Aadaa, duudhaaleefi beekumsawwan ganamaa saba Yam keessaa

0Yam godinaalee torbaafi aanaalee addaa sadii Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa qabu keessaa tokko yoo ta’u, Saajaan ammoo magaalaa guddoo godinichaati.

Sabootaafi sablammoota godinichaa keessaa irra jireessi saba Yam yoo ta’u, sabichi aadaafi duudhaa gabbataa, beekumsa ganamaa akkasumas hambaalee aadaa, seenaa, uumamaafi namtolchee hedduu qabaachuun beekama.

Ittigaafatamaa Qajeelcha Aadaafi Turizimii godinichaa Obbo Masfin Moggaa torban darbe garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti godinichatti argametti akka himanitti, godinichi aadaafi duudhaalee gabbataa, beekumsawwan xabboo (ganamaa)fi hambaalee aadaa, seenaa, uumamaafi namtolchee turistoota hawwatan hedduu qabaachuun beekama. Godinichi iddoowwan hawwata turistii baay’ee qaba.

Sabni Yam jaarraa 13ffaa irraa eegalee mootummaa mataasaa hundeeffatee jiraataa ture. Yam saba aadaa, duudhaa, seenaafi eenyummaasaa eegeefi kunuunsee jiraachaa tureefi jiruudha. Sabichi har’as aadaa, duudhaa, seenaa, eenyummaafi beekumsasaa ganamaa eegee ittiin jiraachaa jira jedhu Obbo Masfin.

Iddoowwan hawwatoo

Godinichi iddoowwan hawwata turistii uumamaafi namtolchee kanneen akka masaraa mootummaa durii, holqawwan uumamaafi namtolchee, fincaa’aawwan, dhagaawwan dhaabbiifi Gaara Booriifaa qaba.

Sabni Yam utuu dhiyeessi qoricha ammayyaa Itoophiyaatti hinbabal’atin dura qorichoota aadaa dhibeewwan 159 ol fayyisan hojjechuun kan beekamu ta’uu himanii, sabichi ammayyuu waggaa waggaan Onkoloolessa 17 Gaara Boorii deemee qorichoota aadaa namootaafi beelladootaa waggaa tokkoof tajaajilan walittiqabuun ittifayyadamaa jira.

Booriin akka godinichaattis ta’e naannawichaatti gaara guddaa qorichoota gara garaa biqilchuun beekamu qofa utuu hintaane madda lageen afurii ta’ee tajaajilaa waan jiruuf mootummaan naannichaafi federaalaa hojii eegumsa, kunuunsaafi misooma gaarichaarratti akka hirmaatu gaafataniiru.

Qorichoota aadaa

Sabni Yam qorichoota aadaa Gaara Booriirraa walittiqabee qopheessuun sadarkaa maatiitti waggaa tokkoof kan ittifayyadamu ta’uus himanii, akkaataa qorichi aadaa kun itti walittiqabamu ammayyeessuun dhaloota dhufutti dabarsuuf qindoomina mootummaa naannichaafi godinichaatiin qarshiin miliyoona sadii baasii ta’ee wiirtuun ijaarameera. Maanguddoonni qoricha aadaa kana funaananii wiirtichatti akka qopheessanis ta’eera jedhu.

Maanguddoonni Yam qorichoota aadaa dhibeewwan 159 ol fayyisan qopheessanii ittifayyadamaa jiru. Dhukkubsattoonni hedduun hospitaalota biyyattii gara garaa deemanii qoricha dhaban hedduun maanguddoota keenya bira dhufanii fayyaa jiru. Kanaafis ragaa gahaa qabna jedhu. Qorichoonni aadaa kunniin kan namaafi beelladootaa jedhamanii adda bahanii qophaa’anii tajaajila kennaa jiraachuus eeraniiru.

Qorichi aadaa duraan sadarkaa maatiitti funaanamaafi qophaa’aa ture yeroo ammaa sadarkaa wiirtuutti akka funaanamuufi qophaa’u taasisuun akka dhaloonni irraa baratu taasisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru. Hojiin kun akkaataa itti qorichoonni aadaa funaanamaniifi qophaa’an ammayyeessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uufi beekumsi xabboo kun eegamee dhaloota ittaanutti akka darbu gochuurratti gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Sirni haqaa (Chaaloo)

Sirni haqaa ammayyaa Itoophiyaatti utuu hinmirkanaa’in dura Sabni Yam sirna haqa aadaa waldhabdee ykn walittibu’iinsa itttiin ittisuufi furu qaba. Sirnichi yakka, hannaafi kadhaa ittisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Sirni haqaa aadaa kun bakka ‘Chaaloo’ jedhamutti adeemsifama. Sirni haqaa kun bakka sabni walga’etti adeemsifama.

Saba Yam biratti yakka raawwachuun, hatuun ykn qabeenya namaa fudhachuufi kadhaan baay’ee balaaleffatama. Kanaafuu saba Yam ta’ee namni kadhatu hinjiru. Sabni Yam waliisaafi sabootaafi sablammoota biroo waliin nagaafi jaalalaan waliin jiraachuun beekama.

Walitti bu’iinsonni sababoota gara garaatiin kutaalee biyyattii gara garaa keessatti ni uumamu. Godina Yamitti garuu walittibu’iinsi mudatee hinbeeku. Kun sabichi aadaa nagaafi jaalalaan waliin jireenyaa gabbataa kan qabu ta’uu mirkaneessa jedhu Obbo Masfin.

Sabichi aadaafi duudhaa nagaafi jaalalaan waliin jireenyaa gabbataa waan qabuuf namni kamiyyuu godina, aanaaleefi gandoota Yam keessa bilisummaan socho’uu danda’a kan jedhan Obbo Masfin, bu’uurri nageenya keenyaa aadaafi duudhaa nageenyaa abbootii keenyarra dhaalleen jiraachuu keenya. Akka tasaa ta’ee namni tokko nama biraarratti yakka yoo raawwate namni yakki irratti raawwatame qaama yakka irratti raawwate ni lola utuu hintaane seeraan akka gaafatamuuf gaafata jedhu.

Akka Obbo Masfin jedhanitti, Sabni Yam sirna murtii aadaa ‘Chaaloo’ jedhamu qaba.

Sirnichi waggaa waggaan Fulbaana 23fi Ebla 27 namoota kumaan lakkaa’aman hirmaachisuun adeemsifama. Sirnicharratti kan gaarii hojjete ni eebbisu, kan balleesse ammoo ni adabu. Namni tokko yoo dhoksaatti nama miidheera ykn qabeenya namaa hateera ta’e sirnicharratti argamee murtii irratti darbu fudhatee nama miidhetti akka araaramu taasifama.

Godinichatti ‘Chaaloon’ qaama olaanaa murtii kennuudha. Waantonni dhoksaatti raawwatame hundi sirnicharratti murtii argatu. Murtii kan kennu ammoo jaarsoliidha. Namni miidhame ykn qabeenyi jalaa hatame Chaalootti iyyata. Jaarsoliin namni dhoksaatti nama miidhe ykn qabeenya namaa hate of saaxilee murtii argatee nama miidhe ykn qabeenyasaa jalaa hatetti akka araaramuuf guyyaa sirni murtii adeemsifamu dursanii waamicha taassisu. Namni nama biraarratti yakka raawwate ykn dhoksee qabeenya namaa hate yoo jiraate dhaqee harka kennata. Yoo of saaxiluu dide ammoo sirna Chaaloorratti abaarama.

Abaarsi kun isa, maatiifi dhalasaarratti miidhaa guddaa geessisa jedhamee waan amanamuuf baay’ee sodaatama. Kanaafuu namni dhokatee yakka dalage yoo jiraate of saaxilee adabbii itti murame baasee nama miidhe ykn qabeenya jalaa hate sana dhiifama gaafatee nagaafi jaalalaan waliin jiraata.

Namni yakka dalagee miliqe ykn of dhokse yoo jiraate sirnichi utuu hinadeemsifamin akka of saaxilee abaarsarraa baraaramuuf waamichi irra deddeebiin ni taasifamaaf. Sirnicharratti taphoonni gochoota seeraan alaa ni balaaleffatamu, murtiin kan kennamu ta’uufi taphoonni aadaa kan taphataman ta’uus eeru.

Kunuunsa naannawaa

Sabni Yam gama bosona eeguufi kunuunsuutiinis aadaafi duudhaa gabbataa qaba kan jedhan Obbo Masfin, sabichi muka guddaa muruu akka dhala namaa muruutti waan fudhatuuf muka guddaa muruun dhorkaa ta’uus eeraniiru. Kun godinichi bosona magariisa uffatee akka argamu taasiseera jedhu.

Sabni Yam hannaafi kadhaa balaaleffachuufi jabaatee hojjechuudhaan beekama jedhanii, aadaafi duudhaa kana dhaloota ittaanutti dabarsuuf waltajjiiwwan marii ittifufiinsa qaban kan qopheessan ta’uu ibsaniiru.

‘Heeboo’

Sabni Yam waggaa waggaan Fulbaana keessa ayyaana bara haaraa ‘Heeboo’ jedhamu kabaja. Dargaggoonni hedduun ayyaanicharratti waan hirmaataniif ayyaanicha akka waltajjii tokkootti fayyadamnee dargaggoota keenya barsiifna jedhu.

Duudhaalee dhaloota dhaalchisuu

Qajeelchi Waajjira Aadaafi Turizimii godinichaa aadaafi duudhaa gabbataafi beekumsa xabboo sabichi qabu utuu hinfaalamin dhalootatti darbarsuuf hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Masfin, hambaalee aadaa, seenaa, uumamaafi namtolchee abboota keenyarraa dhaalle eegnee, kunuunsinee dhaloota ittaanutti dabarsuuf hunduu gahee nurra eegamu sirnaan bahachuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Aadaa, duudhaaleefi beekumsawwan ganamaa saba Yam keessaa”

Comments are closed.