Duudhaafi aadaa Ayyaana Cuuphaa keessatti calaqqisan

Itoophiyaatti Ayyaanni Cuuphaa waggaa waggaan Amajjii 11 Finfinnee dabalatee kutaalee biyyattii garagaraatti haala ho’aan kabajama. Ayyaanni kun qabiyyee amantiifi aadaa of keessaa qaba. Yeroo baay’ee aadaafi amantiin walirraa hinfagaatan; walittis hinbu’an. Barreeffamni kun qabiyyee aadaa Ayyaana Cuuphaa keessa jirurratti xiyyeeffata.

Ayyaanni Cuuphaa qabiyyee amantiin cinatti taateewwan aadaa garaagaraa raawwachuun kabajama. Taateewwan aadaa kabaja ayyaanichaan walqabatanii raawwataman ilaachisuun gaafdeebii Ittigaafatamtuu Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Shawaa Kaabaa Aadde Meeroon Mokonnin Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisan akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessineera.

Akkasaan jedhanitti, Ayyaanni Cuuphaa ayyaanota dirree irratti haala ho’aan kabajaman keessaa isa tokko. Keessumaa akka godinichaatti, ayyaanichi kan amantii qofa utuu hintaane waltajjii aadaafi duudhaan Oromoo itti calaqqisiisuudha. Dargaggoonniifi shamarran ayyaanichaan dura qophii cimaa taasisu. Guyyaa ayyaanichaa dargaggoonni goofaree filatanii shamarran ammoo rifeensa mataa tolfatanii uffannaa haaraa bitatanii ykn kanuma duraan qaban miiccatanii ayyaanicha kabaju. Ayyaanichi waltajjii dargaggoonniifi shamarran itti wal ilaallataniifi itti walkaadhimmataniidha.

“Aadaan ‘Wadaajii’ godinichatti bal’inaan beekama. Wadaajiin aadaa dargaggoonniifi shamarran waljaallatan itti walitti sirbaniifi ragadan akkasumas itti waldhungataniidha. Ayyaanni Cuuphaa waltajjii dargaggoonniifi shamarran itti wal ilaallataniifi ayyaanichaan booda maatiisaaniitti beeksisaniidha. Maatiinis shamarree ilmisaanii ayyaanicharratti ilaallate akka aadaa Oromootti kaadhimmatanii fuusisu” jedhu.

Ayyaanni Cuuphaa uffannaa aadaa Oromoo beeksisuu keessattis gahee guddaa akka qabu kaasanii, guyyaa ayyaanichaa kees­sumaa dargaggoonniifi shamarran uffan­naafi faayaawwan aadaatiin bareedanii ayy­aanicharratti kan hirmaatan ta’uu dubbatu. Ayyaanicharratti namni hundinuu dursee itti qophaa’ee uffannaa haaraa akka bitatu­ufi kan uffannaa haaraa hinbitannes kanuma qabu miiccatee uffatee ayyaanicharratti akka hirmaatu himu. Keessumaa waggoota muraasaa as uffannaan aadaa Oromoo ayy­aanicharratti daran babal’achaafi beekamaa jiraachuufi kunis uffanni aadaa Oromoo Ayyaana uffannaa aadaa Oromoo beeksisu­ufi guddisuu keessattis gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu ibsu.

“Jala bultii ayyaanichaatti dargaggoonni rifeensa mataasaanii filatanii shamarran ammoo rifeensa mataasaanii dhahatanii uffannaafi faayaawwan aadaatiin miidhaganii ayyaanicharratti hirmaatu. Ayyaanichi waltajjii sirboonni haaraan itti dhiyaatan waan ta’eef keessumaa dargaggootaafi shamarran biratti hawwii guddaadhaan eegama. Hundumtuu dursee qophii barbaachisu xumuree ayyaanicha miira gammachuu, jaalalaafi obbolummaatiin waan kabajuuf hariiroo hawaasaa cimsuu keessattis gahee guddaa qaba” jedhu.

Akka ibsa Aadde Meeroonitti, guyyaa Ayyaana Cuuphaa farda gulufuunis aadaa godinichatti daran beekamuudha. Guluffiin fardaa taabotni erga galee booda raawwatama. Taabonni erga galee booda sirboonniifi shubbisni aadaas hanga galgalaatti taphatama. Guluffiin fardaa, sirboonniifi shubbisni aadaa kun namoota hedduun daaw’atama. Ayyaanni Cuuphaa ayyaana miira tokkummaafi obbolummaatiin kabajamu waan ta’eef namoota hunda biratti hawwii guddaadhaan eegama.

Ayyaannichi ayyaana saboonni, sablammoonniifi ummattoonni tokkummaan waliin kabajan ta’uu himanii, kanaafuu hundumtuu duudhaa ayyaanichaa eegee miira tokkummaa, jaalalaafi obbolummaatiin kabajuun akka irraa eegamuufi nageenya ayyaanichaa eeguufi eegsisuunis gahee hundaa ta’uu hubachiisu. Nageenya ayyaanichaa mirkaneessuuf keessumaa dargaggoonni qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa ayyaana ummataa dirreetti kabajamuudha. Nageenya ayyaanichaa eeguun gahee qaamolee nageenyaa qofa utuu hintaane gahee hundarraa eegamu ta’uu beekuun gumaacha eegamu taasisuu akka barbaachisu yaadachiisanii, ayyaanichi duudhaasaa eegee akka kabajamuuf hundi keenya gahee nurraa eegamu bahachuu qabna jechuun Aadde Meeroon dhaamsa dabarsaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa Mootummota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa (UNESCO) irratti hambaa kiliyaa addunyaa ta’ee waan galmaa’eef duudhaa ayyaanichaa eeguufi kunuunsuun dhaloota dhufutti dabarsuun gahee hunda keenyarraa eegamuudha.

 Natsaannat Taaddasaatiin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016

Recommended For You