“Oromoon Walloo; warri odaa Garadoo, ummata sabboonummaasaa kabachiisee asiin gaheefi kabajni maluufiidha”Abbaa Gadaa Walloo Ahmad Mahaammad Umar

Gaafa Oromoon galaana jedhamu afoolaan osoo hintaane haqa lafaraa jiruudha jechuun nidanda’ama. Ilmaan Kuush Itoophiyaarraa kaasee hanga gaanfa Afrikaatti ummata babal’atee jiraatu yoo ta’u, isaan keessaa Oromoon isa tokko. Egaa ummata Oromoo akka biyyaatti waanti adda isaan taasisu yoo jiraate ganamuma dhalootumarraa kaasee dimokraatawaa ta’uu, uumaafi uumamaaf kabaja kennuusaaniiti.

Dhiibbaafi cunqursaan sirnoota gara garaa isaanirratti fe’amus aadaa, duudhaa, eenyummaa, afaan, Gadaafi sirnootasaanii kunuunsaa dhaloota abidda ta’etti dabarsanii kennaniiru.

Dhimma kanaan walqabatee sadarkaa Itoophiyaatti cunqursaafi gadi qabaan eenyummaa, afaan, aadaa, amantiifi sirnoota gara garaa Oromoorratti qaqqabaa ture daran hadhaa’aa ta’us hunda akka dhufetti ofirra qolachuun Oromoofi Oromummaan akka cimee dhaabatu utubaa biyyattiis ta’uu ifatti agarsiisuu eegaleera.

Keessumaa dhiibbaafi cunqursaan sabummaa hadhaa’aan isaanirratti fe’amus gabrummaa diduun qabsoo hadhaa’aa taasisuun eenyummaasaanii afaansaanii, daangaasaanii kabachiisuun dhaloota har’aatiin gahuu keessatti shoora Oromoon Walloo taphataa tureefi har’as ittijiru kan nama ajaa’ibuudha.

Gaazexaan Bariisaas maxxansasaa kanaan Itoophiyaa kaabaa, Godina Saba Oromoo Walloorratti xiyyeeffachuun Oromummaafi Oromoon Wallootti maal fakkaata isa jedhuuf keessummaa tokko qabatee dhiyaateera.

Isaanis Abbaa Gadaa Oromoo Walloo Ahmad Mahaammad Umar yoo ta’an, Oromoon Walloo aadaa, afaan, duudhaafi eenyummaasaa osoo hinfaaliin asiin gahachuu kan danda’e maaliini? Sirnoonnisaa addaan citan hinjiranii laata? isa jedhuuf oluma seenaa waanti odeeffanne kunootii. Keessumaa keenya kana yeroo isaan walga’iif gara magaalaa Finfinnee dhufan arganneeti kan dubbisne.

Bariisaa: Abbaa Gadaa Oromoo Walloo Ahmad Mahaammad Umar eenyu, eessa jiraatu?

Abbaa Gadaa Ahmad: Ahmad Mahaammad Umar jiraataa Godina Saba Oromoo Walloo, Kamisee yoon ta’u, Abbaa Gadaa Oromoo Wallooti.

Bariisaa: Fooliin Oromummafi Oromoo Itoophiyaa kaabaa Wallotti maal fakkaata?

Abbaa Gadaa Ahmad: Oromoon Walloo ummata waloomina, aadaa, duudhaa eenyummaa, afaaniifi duudhaasaaf bakka guddaa qabuudha. Ummata Oromoo kamuu dursee kabajamuu Oromummaaf shoora olaanaa taphateefi ammas ittuma jirudha.

Fooliin Oromummaa kaleessa yeroo dukkanaayyuu nurraa hinbanne. Qabsoo hadhaa’aa taasisaa dhaloota har’aa abidda ta’e harkaan gahachuun danda’ameera.

Bariisaa: Aadaan duudhaafi eenyummaan Oromoo Walloo faalama tokko malee akka as gahu wanni taasise, iccitiin injifannoo keessanii maali laata?

Abbaa Gadaa Ahmad: Iccitiin injifannoo keenyaa maqaa keenya. Wallo ganamumaa kaasee waloomina qaba. Gaddatti gammachuutti, argachuutti, dhabuutti, qabsoorratti waliin dhaabachuun daangaa eenyummaa, duudhaafi sirnoota keenya kabachiisuu dandeenyeerra.

Bariisaa: Oromoofi Oromummaa lafa qabsiisuu faalamarraa eeguurratti Oromoon Walloo maqaa qaba jedhamaatii agarsiistuunsaa maali?

Abbaa Gadaa Ahmad: Nuyi ijoollee Warqituuti. Dhiira keenya mitiitii dubartoonni keenyallee wa’ee eenyummaasaaniif addaa durumaan kan quuqaman, qabsaa’ota Oromummaa dhugaati.

Eenyutti baanee bannaree ilmi abbaatti bahuu qaba. Ilmaan goototaa taanee eenyummaa keenya kunuunsuu dadhabuun caba waan ta’eef fooliin Oromoofi Oromummaa yoomiyyuu waan badu miti. Nurra darbee bakkeettuu urgaa’a.

Bariisaa: Godinaaleen Oromiyaa sirna araaraa odaasaanii jalatti gaggeessu. Fakkeenyaf Odaa Bulluq, Odaa Roobaa, Odaa Bisil, Odaa Bultum maqaa dhahuun nidanda’ama. Kan Oromoo Walloo hoo maal jedhama?

Abbaa Gadaa Ahmad: Dhugaadha. Oromoon hunduu Odaa, malkaa, giddugala, sirnaafi duudhaa qaba; dimokraatawaadhas. Nuti, Oromoon Walloos giddugala araaraa, duwaayii kan ta’e “Odaa Garadoo”qabna.

Bariisaa: Odaan Garadoo Eessatti argama?

Abba Gadaa Ahmad: Odaan Garadoo Godina Saba Oromoo Walloo, Aanaa Dawaa Caffaa, Ganda Hijiraatti argama. Odaa umuriifi seenaa dheeraa qabuudha.

Braiisaa: Odaa Garadoo jalatti maal maaltu gaggeeffama?

Abbaa Gadaa Ahmad: Namoonni wallole jalatti araarfamu, yoo roobni bade jalatti walgahuun duwaayii goona. Haadholiin Siinqees sirnoota gara garaa achitti gaggeeffatu. Kanaaf akkuma odaawwan Oromoo biroo duudhaaleefi sirnoonni gara garaa achi jalatti gaggeeffamu. Odaan Garadoo Oromoof odaa seenaa guddaa qabuudha.

Bariisaa: Sirna Gadaa Oromoo duudhaa ganamaa dhalootatti dabarsuuf sochiin jiru maal fakkaata?

Abbaa Gadaa Ahmad: Dhugaa dubbachuuf kan abbootiin keenya nuu dabarsan akkuma jirutti ta’ee dhaloonni qubee kun hojii guddaa hojjetaa jira. Akka dhaloonni kun gadaasaa beekuuf sadarkaa gandaa hanga godinaatti hojiin hojjetamaa jiru kan nama jajjabeessuudha.

Sochiin kun dhaloonni duuba jiru Gadaasaa, sirnasaafi duudhaasaa kan kooti jedhee kunuunfachuu akka qabu faajjii eenyummaasaa ganamaa, qaroomina ganamaa ilmaan Oromoo ta’uu beekee imaanaa kana boruuf akka olkaa’u dhaloota dhufutti akka dabarsuuf dirqama ittikennameedha.

Bariisaa: Hundeeffamni Gadaa Oromoo Walloo waggaa 4ffaasaa kabajachuuf jedhaatii qophii akkamiitu taasifamaa jira?

Abbaa Gadaa Ahmad: Gadaa sababa gara garaan addaa cite ture deebisnee hundeessuun dhaloota barsiisaa jirra. Kanuma sababeeffachuun waggaa 4ffaasaa kabajachuuf yaadaa waan jirruf oromoon nuwaliin dhaabachuu qaba jenna. Gadaan Oromoo iddoowwan gara garaatti addaan cite ture kan keenyas akkasuma yeroo ammattimmoo irra deebisnee, hundeessuun cimsaa; dhalootas dakaakaasnee barsiisaa jirra.

Akkuma warra Ituu, Umbannaa keenyas addaan citee ture amma deebisnee hundeessinee waggaa 4ffaa kabajachuuf qophiitti jirra. Egaa walbareechuun aadaa keenya. Yoo nuti walii hinbareechine namni dhufee nuu hinbareechu. Kanaafuu Oromoon karaa barbaachisaa ta’een nuwaliin dhaabachuu qaban jedha.

Bariisaa: Gadaan Oromoo Walloo miseensa Gumii Gadaa Oromoo ta’eeraa?

Abbaa Gadaa Ahmad: Gadaan Oromoo Walloo erga hundaa’ee waggaa afur siin jedheera. Waggaa afraffaasaas kabajuuf jirra. Gadaan keenya kunis miseensa Gumii Gadaa Oomiyaa ta’eera.

Miseensa ta’uunsaammoo aadaan badee ture akka bakkatti deebi’u, waloominniifi tokkummaan Gumii Gadaa Oromiyaa waliin qabnu akka cimu kan taasise waan ta’eef fuuldurattis cimee ittifufa jechuudha.

Bariisaa: Silaa hunduu walfaaana miidhagaatii hariiroon Abbootii Gadaa Oromoo kaan wajjin qabdan maal fakkaata?

Abbaa Gadaa Ahmad: Dhugaa dubbachuuf hariiroon abbootii Gadaa kaan waliin qabnu daran nama jajjabeessa. Kunimmoo Oromummaafi Oromoon akka olka’u, waloominni akka jiraatu taasisaa waan jiruuf cimee ittifufuu qaba.

Keessumaa sochii waa’ee Gadaa dhaloota barsiisuuf taasisnu keessatti shoorri abbootii Gadaa Oromiyaa olaanaadha. Walitti dhufeenyi cimaa deemuun Oromummaa siyaasaan, dinagdeefi hawaasummaan akka kan cimsu waan ta’eef haala gaariirra jira.

Bariisaa: Dur dur walbaruun firaa fagoofi dhiyootti gaggeeffama amma kun jiraa?

Abbaa Gadaa Ahmad: Gama kanaan Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa hojii guddaa hojjetaa jira. Waa mararratti walii birmachaa jirra. Haata’uutii ilmaan keenya akkaataa barbaadameen walittideemanii walgaafachuufi waliyyaafachuurratti ammallee hojjetamuu barbaachisa.

Dhaloonni duuba jiru waa’ee Oromummaafi imala qabsoon Oromoo keessa darbe akka beeku, golli Oromoo walloofi kan godinaalee Oromiyaa biroo maal fakkaata kan jedhu beekuu qabu.

Oromoon walloo qabeenya duudhaafi eenyummaa Oromoo godinoota gara biraa kansaa ta’uu beekee dhaqee beekuu baruu qaba. Walkeessummeessanii mana waliidhaqanii waliyyaafachaa deemuun dirqama yeroon barbaaduudha.

Bariisaa: Oromoon Walloo malkaasaa ganamaatti bahee irreeffachuu dagateera jedhama dhugaan jiru maal fakkaata?

Abbaa Gadaa Ahmad: Dhugaa dubbachuf Abbaan Gadaa hinsobu, dubbii hinjallisu dhimmi irreeffannaa Wallootti dagatameera, kun bakkatti akka deebi’u hojjetaa jirra.

Yeroo Irreechi gahu gara magaala guddoo Oromiyaa Finfinnee dhufnee Hora Finfinnee, Bishooftuus dhaqnee hora Harsadiitti irreeffachuun ala malkaa keenya ganamaa kan Walloorratti irreeffannaan hafeeraa.

Bariisaa: Oromoon Walloo dur malkaa kamitti irreeffataa ture? Har’a hoo?

Abbaa Gadaa Ahmad: Wallootti Irreechi hanga ammaa hinirreeffatamne. Ta’us bakki dur abbootiin keenya itti irreeffatan nibeekama. Innis Aanaa Daawaa Caffaa, malkaa Caffee aartuu jedhamutti irreeffatamaa turuutu himama. Amma bakka godaansa loonii ta’eera.

Bariisaa: Oromoon Walloo sabaafi sablammoota ollaa wajjin jiraachuurratti maal fakkaata?

Abbaa Gadaa Ahmad: Dhugaa dubbachuuf Oromoon Walloo afaan eenyummaa, aadaa, duudhaafi kabaja ollaasaatiif qabu cimsuun hariiroo gaarii uumuun har’a gaheera. Walittibu’iinsa darbee darbee uumamus abbootiin Gadaa jaarsoliin biyyaa mariifi araaraan furaa as geenyeerra.

Haata’uutii rakkoo finxaaleyyiin uumaniin gatii kaffalaa jirra. Kun dhimma seeramaleeyyonni muraasni uumaniidha malee hawaasni bal’aan Amaaraafi Oromoo Walloo jaalalaan waliin jiraataa jiru.

Rakkoon darbee darbee uumamu deeggarsa ummataa kan hinqabne; gocha seermaleessummaa finxaaleyyii muraasaan uumamuudha. Ta’us irradabarree araaraafi nagaa buusaa jirra.

Bariisaa: Oromoon iddoo biraa jiru obboloonnisaa, Oromoon Walloo gama hundaan maal akka fakkaatu sirriitti hubateeraa?

Abbaa Gadaa Ahmad: Dhugaa dubbachuuf nu warra Wallootu dhufee gola Oromiyaa ilaala, sirnoota garagaraarratti hirmaata malee nuti daaw’atamuurratti hanqinni jira.

Qabeenyi Oromoo Walloo hedduudha. Qabeenyi kunimmoo kan Walloo qofa otoo hintaane kan Oromoo maraa darbees kan sabootaafi sablammoota biyyattiiti. Qabeenyi miidhagaan kun daaw’atamuu qaba. Wallo dachee seenaa guddaa qabdu, dachee sabboonummaan itti lafa qabateefi wiirtuu faajjii foolii Oromummaa dhugaan itti mul’atuudha. Kun qabeennya guddaadha.

Bariisaa: Wiirtuuleen hawwata tuuristii maal maaltu jira?

Abbaa Gadaa Ahmad: Wiirtuuleen hawwata tuuristii keenya tokko lama miti. Naannawichi seenaa dheeraafi qabeenya madda galii ta’u kan qabuudha. Fakkeenyaaf gandi Shonkee isa tokko.

Gandi kun ganda tulluurratti ijaarameefi umurii dheeraa qabu yoo ta’u, haalli ijaarsasaafi teessumni lafasaa waan injiinarri ammayyaan teknolojii ammayyaatiin deeggaramee kalaqe fakkaata. Ijaarsawwan durii tulluu tokkorraa bocaman akkasumas bakka jireenya dhala namaa ta’an kunniin ajaa’iba ijaan ilaalamee hinquufamneedha.

Gandi kun Aanaa Daawaa Caffaatti kan argamtu yoo ta’u, gamoo uumamaati. Gamoon kun qaroomina ilmaan Kuush dur qaban kanamalees hundeeffamaafi seenaa biyya kanaa keessatti qaroominni Oromoo gadi fagoo ta’uu kan mul’isuudha. Oromoofi saboonni kaan dhufanii daaw’achuu qabu. Oromoo walloo daaw’achuun takkaan fira ofiin waalabaruudha lammeessoommoo dinagdeesaanii utubuu ta’uun hubatamuu qaba.

Bariisaa: Wiirtuulee hawwata tuuristii Oromoon Walloo qabu keessaa Masjiinni Xurusiinaa umurii dheeraa qabu isa tokko. Yeroo tokko bakakkaadhaan diigamee ture jedhama. Deebi’ee ijaarame moo akkam ta’e? Akkuma durii daaw’atamaa jiraa?

Abbaa Gadaa Ahmad: Dhugaadha. Masjiinni Xurusiinaa masjiida seenaqabeessa umurii dheeraa qabuudha. Yeoo tokko balaa tasaatiin diigamee ture. Yeroo ammaa ijaaramee banaa ta’eera. Tuuristoonni biyya keessaafi alaa dhufanii daaw’ataa jiru.

Bishaan Awweetuu Aanaa Jiilee Dhummuugaatti kan argamu yoo ta’u, wiirtuu hawwata tuuristii Oromoon Walloo qabuufi seenaqabeessa birooti. Bishaan kun danfa hurku yoo ta’u, nama dhukkubsateef dawaadha. Bishaanichi dinnicha, bordogee itti bilcheessuufillee nigargaara.

Wiirtuuleen hawwata tuuristii tarreessine muraasa. Dacheen Warqituu kun surriitti daaw’atamuu qaba. Qabeenya kana aartiidhaan miidhagsanii beeksisuunis barbaachisaadha.

Akkuma kan ofiifi waan ofii abbaatu bareechata jedhamu seenaan Oromoo Walloo seenaa Oromoo hundaa ta’uu dagatamuu hinqabu. Abbootiin keenya waliin duulanii biyya eenyummaashii hindaganne nutti dabarsaniiru. Nutis dabaree keenya imaanaa kana dhaloota dhufutti dabarsuuf humna qabnuun waliin dhaabachuu qabna.

Hundaafuu hundeeffama Gadaa Walloo waggaa 4ffaa alanaarratti Oromoo hunda eegna. Waan qabnuun nooraa jennee simanna. Isaanis mana obboleeyyan keenyaa deemna jedhanii itti yaadanii dhufanii nudaaw’achuu qabu.

Bariisaa: Oromoon dhalootumaan dimokraatawaadha jedhama isin maal jettu?

Abbaa Gadaa Ahmad: Dhugaa dubbachuuf Oromoon ummata sirna Gadaatiin guddate waan ta’eef diimokiraasiin isaaf haaraa miti.

Kan Gadaa jalatti guddate diimokiraasiin ijaaramee guddata. Xiqqaa guddaa, dhiira dhalaa jedhee hinfo’u. Ummata Uumaafi uumamaaf kabaja guddaa qabuudha. Uumaan inni itti amanu kan dhaloota hunda ija tokkoon ilaalu; kan waaqa uume kan lafa dhisaa malee diriirse waaqa guddaatti.

Yoo malkaa bu’ee galateeffatus waaqa malkaa kana uumte akka malkaa kanaa nu baay’isi waaqa tulluu kana uumte akka tulluu kanaa olnukaasi jedhee jiidha qabatee galateeffata malee uumamatti hinsagadu. Duudhaan Oromummaa Oromoon itti guddate dimokraasii kan barsiisuufi walqixxummaa lafa qabsiisu sirna jijjiiramaati.

Bariisaa: Sirna walharakaafuudhinsa baallii Gadaa Gujii akkamiin ibsitu? Maaltus irraa baratama?

Abbaa Gadaa Ahmad: Akkuman duraan sii kaase Oromoon waliisaa kan hogganaa ture Sirna Gadaatiini. Sirni Gadaa diimokiraasii barsiisa, diimokiraasiin immoo dhalootaa dhalootatti darbaa har’a ga’eera. Sirni walharkafuudhinsa baallii Gadaa Gujiis aangoon humnaan darbuu akka hindandeenyeefi diimokiraasii ammayyaatiif agarsiistuu guddaadha.

Oromoon ummata waliisaatiif qofa mitii dhala ormaayyuu harma hoosisee, guddifachaan simatee kan kooti jedhee akka dhalasaatti ilaalee qabeenya hiree jiraachisaa tureedha. Kanaaf diimokiraasiin Oromoof haaraa miti.

Bariisaa: Sirni diimokiraasii gabbachuun kun ilmaan sabootaafi sablammiilee Itoophiyaatiif bu’aa akkamii qabaata?

Abbaa Gadaa Ahmad: Diimokiraasiin hundumaaf carraa kan kennuudha. Loogdummaas kan maqsuudha. Kanaaf yoo sadarkaa biyyaatti ilaalle yaaliin humnaan aangoo qabachuuf taasifamu gaaga’ama lammiilee dinagdeefi hawaasummaa maqsuuf bu’uura ta’ee tajaajila.

Diimokiraasiin babal’annaan aangoon namusaafi filannoon dabareesaa eeggatee akka darbu taasisa. Biyya sabaafi sabalammiin ittibaay’atu kana keessatti ilaalcha diimokiraasii babal’isuun takkaan tokkummaan biyyaa akka cimu lammatammoo miirri waldanda’uu akka gabbatu kan taasisu waan ta’eef murteessaadha.

Bariisaa: Nageenyi hundaaf murteessaadha. Nageenya malee misoomni hinjiru. Haata’uutii waldhabdeen yaadaa obboleeyyan lamaan gidduutti waraana walitti kaasise akkamiin furamuu qaba jettu?

Abbbaa Gadaa Ahmad: Obbolaan walitti bu’uun waljifachuun wanuma jiru. Haata’uutii wallolli keenya waraana kan kaasisu ta’uu hinqabu. Waraana yaadaan dubbii dhaamsuun barbachisaadha.

Haata’uutii kan Oromiyaa keessatti mudachaa jiru kan nama nama gaddisiisuudha. Dhimmi kun ilaafi ilaameedhaan xumuramuu qaba malee lafee walcabsuufi dhiiga waldhangalaasuu hinqabu.

Sirna Gadaa dimokraatawaa babal’isna jennee ofii kan waldhiibnu yoo ta’e rakkoodha. Kan nuuf hintaane kaaniif ta’uu hindanda’u. Kanaaf waldhabdee keenya mariidhaan golatti xumurannee misooma biyyaatiif waliin dhaabachuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Waldhabdee mudachaa jiruun ummatoonni biyyattii gatii guddaa hinkaffallee laata?

Abbaa Gadaa Ahmad: Lubbuun ba’uun, qaamni hir’achuun qe’eefi qabeenya ofiirraa buqqa’uun dinagdeen ofii golgolaa’uun, hirkattummaafi eeggattummaatti kufuun bu’aa walwaraansaati. Rakkoo kana furuuf qaamoleen waldhiiban yaadasaanii walwaraansarraa gara mareetti jijjiiruu qabu.

Yoo ummata qabsoofnuuf hinqabaanne qabsoon keenya gatii hinqabu. Kanaaf nageenya ummataatiif dursa kennuu qabna. Sana booda garaagarummaa yaadaa keenya mariidhaan furuun biyya keenyammoo biyya badhaateefi hundumaaf haadha taate, diimokiraasiin keessatti dagaage taasisuun nurraa eegama.

Bariisaa: Dhimma biyyaarratti abbootiin Gadaa araara buusuuf diimokiraasii barsiisuuf akkuma kaka’an abbootii amantarraa hoo maltu eegama jettu?

Abbaa Gadaa Ahmad: Abbootiin Gadaas ta’an abbootiin Amantaa dhimma biyyaarratti nageenya lallabuu qabu. Amantootaafi hordoftoota isaan jala jiran gorsuufi barsiisuu, waa’ee tokkummaa jaalalaa, dhiifamaa lallabuu qabu malee gartummaa siyaasaa amantaa agarsiisuun sirrii miti.

Abbaa ta’uun barsiisuufi fakkeenya ta’uu qabu. Yeroo abbaa amantaa, abbaa Gadaa jedhamnu imaanaan nagaa buusuufi ittigaafatamummaa nutti kenname olaanaa ta’uu dagatamuu hinqabu.

Hamma kun hintaanetti gartummaa siyaasaa kan agarsiisnu yoo ta’e egeree tokkummaa jaalala, waldanda’uufi guddina walii akkasumas ijaarsa sirna diimokiraasii akka biyyaatti eegalame gufachiisuu waan ta’eef walaba taanee nagaa buusuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Turtii yeroo keessaniif maqaa Gaazexaa Bariisaatiin galatoomaa; Horaa Bulaa isiniin jenna.

Abbaa Gadaa Ahmad: Isinillee Oromoon Walloo maalitti jirti, maal qabdi, maal fakkaatti isa jedhuuf turtii nuwaliin taasistaniif galatooma, deebanaa.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to ““Oromoon Walloo; warri odaa Garadoo, ummata sabboonummaasaa kabachiisee asiin gaheefi kabajni maluufiidha”Abbaa Gadaa Walloo Ahmad Mahaammad Umar”

  1. Pingback: eduzz account

Comments are closed.