“Carraan hojii uumamu jiruufi jireenya lammiilee jijjiiruurra darbee guddina dinagdee biyyaa utubuu qaba”- Aadde Mufariyaat Kaamiil

Ministeerri Hojiifi Ogummaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa RFDI waliin ta’uun torban darbe Finfinneetti hoggantootaa miidiyaaf waliin marii taasiseera. Waltajjicharratti hojiilee ministeerichi erga hundaa’ee waggoota lamaan darbanitti raawwataa tures ibsameera.

Ministir De’eetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa RFDI Obbo Kabbadaa Deessisaa haasaa baniinsa marichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, ministeerichi hojiilee cabiinsa dinagdee biyyattii wal’aananiifi gaaga’ama dinagdee furan hedduu raawwachaa jira. Ka’umsi cabiinsa dinagdee biyyattii aadaa hojii keenyaa waan ta’eef aadaa hojii keenya jijjiiruu qabna. Kanaafuu miidiyaan aadaa hojiirratti warraaqsa fiduurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba.

Hojiilee ministeerichi waggoota lamaan darban keessa raawwate cabiinsa dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa biyyattii wal’aanuu keessatti gumaacha guddaa kan qabu ta’uu himanii, hojii caalu raawwachuuf aadaa hojii keenya jijjiiruufi ilaalcha hojii tuffachuu keessaa ba’uu qabna.

Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiil akka jedhanitti, ministeerichi hundeeffamee waggoota lama keessatti hojiilee jiruufi jireenya lammiilee jijjiiraniifi dinagdee biyyattii utuban hedduu raawwateera; hojiileen hafan hedduunis ni jiru.

Lammiileen keenya harki caalu yeroo ammaa rakkoo qaala’iinsa jireenyaafi gatiitiin miidhamaa jiru. Rakkoo kana dhaabuun dadhabamus furuun ni danda’ama. Ministeerichi humna hojjechuu lammiilee cimsuun galii akka argatan taasisuun rakkoo qaala’iinsa jireenyaafi gatii mudate furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Carraan hojii lammiileef uumamu harkaa gara afaaniirra ta’uurra darbee jiruufi jireenya lammiilee kan jijjiiruufi guddina dinagdee biyyattii kan utubu ta’uu qaba.

Miseensota maatii tokko keessaa namni mindaa ykn galii qabu baay’ee xiqqaa ta’uu himanii, daa’immaniifi miseensonni maatii biroon galii ykn mindaa hinqabne galii ykn mindaa miseensi maatii sun argaturratti hundaa’anii kan jiraatan ta’uu himu. Ministeerichi lammiileef carraa hojii uumuun galii mataasaanii argatanii jireenya fooyya’aa akka jiraatan taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuufi lammiileen galii mataasaanii akka qabaatan taasisuun humna bitachuusaanii cimsuun rakkoo qaala’ina gatiifi jireenyaa furuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Yeroo ammaa dargaggoonni biyyattii hedduun biyya keessatti hojjetanii jijjiiramuu utuu danda’anii karaa seeraan alaa gara biyya alaatti godaanuun rakkoolee gara garaaf saaxilamaa jiraachuu himanii, dargaggoonni karaa seeraa ba’uufi biyyuma keessatti hojjetanii jijjiiramuu utuu danda’anii hojii malee taa’aniifi karaa seeraan alaa biyyaa ba’anii rakkoof saaxilamuu akka hinqabne gorsu.

“Hariiroon hojjetaafi hojjechiisaa gidduu jiru nageenya industirii mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf qaamolee lamaan gidduutti hariiroo gaarii uumuun barbaachisaadha. Hojjechistonnis mirgaafi faayidaa hojjettootaa eeguu qabu. Hojjettoonnis bu’a qabeessummaa industiriiwwan keessaa hojjetanii mirkaneessuuf dammaqinaan hojjechuu qabu.

Hariiroon hojjetaafi hojjechiisaa gidduu jiru cimuun fayyadamummaa qaamolee lamaanii cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba” jedhu. Hojjetaafi hojjechiisaan qofa qofaa jiraachuu akka hindandeenye kan himan Aadde Mufariyaat, kanaafuu qaamoleen lamaan hariiroo gaarii uumanii waliin hojjechuu akka qaban himanii, qaamoleen lamaan omishtummaa guddisuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qabaniifi hojjetaan yeroon galee yeroon ba’uudhaan dirqama irraa eegamu sirriitti bahachuu akka qabu hubachiisu. Hojjechiisaanis nageenya, mirgaafi faayidaa hojjetaa sirriitti eeguu akka qabu yaadachiisaniiru.

Akka ibsa Adde Mufariyaatitti, miidhaa hojiirratti mudatu ittisuuf hojjetaafi hojjisiisaan mirgaafi dirqamasaanii sirriitti bahachuu qabu. Iddoowwan tokko tokkotti meeshaaleen miidhaa hojirratti namarra gahuu danda’u ittisan hindhiyaatan. Bakka tokko tokkotti ammoo dhiyaatanis hojjettoonni fayyadamuu dhabuun ni mul’ata. Rakkoon kun hojjechiisaafi hojjetaa biratti waan mul’atuuf ministeerichi qaamolee lamaaniif leenjii nageenya hojiirraa mirkaneessu kan kennu ta’uu himaniiru.

Ministeerichi humna nama leenji’ee dhiyeessuufi carraa hojii uumuu hojii dursaa taasifatee irratti hojjechaa jiraachuu himanii, humna nama leenji’ee horachuuf dhaabbilee Barnoota Leenjii Teknikiifi Ogummaa (BLTO) waliin hojjechaa jiraachuu kaasu. Ministeerichi Itoophiyaa zoonii dinagdee saddeetitti qoodee irratti hojjechaa jiraachuufi leenjiiwwan dhaabbileen BLTO kennanis kennaa misooma naannawaafi fedhii gabaarratti kan hundaa’e ta’uus eeraniiru.

Ministeerichi barana lammiilee miliyoona 3.9f carraa hojii uumuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ibsanii, hojidhabeeyyiin sadarkaa biyyaatti jiran garuu miliyoona ja’aa ol ta’u kaasu. Dargaggoonni rakkoo hojidhabdummaa kana keessaa ba’uuf carraa hojii argame hundumaatti fayyadamuu akka qabaniifi aadaan hojii jijjiiramuu akka qabus ni hubachiisu.

Industiriiwwan biyyattiis omishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessatti omishamaniin bakka buusuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban yaadachiisanii, maashiinoota biyya alaarraa galan maashiinota biyya keessatti omishamaniin bakka buusuu barbaachisas jedhu. Dargaggoonni dhaabbilee BLTO gara garaa irraa leenji’anii ba’anis kanarratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qabaniis ni hubachiisu.

“Omishaaleen biyya keenyatti omishaman teknolojiin deggaramuu qabu. Carraawwan hojii uumamanis guddina dinagdee biyyaa waliin kan walitti hidhate ta’uu qabu. Lammiileen utuu gara hojiitti hinseenin dura leenjii argachuu qabu. Omishaaleen biyya keessatti omishamanis gabaarratti dorgomaa ta’uu qabu. Maatiifi hawaasni naannawaa carraa hojii mootummaan uumu deggeruurratti hirmaachuun ijoolleesaaniitiif carraa hojii uumuu qaba” jedhu.

Hojjennee jiruufi jireenya ofii jijjiiruuf ilaalcha hojii tuffachuufi filachuu akkasumas damee IMX xiqqeessanii ilaaluu keessaa ba’uu akka barbaachisuufi rakkoo hojidhabdummaa furuuf lammii tuuttaa uffatee hojjetu baay’inaan horachuu akka barbaachisu kaasu. Hojii irratti bobba’ame hundumaa miira yeroo hinqabuutiin hojjechuu akka barbaachisuus hubachiisu.

Daarektara Ittaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaa Obbo Yoonaattaan Tasfaayee akka jedhanitti, miidiyaan hojiilee mootummaan raawwate ummata biraan gahuufi yaadaafi komii ummataa ammoo mootummaa biraan ga’uun mootummaafi ummata gidduutti riqicha ta’ee tajaajiluu qaba. Miidiyaan rakkoo bulchiinsa gaarii hanga dakaatti gad bu’ee gatii kaffalee hojjechuus qaba.

Hirmaattonni marichaa akka jedhanitti, hojiileen cabiinsa dinagdee, hawaasummaafi siyaasa biyyattii wal’aanuuf raawwatamaa jiran gaariidha. Rakkooleen cabiinsa kana hordofsiisan baay’een waggoota dheeraaf gangalachaa waan dhufaniif ammayyuu xiyyeeffannaa addaa barbaadu. Rakkoolee gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasaatiin mudatan furuuf yaaliin taasifamaa jiraatus rakkoon qaala’iinsa gatii daran dabalaa jira.

Abbootii qabeenyaa biyya keessaafi biyya alaa baay’inaan simachuun damee hojii garagaraa irratti hirmaatanii carraa hojii bal’aa akka uuman taasisuuf nageenya biyyattii mirkaneessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Haalli nageenya iddoo industiriis mirkanaa’uu qaba.

Nageenya hojiirraa mirkaneessuun walqabateee keessumaa damee hojii konistiraakshiniif xiyyeeffannaa addaa argachuu akka qabuufi kaffaltiin hojjettoota industiriiwwan adda addaa keessaa hojjetaniis gadaanaa waan ta’eef walmadaalaa akka ta’uuf hojjetamuu akka qabu kaasu.

Haalli kenniinsa tajaajila liqiifi sassaabbii intarpiraayizootaafi kenniinsa sheediis hojii xiyyeeffannaa addaa barbaaduu ta’uu kaasanii, intarpiraayizootaaf iddoo omishaafi gurgurtaa dhiyeessuu hojii ba’inaan itti adeemamuu qabuu ta’uu himu. Intarpiraayiziin tokko sheedii tokko waggaa shanii ol ittifayyadamuu waan hinqabneef asiratti to’annoofi hordoffii cimaan taasifamuu akka qabu eeru.

Dargaggoonni IMXn gurmaa’an baay’eensaanii hojii kan qaban, hoggantoota waliin firoomina ykn walitti dhufeenya gaarii kan qaban waan ta’eef asiratti iftoominni jiraachuu akka qabu eeranii, qarshii liqii intarpiraayizootaaf kenname sassaabuurrattis hanqinni waan mul’atuuf xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjetamuu kan qabuufi carraa hojii uumuun walqabatee rakkoon sadarkaa gadiitti waan hammaatuuf ministeerichi caasaasaa gara gadii sirriitti to’achuufi hordofuu qaba jedhu.

Intarpiraayizootaafi namoota hojiisaaniitiin fakkeenyummaa gaarii qaban jajjabeessuufi beekamtii kennuufiin barbaachisaa ta’uu himanii, miidiyaanis hojii fakkeenyummaasaanii warra biroof qooduurratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu yaadachiisu.

Ministir De’eetaa Ministeera Hojiifi Ogummaa Obbo Nigusuu Xilaahun gamasaaniin akka jedhanitti, dhiyeessa tajaajila qarshii liqaarratti hanqinni ni jira. Akka qajeelfama Baankii Biyyaalessaatti, baankonni bu’aa waggaatti argatanirraa dhibbantaa shan intarpiraayizootaaf liqeessuu qabu. Sheedii kennuun walqabatees rakkoo guddaatu mul’ata. Intarpiraayizoonni gara abbaa qabeenyaa giddugaleessaatti ce’anii utuu sheedii hidabarsiin waggoota 15 oliif ittifayyadaman ni jiru. Sheedonni tokko tokko ammoo dhimmoota biroof oolaa jiru. Kanaafuu miidiyaan rakkoolee kanneen ifa baasuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba.

Sheedii kennuun walqabatee hoggantoonni hojii fakkeenyummaa gaarii qabu hojjetan akkuma jiran kanneen sheedota hinto’anneefi hinhordofne jiraachuu himanii, bulchiinsaafi dabarsa sheediirratti xiyyeeffannaan hojjechuu akka barbaachisu hubachiisu.

Dargaggoota gurmeessanii gara hojiitti galchuun walqabatee rakkoon, hoggantoota tokko tokko biratti kan mul’atu ta’uu himanii, hoggantoonni firummaan, sanyummaafi walbeekuun dargaggoota gurmeessanii hojiitti galchan waan jiraniif miidiyaan rakkoo gama kanaan jiru qoratee ifatti baasuu akka qabu yaadachiisaniiru. Gabaasni raawwii karoora hojii carraa hojii uumuun walqabatee dhiyaatus hanqina waan qabuuf dhimma xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjetamuu qabu ta’uus himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ “Carraan hojii uumamu jiruufi jireenya lammiilee jijjiiruurra darbee guddina dinagdee biyyaa utubuu qaba”- Aadde Mufariyaat Kaamiil”

  1. Pingback: ai ดูดวง

Comments are closed.