadarkaa garagaraa jiraniitti barreeffamaan dhiheessuun dirqamaa miti. Karaa barbaadeen himannaasaa dhiheeffachuu ni danda’a. Kun immoo yoo barbaade afaanumasaatiin himannaasaa dhiheeffachuu akka danda’uuf carraa kan uumu waan ta’eef karaalee himannaan ykn iyyannoon ittiin dhaabbatichaaf dhihaatu irratti kan filatuufi murteeffatu abbuma iyyatu sanaadha.

Kana qofaa osoo hinta’in, nama miidhaan bulchiinsaa irratti raawwatame qofaa osoo hintaane, qaamni sadaffaan miidhaan bulchiinsaa sun raawwatamuusaa quba qabu iyyannicha akka dhiheessuuf mirgisaa eegameeraaf. Kana waan ta’eef kunis filannoo dabalataa qaama iyyatuuf kan kennu waan ta’eef ittiquufiinsa olkaasuu keessatti shoorasaa akka bahatu ni beekama.

Dabalataanis qaamni miidhaan bulchiinsaa irratti raawwatame tokko ofiisaatiif dhufee iyyannicha dhiheeffachuuf yoo haalli hinmijanneef, qaama sadaffaa ergachuufis akka ani barbaadetti naaf hinhimu jedhee yoo yaade immoo ofiisaatii manasaa taa’ee bilbila bilbiluun iyyannoosaa dhiheeffachuu akka danda’uufis carraan uumameeraaf.

Akkasumas, qaamni sadaffaanis iddoo tokkotti miidhaa bulchiinsaa raawwatamaa jiru tokko yoo arge, idduma jiru sanarraa bilbilaan “qaamni akkanaa ykn hogganaan akkanaa ebalurratti miidhaa bulchiinsaa akkasii raawwachaa jira” jedhee dhaabbata abbagaar ummataatiif saaxiluus ni danda’a.

Sababnisaas, dhaabbanni abbagaar ummataa dhimma kan qabu rakkoo bulchiinsaa uumamaa jiru sanarraati malee “eenyutu iyyannoo dhiheesse” kan jedhurraa waan hintaaneefi. Yoo barbaadan immoo poostaadhaanis iyyannoo dhiheeffachuun akka danda’amuuf haalli mijateera jechuudha.

Akka waliigalaatti yommuu ilaallu immoo, qaamni dhaabbata abbagaar ummataatti iyyannoo dhiheeffatu tokko tajaajila dhaabbaticharraa argatuuf qarshii tokko baasii isa hingaafatu.

Baasii geejiba ittiin imalee dhufe, nyaataafi iddoo bultii isarraa bahuu danda’us oolchuuf jecha immoo yeroo ammaa bilbilaafi poostaa dabalatee karaa chaanaalii telegiraamii dhaabbatichaatiin baasii tokko malee iddoo jiranirraa komiisaanii dhiheeffachuu akka danda’aniif haalli mijateera.

Haaloonni kunneen immoo dhaabbatichi hamma tokko itti quufiinsa maamilaa fooyyeessaa jiraachuun keenya asuma keessatti kan ilaallamu ta’a jechuudha.

Bariisaa: Gaaffii dhumaa, iyyannoowwan dhihaatan keessaa isaan ulaagaa hinguutne jedhamanii kufan isaan akkamiiti?

Obbo Tashoomaa: Iyyannoowwan dhufan iddoo lamatti qoodna. Kunis isaan ittigaafatamummaa dhaabbatichaa jalatti kufaniifi, isaan daangaa aangoo dhaabbatichaatti ilaallamuu hinqabne jenneeti.

Fakkeenyaaf, dhimmoota manneen murtii sadarkaa garagaraatti ilaalamaa jiran, kanneen manneen murtii sadarkaa garagaraatti murtii argatan, dhimmoota mana hojii odiitara federaalaafi naannootiin murtaa’an, dhimmoota nageenya biyyaatiin walqabatan ilaaluuf aangoon dhaabbatichaaf hinkennamne. Haa ta’uu malee rakkoolee miidhaa bulchiinsaa keessoosaaniitti uumaman garuu ilaaluun ni danda’ama.

Bariisaa: Ibsa bal’aa hojiilee dhaabbatichaa irratti nuuf kennitaniif galatoomaa!

Obbo Tashoomaa: Isinis yeroo murteessaa dhaabbatichi qajeelfama haaroomeen deebi’ee hundaa’aa jiru kanatti hojii dhaabbatichaa ummata biraan gahuudhaaf nu dubbisuu keessaniif galatoomaa!.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ “Jijjiiramaa as dandeettiin raawwachiisummaa dhaabbatichaa dhibbantaa 30 irraa gara 70tti guddateera” – Obbo Tashoomaa Yaamii”

Comments are closed.