Pirojektii Caakkaa: Ibsama mul’ata guddaa

Hojiilee misoomaa Finfinneefi naannawashiitti adeemsifamaa jiran irra deddeebiin daaw’achuuf carraa argadheera. Keessumaa daaw’annaa baatii Hagayyaa darbe qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin qophaa’een pirojektota guguddoo kallattii guddinaa magaalattiis ta’e Itoophiyaa agarsiisaniifi abdachiisoo kanneen akka Godambaa Adwaa Kiiloo Meetira Zeeroo Zeeroo, Wiirtuu Konveenshinii Idiladdunyaafi Agarsiisaa Addis mil’adheera.

Akkasumas Wiirtuu To’annaa Tiraafikiifi Biiroo Geejibaa Finfinnee, Wiirtuu Misoomaa Hayyoomaa Beeladaa (Pirojektii qonnaan bulaafi jiraattota magaalaa walittifiroomseefi walittihidhe), Wiirtuu Buddeenaa Lammii (pirojektii buddeena golaa gara warshaatti jijjiire), daandiiwwan haaraa hojjetamaa jiran, wiirtuu omishaaleen qonnaa ittikuufaman, gurguramaniifi naannawa Ayaatitti argamu (pirojektii agarsiistuu waa uumuufi saffisuu)fi kkfn qaama daaw’annichaa turan.

Sagantaa daaw’annaa Waajjirri Ministira Muummee Mudde 16fi 17 bara 2016 pirojektota guguddoo Finfinneetti hojjetamaa jiranirratti gaazexeessitootaaf qopheesserrattis qooda fudhadhee waanin yaadannoo koofi sammuutti qabadhe akka ittaanuttin isin dubbisiisa.

Daaw’annaa guyyaa jalqabaatiin manneen lammiilee harkaqal’eeyyiif naannawa Daalattii (Araat Kiiloo) bakka addaa Abuwaaree jedhamutti ijaaramaa jiru, (Masaraan Biyyaalessaa hojiin haaressaasaa adeemsifamaa jiruufi ji’oota lamaa/sadii keessatti xumuramee daaw’attootaaf banaa ta’u), daandii qaxxaamuraa karaa fuuldura Hoteela Sharaatan Addis gara Masaraa Guddicha geessurratti hojjetamaa jiru, misooma lageeniifi qarqara lageenii Finfinnee kaka’umsa Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiin (PhD) hojjetamaa jiru akkasumas pirojektii Godambaa Adwaa Zeeroo Zeerootu mil’atame.

Guyyaa lammaffaatiin ammoo bakka ijaarsi “Wing of Africa” jedhamu ittigaggeeffamu (naannawa qubata xiyyaaraa Boolee), daandii irraa jalaa naannawa Garjiitti hojjetamaa jiruufi Pirojektii Guddicha Caakkaa jedhamu akkasumas, riqicha guddicha kutaalee Magaalaa Aqaaqii Qaallittiifi Boolee walqunnamsiisutu daaw’atame. Riqichi kun sadarkaa guddinaasaatiin biyya keenyatti riqicha Abbayyaatti aanee isa lammaffaa ta’uus wayituma kana odeeffanneerra.

Dhimma biraa oggaa daaw’annaan kun adeemsifamu taajjabne, namatti toluufi muuxannoo gaariin iddoowwan kaanittis babal’achuu qabu waa’ee magariisummaa jidduufi qarqara daandiiwwaniiti.

Gaafa daaw’annaa sana Daalattiidhaa kaanee hanga Boolee-daandii Qaallattii, Tulluu Dimtuu-Koyyee Faccee, Aqaaqii Qaallittii- Boolee Bulbulaa geenyee deebinutti daandii jidduufi qarqarrisaa haala namatti toluun magarsiisummaa uffatanii mul’atu.

Ani waanin daandiiwwan kanneen sagantaa daaw’annichaatiin ilaaleefin eere malee ammaan tana Finfinnee kallattii (koriidarii) kamiinuu yoo deemame miidhagina daandiiwwaniifi qarqarasaaniitiif xiyyeeffannaa olaanaan kennamee hojjetamaa jiraachuu waan hunduu argaa bira darbuufi ooluudha.

Keessumaa jidduun daandii Dolol’oo Buddeenaatii (Addababa’ii Masqalaa) gara Buufata Xayyaaraa Boolee geessu haala addaafi xiyyeeffannaa olaanaadhaan misoomfamaafi miidhagfamaa jira. Akka odeeffannetti hojiin miidhagsuufi misoomsuu daandichaa guyyaa otoo hintaane halkan hojjetama; sababiin kanaas guyyaa dhangala’ina tiraafikiirratti dhiibbaa akka hinuumamneef yaadameeti.

Daandiiwwaniifi iddoowwan ciccittuun jiddugaleessa Finfinneetti argaman xiyyeeffannaadhaan akka misoomaniif Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) akkuma pirojektota kaanii keessumaa halkan akka hordofaniifi kallattii kennanis hubanneerra. Misooma magarsiisaa walakkeessaafi qarqara daandii kanaan imaltoota lafoofii saayikiliifis xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira.

Hojiilee abdachiisoo gareen gaazexeessitootaa qaamaan argamee daaw’ateen ala manni barnootaa bultii qarodhabeeyyiifi wiirtuun haaromsa dubartoota sababoota adda addaatiin miidhamanii, akkasumas istaadiyemiin Aqaaqii altokkotti namoota kuma 25 qabatu koriidarii Aqaaqii-Qaallittiitti ijaaramaa jirurrattis ibsi kennameera.

Kana malees ijaarsi Istaadiyemii Aday Ababaa sababoota adda addaatiin addaan citee tures tattaaffii mootummaan federaalaa taasiseen hojiinsaa ittifufee akka xumuramuuf waliigalteen raawwatamuus daaw’achiistuun keenya, Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Dhimmoota Kaabinee Aadde Alamtsahaay Phaawuloos ibsaniiru.

Pirojektii misooma lageeniifi qarqara lageenii Finfinnee walta’iinsa mootummaa Chaayinaatiin hojjetamaa jiruun laga fooliinsaa xiraa’aa ture miidhagsuu Paarkiiwwan Inxooxxoofi Michummaatiin walqunnamsiisuuf hojjetamaa jira. Hojii kanaan eegumsa naannawaafi hawaasaaf xiyyeeffannaa olaanaan kennameera.

Kana maddiitti misooma daandii Qaallittii ijaarsisaa waggootaaf harkifachaa ture; Pirojektiin Caakkaa yaada Ministirri Muummee biyyattii maddisiisaniin lafa bal’innisaa heektaara 503 irratti hojjetamaa jirus daaw’atameera.

Iddoon pirojektiin Caakkaa ittihojjetamaa jiru daran guddichaafi bakka waan uumaan dhimmuma kanaaf akka mijatuuf miidhagsee uume fakkaata. Amma waanuma xiqqaatu eegalame. Hojichi dhaloota dhufaa darbuun hanga waggoota 500tti kan ittifufuudha. Hojii har’uma jalqabamee har’uma xumuramu miti jechuudha. Pirojektii bifa ismaarti siitiitiin hojjetamuudha. Pirojektiin Caakkaa hoteela abbaa urjii torbaa, dirree al tokkotti hanga namoota kuma 200 qabaatu, fincaa’aa, bakka irra dhaabatanii Finfinnee kallattiilee hundaan daaw’ataniifi meetira 21 dheeratu danaa arkiitiin hojjetamaa jiru, bakka aaragalfii, restoraantii, kuduraafi muduraa akka appiliifaa, iddoo magariisaafi kanneen biroo qaba.

Hojiin pirojektichaa marsaa jalqabaa kun misooma magariisaatiif iddoo olaanaa kennee hojjetamaa jira. Daandiin Inxooxxoorraa kaasee gara Kotobee geessus qaama pirojektichaati.

Imaltoonni kallattii kaabaatiin dhufan otoo Finfinnee hinseeniin achumaan gara buufata konkolaataa Laambarat dhaqu jechuudha. Hojiin pirojektichaa baatii Eblaa darbe jalqabame. Daandiin bal’aan Maganaanyaarraa gara pirojektichaan geessus gartokkeen hojjetamee inni hafes si’aayinaan hojjetamaa jira.

Daaw’annichaan pirojektonni guguddoon miidhagina magaalattii dabalan si’aayinaafi qulqullinaan hojjetamaa jiraachuun kan hubatame yoo ta’u, keessumaa hojiin misooma bu’uuraa daandii haala nama ajaa’ibsiisuun ijaaramaafi miidhagfamaa jiru akka fakkeenyaatti kan eeramudha. Pirojektonni misoomaa hojjetamaa jiran dadammaqiinsi dinagdee akka uumamu gochuu maddiitti haala magaalaafi naannawaa jijjiiruudhaan waan guddaa gumaachaa jiru; muuxannoon Finfinneetti eegalame kun gara magaalota biyyattiitti babal’atee hojiirra oolaa waan jiruuf.

Daandii haaraa Buufata Qubata Xiyyaaraa Boolee gara Pirojektii Caakkaa geessu hojjetamaa jira. Daandiin kun ammaan tana bakka Maganaanyaa jedhamurraa kaasee hanga tulluu Eekkaatti hojjetamaa kan jiruudha. Pirojekiin Caakkaa jiddugala magaalota Finfinneefi Shaggaritti hojjetamaa kan jiruudha.

Daandii guddicha Maganaanyaarraa kaasee gara pirojektichaa geessurra manneen gandaatu baay’inaan ture. Jiraattota naannawicha turaniif bakki mijataan kennameeti kan kaafaman. Daandichi bitaan mirgaan bal’ina meetira 46 qaba.

Pirojektiin kun, kutaa magaalaa Eekkaatti aanaalee 2, 3, 5, 9, 10fi 11; kallattii kaaniin Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa, kallattii kaabaatiin irrajireessaan Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Akaakoo keessatti hojjetamaa kan jiruudha. Daandii guddichi kallattii kaabaatiin ykn karaa Sulultaa qaxxaamuraan gara Kotobee geessisus saffisaan hojjetamaa jira. Ijaarsi manneen jireenyaa pirojekticha keessatti eegalames jira. Bakka dhaabbii konkolaataas qaba. Iddoowwan aaragalfiis lafa hektaara 20 irratti ijaaramaa jira. Horri namtolcheenis kan uumamaa fakkeeffame hojjetamaa jira.

Pirojektii hojjetamaa jiruun sararri elektirikii, bilbilaa, bishaaniifi dhangala’aa bakkuma tokkotti iddoon waan qophaa’eefiif lafti kanaaf qotamu, wadaroon ykn funyoon qilleensa diriiru hinjiru. Hunduu qindaa’ee bakka qophaa’eefitti yerumaan galeera.

Pirojektichi daandiiwwan 18 kan qabu yoo ta’u, kanneen keessaa torba xumuramanii tajaajila kennaa jiru. Moorichatti harka 100 keessaa 10n qofti ijaarsaaf kan oolu yoo ta’u, harki 90 duudhaadhumasaa ganamaa ykn magariisummaasaa qabatee kan ittifufuudha.

Bakka uumaan ganamuma bareechee uume kanatti misooma waaraa milkeessuuf bosona ciruu otoo hintaane kunuunsuutu mul’ata. Hojiilee baay’een dhaabbilee dhuunfaatiin hojjetamu. Kutaan qonna ammayyaas ni jira. bakkichi qilleensa qulqulluu bosonaa dhamdhamuu nama dandeessisuun of eeggannaa cimaadhaan hojjetamaa jira. Hojichi akka addunyaatti Itoophiyaan eessa akka jirtu, garamittis arreedaa akka jirtu sirriitti kan agarsiisuudha.

Pirojekticha hojjechaa kan jiran ogeessota Pirojektii Wancii-Dandii haala miidhagaadhaan ijaaranii xumuraniidha. Hojjettoonni pirojektichaa waraabessaa halkaniifi qorra tulluurraa wajjin wal’aansoo walqabaafi waldhiibaa sa’aatii 24:00 hamilee guddaadhaan hojjetaa jiru.

Bitaa mirga daandii marga dafee qaqqabu dhaabuudhaan akka gaariitti miidhagsaafi magariisa uwwisaa jiru. Hojiisaanii keessatti kalaqawwan adda addaatu mul’ata. Kanaanis hojiin ji’a tokko keessatti hojjetameefi jijjiiramne mul’ate daran ajaa’ibsiisaadha.

Bakka kanatti aadaan hojiis daran jijjjiiramuusaati kan mul’atu. Karaa daandii baasuuf qotame bitaa mirgisaa akka lolaadhaan hindhiqamneef waanti dargaggoonni hojjetaa jiran gumaacha olaanaa qabaata.

Milkaa’ina hojichaatiif hunduu akkuma dandeettiifi ogummaasaatti ashaaraasaa kaa’uu qaba. Keessumaa miidiyaan pirojektii Caakkaa kana dabalatee olola afarfamu dhabamsiisuun dhugaa jiru qaaccesanii ummata biraan gahuun gumaachasaanii sirnaan bahachuu qabu.

Akkuma hundi keenya dhaga’aa turre pirojektii agarsiistuu mul’ataa guddaa ta’e kana ilaalchisee masaraatu ijaaramafaa jedhamee ololli odeeffamaa ture laayyoo waan hintaaneef dhugaa lafa jiru ibsuurratti xiyyeeffatanii sirnaan hojjechuu qabu.

Raawwachiistuun hojii Kutaa Magaalaa Boolee Aadde Alamtsahaay Shifarraa daaw’annaa guyyaa jalqabaarratti garee gaazexeessitootaa kanneen naannawa riqicha guddicha kutaalee magaalaasaaniifi Aqaaqii Qaallitti walquunnamsiisutti dhangaawwan aadaa Oromoo cororsaa, cukkoo walumaagalatti maaddii guutuudhaan haala namatti toluun simatanii, nyaachisaniifi obaasanii gaggeessaniiru. Kanaanis miseensota garichaafi daaw’achiistuu keenya, Aadde Alamtsahaay Phaawuloosiin dinqisiifannaa guddaafi galanni dhiyaateeraaf.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “ Pirojektii Caakkaa: Ibsama mul’ata guddaa”

  1. Pingback: sccy pistols
  2. Pingback: blote tieten

Comments are closed.