Seenaafi seenessa waloo, biyya hirmaannaa walootiin ijaaramteef

Sabni tokko akka afaan, aadaa, aartiifi seenaa mataasaa qabu eenyu birattiyyuu beekamaadha.

Afaan mallattoo eenyummaa saba tokkoo yemmuu ta’u, dabalataanis meeshaa riqicha ta’ee beekumsa dhalootaa gara dhalootaatti kan ittiin darbarsuudha. Hawaasni afaansaatiin dubbachuu, barreessuu, dubbisuu, qorachuu, walumaagalatti, ittiin hojjechuu yoo hindandeenye qaroomuus ta’e aadaa, aartiifi seenaasaa galmeessee dhaloota boriif dabarsuu hindanda’u.

Haata’u malee, sabni Oromoo waggoota hedduu darban keessa afaansaatti gargaaramee seenaasaa, falaasamasaa, aadaasaafi ogbarruusaa gabbifachuu, akkasumas, eenyummaasaa akka hinkabachiisifanne dhiibbaan kana hinjedhamne irraa gahaa tureera. Ummatichi otoo dhiibbaa mootummoonni abbaa irreefi sirnootni gonfoo irratti taasisaa turaniif hinjilbeenfatiin, beekumsa asiliisaa (indigenous knowledge) itticichee qabachuun wareegamawwan qaqqaalii baasee har’aan ga’ateera.

Har’ammoo carraa argametti fayyadamuun dagaagina afaan, aadaa, seenaafi ogumaasaa dhugoomsuuf kallattiilee adda addaatiin tattaafataa kan jiru yemmuu ta’u, hayyoonniifi beektotni ilmaan sabichaa immoo aadaa, seenaafi afaan saba bal’aa waggoota hedduuf moggaatti dhiibamaa ture kana carraa amma jirutti fayyadamanii gara sadarkaa fooyya’aatti akka ce’uuf beekumsaafi muuxannoo horataniin deeggarsa taasisaa jiru.

Guddina afaan tokkoo kan murteessu haala inni keessatti tajaajila kennuudha. Fakkeenyaaf, afaanonni Ingiliziifi Faransaayi guddachuufi ogbarruu gabbataa qabaachuu kan danda’an sababa siyaas-dinagdeefi aadhawaasaatiini. Kana waliin, afaanonni kunniin biyyoota addunyaa baay’eetti bal’inaan dubbatamu; afaan hojiis ta’nii tajaajilu.

Yeroo kamuurra yeroo ammaan tana dhimmi mirga afaan ofiitiin fayyadamuu akkuma mirgoota ilmaan namaa birootti xiyyeeffannoo argataa jira. Afaan ofiitiin eenyummaa ciimsachuu, mirga ofii fayyadamuun bu’uuraa waan ta’eef bu’aa ba’ii cimaa booda, dhaabbileen idiladdunyaa kanneen akka ‘UNESCO’ baroota 1980-1990 ummattoonni afaan dhalootasaanii dhorkaa tokko malee akka fayyadaman hojiirra oolmaasaaf cichanii hojjechuu eegalan. Sanaan dura, bara1953tti daa’imman afaan dhalootaasaaniitiin akka baratan murtaa’ee inni ture baroota kanneen gidduutti cimee ittifufe.

Jaarraa 19ffaa irraa eegalee ummanni Oromoos mirga afaansaatti fayyadamuu gonfachuuf carraaqqii gochuu eegale. Hojiileen ogbarruu Oromoos hayyootaan dadammaqee jalqabame barreessitoota Oromoo keessaa Onesmoos Nasiib Kitaaba Qulqulluu gara Afaan Oromootti jijjiiruudhaan seenaa haaraa galmeessise. Ittaansuun, Sheek Bakirii Saphaloo qubee haaraa (Qubee Saaphaloo) uumuun Afaan Oromoo ittiin barreessuuf carraaqii taasise.

Akkuma barri Dargii darbeen ummanni Oromoo afaansaatti fayyadamuu yemmuu eegalu, barreessitoonni kanneen akka Gaaddisaa Birruu, Dhaabaa Wayyeessaa, Isaayyaas Hordofaa, Taklee Qinaaxxii, Kumsaa Buraayyuufaa kitaabilee asoosamaa maxxansiisuu eegalan.

Galmeen jechootaa hedduunis namoota hedduutiin barreeffamanii argaman. Kana malees, yeroo ammaa sadarkaa daa’immanii kaasee hanga dhaabbilee barnootaa olaanaatti barnoonni ittiin kennamaa jira; waajjiraaleen mootummaa Naannoo Oromiyaas ittifayyadamaa jiru.

Gama kaaniinis kan xiyyeeffannoo argatee irratti hojjetamaa jiru tokko aadaa ummatichaati. Aadaa boonsaan ummatichaa dagatamee ture qorannoon irratti geggeeffamee galmaa’ee taa’uun daran barbaachisaadha. Kunis, jalqabbii gaariifi cimee ittifufuu qabuudha.

Fakkeenyaaf, safuu hawaasaa, aadaawwan waldhabdee furuu, Irreechaa, Ateetee, Ingiccaa, Taaboree… yeroo ammaa qorannoon irratti geggeeffameefi barreeffamee dhaloonni akka yaadatuuf haaluma eegalameen xiyyeeffannaan ittifufee hojjetamuu qaba.

Kana qofa miti. Bu’aalee aartii kanneen akka afoolaa, asoosama dheeraa, asoosama gabaabaa, walaloo, diraamaa, bobboca, ijaarsa, muuziqaa, meeshaa aadaa qoratamanii haala akkamiirra akka jiran ibsuun eegalameera. Sunis, cimee ittifufee irratti hojjetamuu qaba. Kana malees, seenaan ummata Oromoo barreeffamee dhaloota dhufuuf olkaa’amuu waan qabuuf qorattoonni dirree adda addaa xiyyeeffannoo itti kennuun waan gaaffii yeroo ta’eef, yeroo kamuurra irratti hojjatamaa jiraachuu Inistitiyuutiin Qorannoo Oromoos ni ibsa.

“Seenaa, afaanii, aadaafi artii Oromoo ragaan deggaree qorachuutti fuuleffatee kan hundeeffame Institiyuutichi Akkaadaamii Afaan Oromoo hundeessuuf gaaffiilee hayyoonni dhiheessaa turaniif deebii kenneera” jedhu Daarektarri Inistiitiyuutichaa Obbo Dirribaa Tarrafaa.

Inistitiyuutichi erga hundaa’ee kaasee hanga ammaatti matadureewwan barbaachisoo ta’aniifi filatamanirratti qorannoowwan gara garaa taasisaa jiraachuu kan himan Obbo Dirribaan, torbee Kora Qorannoo Oromoo marsaa 14ffaa mataduree, “Duudhaa keenya Ijaarsa biyyaatiif” jedhuun Adaamaatti gaggeeffameera. waltajjicharratti waraqaawwan qorannoo torba dhihaatee galteen sassaabameera jedhan.

Akka ibsasaaniitti; guddinni aadaa, aartiifi seenaa qorannoo hayyootaatiin ala gabbisuun waan hin yaadamneef korri qorannoo yeroowwan gara garaatti gaggeeffamu kun dirree hirmaannaa hayyootaa kan mijeessuudha. Mootummaan naannoo Oromiyaa jalqaba hundeeffama inistitiyuutichaa sirnaan hubachuudhaan hundeeffamnisaas akka si’atu taasisuu keessatti shoora olaanaa kan bahatan yemmuu ta’u, kitaabileen akaakuu gara garaa afaan Oromootiin mootummaa naannichaatiin akka barraa’uufi dhaloota biraan gahuudhaan kutannoo afaaniifi seenaa, akkasumas duudhaa Oromoo guddisuuf qaban ifatti mirkaneessaniiru.

Inistitiyuutichi duudhaa, seenaa, afaaniifi aadaa qorannorratti hundaa’uudhaan gabbisee dhaloota ittaanuuf dabarsuuf hojiiwwan hojjachaa jiruun cinatti aadaafi seenaan ummanni Oromoo sabaafi sablammoota biyyattii waliin qabu akka cimuufi duudhaan Oromoo kun immoo haala ijaarsa biyyaatiif ta’uun akka irratti hojjatamuuf korri baranaa “duudhaalee keenya ijaarsa biyyaatiif” mataduree jedhuun akka gaggeeffamu taasifamuus Obbo Dirribaan ni dubbatu.

Biyya cimtuufi hirmaannaa lammiilee biyyattii hundaan ijaaramte uumuudhaaf seenessa waloo qabaachuun murteessaa ta’uu immoo waraqaa qorannoo koricharratti dhiheessaniin kan mirkaneessan Hayyuun Seenaa Yunivarsitii Jimmaa Doktar Dheeressaa Dheebuu, akka carraa ta’ee garuu seenessi biyyattii kana keessatti yeroo dheeraadhaaf odeeffamaa ture sabootaafi sablammoota biyyattii hunda kan dhuunfatu osoo hin taane garee muraasa gara kaaba biyyattii jiran irratti kan xiyyeeffate ta’uu himu.

Akka yaadasaaniitti; seenaafi seenessi Itoophiyaa yemmuu ilaalamu rakkoo guddaan saboota kallattii kibbaa, bahaafi lixaa dhuunfachuu dhabuu qofa osoo hintaane, kallattuma kaabaattuu ummata bal’aa osoo hintaane, gosoota sanyii moototaa qofa faarsuufi isaan qofti akka waan biyya ijaaraniifi biyyattiifis quuqamaniitti seenessaa kan tureedha.

Rakkoolee nageenyaa yeroo ammaa biyyattii iddoowwan gara garaatti mul’achaa jiran keessaa hammi tokko sababa seenaafi seenessa dogoggoraa sobaan uumamee yeroo dheeraaf odeeffamaa tureefi warroota seenessicha keessatti dagatamaniifi seenessasaanii uummachaa jiran gidduu waldura dhaabbannaa jiruun kan uumamaniidha.

Bakka seenaafi seenessi dhugaa hinjirretti biyya nagaafi tasgabbii horattee misooma amansiisaa mirkaneessitu uumuun ulfaataa ta’uu kan himan Doktar Dheeressaan, seenessa dogogoraa sana sirreessuudhaan seeneesa waloo uumuu keessatti immoo sirniifi duudhaan hammatummaa Oromoo iddoo olaanaa waan qabaatuuf ijaarsa biyyaatiifis gahee olaanaa bahachuu kan danda’u ta’uu ibsu.

Oromoon gaafa nagaa qofaa osoo hintaane, gaafa lolaas safuufi safeeffannaa mataasaatiin kan hoogganamu ta’uu waraqaa qorannoo dhiheessaniin kan kaasan Gorsaafi Qorataan Yunivarsitii Naannoo Oromiyaa Obbo Leeliin Quuxoo, akka safuufi safeeffannaa Oromootti diinas ta’u nama tokko yeroo inni of dagatee ture rukutuun yookiin miidhaa irraan ga’uun safuu kana kan cabsu ta’uu ibsu.

Akka yaadasaaniitti; Lola namoota dhuunfaa keessattis ta’ee waraana garee lamaa giddutti taasifamu kamuu keessatti Oromoon safuu lolaa yookiin waraanaa eeggachaatii lola.

Qaama loluunii barbaadde sana osoo inni of dagatee jiruu rukutuun aadmaleedha. Kanaaf dursitee “guyyaa akkanaatti qophaa’ee sitti dhufaa, atis qophaa’ii na eegi” jettee diina keetti dhaamteeti kan lola eegaltu malee ofiikeetii qophooftee nama osoo hin qophaa’in jiru ‘daguu’ rukutuun seera waraanaa Oromoo ganamaa keessatti safuu guddaadha.

Safuufi safeeffannaan Oromoon jaarraa hedduuf kan isaa godhatee ittiin bulaa ture sanatu har’a seera waraana Addunyaa jedhee as bahuu danda’e malee dur Oromoos ta’ee sabni biraa seera akkasii baree ittiin bulaa ture hin jiru.

Duudhaa seeraa bareedaa kana Oromoo irraa ergifattee Addunyaan har’a waraana biyyoota garaa garaa giddutti gaggeeffamus ta’ee biyya tokkotti qaamota walfalman garaa garaa giddutti gaggeeffamu kamiyyuu keessatti seerri darbamuu hin qabne fakkeenyaaf, waraana booji’an tokko ajjeessuun, nama harka kennate miidhuun, daa’immaniifi dubartootaa akkasumas namoota hin hidhanne miidhuun seera waraanaa kamiyyuu keessatti dhorkamaa akka ta’e tumamuu danda’eera.

Duudhaaleen Oromoon jaarraa hedduuf horate biyya keenya ittiin ijaaruu bira darbee haala kanaan seerota Addunyaa soroorsuufis tajaajilaa jiraachuu kan kaasan Obbo Leeniin, Oromoon Naga’aa waan beekuuf nageenyaafis ofirra darbee kan ollaasaatiif kan yaadu ta’uu dubbatu.

Yeroo ammaatti rakkoofi walitti bu’iinsi hammaachuudhaan nageenyi Addunyarraa badaa kan jiruufis sababa ‘Naga’aan’ dhibee waan hunda ofitti guuruufi ofittummaan hammaatteef akka ta’es ni ibsu.

Mirgi dubartootaa diimokiraasiin biyyoota lixaa nutti lallabullee isuma sirna gadaa keessatti Oromoon ittiin bulaa ture yemmuu ta’u, keessattuu biyya tokko keessatti nageenyi waaraa mirkanaa’ee misoomni akka jiraatuuf mirgootni dubartootaa sirnaan kabajamuu akka qaban sirna siinqeefi ateetee dubartootaa keessatti sirnaan kaa’amuusaas ni ibsu.

Walumaagalatti; Oromoon duudhaa gabbataafi hammataa ta’e biyyoota Addunyaa kamuu dursee jaarraawwan hedduuf ittiin of bulchaa kan ture yemmuu ta’u, duudhaaleen kunniin dhiibbaa sirnoota gita bittootaa jaarraa tokkoofi walakkaaf sabicha miidhaa turaniin laaffatus hanga har’aatti osoo hinbadin ittifufee dhalootaa har’aatiin deebi’ee lalisaa jiraachuun hundee gadi fagoo sirnichaa kan agarsiisuudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Seenaafi seenessa waloo, biyya hirmaannaa walootiin ijaaramteef”

  1. Pingback: Cartel oil company

Comments are closed.