Mee isaan haayaadannu!

Namooti na beekan kan raadiyoonii Itoophiyaa Qophii Afaan Oromoo dhaggeeffatan, yeroo nagaa nagaafatan baay’een isaanii, sagaleen “Kun Raadiyoo Itoophiyaa Qophii Afaan Oromooti” jedhu sagaleekoo itti fakkaata. Garuu sagalee keenyatu walfakkaate malee sagalee Gaazexeessaa hangafa Kiflee Jooteeti.

Bara 1969 anis isa waliin Raadiyoonii Itoophiyaa Qophii Afaan Oromoo Finfinneerraa darbu keessa waliin hojjechuuf carraa argadheera. Mee seenaa isaa walitti dhiheenya Gaazexeessaa Kiflee wajjin qaburraafi, daandii qilleensa Itoophiyaa keessa kan hojjechaa jirtu mucaasaa ishee dhumaa kan taate Aadde Haannaa Kifleerraa odeeffannoon walitti qabadhe muraasa isin dubbisiisa.

Magaalaa Finfinnee keessatti bara nuti Afaan Oromoo yeroo haasofnu, oftuultoti akka tuuristiitti ykn akka namoota hin aroomnetti nu ilaalanitti, gaazexeessaan kun raadiyoonii irraan sagaleesaa isa bareedaadhaan “Kun Raadiyoo Itoophiyaa Qophii Afan Oromooti” jechuudhaan qilleensa samii Itoophiyaa irraan jamaatti Afaan Oromoo labsedha.

Gaazexeessaa Kifleen abbaa isaa Obbo Jootee Gammachuufi haadhasaa Aadde Qajjisee Gammachiis Onesmoos Nasiib irraa bara 1937 kuta biyyaa Wallagaa koonyaa Gimbii durii magaalaa Najjootti dhalate. (Kan Macaafa Qulqulluu gara Afaan Oromootti hiike Onesmoos Nasiib akaakayyuu Aadde Qajjiseeti.)

Kifleen yeroo umriinsaa barumsaaf ga’u mana barumsaa sadarkaa 1ffaafi sadarkaa 2ffaa giddugaleessaa Ergamoota Wangeela Siwidinii magaalaa Najjootti hamma kutaa saddeettaffaatti barate. Sana boodammoo magaalaa Naqamteetti kan argaman eessumasaa Luba Iddoosaa Gammachiis Onesimoos Nasiib taa’ee mana barumsaa sadarkaa lammaffaa olaanaa Qadamawii Hayila Sillaasee Naqamtee kutaa 9-12tti baratee xumureera.

Sana boodas Finfinnee dhufuudhaan dur Yunivarsitii Qadaamaawii Hayila Sillaasee kan jedhamu kan booda Yunivarsitii Addis Ababaa jedhame bara 1962-1965tti Kolleejjii Barumsa Bulchiinsa Daldalaa (Business Administration) waggoota sadii baratee erga xumuuree booda eebbifamuuf yeroo waggaan tokko isaa hafu gidduutti dhiisee Hagayya 18 bara 1957 Ministeera Beeksisaa kan jedhamaa ture keessatti rippoortara raadiyoonii Itoophiyaa waliigalaa ta’ee qacaramee, hamma Fulbaana30 bara 1963tti tajaajileera.

Sana boodas qajeelcha raadiyoonii sana keessatti Onkololeessa bara 1963- Sadaasa 20 bara 1967tti Ittigaafatamaa (hogganaa) waliigalaa kutaa oduu raadiyoonii Itoophiyaa ta’ee tajaajileera.

Gaazexeessaa Kifleen osoo kanarra jiruu mootummaa Hayila Sillaasee galagalchee aangoo mootummaa kan qabate Dargiin Afaan Oromoofi Afaan Tigreetiin sagantaa raadiyoonii jalqabuuf murtii dabarseen gaazexeessitoonni sagantaa kanarratti hojjetan yeroo barbaadamanitti Ministeerri Beeksisaa qajeelchi raadiyoonii Itoophiyaa

 Kifleen durumaanuu achi keessa waan hojjechaa jiruuf ittigaafatamummaan gara kutaa Afaan Oromootti jijjiirame. Haaluma kanaan Gaazexeessaa Tamasgeen Gammadaafi Kumaa Eda’ee raadiyoonii Itoophiyaa qophii Afaan Oromoo magaalaa Harar irraa darbu keessaa Finfinneetti ol fudhachuudhaan, Kiflee waliin Muddee 18 bara 1967 raadiyoonii Itoophiyaa qophii Afaan Oromoo yeroo jalqabaaf dabarsuu jalqaban.

Gaazexeessaa Kifleen raadiyoonii Itoophiyaa Qophii Afaan Oromoo hamma Onkololeessa 30 bara 1969tti erga tajaajilee booda Sadaasa 1972 gara Ministeera Beeksisaa, dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Gaazexaa ‘The Ethiopian Herald’ Afaan Ingiliziin Wiixatarraa kan hafe guyyaa hunda maxxanfamurratti bara 1976tti Qopheessaa Olaanaarraa eegalee hanga sadarkaa Associate editor in chief ta’uudhaan hanga bara 1996tti tajajilaa erga turee booda gaaffii ofiisaatiin soorama ba’e.

Gaazexeessaa Kifleen ‘International Institute of Journalism College of Solidarity’ irraa barumsa fageenyaa gaazexeessummaa hordofee waraqaa ragaa argateera. Kana malees “Vision International University “ jedhamurraa barumsa Amantiidhaan ‘The Degree of Bachelor of Theological Studies’ dhaan eebbifameera.

Gaazexeessaa Kiflee Jootee Gammachuu baroota ogummaa gaazexeessumaarra ture mirga Oromootiif quuqamee qabsaa’aa ture. Hunda dura Oromummaa isaatti kan boonu ture. Kabajamuu mirga Oromootiifis qabsaa’ota dhaaba mirga Oromoof dhoksaadhaan baroota sana socho’anii wajjinis walitti dhiyeenya qabuun mari’achaa yaadaafi gorsa kennaa ture.

Gaazexeessaa Kifleen gaazexeessitoota waliin hojjetu, hoggantootasaafi gaazexeessitoota inni hogganuu wajjin hariiroo gaarii qaba ture. Naamusi hojiirratti qabus gaazexeessitootaafi hoggantoota Ministeera Beeksisaa dhaabbata garagaraa biratti baaay’ee jaallatamaaa ture.

“Kun Raadiyoo Itoophiyaa Qophii Afaan Oromooti” jechuudhaan yeroo sagantaan raadiyoonii Itoophiyaa jalqabu sagaleen dhageessan kan gaazexeessaa jaallatama Kiflee Jooteeti. Gaazexeessaa Kifleen abbaa ijoollee dhiiraa afuriifi durbaa lama (Daani’eel Kiflee waggaa torba dura kan du’e, Doktar Daawwiit Kiflee kan Ameerikaa jiraatu, Barsiisaa Ayyaansaa Kiflee, Computer Engineer Salamoon Kiflee, Aadde Lamlam Kiflee Baankii Daldalaa Itoophiyaa keessaa kan hojjettu, Hannaa Kiflee Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessatti (‘crew scheduler’) ture. Gaazexeessaa Kiflee dhukkubsatee manuma jireenyaasaa keessatti utuu waldhaanamuu Sadaasa 9 bara 2011 adduunyaa kanarraa du’aan gargar ba’eera.

Yaa dubbistootaa! namooti biyyaaf qooda olaanaa raawwatan, seenaan isaanii barreeffamee dhalootaa gara dhalootaatti darbuu qaba ejjennoo jedhun qaba. Waan kana ta’eef, kunoo seenaa Kiflee gabaabinaan isin dubbisiisuuf yaaleera. Intalasaanii Aadde Hannaa Kiflee, maqaa keessaniin nan galateeffadha; isinis waan dubbistaniif galatoomaa!

Isaayyaas Hordofaa Mijenaa / Gaazexeessaafi Barreessaa/

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016

Recommended For You

One Comment to “Mee isaan haayaadannu!”

  1. Pingback: white-zerbert

Comments are closed.