“Amantoonni hundi ergamtoota nageenyaa ta’uu qabu” – Luba Darajjee Janbaruu

Ayyaanni Dhalachuu Gooftaa Yesuus Kiristoos ayyaanota hordoftoota amantii Kiristaanaa biratti bakka olaanaa qaban keessaa tokko yoo ta’u, yeroo baay’ee Mudde 29, waggaa afuritti si’a tokko yommuu Qaam’een guyyaa ja’a taatu ammoo Mudde 28 kabajama.

Guyyaan yaadannoo dhalootaa kun sadarkaa idiladdunyaattillee kan kabajamu yoo ta’u, biyyoota alaatti torban tokko dura sirna ho’aadhaan kabajamee darbeera. Kutaan Qophii Gaazexaa Bariisaas hordoftoota Amantii Kiristaanaa ayyaanicha kabajan mara baga ittiin isin ga’e jechaa, dhimma ayyaanichaafi dhimmoota amantii biroorratti Barreessaa Muummee Kaawunsilii Manneen Amantii Warra Wangeelaa Itoophiyaa (KMAWWI) Luba Darajjee Janbaruu keessummaa taasifateera; dubbisa gaarii.

Bariisaa: Yeroo keessaniif galatoomaa jechaa, mee dubbistoota Gaazexaa Bariisaatiin walbaraa. Eessatti dhalattanii, guddattan, barattan?

Luba Darajjee: Tole, Luba Darajjee Janbaruun jedhama. Barreessaa Muummee Kaawunsilii Manneen Amantii Amantoota Warra Wangeelaa Itoophiyaati. Kanin dhaladhee guddadhe Gojjamitti yoo ta’u, hangan kutaa 12ffaa xumuruttis achuman ture. Isa booda gara Finfinnee dhufeen Seminaarii Makaana Yesuusitti, tiwoolojii baradheen gara Itoophiyaa kaabaatti, Walloo, Tigraayiifi Affaaritti yeroo dheeraadhaaf tajaajilaafi manneen amantii gaggeessaan ture.

Bariisaa: Ijoolummaa keessan akkamiin yaadattu, yommuu barattanoo barataa akkamii turtan?

Luba Darajjee: Gama barnootaatiin barataa hangas mara cimaa jedhamu hinturre. Barnootakoorratti gahee olaanaa kan qabu abbaakooti. Abbaankoo daldalaas qonnaan bulaas waan tureef namoota naannawichatti jireenya gaarii jiraatan keessaa tokko ture. Waan dhimma hojiif gara Finfinnee dhufaa tureefis namoota baratan ni arga. Haala kanaan hanga kutaa 12ffaatti manneen barnootaa naannawaa dhalootakoo jiranitti baradheera. Ijoollummaakoo barnootumarratti xiyyeeffadheen dabarse.

Bariisaa: Maatii keessaniif ilma meeqaffaadha?

Luba Darajjee: Abbaakoof kan jalqabaa ana. Haadhakoof garuu shanaffaadha.

Bariisaa: Yommuu barattanoo maal ta’uu hawwaa turtan?

Luba Darajjee: Yeroo baranne bara Hayilasillaasee sana dabtarri, aannan, kobbeen suurri mootichaa irra jiru nuu kennama waan tureef barachuu malee waan biraa hin yaadnu turre. Yommuu kutaa ja’affaa geenyu garuu maal ta’uu akka barbaannu nu filachiisu turan. Yeroo sanatti wanti guddaa ani argu xiyyaara balaliisuu waan tureef anis isuman hawwan ture.

Bariisaa: Fedhiin keessaniifi wanti isin taatan garuu walirraa fagoodha. Mee akkamiin gara tiwooloojiitti dhuftanii wangeela barsiisuutti seentan?

Luba Darajjee: Ani akkakootti baay’ee walirraa fagaata jedhee hin yaadu. Ani kanin yaade akka biyya lafaatti samiirra balaliisuudha. Akkan addunyaa hafuuraatiin balalisu hinbarren ture. Waan si dhibu anis gaafan gara Finfinnee dhufu jireenya hafuuraa keessan gala jedhee hin yaadne. Bara 1966 kutaa 12ffaa xumureen hojii barbaacha Finfinnee dhufe.

Haaluma sanaan hojii barsiisummaa argadheen qarshii 20n mindeeffamee hojjechaan ture. Ollaankoos nama Wallagga Lixaa, Aanaa Ayiraarraa dhufe ture. Inni amanaa Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus ture. Guyyoota tokko tokko oggaan dhugaatii alkoolii dhugee xiqqoo natti ho’u isa bira deemeen taphadhan ture. Yeroon isa bira deemu gaafa tokkollee kana sana naan hinjedhu garuu, wayyaa natti jijjiiree, kophee nattii baasee, kaalsii naa miiccee akka obboleessaatti ofitti na qaba.

Jireenyisaa suuta suuta keessakoo seenee, akkan akkasaatti jiraachuu barbaadu itti hime. Innis wangeela dhugaa naaf ba’ee Yesuus Kiristoosiin akka fayyisa lubbuukoo godhee akkan fudhuu na taasise. Haala kanaanin bara 1967 seminaarii seene jechuudha.

Bara sana barattoonni kan dhufan karaa sinodosootaa ta’uus, ani garuu waanin gara kaabaatii dhufeef sinoodosiillee hinqabuun ture. Luba tokkotu kaabarraa nama tokko nuu barsiisaa jedhee warra adii naa gaafatan; isaanis tole jedhan. Yeroos Luba Guddinaa Tumsaafaatu ture. Isaanis na deggaran, “Phaaphaasii keenya Gojjaam” naan jedhu turan. Haaluma kanaan misiyooniin naa kaffalee seminaarii seenee baradhe jechuudha.

Bariisaa: Yeroo sana akkamiin yaadattu?

Luba Darajjee: Dhugaa dubbachuuf gaafan achi seene Amaariffarraa kan hafe gaafa afaan biraa dubbatamu dhaga’eellee hinbeeku; jiraachuusaas hinbeeku. Achitti garuu baay’inaan Afaan Oromoo akkasumas, obboloonni Kibbafaarraa dhufan waan jiraniif afaanota naannawaasaaniitu dubbatama ture.

Hawaasa guddaa tokko keessan seene. Gara jalqabaarratti ormummaan natti dhaga’amee ba’uu laata yeroon jedhellee tureera. Ta’us namni guddaa Luba Bantii Garbaa jedhaman waan dhiheenyatti na hordofaafi na jajjabeessaa turaniif baradhee xumuruu danda’eera. Boodarra garuu baay’eesaanii waliin hiriyyaa taane. Afaanillee na barsiisaa turan. Kanin yaadadhu kaardii Afaan Girikii baranurratti, Afaan Oromoollee nan barreeffadhan ture.

Kanarratti mudannoo tokko sii kaasuuf jechoota Afaan Oromoo hiriyyoonnikoo na barsiisan keessaa nagaa gaafannaan isa tokko. Ergan namoota nagaa gaafadhee booda akkan ,“Biyyoo nyaadhu” jedhu na barsiisan; hiikasaas nagaa gaafachuudhuma jedhanii natti himan. Anis haala kanaan namootaan akkam jirtu, fayyaadhaa? jedhee ergan gaafadhee booda, biyyoo nyaadhuun jedhaaniin ture. Boodarra warri kaan gaafa na’aa, kaan kolfaa na ilaalan namoota kaanirraa hiikasaa adda baafadheen jechuu dhiise.

Waliigala turtiinkoo seminaarii, biyyaakoofi ummatakoo akkan ilaalu na taasiseera. Jaalalli dallaa afaanii, qomoofi sanyii homaa tokkollee akka hinqabne itti hubadheera. Firoonni achitti horadhe yommuun rakkadhu, bal’adhu, gammaduufi dhibamu na bira dhaabatu. Kanaaf akka agarsiistuutti sii kaasuuf yeroo tokko manakoo bishaan nyaate. Borumtaasaa lafa qotanii naa ijaarsisuu isaantu eegale.

Bariisaa: Erga Seminaariidhaa baatanii boodawoo eessafaa deemtanii tajaajiltan, eessafaas hojjetaniittu?

Luba Darajjee: Achii ba’ee kallattiidhaan abbaa wangeelaa ta’ee kanin ergame gara Daseetti. Yeroonsaa bara Dargii waan ta’eef nuuf yeroo ulfaataa ture. Akkasumas

nageenyi akka dhibu hintaasisnee? Isa jedhu of gaafachuudha naannawichi hordoftoonni amantii Ortodoksiifi Musliimaa waan itti baay’ataniif nuu rakkisaa ture. Mootummaanis akka basaastuuwwaniifi jaalala biyyaa hinqabnetti nu yaadaa ture. Garuu obboloonni muraasni naannawa sana jirru daran kan waljaalannu, waanuma tokkoofillee kan hinjilbeenfanne turre. Tokko yoo hidhame inni hafe hojii wangeelaa ittifufsiisa malee hindhaabatu ture. Hojii hafuuraa qofa osoo hintaane hojiilee misoomaa baay’ees hojjenneerra. Haala kanaan hojiin achitti eegaleen gara ittigaafatamummaattis suuta dhufee bakkeewwan garagaraatti tajaajileera.

Bariisaa: Egaa erga hojii wangeelaatti seentanii waggoota 50 guutuuf jettu. Akkuma kaastan yeroon itti eegaltan yeroo ulfaataadha. Mee jireenya keessan keessatti yeroo ulfaataa hindaganne utuu nuu kaastanii?

Luba Darajjee: Inni yeroo Dargii yoomiyyuurra yeroo ulfaataadha. Gara deemtetti dhagaan sitti darbatama, ni arrabsamta, akka uumama addaatti ilaalamta. Yeroo barbaadanitti qabanii si hidhu. Yeroon sun ulfaataa ta’us amantii keenyatti jabaannee akka dhaabannu kan nu taasiseedha. Waaqayyoos Waaqa nama eeguufi nama gargaaru ta’uu kan itti barannedha. Bara isatti amananii kufuun itti hinjirre ta’uullee hubanneerra.

Bariisaa: Wangeelli isin yeroos gatii itti kanfaltan kun ammarra yoo ilaallatan, bakka isin yaaddan ga’eeraa?

Luba Darajjee: Waan baay’eedhaan ga’eera jedheen amana. Kiristaanummaan yeroo keenyaa xiqqoo jabaataadha. Soomuu, sagaduu, wangeela dubbifachuu, halkanii guyyaa kadhachuufi faarfachuutu ture. Caalaatti baay’annee kan argamne yeroo ADWUItti. Yeroo dhugumaan fayyisuu Gooftaa Yesuusiin sirriitti itti argine ture.

Isa akka bara ammaa raajiin baay’atee waanti dubbatamuufi raawwatamu waliirraa fagoo ta’e osoo hintaane yeroos wanti dubbatame yeroodhuma sana ta’a. Maalis ta’u maal garuu firii aarsaa bara sana itti kanfallee amma argaa jirra. Lakkoofsaan baay’anneerra. Amantoota miliyoonaan lakka’aman kallattii afuriin qabna.

Adda addummaan baay’ataa deemuun ammoo inkirdaadni keessaa hindhibu. Sababa kanaaf garuu bakka yaadne hingeenye jechuu hindandeenyu.

Bariisaa: Keessumaa baay’achuu waliin walqabatee, qulqullinnisaa bu’eera jedhamaatii, isin maal taajjabdan?

Luba Darajjee: Yeroo kan keenyaa namni erga Gooftaa Yesuusiin fayyisaa lubbuusaa godhatee fudhatee booda walitti aansuun barnoota cimsannaa barata. Hordoffiinis sirriitti taasifama. Amma garuu baay’ina namaafi hanqina tajaajiltootaarraa kan ka’e hordoffiin cimaa jira jedhee hin yaadu. Kana malees yeroo keenyaa kiristaanummaan dhugaaf jiraachuu, jireenya barabaraa ittiin argachuudha jennee amanna malee, maallaqa ittiin argachuuf miti kan itti seennu. Amma garuu barris dhaloonnis jijjiiramaa jira natti fakkaata; namni kiristaanummaa faayidaa dhuunfaa wajjin yommuu walqabsiisu namoota muraasarratti argaa jirra.

Bariisaa: Haala maatii keessanii utuu nuu ibsitanii?

Luba Darajjee: Ani bultoo dhaabbadhee, ijoollee shan godhadheera. Afur kanuma ofiikoo tokkommoo kanin guddise jechuudha. Hunduu of danda’anii jireenyasaanii gaggaffataa jiru.

Bariisaa: Mee dhimma dhuunfaa keessan keessaa haa baanuuti, Kaawunsiliin Manneen Amantii Amantoota Warra Wangeelaa Itoophiyaa erga hundaa’e hammam ta’eera, maalis hojjetaa jira?

Luba Darajjee: Erga hundoofnee reefu waggaa sadii. Kaayyoonsaas manneen amantii warra wangeelaa bittinaa’anii turan gaaddisa tokko jalatti fiduudha. Kun immoo tokkoffaa tajaajila wangeelaatiif, lammaffaa shoora akka biyyaatti ba’annuuf daran fayyada.

Sagaleen keenyas yommuu walitti dhufnu dhageettii qabaata. Akkasumas, bu’uura heera biyyattiitiin mirgi amantoota keenyaa eegamee jiraachuuf dhaabbata waliinii qabaachuun barbaachisaadha. Biyya keessatti qofa osoo hintaane biyyaa alattillee hojjechuun kan dandeessisuudha.

Darbees barsiisawwan sirrii hintaane qajeelchuuf kaawunsilichi gahee olaanaa qaba. Sababnisaa manneen amantii warra wangeelaa eeyyama kan argatan karaa keenyaan waan ta’eef. Yeroo dhufan dokimantii sirrii ulaagaa taa’e guutu fidatanii waan dhufaniif ittiin jiraachuusaanillee akka hordofnuuf nu gargaara. Darbee darbee hanqinoota akkanaa arguurraa kan hafe, wangeelli hojjetamaa jira.

Haala kanaan kaayyoo jedhameef zeeroorraa ka’ee kan hundaa’e kaawunsiliin kun, waajjira bananii caasaa gurmeessuun hojii salphaa hinturre. Gargaarsa Waaqayyoofi namoota muraasa faayidaasaa hubataniin hojii eegalee, amma dameelee 160 ta’an Itoophiyaa keessaa qaba; biyyoota alaa Afrikaa Kibbaa, Emireetoota Arabaafi kkfttis eeyyama fudhachuun waajjira bananneerra; Ameerikaatti ammoo adeemsarra jirra. Adeemsa kanaan kanneen jalqaba nu baqataa turanillee faayidaasaa baranii nutti makamaa jiru.

Kana malees hojiilee misoomaarrattillee hirmaachuun hojii kaawunsilichaa keessaa tokko. Dhiheenyallee qarshii miliyoona 300 ta’u walittiqabuun naannolee Oromiyaafi Kibbaatti hojjechuuf waliigalteen mallattaa’eera.

Bariisaa: Kaawunsilichi manneen amantii warra wangeelaa meeqa miseensummaan qabateera?

Luba Darajjee: Gara kuma lamaafi 500 ta’u. Kanneen kanaan dura Ministeera Nageenyaa jala turan gara keenyatti dhufan jechuudha. Kunneen amantoota miliyoona 30 ol akka qaban tilmaamama. Lakkoofsi kun ministiriiwwan hojii misoomaa hojjetan hindabalatu jechuudha.

Kaawunsilii keenya jalatti kan hinmakamne kanneen ulaagaa hingunne muraasni jiru. Fakkeenyaaf kanneen sadan waaqa tokkichaatti hinamanne, kitaabota Kakuu Haaraafi Moofaa 66n hinfudhanne, fayyisummaa Yesuus Kiristoositti hinamanneefi hinfudhanne kaawunsilii keenya jalatti hinhammataman.

Bariisaa: Keessumaa yeroo ammaa yeroo biyyi yoomiyyuu caalaa nagaa barbaaddudhaatii, kaawunsilichi gama kanaan maal hojjetaa jira?

Luba Darajjee: Yeroo ammaa Itoophiyaatti waa hunda dura nageenyatu barbaachisa. Waa hundi ta’uu kan danda’u yoo nageenyi jiraate qofa. Sababa nageenyi hinjirreef waan baay’ee dhabneerra. Wanti inni nutti fidu beela. Namni yoo ba’ee hinhojjetu ta’e waan nyaatu hinqabu. Kanaaf dhimma kanarratti qaamolee garagaraa sadarkaa addaddaarra jiran waliin hojjetaa jirra.

Amantoonni bakka jiranitti ambaasaaddara nageenyaa ta’anii akka jiraataniif xiyyeeffannaadhaan barsiisna. Sababnisaas Macaafni Qulqulluu “kan araarsan qulqulloota” waan jedhuuf tajaajila sana akka kennan barsiisaa jirra. Akkasumas waltajjiiwwan mootummaan dhimma kanarratti qopheessus hanga danda’ametti deggaruurratti argamna.

Ammarratti ammoo qabatamaadhaan maal gochuu qabna, ummanni maal nurraa barbaada isa jedhurratti bor utuu jennee gaabbuurra sadarkaalee garagaraatti irratti mari’ataa jirra. Kanammoo waan cimnee ittifufnuudha. Sababnisaas nageenya malee bu’aan waan hinjirreef. Ani akka carraa Ruwaandaa deemee ilaaleera. Yommuun achitti abbootii amantii waliin haasa’u, har’arra bor wayya jechaa wantoota callisanii taa’anii ilaaluun ulfaataadha naan jedhan.

Wangeela keessatti dubartii Abeegiyaa jedhamtutu ture. Abbaan Warraashee Naabaal jedhama. Namni kun hamaafi rakkisaadha. Isheen immoo amalaafi miidhaginaan mudaa hinqabdu. Sababa rakkoo abbaan warraashee uumeen garuu Daawwiit ajjeesuuf loltoota 400 ol qabatee oggaa gara manashee deemu, karaarratti eegdeetu Daawwiitiin “harkikee dhiiga akka hindhangalaasne” jettee deebisteen. Fuuldurashee loltuu dheekkamee waraana qabate waliin yoon du’es maatiikoo durseen du’a jettee dhaabatte.

Egaa kanarraa har’a kanneen abbootii amantii jedhamnu barachuu qabna. Yoo du’uun nurra jiraate nuti dursinee haa duunu. Fuuldura baanee adaraa jennee kadhachuu qabna. Mootummaas, humnoota hidhatanii jiranis kadhachuun nurraa eegama. Ummata kana hiyyumniifi beelli kanaan duraa isa ga’a. Kanaaf hundi keenya gara sammuu keenyaatti deebinee, hubannee deebi’uu qabna.

Dhimmoota irratti dheekkamnuufi itti dhibamne yoo qabaannellee isa dhiisnee furmaatarratti mari’achuu qabna. Tokko tokko ajjeesuudhaan furmaanni ni dhufaa? isa jedhu dhaabannee ilaaluu qabna. Utuu isaan furmaanni ni dhufa ta’ee hamma yoonaa nagaa nitaana turre.

Seenaa biyyoota addunyaarraallee yoo ilaalle Liibiyaan nagaa taati turte. Awurooppaa yoo ilaallee waraanaan Itoophiyaa caalaatti dhumiinsi kan ittitaasifame ture. Namni waan nyaatu dhabee bara kopheefi wantoota garagaraa itti nyaate dabarsaniiru. Sanaan bu’aa dhabanii boodarra gaafa waliigalteedhaan tokko ta’anii jiraachuu eegalaniidha sadarkaa har’aarra kan qaqqaban.

Nutis kanarraa hubachuun walii keenya jaallannee tokkummaa keenya jabeeffachuu qabna. Kanaafis keessumaa abbootiin amantii teenyee mari’annee, isa miilarratti kufamee kadhatamuu qabu kadhannee ummanni boqochuu qaba jedheen amana. Yoo du’as ta’e ofirratti murteessine dhaloota kana oolchuu qabna.

Bariisaa: Namoonni baay’ee dhimma nageenyaa ittigaafatama mootummaa qofa taasisanii fudhatu. Kanarratti yaada akkamii qabdu, keessumaa amantootarraawoo maaltu eegama jettu?

Luba Darajjee: Rakkoon keenya inni ijoo quba walitti qabuudha. Inni kun eessaanuu nun hinga’u. Ta’uu kan qabu ani akka dhuunfaatti waanin hojjechuu qabu hojjechuu dhabuukootiin nageenyi akka dhibu hintaasisnee? Isa jedhu of gaafachuudha.

Yoo waa gochuu baanne utuu ilaalluu callisuuniyyuu sirrii miti. Kanaaf amantoonni hundi ergamtoota nageenyaa ta’uu qabu. Waliin jiraachuurraa kan hafe filannoon nageenyaa hinjiru. Wantoonni waliin jiraachuu dhiisuuf jecha taasisnu hunda keenya nu balleessa.

Har’a waanin humna qabuuf injifachuu nan danda’a ta’a; garuu boris nan mo’adha jechuu miti. Abidda daaraa keessatti dibameedha. Waan akkanaa yommuu tasa dho’u balaan isaa olaanaadha. Kanaaf furmaannisaa mari’achuu, waliin dubbachuudha. Waan kaleessa ta’e tokkoosaayyuu deebisuu hindandeenyu. Har’arra dhaabannee garuu boriif hojjechuu ni dandeenya. Kaleessi har’aafi borii keenya dukkaneessuu hinqabu. Irraa barannee har’a akka hintaaneef ittigaafatama keenya ba’u qabna.

Kanarratti amantoota qofa osoo hintaane ummanni biyyattii hundi hojii nageenyaa hojjechuu qaba. Hayyoonni siyaasaas wantoota walitti nu buusanirra kanneen walitti nu fidan yoo nutti himan yeroo gabaabaa keessatti nageenyi keenya deebi’uufi hiyyummaa keessaa ba’uu dandeenya.

Ergaawwan gara walitti bu’iinsaatti nu geessanis dhaga’uu hinqabnu. Ollaafi qomoo ofii ajjeesuudhaan nagaa ta’uun hindanda’amu. Lammiilee biyya tokko keessa jirruuf mitii nageenyi biyya ollaa keenyaa nuuf nu barbaachisa. Yoo isaan nagaa hintaane rakkoonsaanii nun hanqatu.

Ani ummanni Itoophiyaa qajeelaadha jedheen amana. Ummata barootaaf amantiidhaan jiraate ta’uunsaa waan fayyade natti fakkaata. Utuu ta’uu baatee akkaataa namoonni tokko tokko dubbatanittifi olala waraanaaf kakaasaniin utuu ta’ee, ummatichi silaa hanga yoonaa walfixeera. Garuu gargaarsa Waaqayyoofi hubannaa ummataatiin har’a akka biyyaafi ummataatti jirra.

Ammas kan nu fayyadu kana. Haadholiin boo’uu hinqaban, daa’imman haalaan guddachuu osoo qabanii godaansaan dararamuu hinqaban. Maanguddoonni bara dullumasaanii osoo gaggeessaan nagaa taasifamuufi qabuu rakkachuu hinqaban. Kanaaf ummanni hundi kana hubachuun waan walitti nu buusu dhaggeeffachuurra waan walnu jaallachiisu haa dhaggeeffannu, isas haa taasisnu. Biyyi nuti qabnu nurra darbee kan biraaf waan ga’uuf waan irratti wal lollu qabaachuu hinqabnu.

Bariisaa: Kanaan walqabatee, haasaan tibbana abbaan amantii tokko bakka amantoonni argamanitti taasise miidiyaa hawaasaarra deemaa jira. Haasaa ummanniifi humni waraanaa mootummaarratti akka ka’an kakaasu. Kana akka abbaa amantiifi barreessaa kaawunsiliitti akkamiin ilaaltu? Siyaasniifi amantiin sadarkaa kanaan walmakuun sirriidha jettuu? Ummannihoo wantoota akkanaa akkamiin ofirraa fageessuu qaba jettu?

Luba Darajjee: Akka abbaa amantiitti furmaata fiduuf tokko deggaranii tokko mormuun rakkisaadha. Yoo kana ta’e jaarsummaafuu hintolu. Gaggeessitoota hafuuraa yoo taane madaallii keenya dabsuun nurra hinjiraatu. Nuti isa waldhabe araarsuu malee, tokkorratti dabalamnee tokko jibbuuf hinteenye.

Nuti akka warra wangeelaattis barsiifata akkanaa hinqabnu; cimsinees mormina. Nama luba, paastarii, abbaa wangeelaafi moggaasa biraa qabaate tajaajilu mitiitii amanaanillee nagaa labsuu qaba. Akkuma wangeelli “abaarsi afaan keessan keessaa hinba’iin” jedhu eebba malee abaarsi afaan keessaa ba’uu hinqabu. Haala kanaanis furmaanni dhufu hinjiru. Kana seenaadhuma mataa keenyaarraa haa barannu. Mari’achuun isa amma hiikamuu danda’u hiikaa, isa yeroo barbaadu bulfachaa deemuutu barbaachisa.

Gochaa akkanaa kaawunsiliin keenyas cimsee balaaleeffata. Abbootiin amantii gama hundaanuu namni miidhamu lammiikooti jedhanii yaaduun gara furmaataatti fiduuf hojjechuu qabu. Osoo nageenyaan xumuruu dandeenyu humna hojjetee biyya guddisuufi itti fufsiisuu danda’u karaatti hambisuuf sababa ta’uu hinqabnu. Ogummaafi falaasama biraa barbaannu hinqabnu, hubannaatti dhufnee mari’achuutu nurra jira. Wantoota miidiyaa hawaasummaarra deeman dhaggeeffachuun miira keessa seennee madaallii sirrii hintaane kennuurra faayidaasaa madaallee ilaaluu qabna.

Maal nuu fide dhufa isa jedhu adda haa baafannu. Ani akka dhuunfaakootti wantoota akkanaarratti yerookoo balleessuurra jilbeenfadhee Waaqakoo kadhachuu naa wayya. Kanaaf abbootiis ta’e amantoonni afaan nama araarsu malee nama walitti buusu qabaachuu hinqabnu.

Bariisaa: Egaa bor Guyyaa Yaadannoo Dhalachuu Yesuus Kiristoostu kabajama. Mee amantoonni guyyicha akkanuma kabajanii dabarsuu qofa osoo hintaane haala addaan akka dabarsaniif maal gochuu qabu?

Luba Darajjee: Hunda dura Waaqayyoo guyyichaan nu gahe kan galateeffame haa tahu. Wanti ijoon guyyaa dhalootaa kanarraa barannu, Waaqayyoo sababa cubbuutiin ilmaan namaa wajjin wal lolee ture. Kanaanis dhalli namaa iddoo kabajasaarraa ba’e. Bakka kabajasaa kanatti immoo ofiisaatiin deebi’uu hindandeenye. Kanaaf Waaqayyoo jaalala ajaa’ibsiisaa dhala namaaf qaburraa kan ka’e, namni uumaa bifasaatiin uumee hafuurasaa ittibaafate waan ta’eef jaalala waan qabuufiif ilmasaa tokkicha qoricha godhee ergeef.

Kanarraa jaalalasaa qofa osoo hintaane, kan miidhame, abboommiinsaa eegamuu dhabe isa ta’ee osoo jiruu dhala namaa balleessaa raawwateef dhiifama gochuufiif jecha ilmasaa aarsaa godhee kennuusaa agarra. Nutis egaa kan of gaafachuu qabnu “Ani jaalala inni nuuf qabu nuusasaallee dhala namaaf qabaa?” isa jedhuudha.

“Waaqayyoo ana uumama dadhabaa, baay’ee isa gaddisiise hamma kana na jaalatee mucaasaa anaaf jedhee hanga fannoorratti dhiigisaa dhangala’ee du’uutti erga na jaalatee, animmoo jaalalliin namaaf qabu hammami? Inni waan kana hundaaf dhiifama erga godhee animmoo dhiifama nan godhaa?” isa jedhu of gaafachuu qabna. Amma rakkoon keenya inni guddaan dhiifama gochuu hindandeenyu.

Kanaaf yommuu dhalachuusaa kabajnu jaalalaafi dhiifamasaa haa yaadnu. Yoo waldhabnee jiraanne yeroo itti araaramnu haa ta’u. Nyaachuufi dhuguurra darbee waaqeffachuufi dhiifama walgaafachuun haa dabarsinu. Maal qaba guyyaa dhalootaa kana guyyaa dhiifama walgaafachuufi araaramuu yoo taasifanne? Waaqayyoo namoota hamma kanatti erga araarame nuti immoo yoo walii keenyaa araaramne maal qaba? Warra miine, nu miidhanillee gadi jennee nagaa buusuun haa kabajnu. Nutis keessi keenya haa boqotu. Keessa keenyatti dubbii qabannee miidhamuurra araara walii haa goonu.

Akkasumas, dhugumaan kiristaanoota yoo taane waan Waaqayyo nuu godherraa warra kaaniif gochuudhaan haa kabajnu. Naannawa keenya rakkatoonni heddu jiru. Ijoollee daandiirra waan nyaatan dhabanii qorra keessa bulan baay’eetu jiru. Kanaaf guyyichatti warra kana haa yaadannu.

Gammachuun kennuudhaan argannu waan salphaa miti. Waan qabdurraa waa xiqqoo kennitee namni sun biftisaa deebi’ee, kolfisaa geddarame yommuu argiturra wanti nama gammachiisu hinjiru. Yommuu namootaaf arjoomnu keessi keenyas Waaqayyoos nutti gammada; ittis eebbifamna. Kanaaf nama amantii keenya hordofus ta’e kaan, beeknus wallaallus, ollaa keenyas ta’u fagoo walhaa gargaarru.

Dhumarrattis ayyaanichi hunda keenyaaf kan gammachuufi nagaa akka ta’uun hawwa.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 27 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ “Amantoonni hundi ergamtoota nageenyaa ta’uu qabu” – Luba Darajjee Janbaruu”

Comments are closed.