Buraatoo, Tancoo, Siilsoo, Qaasoofi Uttaa: Nyaatawwan aadaa saba Daawuroo

Saboonni, sablammoonniifi ummatoonni biyya keenyaa duudhaaleefi aadaawwan nyaataa, uffannaa, ibsannaa gammachuufi gaddaa gara garaa qabaachuun beekamu.

Anis barreeffama kanaan imalan tibbana Naannoo Ummatoota Itoophiyaa Kibba Lixaa, Godina Daawuroo, Magaalaa Tarcaatti taasiseen waa’ee nyaatawwan aadaa saba Daawuroo qalbii koo daran hawwatanii dubbistoota biraan gahuu barbaadeeni.

Shamarree Mulaalam Gizaawu Magaalaa Tarcaatti Hoteela ‘Dubbushaa’ jedhamu bantee hojjechaa jirti. Mulaalam waa’ee nyaata aadaa saba Daawuroorratti Gaazexaa Bariisaaf ibsa ittaanu kenniteetti.

Nyaata aadaa sabichaa haala gaariin qopheessitee maamiltootaaf dhiyeessina. ‘Buraatoo, Tancoo, siilsoo, Qaasoofi Uttaa’n nyaatawwan aadaa saba Daawuroo keessaa isaan beekamoodha.

Sabni Daawuroo nyaatawwan aadaa biroo hedduu qaba. ‘Buraatoo’n nyaata aadaa saba Daawuroo keessaa tokko yoo ta’u, ‘qoccoo’, kochee (kitifoo)fi dhadhaarraa qophaa’a. Nyaatni aadaa kun maamiltootashee hedduudhaan kan jaalatamuudha. ‘Tancoo’n ammoo ‘ayibii’, raafuu daakamaafi dhadhaarraa hojjetama.

Nyaatni aadaa ‘Uttaa’ jedhamu ammoo maxinoo (qixxaa) xaafii diimaa, ayibiifi dhadhaarraa, Qaasoon ammoo ayibiifi dhadhaarraa hojjetama. Qaasoon yeroo baay’ee nama cabeefi dubartii reefu deesseef kan dhiyaatuudha. Mana nyaataa kootti nyaatni qoccoo haala adda ta’een qophaa’a. Nyaatichi akka daabbootti yabbatee hojjetamee gargar murameeti kan dhiyaatu.

Nyaatawwan aadaa qopheessinu qulqullinaafi dhamdhama gaarii waan qabuuf maamiltoonni iyyaafatanii dhufu. Lammiileen biyya alaa Magaalaa Tarcaa dhufan mana nyaata aadaa keenya utuu hindhufin hindeeman. Nyaatawwan aadaa dhiyeessinu keessaa qoccoo ni dhamdhamu.

Mana nyaata aadaa kana bara 2013 mana dhuunfaasheetti kan jalqabde ta’uu kan himtu Mulaalam, yeroo ammaa namoota 15f carraa hojii uumuu dubbatti. Guyyaa ayyaanota waggaa namoota harkaqal’eeyyii 100 oliif nyaata qopheessitee kan dhiyeessitu ta’uus eerteetti.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “Buraatoo, Tancoo, Siilsoo, Qaasoofi Uttaa: Nyaatawwan aadaa saba Daawuroo”

Comments are closed.