“Ayyaanonni akka Cuuphaa addababa’iitti kabajaman duudhaaleesaanii ganamaatti deebi’uu qabu” – Abbaa Daani’eel Haasoo (PhD)

Dubbistoota keenya amantii Kiristaanaa hordofan maraan baga ayyaana Cuuphaa har’a kabajamaa jiruun nagaan isin ga’e jechaa Bariisaan maxxansasaa kanaan ayyaanichuma sababeeffachuun gaafdeebii hayyuu amantii cimaa tokko wajjin taasise qabatee dhiyaateera.

Hayyuun kunis Abbaa Daani’eel Haasoo (PhD) jedhamu. Bataskaana Kaatolikii Itoophiyaatti Ittigaafatamaa Kutaa Barnootaati. Turtii isaan wajjin taasisneen dhimmoota iccitiiwwan (dhoksaawwan) cuuphaafi duudhaasaa, dhaloota naamusaan qaruu, haasaa jibbiinsaa tibba darbe phaaphaasiin tokko tamsaasan, marii biyyaalessaafi waa’ee ulgaa galaanaa kaasneerraa dubbisa gaarii.

Gaafdeebii keenya kan eegalle eebba Abbaa Daani’eel ittaanuuni. “Ummanni kiristaanaa jaalatamoon, Waaqayyo arjaan hunda keessan nagaan eegee baga Ayyaana Cuuphaa gooftaa keenya Yesuus Kiristoos bara 2016n isin gahe.

Bariisaa: Abbaa Daani’eel eessatti dhalatan?

Abbaa Daani’eel: Kanin dhaladhe Godina Arsii Lixaa, naannawa Shaashamanneetti.

Bariisaa: Haala barnootaafi hojii keessanis otoo nuu ibsitanii?

Abbaa Daani’eel: Ergan barnoota falaasamaafi tiyoolojii biyya keessatti hordofee booda ALA bara 1997 lubummaan naa kenname. Kanaanis iddoowwan adda addaatti tajaajileera. Fakkeenyaaf Ambo, Jimma, Kafaafi Naqamteefa’itti ittigaafatamaa Kaatolikii ta’ee hojjedheera.

Booda barnootaaf gara Ameerikaa, Chikaagootti ergamee maastarsiifi ‘PhD’ koo hoggansaafi maanaajimantii barnootaa (educational leadership and management) hojjedhe. Barnoota koo xumuree deebi’ee iddoowwan adda addaatti hojjedheera. Ammaan tana ammoo akkuma irranatti eerree Bataskaana Kaatolikii Itoophiyaatti Ittigaafatamaa Kutaa Barnootaa ta’een hojjetaa jira.

Bariisaa: Waliigalaan bataskaana Kaatolikii keessa hammam tajaajiltaniirtu?

Abbaa Daani’eel: Bataskaanicha keessa gara waggoota 30f tajaajileera. Oggaan Chikaagoo barnootarra turettis lammiilee Itoophiyaa amantii Kaatolikii hordofaniif tajaajila kennaan ture. Daalaas Teeksaasitti, Minisootaa, Atilaantaa Joorjiyaas, Waashingitan Diisii, Meerilaandiifi Niiwu Yorkifaas qiddaaseefi tajaajoota adda addaa kennaan ture.

Bariisaa: Har’i ayyaana cuuphaatiii Bataskaanni Kaatolikii Itoophiyaa haala kamiin kabajji, waa’ee iccitii Cuuphaas nutt himaamee?

Abbaa Daani’eel: Hunda dura hiika Cuuphaa ilaaluu barbaachisa. Bataskaana keenyatti Cuuphaan iccitii guddaa of keassaa qaba. Iccitichi fayyina wajjin kan walqabatuudha. Waaqayyo erga dhala namaa uumee (Addaamiifi Hewaan jennata kaa’ee) booda isaan balleessa raawwatanii jennataa ari’amu.

Erga ari’amanii booda cubbuu ykn balleessaansaanii dhala namaa hunda bira qaqqabe. Cubbuun ammoo kan haqamu iccitii Cuuphaa keessa jiru qofaani. Gooftaan Keenya Yesuus Kiristoosis laga Yordaanos bu’ee cuuphamaa ture. Kun Gooftaan Yesuus Kiristoota cubbamaadha jechuu miti.

Oggaa iccitii Cuuphaa ilaallu bishaan matumasaatiin xurii irra keessaa kan qulqulleessuudha. Qaama keenya ittiin qulqulleeffanna, uffatas ni miiccanna. Hafuura cubbuudhaan xuraa’erraas kan nu qulqulleessuudha jechuudha. Egaa akka amantii keenyaatti dhalli namaa yoo hincuuphamne mana Waaqayyoo galuu hindanda’u.

Iccitiin Cuuphaa Laga Yordaanos wajjinis kan walqabateedha. Kunis yeroo sabni Israa’el gabrummaa Misir jalaa bilisa ba’etti karaa deemaa turetti gabrummaa jalaa bilisa kan ba’an erga Laga Yordaanos ce’ee booda.

Kanaaf Gooftaan Keenya Yesuus Kiristoos yeroo Laga Yordaanositti cuuphametti bishaan addunyaa eebbifameera jechuudha. Tokko tokkoon lagaa, garbaa, galaanaa hundi waan miilli qulqulluun Gooftaa Keenya Yesuus Kiristoosiin seeneef qulqullaa’aniiru. Kun iccitiiwwan Cuuphaa kan agarsiisuudha. Fayyinaaf Cuuphamuun daran barbaachisaadha.

Bariisaa: Ergaan ijoo Cuuphaa maalinni, akkamittis ibsama?

Abbaa Daani’eel: Akka ijootti oggaa cuuphaa jennu akka dubbii hafuuraatti karaa xurii cubbuurraa ittiin qulqulloofnuudha. Fakkeenyaaf oggaa qaama keenya dhiqannu nutti tola. Miira addaatu nutti dhaga’ama. Akkasumas iccitiin hafuuraa Cuuphaa dhugaatti lubbuu keenya akkuma irri qaama keenyaa dhiqamu eenyummaan keessoo keenyaa iccitii cuuphaatiin cubbuun raawwanne ni qulqullaa’a. Cubbuun Cuuphaa kana jalaa miliqu hinjiru. Cubbuun kamuu ni haqama jechuudha. Kanaafi, lubbuun keenya akka daa’ima reefu dhalatee kan taatuuf.

Namni oggaa carraa argatee cuuphamu jireenyaa haaraatti ce’a. Karaa itti dukkana keessaa gara ifaatti ceenudha. Lubbuu keenya xuraa’erraa gara qulqulluutti ceena jechuudha; iccitii ykn dhoksaan cuuphaa keessa jira. Akkasumas ijoollee Waaqayyo nu taasisa.

Hiika kanaas kan argannu gooftaan keenya Yesuus Kiristoos erga laga Yordaanositti cuuphamee booda bifa bullaallaa (makoditiiin) mucaan koo jaaladhu kana jedhee Waaqayyo sagalee dhageessisa. Yeroo hundi keenya cuuphamnu ammoo sagaleen ‘mucaa koo si jaaladhu’, jedhu nidhaga’ama jechuudha. Haaraa taana. Obbolaa taana.

Bariisaa: Erga akkana ta’ee bataskaanni Kaatolikii ayyaana Cuuphaa kana akkamitti kabajji? Dhaabbileen amantii kiristaanaa tokko tokko duudhaalee aadaa wajjin, akkasumas addababa’iiwwan faayawwan adda addaatiin miidhagsuudhaan waan kabajaniif jechuu kooti.

Abbaa Daani’eel: Cuuphaan ayyaanota guguddoo bataskaanni keenya kabajju keessaa tokko. Ayyaana erga Qilleen kabajamee dhufuudha. Nuti dhoksaa cuuphaa kana kan kabajnu faarfannaa, lallaba, hunda caalaa qiddaaseedhaani. Bataskaanatti hunda dura qiddaaseef dursi nikennama. luqisiiwwan ykn sagaleen Waaqayyoo achirratti dubbifaman hundi ayyaana Cuuphaatiin kan walqabataniidha.

Lallabnis akkasuma. Booda naannawa bataskaana keenyaas ninaannofna. Faarfannaawwan cuuphaadhaan walqabatanis nifaarfatamu. Iddoo tokko tokkotti haalli taabota qabannee laga ittibuunus jira. Taabota keessa qubachiisuuf qarqara lagaati godoowwan nihojjetamu.

Taabonni waaree booda (jala bultii) bahee achi bula. Ganama bariidhaan dhaqamee lagichi kaahinii (dura bu’aa amantiitiin) eebbifama. Kaahinichi bishaan eebbifame ummatattis facaasa. Yoo namoonni baay’atan warri cuuphaman bahaa warri kaan dhiyaatanii cuuphamu. Gara qiddaaseettis seenama.

Waaree booda faarfachaa gara bataskaanaatti deebina. Haalli kun keessumaa bataskaanota baadiyyaatti argamanitti ni raawwatama. Iddoo kaanitti aarsaan qiddaasee ni dhiyaata; dhoksaa ykn iccitiin cuuphaa bal’inaan ni ibsama. Kaardinaalli, phaaphaasii, kaahiniifaan dhimma cuuphamuu Gooftaa keenya Yesuus Kirsistoosiin walqabsiisuun lallabu.

Taateen kun duudhaa aadaas of keessaa qaba. Yeroo tokko tokko of eeggannaan kan barbaachisu akka hiikkaa amantummaasaa gadi hinlakkisneedha. Oggaa aadaan walittidhufu dhawaataan hiika hafuurummaasaa gadilakkisee namni callisee gara sirbaatti geessa.

Innis gaarii ta’ee garuu hiikaasaa jalqabaa akka hindhabneef of eeggannaa cimaa gochuufi hubachiisuu barbaachisa. Fakkeenyaaf oggaa ummanni walittiqabamu akkuma sanaan akka sirbi hineegalamne gochuu barbaachisa. Namoonni ayyaanichaaf bahan hundi ergaa cuuphaatiif dursaafi xiyyeeffannoo kennuu qabu.

Iccitiin cuuphaa walitti nu hidheera, tokko nu taasiseera. Waljaalachuu, walitti dhiyaachuu barbaachisa. Hiiknisaa hafuuraas kana. Ta’uu baannaan waldhaga’uutu bada. Hundi keenya cuuphaadhaan waan ilmaan Waaqayyo taaneef iccitii achi keessa jiru dagachuu hinqabnu. Ijoolleen maatii tokkoo ammoo walii yaaduufi waljaalachuu qabu; ergaan ijoon cuuphaas kana waan ta’eef.

Bariisaa: Iddoowwan tokko tokkotti waa’ee hafuuraarra addababa’ii miidhagsuufaatu bal’inaan mul’ata. Kun dagannaa irranatti kaastan akka hinhordofsiisneefi duudhaasaa ganamaa akka gadi hinlakkisneef maaltu ta’uu qaba jettu?

Abbaa Daani’eel: Waantonni addababa’iitti fannisnuufi kkf hundi hiikkaa cuuphaa wajjin kan deemu ta’uu qaba. Wantonni fannisnu duudhaa ayyaanaarraa kan fagaate akka hintaaneef sirriitti of eeggachuu qabna. Lagni kofalchiisaa nama fudhata jedhama. Kanaaf, namatti tola, nimiidhaga jennee oggaa waan ergaa ayyaanicha wajjin hindeemnu ittidaballu hiikaa hafuuraasaa dhaba. Kun akka hintaaneef ammoo abbootiin amantii irra naanna’anii ilaaluudhaan wanti sirrii hintaane akka sirratu gochuu qabu. Wanti taasifamu kamuu miiraan kaka’amee akka hinraawwatamne gochuu barbaachisa. Haalli kun akka nu harkaa hinbaane gochuu qabna. Yoo hinhordofne garuu nu harkaa baha.

Dhugaa dubbachuuf qabxii gaarii kaaste. Yeroon Ameerikaa turetti ayyaana Qillee adeemsa keessa gara bizinasiifi beeksisaatti jijjiiraniiru. Gabaa meeshaaleen ittidaldalaman taasisaniiru. Waantota cululuqoo wajjin muuziqaafaa gurguraa turan.

Booda namni waa’ee Qillee yaaduu dhiisee waa’ee bittaafi gurgurtaarratti xiyyeeffate, suuqii kamiin kana bita jechuutti ce’e. Qilleen hiikaasaa hafuuraa gadilakkise. Kanaaf nuti hanga dandeenyetti waantotuma ayyaanicha wajjin deeman faarfannaa, shubbisa hafuuraa raawwachuu qabna. Oggaa gara taabonni bulu deemnus oggaa shubbisnuufi dibbee rukunnullee of eeggachuu qabna. Cuuphaa hunda dursinee xurii keessoo keenya turerraa bilisa ittitaanu jechuudha.

Sababiinsaas namni cubbuufi gabrummaa keessa jiru cuuphaadhaan qulqullaa’a. Israa’eloonni erga Laga Yordaanis ce’anii booda bilisa ta’ani; oggaa gara dachee abdiitti imalan jechuudha. Karaa biraatiin hiikni Yordaanos mallattoo bilisummaa jechuudha.

Erga sana ce’anii booda. Nutis cuuphaadhaan gabrummaa cubbuu jalaa bilisa baaneerra. Oggaa kana goonu ijjisaa nimul’ata. Yoo ta’uu baate waldhiibuutu dhufa. Garuu hiikaa hafuuraarraa hinfagaanne waliiyaaduun, waljaalachuun nidhufa.

Amma kan biraa haa hafuu tokko isa kaan hinbuqqisu. Ijoollee Waaqayyoo taaneerra kaa. Yoo hundeessaarraa fagaachaa deemne garuu gaarii hinta’u. Kanaaf yeroo ayyaanota akkanaa hiika hafuuraasaatiif xiyyeeffannaa kennuu qabna. Wantonni cululuqoon akka nu hinmooksine of eeggachuu qabna. Diikoreshiniin garmalee baay’achuu hinqabu.

Bariisaa: Dhaloonni kun akka hundee amantii hordofuu gadi hinlakkifneefi naamusaan ga’oomee akka qaramuuf keessumaa dhaabbileefi abbootii amantiirraa maaltu eegama?

Abbaa Daani’eel: Gaaffii gaariidha. Amma kan gochuu qabnu hojiilee gabbisa hubannoo ayyaanota dura hojjechuutu nurraa eegama. Yeroo akkanaatti cuuphaa kabajuufi, jennee dursinee qophaa’uu qabna. Namnis gara mana amantiisaa dhaquu qaba.

Kun hiika hafuuraa ayyaanichaa irradeebiin akka hubatuuf isa gargaara. Amantoota sirriitti hubachiisuu barbaachisa. Oggaa ayyaanicha kabajuuf gara dirreetti baatan akkuma Yesuus Kiristoos yeroo lafa kanarra turetti yeroo hunda ulfina abbaasaa calaqqisiise, isinis amantoonni ykn miseensonni warra amantii bataskaanichaa ibsitaniidha.

Kunis kan ta’u sirbaan, daldalawwan adda addaa raawwachuun miti. Sababiinsaas warri dhoksaan cuuphaa hingalleef waa hubachuuf waan isin eeganiif. Amantoonni kitaaba dubbifamu ta’uu qabu jedhanii dhaabbileen amantii hordoftootasaanii hubachiisuu qabu. Yoo kun ta’e warra sarararraa goranii waan hinamalle raawwatan karaatti deebisuun ni danda’ama. Hanguma hunduu hubachaa deemuun kaahinniillee ta’uu baatan barsiisaa jalqabaa ta’u.

Biyya amantoonni miiliyonotaan lakkaa’aman jiranitti waa’ee waraanaa dhaga’uu hinqabnu. Garajabeenyis baay’achuu hinqabu. Gochoota akkanaatti leeyya’uu qabna. Kanneen iccitii cuuphaa hinbeekneefi amantii hinqabnellee oggaa waliiyaadan, walitti dhiyaatan agarra. Haalli amma argaa jirru kan nama qaanessu mitii? Nu ga’a hinjennuu? Gara bu’uuraatti deebi’ee hiikaa hafuuraa cimsinee qabachuu qabna.

Abbootiin amantii ammoo osoo abdii hinkutiin cichanii hojjechuu qabu. Fakkeenyaaf Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos otoo abdii hinkutatiin irra deddeebiin barsiisaa ture. Booda sirriitti galeef; hanga lubbuusaanii kennaniifitti. Dhaabbileen amantii hordoftootasaanii sirriitti qabachuu qabu. Waanti guddaan hiika hafuuraarratti xiyyeeffachuudha, inni kaan irraa hafaadha. Wanti irraa hafaan ammoo akka irraa hafummaasaatti ilaalamuu qaba malee kan bu’uurasaa dhiisu ta’uu qabu. Kan hiikasaa jijjiirsisu ta’uun irra hinjiraatu.

Bariisaa: Bataskaanni Kaatolikii waantota cululuqoo irranatti ibsitanirra hojiilee sagalee dhokfatee hojii hafuuraa akka hojjettuudha kan himamuuf. Dhaabbileen amantii kuun muuxannoo kana akkamitti ilaalu?

Abbaa Daani’eel: Dhugaadha. Akkuma irranatti jedhe tokko tokkoon hordoftoota kaatoolikii naamusa kana ni beeku. Erga gara bataskaanaa dhufanii booda sirna barbaachisu raawwatu. Kadhannaan ni adeemsifama. Achii qiddaaseetu eegalama. Oggaa eegalan ummanni callisee dhaggeeffata. Barnoonni kennamu, lallabni lallabanu hundi dhimma Cuuphaarratti kan xiyyeeffateedha.

Dhoksaa Cuuphaa keessa jiru garraamummaa malee yaaduu hindandeenyu. Bishaan Waaqayyo uume keessa seenameeti kan cuuphamu. Uumama uume harkatti cuuphames. Cuuphaa Yohaannis harkatti cuuphame. Garraamummaadhaan gadi of qabee jechuudha. Kanaaf bataskaana Kaatolikiitti garraamummaarratti xiyyeeffatame, gadi of qabne, oftuulummaan hinbarbaachisu. Eenyummaa garraamummaan ni barbaachisa jettee barsiisti kaatolikiin. Barumsi haala kanaan kennama.

Qiddaasee booda bidiruun bishaanii ni qophaa’a. Kadhannaan addaa taasifamee erga eebbifamee booda namni hundi bishaan qophaa’e ittifacaafama. Kaatolokiin akkuma jedhame waantota cululuqoofi wajwajiirratti hinxiyyeeffattu; hinjajjabeessitus. Inni biraa namoota rakkatan hunda gargaaruun akka barbaachisuu barsiisti, nama amantii kamuu hordofu jechuudha.

Dhala namaa gargaarsi maluuf kamuu utubamuu akka qabu ni barsiisti. Kan gargaarrus otoo namuu nu hinargiin gadi of qabnee dhoksaadhaani. Haaluma Gooftaa Yesuus raawwateen jechuudha. Biyya alaattis haaluma kanaan bishaan bidiruutti guutamee namootatti facaafama.

Bariisaa: Keessumaa waggoota muraasaa as ayyaanonni addababa’iitti kabajaman madda yaaddoo ta’aa jiruutii kun akkamiin sirrachuu qaba jettu; akka namoonni ayyaanicha gammadanii kabajatanii deebii’aniif?

Abbaa Daani’eel: Dhugaadha. Bakkan ittidhaladhe, naannawa Shaashamanneetti mammaaksi tokko jira. Jaarsoliin wayii otoo waliin deemaa jiranii laga tokko bira qaqqabu. Lagni amalumasaatiin bakka dhagaan jirutti sagalee dhageessisa. Oggaa bakka caljedhe ga’an sochiin ni jira. Ahaa, bishaan laga kanaa akkami, sochiin kamuu mul’achuun irra hinturre jedhanii dhaabatanii ilaalu. Jaarsolii keessaa tokko, “Wanti bishaan kana sochoosumee waan keessasaa jiruudha malee akka barametti bishaan kun caljedhee yaa’uu qabaayyu, bakka wanti isa sochoosu hinjirretti jedhee deebiseef jedhama.

Fakkeenyaaf ayyaanonni addababa’ii kan yaaddoo nutti ta’aniif hunduu adeemsa ofii qabu. Namoonnis baay’inaan irratti hirmaata; haaluma naamusa qabuun deemu. Garuu ni sodaanna. Kan biraa hammuma hiika ykn duudhaa ayyaanota addababa’iirraa fagaachaa deemnu (Irreechaas ta’e Cuuphaa) duudhaasaanii ganamaatiin abboomamu dhiisnee olaantummaa keenya kanirratti calaqqisiisuutu uuma.

Amma baay’anneerra jennee akka waan warri kaan nuu gadi ta’aniitti fudhannee yeroo tokko tokko akka doorsisaatti fudhachuun ni jira. Garuu duudhaan ganamaa akkanatti hinbarsiisu, kan Irreechaas ta’e cuuphaa jechuudha. Garuu sodaan, shakkiin keessa keenya jiru ni mul’ata.

Waan kanaan dura ittiin miidhamne jennu yeroo akkasii calaqqisiisuu yaalla. Namoonni Tiishartii fa’irratti ergaa hinmalle bocanii ykn barreessanii uffachuun waan yaadan calaqqisiifachuu yaalu. Kun dhugaadhumatti barsiisa dhaabbilee amantiitiin ala kan raawwatamuudha. Kanaanis olaantummaasaanii agarsiifachuu yaalu.

Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos gadi of qabee garraamummaasaa agarsiise. Barruu uumama ofii uumeen cuuphamee garraamummaa kan barsiisuuf. Gooftaa Yesuusiif cuuphaan hinbarbaachisu ture. Kanaafuu waa’ee humnaa Waaqa Uumaa guddichaaf dhiisuudha. Hammuma fedhe lakkoofsi keenya baay’ateef waan ayyaanicha wajjin hindeemne raawwachuu hinqabnu.

Hammuma ayyaanonni addababa’ii dhufu maaliif yaaddofna? Kanarra nu ga’a jechuu qabna. Walutubuu qabna. Yeroo ayyaanota Musliimaa bakka ayyaanicha ittikabajamu Kiristaanonni bahanii qulqulleessuun hiika guddaa qaba. Yeroo kan Kiristaanaas akkasuma jechuudha. Hojiilee gaarii akkanaa babal’isuudha malee tokko isa kaaniif yaaddoo ta’uu hinqabu. Namni bakka Uumaa qabachuuf yaaluu hinqabu.

Waantonni ta’aa jiran baay’ee nama dinqu mee. Yeroo tokko tokko otoo hinbeekiin iddoo Uumaa fudhachuuf yaalla. Gocha koo qofatu sirriidha jechuunis jira. Isa Uumaadhaaf haa dhiisnu. Hundi keenya mee dhumarratti fuuldurasaatti dhiyaannaa. Jecha dhumaa wanti jedhamu jira.

Fakkeenyaaf, waajjiraalee dhaabbilee amantiitiin ala jiranittillee jecha geggeessaan hojii waajjirichaa fayyadamutti isuma malee namni biraa fayyadamuu hindanda’u. Hojiirraa kan geggeeffamu oggaa inni mallatteessuudha. Warri isa wajjin jiran kana gochuu hindanda’an. Kan Uumaa Uumaadhumaaf dhiisuutu barbaachisa.

Yoo isaaf dhiisne garraamota taana, jechi kun kan koo otoo hintaane kan Uumaati jenna. Hundi keenya araarasaatiin malee oftuulummaa keenyaani miti kan deddeebi’uu qabnu. Namni waan garaa keessaa waan hinbeekneef eexoo ittidhuga jedhama. Nama biraatti murteessuu hinqabnu. Isuma beeknullee jilbeeffannee, boonyee araarasaatti amannee malee yoo karaa kanarra deemte, gorte malee jechuu hinqabnu.

Gaaffichi gaaffii gaariidhaa ayyaanonni addababa’iitti kabajaman kamuu duudhaaleesaanii ganamaatti deebi’uu qabu. Duudhaalee sabootaa keessaa akka hubannutti dur oggaa waraanaafillee deeman qophii addaatu taasifama. Ajjeesuu qofa miti du’u danda’a jedhamee qophiin duraa taasifama. Warri biyya lafaallee haala kanaan qophii taasisu.

Ayyaanonni addababa’ii madda yaaddoo ta’uurra kan walta’iinsaa, waliiyaaduu, walittidhiyaachuun irraa calaqqisu ta’uu qabu. Kan aadaaleefi duudhaalee uffannaafi kkf hawwiidhaan irraa baratamu ta’uu qaba. Kanaafis akkuma jedhame qophiin duraa sirriitti taasifamuu qaba. Tokko isa kaaniif madda yaaddoo ta’uu hinqabu. Biyyi waliinii tokkittii Waaqayyo nuu kenne eeggachuu qabna.

Bariisaa: Bataskaanni Kaatolikii afaanota, duudhaaleefi aadaa sabootaatiif hammam beekamtii iddoo kenniti? Fakkeenyaaf gama hawaasni akka afaansaatiin waaqeffatu gochuutiin fa’iin.

Abbaa Daani’eel: Dhugaa dubbachuuf gaaffii daran namatti toluudha. Batskaanni Kaatolikii jecha tokko qabna kan ‘inkaalchuleeshin’ jedhamu. Inkaalchuleeshin jechuun bataskaanni oggaa aadaa kamuu keessa seentu aadicha ni ilaalti. Afaanirraa kaasee akkamiin wangeelli akka achitti galurrattis ni hojjetti. Kaahinoonniifi phaaphaasonni achi deeman dursanii afaan sabichaa baratu. Baratanii isumaan lallabu, ittiin qaddasu. Hojiin hiikaas ni geggeeffama. Qiddaaseen, faarfannaaniifi barumsi afaanuma sabootaatiin geggeeffama. Ambaasaaddaroota biyyoota adda addaa Finfinneetti argamaniifis tajaajilli afaanota gara garaatiin kennama. Gochoota barsiifataa dhala namaarraan miidhaan hingeenyeen ala bataskaanni keenya afaan, aadaafi duudhaa sabootaafi ummatootaatiif beekamtii ni kenniti, ni barsiistis.

Bariisaa: Naamusni laafee bakkatti akka deebi’uuf keessummaa dhaabbileen amantii xiyyeeffannaa akkamiitiin hojjechuu qabu?

Abbaa Daani’eel: Bakka Waaqeffannaatti gochi hamaan kamuu raawwatamuu hinqabu. Gocha mitii jechi cimaanuu gonkumaa dhaga’amuu hinqabu. Fakkeenyaaf nuti kan barsiisnu maatii keessatti abbaafi haati yoo walitti aaran erga ijoollee raffisanii booda haala sagaleensaanii hindhaga’amneen akka mari’ataniidha.

Sababiinsaas ijoolleen egeree akka akkas hintaaneef, iddoo waaqeffannaa ummanni walittiqabametti dhiisii akka sirna Kaatolkiitti kaahinii ykn phaaphaasiin kamuu waa’ee amantii biraa hinkaasu, waa hinjedhu. Mana barnootaa keenya keessa hordoftoota amantiilee adda addaatu jira. Amantii hingaafannu. Ijoollee Itoophiyaa qofa jennee simanna. Bakka lallabaattis ta’e manneen barnootaatti mallattoo jibbiinsa agarsiisu calaqqisuun gonkumaa hindanda’amu.

Ammaan tana akka biyyaatti rakkoolee adda addaatiif waan saaxilamneef barnoonni naamusaa sirnaan kennamuu qaba. Warris ijoollee ofii sirriitti hordofanii guddisuu qabu. Gama kanaan abbaan amantii tokko attamatti bakka namoonni walittiqabamanitti waa’ee jibbiinsaa lallaba?

Kan nama gaddisiisu ilaalcha jedhamaa turan. Inni kana dhaga’e maaliif qawwee qabatee hinkaaneree? Jibba lallabaa akkamitti nagaan yaadama? Kanaafi, mee ammaan tana gidiraa argaa kan jirruuf. Gochi akka yeroo darbe phaaphaasiin amantii biraa tokkoon raawwatamee kaatolikii biratti tasumaa hin yaadamu. Of jajuuf mitii waanti akkanaa gonkumaa eessumattuu hin yaadamu.

Joon Pool 2ffaan yeroo tokko maal jedhan seete? Kooluugaltoota lamatu asii ka’anii Xaaliyaanii seenan. Manni haa kennamuuf, homtuu ittihanqatiin, jedhanii ajaja kennan. Jarri sun erga baratanii booda Ameerikaatti ce’an. Yeroo isaan du’an ni boo’an. Maali jennaan isaan abbaa keenya jedhan. Amantiisaaniis akka jalaa hintuqne jedhanii turan. Kana jaratu booda dubbate. Koolugaltootarratti akka hammeenyi hinraawwatamne ajajan. Kun yeroo isaan du’an kan dhugaa ba’ameedha.

Wanti abbootiin amantii jedhan ni fudhatama. Hundi keenya lammii biyya tokkoo waan taaneef daafaansaa hunda keenyaaf ta’a. Hamma dandeenyetti barsiisa keenya ilaaluu qabna. Ittigaafatamummaa fudhachuunis gaariidha. Ana kan muude bataskaana.

Yoon waa balleesse akkuma sanaan tajaajila koorraa na kaasu; kun barsiisa amantii keenyaa miti jedhamee. Caasaa sirriin jiraachuu qaba. Sirni gaafatamummaas jiraachuu qaba. Lallabni keenya maal akka fakkaatu duubatti deebinee ilaallee sirreessuu barbaachisa.

Hunduu haala itti dargaggoota barsiisaa jirrurratti of ilaaluu qabna. Akka durii dargaggoon gara bataskaanaa akka dhufu eeguu qofa otoo hintaane karaa miidiyaas barsiisuu qabna, har’a dargaggoonni waan miidiyaarraafi teknolojii wajjin oolaniif.

Yeroo wajjin deemuutu barbaachisa. Barumsi kenninus kan dargaggoota hawwatuufi madaalu ta’uu qaba. Lallaba dheeraa otoo hintaane gabaabaa dhiyeessuu qabna, akka namoonni hinnuffineef. Keessumaa dargaggoota qeequurra ittidhiyaatanii barsiisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba.

Bariisaa: Waan phaaphaasiin tokko tibbana jedhan oggaa dhaggeessan maaltu isinitti dhaga’ame? Namni kun dura bu’aa biyyaa qofa otoo hintaane ummata bal’aafi Raayyaa Ittisaa fa’is arrabsaniiruutii miira isinitti dhaga’ame nuu qoodaamee?

Abbaa Daani’eel: Ani oggaan waan jedhame dhaga’u baay’een gadde. Sababiinsaas bataskaana keenya keessas phaaphaasonni, kaardinaalonni, kaahinoonniifi diyaaqonoonni jiru. Bataskaana Ortodoksii keessas phaaphaasiin, diyaaqoniin…jiru. Dhugaa dubbachuuf namni kun addababa’iirra dhaabatanii oggaa akkana jedhan jechasaanii qofa miti kan na gaddisiise.

Kaahinoonni bitaa mirgasaanii taa’an, ummanni haala sanaan taa’ee isaan dhaggeeffachaa ture hundi na gaddisiiseera. Akka dhalataa Oromoo tokkoottis baay’een gadde. Namni kun ummata Oromoos tuqaniiru. Namni kun waantota baay’ee tuttuqan. Dhimma dhaabbata amantii biraarratti gadifageenyaan dubbachuun nama rakkisus akka lammii Itoophiyaa tokkootti keessumaa akka kaahiniitti guddiseen gadde.

Phaaphaasiin ergaa sana dabarsan haala biyya keenyaa hubachuu dhabuunsaaniis na gaddisiiseera. Akka isaan jedhan otoo dura bu’aa biyyaarra waa ga’ee biyyi tun akkam akka taatu xiqqumallee hintilmaamne. Ergaansaanii hamma jibbiinsaas kan agarsiisuudha. Dura bu’aa ofiirratti jibbiinsa hamma kanaa moo?

Dhimmichi akka hogganaa amantii tokkootti na qaanesseera, na gaddisiiseeras. Dogoggorri nama tokkoo balaa akkamii akka nutti fidu hubachuu qabuuyyu. Ayyaanni kun nagaadhaan akka kabajamuuf hawwiifi kadhaa kooti. Isaan kaahinii bataskaana tokkoo otoo hintaane phaaphaasiidha, nama addunyaarra naanna’anii tajaajilaniidha.

Biyya keessattis ittigaafatamaa gadaamota waliigalaatisi. Gocha akkanaa keessaa akka baanuuf Waaqayyo nu haa gargaaru. Bataskaanittiinis dhimma kana sirriitti ilaaluu qabdi. Hoggantoonni biyya keenyaas dhimmicha tasgabbiidhaan ilaaluu qabu. Nama kanaaf Waaqayyo ifasaa haa banuuf.

Akka Oromoo tokkoottii abaaramus isaaniif kadhachuun barbaada, akka jibbiinsa hamaa keessaa bahaniif. Ani isaan ifachuurra kadhachuufii naa wayya. Phaaphaasiidha jedhamanii jibbiinsa hamma kanaa keessa galuu hinqabaniiyyu. Summii salphaa miti kan isaan facaasan. Garaan koo baay’ee ittinahe. Nan gaddeefis; waan haala kanaan gadibu’aniif. Phaaphaasiin haala kanaan jibbiinsa lallaba taanaan akkamiin nageenyi hawwinu dhugoomaree? Miira kana kan natti dhaga’ame.

Bariisaa: Rakkoolee irranatti kaafne fa’iif mariin biyyaalessaa akka furmaataatti fudhatamee irratti hojjetamaa jiraatii isin akka abbaa amantii tokkootti kanarraa abdii akkamii qabdu?

Abbaa Daani’eel: Ani Komishinii Marii Biyyaalessaarraa abdii guddaan qaba. Yeroo filannoo marsaa jalqabaa karaa bataskaana keenyaa carraa argadhee keessatti hirmaachaan ture. Gama kanaan Abbaa Luqaas yeroo kanatti ergaa sana dabarsuunsaanii nama naasisa. Komishinarri olaanaa nama daran bilchaataadha. Nan jaaladha, kabajas. Hunduu yoo sirnaan irratti hirmaate biyya keenyaaf nageenya waaraa ni argamsiisa jedheen abdadha. Hundi keenyas waan nurraa eegamu gumaachuu qabna.

Bariisaa: Waliigaltee ulaa galaanaa biyyi keenya dhiyeenya Somaaliilaandi wajjin mallatteessiterratti hoo maal jettu?

Abbaa Daani’eel: Kun waan nama gammachiisu qofa miti. Qaamoleen waliigaltee kana morman na dinqu. Itoophiyaaf ulaan galaanaa ni barbaachisa. Biyyi ummata miliyoona 120 qabatee ulaagaa galaanaa hinqabne hinjiru. Biyyattiin utuu ulaa galaanaa hinqabaatiin ittifufuu hindandeessu.

Wanti kun sirriitti ayyaaneffatamuuyyuu qaba. Kun dhimma biyyaati. Waan dhimma biyyaa ta’erratti adda addummaan jiraachuu hinqabu. Ani garba Paasifiik dhaqee daakeera. Garba Atilaantikis dhaqee argeera. Oggaan dooniiwwan guguddoofi galaana guguddaa argu biyyi koo otoo kana qabaattee jedheen hawwaa ture.

Mormuurra dafee gara hojiitti akka seenamuuf hojjetamu qaba. Akka lammiitti maaltu narraa eegama jechuu qabna. Ani gammachuu addaatu natti dhaga’ame. Akka caalaatti milkaa’uuf kadhaa kootiin nan utuba. Ministirri muummee keenya waan kana argamsiisuusaaniitti baay’een gammade. Hundi keenya dhimma kana utubuu qabna. Dhimma faayidaafi birmadummaa biyyaalessaafi kaan addaan ba’anii beekuunis barbaachisaadha. Ulaa galaanaa biraas akka nu barbaachisu hubachuu qabna.

Bariisaa: Dhumarratti yoo ergaa qabaattan?

Abbaa Daani’eel: Baga ayyaana Cuuphaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin nagaan isin gahe. Oggaan ayyaana kabajnu garraamummaa Yesuus Kiristoos akkan hindaganne imaanaan jedha. Nageenya waaraa biyya keenyaatiin hundi keenya haa hojjennu, haa kadhannu. Ayyaanicha calluma jennee nyaataafi dhugaatiidhaan dabarsuu hinqabnu. Akkuma cuuphaadhaan uumama haaraa taanu sammuu keenyas jibbarraa bilisa gochuu qabna. Waraana haa jibbinu, walii haa yaadnu.

Charinnat Hundeessaatiin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016

Recommended For You