Harki nagaaf diriire ammayyuu hindachaane

Kutaa qophiitiin

Rakkoon nageenyaa qormaata guddaa lammiilee hedduu qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqise, hir’ina qaamaafi du’aaf saaxile mancaatii qabeenyaa hedduuf sababa ta’eedha. Biyya keenyatti ka’umsi rakkoo nageenyaa hedduun jiraatanis jijjiiramaa as garuu daldalli siyaasaafi finxaalessummaan sababoota ijoodha.

Mootummaan biyya keenyaas ta’e akka naannoo Oromiyaatti nageenya waaressuun sirna dimokiraasii dhugaa diriirsuun sirnaafi biyya jabduu ijaaruu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Kanaanis imala jijjiiramaa gaara jibbiinsaa dhiifamaan diignee riqicha jaalalaa waliif ijaarra jedhuun hojiileen garaa garaa hojjetaman maqaa gaarii biyyaa olqabee, dippilomaasii keenyas cimsee ijaarsa biyyaaf utubaa ta’eera.

Haata’u malee, rakkooleen nageenyaa biyyi rakkoolee walfakkaataafi hokkora keessa akka turtuuf jijjiirama keessummeessuu hinbarbaadne har’as rakkoo nageenyaa ta’uun ittifufeera. Mootummaan ejjennoo rakkoolee nageenyaa keessoo mareefi marabbaan ilaaf ilaameedhaan guutameen akka furuuf ejjennoofi obsi qabatee hojjechaa jiru guddaadha.

Waamichi nagaafi araaraa irra deddeebbiin taasifamaa kan jiru yoo ta’u, harki araaraaf diriire ammayyuu kan hindaachaane ta’uu dhiifama taasisuun simannaan humnoota gara garaaf taasisaa jiru agarsiiftuu guddaadha. Ummanni keenyas nageenyi humna ummataan mirkanaa’u ijaarsa biyyaaf utubaa ta’uus gochaan mirkaneessaa jira.

Bu’uuruma kanaan miseensota ABO Shanee booji’amaniifi waamicha abbootii Gadaafi mootummaa fudhachuun gara qabsoo nagaatti deebi’aniif leenjiin kennamee gara hawaasaatti akka makaman taasifamaa jira. Nutis odeeffannoo maddeen adda addaarraa arganne akka ittaanutti qindeessinee dhiyeessineerra.

Miseensonni ABO Shanee booji’amaniifi waamicha abbootii Gadaafi mootummaa fudhachuun gara qabsoo nagaatti deebi’an Magaalaa Dambi Doollootti simatamaniiru.

Miseensonni kunneenis ilaalcha qeenxee nama dhuunfaa hordofuun ummata Oromoorratti safuu cabsuun badii raawwaanneef gaabbineerra; ummannis dhiifama akka nuu taasisu gaafanna jedhan.

Gaaffiin Oromoo afaan qawweetiin malee deebii hinargaatu kan jedhu olola namni dhuufaa fedhii dhuunfaasaa giddugaleessa godhachuun ittiin walnu nyaachisaa jiruudha. Nutis kana hubannee karaa nagaa hawaasatti makamne.

ABO Shaneen kaayyoo badii malee, mul’ata biyya ijaaruu waan hinqabneef, mootummaa cinaa hiriiruun nageenyaafi misooma ittifufsiisuu qabna jedhan. Akka gocha raawwaanneef du’atu nuu mala ture. Garuu mootummaan garaa bal’atee dhiifama nuu godhe jedhan. Dargaggoonni sodaatanii bosonatti hafanis waamicha dhiyaate kabajuun nagaan akka galan dhaamaniiru.

Abbootiin Gadaafi jaarsoliin biyyaa sirna simannaafi dhiifamaa kanarratti argamanis, nageenya fiduu hojii boonsaa mootummaa raawwachaa jirutti gammaduu himuun, ummata Oromoo bakka bu’uun miseensota kanneeniif dhiifama taasisaniiru.

Bulchaan Godina Qellem Wallaggaa, Obbo Gammaachuu Gurmeessaa, qabsoon afaan qawwee, qabsoo boodatti hafaadha; jaarraan ammaa jaarraa yaadaan itti walmorkan waan ta’eef baga nagaan gara qe’ee keessaniitti deebitan jedhan.

Dargaggoonni kunneen hojjetanii akka of jijjiiraniif mootummaanis deeggarsa gama hundaa akka gumaachu himaniiru.

Miseensotni ABO Shanee booji’amaniifi daandii nagaa filatanii harka kennachuun leenjii haaromsaa fudhachaa turan sirna waadaa galuufi dhiifama gaafachuu raawwataniiru. Warreen hawaasatti deebi’an keessaa Bayyaan Muummee ergama badii Shanee wayita raawwachiisaa turetti hawaasaafi biyyarratti miidhaa geessisaa turuu dubbata.

“Nuti waan hin beekneen gocha badiirratti hirmaachuun hawaasa dararaa turre, amma garuu ummataafi mootummaa kiisuuf qophoofneerra” jedhe. Caaltuu Abdurramaan gama isheetiin” shaneen holola sobaatiin saboota, sablammootaafi ummattoota walitti buusuuf karoorfatee hojjetaa ture” jetti.

“Ergama fudhannee badiiwwan garaa garaa raawwataa turreerra” kan jette Caaltuun ummata dararaa irraan gahaa turte kiisuuf qophii ta’uu himteetti. Shaneen qabeenya lammiilee, kan mootummaaf ummataa barbadeessaa akka ture kan dubbatummoo leenjii haaromsaa kan hordofe Ahimad Adami.

“Gochan raawwadhetti gaabbeera” kan jedhe Ahmad Adam, miseensotni Shanee kaanis ummata dararuu dhiisanii karaa nagaan mootummaatti harka akka kennatan gaafateera.

Abbaa Gadaa Abdulmaliik Jundii gamasaaniin dargaggootni qe’eetti deebi’an hawaasa kiisuun, carraa hojii uummatanii akka jiraataniif kan deeggaran ta’uu himan. Nageenyi barbaachisaadha, dargaggootni gocha biyya diiguurraa ofqusachuu qabu jedhan.

Bulchituun Godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahaammad, dargaggootni kunneen gocha raawwatanitti gaabbuun, dogoggorasaaniirraas baratanii gara qe’eetti akka deebi’an taasifamuu himan.

Dargaggootni karaa nagaan harka kennatanii, leenjii haaromsaa fudhatan hojii misoomaarratti hirmaachuun fayyadamoo akka ta’aniif deeggarsa ni taasifna jedhan.

Ummatni nagaa barbaada, kanaafis miseensotni Shanee kaanis gocha badii keessaa bahanii waamicha nagaa mootummaan dhiyeesse akka fudhatan isaanis waamicha dhiyeessaniiru.

Godina Booranaattis miseensoonni ABO Shanee ummata dararaa turaniifi qabeenya mancaasaa turan kanneen harka kennaniifi booji’aman gocha raawwataa turaniin gaabbuun nagaa filachuun leenjii haaromsaa ji’oota lamaaf fudhachuun ummatatti makamaniif bakka abbootiin Gadaa, hadhooleen Siinqeefi abbootiin amantii argamanitti simannaan taasifameeraaf.

“Badii dalagne hundaaf dhiifamni nuu taasifamee nagaadhaan hawaasatti numakuun dhugumayyuu harki mootummaa araaraaf diriire simataa nagaa ta’uusaa mul’isa” kan jedhan ammoo miseensota ABO Shanee leenjii haaromsaa booda Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti simatamaniidha.

Godinichatti miseensonni garichaa booji’amaniifi harka kennatan leenjii haaromsaa fudhatanii hawaasatti makamaa jiru. Hawaasnis ijoolleesaa dogoggoraan humnoota badiitti makaman simachaa jira. Miseensonni Shanee Leenjii haaromsaa booda godinichatti simannaan taasifameef yaada kennaniin, “Badii nuti dalagne hundaaf dhiifama nuu godhee nagaadhaan hawaasatti numakuun dhugumayyuu harki mootummaa araaraaf diriire simataa nagaa ta’uusaa mul’isa” jedhan.

Torban darbe miseensonni ABO Shanee kuma tokkoofi 521 gocha raawwataa turanitti gaabbuun nagaa filatanii leenjii haaromsaa ji’a lamaaf fudhachaa turan xumuruun Magaalaa Shaashamannee, Kutaa Magaalaa Bishaan Gurraachaatti ummatatti akka makaman taasifameera.

Haaluma walfakkeenya qabuun Naannoo Amaaraattis humnoonni karaa seeraan alaa hidhatanii socho’aa turan waamicha nageenyaa mootummaan taasiseefitti fayyadamanii deebi’an Mudde 17 bara 2016 irraa eegalee leenjii haaromsaa guyyoota kudhanii fudhachaa jiru.

BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016

Recommended For You