“Pirojektiin misooma lageenii Finfinneerratti hojjetamaa jiru qulqullina lageenii eegsisuu keessatti gahee olaanaa qaba” -Pirofeesar Tashoomaa Sooromsaa

Keessummaan Bariisaa maxxansa kanaa Yunivarsitii Finfinneetti, Barsiisaafi Qorataa Saayinsii Naannawaa Pirofeesar Tashoomaa Sooromsaa jedhamaniidha. Hayyuun kun guddina Afaan Oromoo keessattis nama gumaacha olaanaa taasisaa turaniifi jiraniidha. Akkasumas hayyuu cimaa maxxansaalee 200 ol maxxansiisanidha.

Gaafdeebii Kibxata darbe hayyuu kana waliin keessummaa dhimmoota qulqullina lageenii, eegumsa naannawaa, kunuunsa biqilootaa, jijjiirama haala qilleensaa, sagantaa Ashaaraa Magariisaafi guddina Afaan Oromoorratti xiyyeeffachuun taasifneef akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessan gabaabaatti utuu nuuf ibsitanii?

Pirofeesar Tashoomaa: Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Dirree Incinnii, Ganda Daalfoottin dhaladhee guddadhe. Barnoota koo kutaa 1ffaa hanga 8ffaatti bakkuma dhaloota koottin baradhe. Barnoota koo sadarkaa 2ffaa kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti ammoo Magaalaa Amboottin baradhe.

Isa booda Yunivarsitii Finfinnee seeneen digrii koo jalqabaa Baayoloojiidhaan (Biological Science’n) xumure. Digrii koo 2ffaas Yunivarsitiidhuma Finfinneetti baradheen ‘Ecology’n eebbifame. Digrii koo sadaffaa ammoo Yunivarsitii Veenaa jedhamu kan biyya Ostiriyaatti argamutti baradheen ‘Ecology and Environment’n xumure.

Akkuman digrii koo jalqabaa xumureen Godina Arsiitti, Kolleejii Barsiisota Asallaatti barsiisummaan mindeeffameen Afaan Oromoo barsiisaa ture. Saayinsii uumamaa baradheen Afaan Oromoo barsiisaa ture. Waa’een afaanii saayinsii hawaasummaa jalatti kan ramadamu ta’us ani kana cabsee keessa darbeen Afaan Oromoo barsiisaa ture. Afaan Oromoo lafa qabsiisuu keessatti gumaacha guddaa taasisaan ture ammas taasisaan jira. Kolleejichatti ergan Afaan Oromoo waggoota lamaaf barsiisee booda barnoota koo digrii lammaffaa barachuuf Yunivarsitii Finfinnee seene.

Oggaan barnoota koo digrii lammaffaa barachaa turetti yerookoo aarsaa godheen kitaabota barnootaa Afaan Oromoo qopheessuurratti hirmaachaan ture. Digrii koo lammaffaa xumuree utuun baay’ee hinturiin digrii koo sadaffaa waggoota afuriif biyya alaatti baradhee xumureen gara biyyaatti deebi’ee Yunivarsitii Finfinneetti mindeeffame. ALA bara 2004 irraa eegalee hanga ammaatti yunivarsitichuma keessan hojjechaa jira.

Bariisaa: Turtii yunivarsitiicha keessatti dabarsitaniin barsiisummaan ala qorannoowwan gara garaa adeemsiftaniifi maxxansiiftan yoo jiraatan?

Pirofeesar Tashoomaa: Yunivarsitii Finfinneetti Kutaa Barnootaa Saayinsii Naannawaa keessan hojjechaa jira. Kutaan barnootaa kun waa’ee naannawaarratti xiyyeeffatee hojjeta. Naannawaan qabiyyeewwan guguddaa lama of keessaa qaba. Isaanis Sirna Baayoloojikaalawaa (Biological System)fi Sirna Fiizikaalaa (Physical System) jedhamu. Sirnoonni kunneen Ingiliffaan ‘Biological and Physical Environment) jedhamu. Kutaan barnootaa Saayinsii Naannawaa kun hariiroo sirnoota lamaan gidduu jiru qorata.

Ani hanga ammaatti maxxansaalee 200 ol maxxansiiseera. Maxxansaaleen kunneen jornaalota sadarkaa addunyaatti beekaman kanneen akka ‘Nature’fi biroorratti maxxansiifneerra. Akka kutaa Barnootaa Saayinsii Naannawaattis pirojektota ija namaa seenan guguddoo hojjenneera.

Fakkeenyaaf Pirojektii Misooma Lageeniifi Qarqara Lageen Finfinnee (Addis Ababa Rivers and Rivers Sides Development Project’ kan yeroo ammaa Paarkii Michummaa (Friendship Park) kaasee hanga Afincoo Barritti hojjetamaa jiru kutaa barnoota keenyatu qorate. Pirojekticha ammoo anatu hoggane.

Pirojektichi hojiirra utuu hinoolin dura qarqarri lagaa Paarkii Michummaatii hanga Afincoo Barritti ture yeroo ammaa maal akka fakkaatu ilaaluun ni danda’ama. Pirojektichi qulqullina lageen Magaalaa Finfinnee eegsisuufi misoomsuurratti xiyyeeffata. Lageen balfawwan dhangala’oofi jajjaboodhaan faalamu. Balfawwan dhangala’oon keessumaa warshaaleefi hospitaalota keessaa bahan lageen daran xureessu. Faalamuun lageenii ammoo qulqullina naannawaarrattis ta’e fayyaa namaafi bineeldotaarratti miidhaa fida.

Qorannoo kutaan barnootaa keenya lageen Finfinneerratti adeemsiseen magaalattiin lageen 76 qabdi. Lageen kunneen faffaca’anii kan argaman ta’us balfawwan dhangala’oofi jajjaboo guuranii Aqaaqiirratti walarganii gara Laga Abbaa Saamu’eel seenu. Lagi Abbaa Saamu’eel ammoo gara Laga Awaashitti yaa’a.

Pirojektiin misooma lageeniifi qarqara lageenii Finfinneerratti hojjeneefi yeroo ammaa hojiirra oolaa jiru balfawwan dhangala’oon gara lageeniitti akka hindhangalaaneefi balfawwan jajjaboonis gara lageeniitti akka hingatamne taasisuun qulqullina lageen magaalattii eegsisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Lammiileen magaalattiis ta’e biyyattii naannawa qulqulluu ta’e keessa jiraachuu qabu. Kun imaammata seeraan taa’eedha. Pirojektichis imaammaticha dhugoomsuurratti xiyyeeffatee hojiirra oolaa jira. Qorannoo nuti lageeniifi qarqara lageen Finfinneerratti taasifnee ture akkuma mootummaan jijjiiramaa kun dhufeen karaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiifi Kantiibaa duraanii Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaatiin hojiirra ooluu jalqabe.

Bu’aan qorannoo pirojektichaa maal akka fakkaatu qabatamaan ijaan argaa jirra. Yunivarsitii Finfinneetti kutaan barnootaa Saayinsii Naannawaa haala balfawwan jajjaboofi kanneen biroon ittiin dhabamsiifamanirrattis pirojektota gara garaa hojjeteera. Pirojektonni nuti hojjenne irra jireessi qulqullina naannawaa eegsisuurratti xiyyeeffatu.

Bariisaa: Qulqullina lageeniifi naannawaa eegsisuun walqabatee muuxannoo gaariin biyyoota biroorraa qooddattan yoo jiraate?

Pirofeesar Tashoomaa: Qulqullina lageeniin walqabatee muuxannoo gara biyyoota Awurooppaafi Chaayinaatti imallee muuxannoowwan gaggaarii isaan qaban qooddanneerra. Biyyoonni guddatan qulqullina lageenii isaanii mirkaneessaniiru. Qulqullina lageensaanii eegsisuurratti seera qabu; seerichas qabatamaan hojiirra oolchaniiru. Kana jechuun Itoophiyaan seera qulqullina lageenii eegsisu hinqabdu jechuu utuu hintaane, rakkoon kan jiru seericha hojiirra oolchuurratti.

Biyyoota guddatanitti qulqullinni lageen daangaa ce’anii gara biyyoota birootti yaa’anii ni eegamu. Kanaafis seerri ni jira. Biyyoota guddatanitti lagni biyya tokko keessaa gara biyya biraatti utuu hince’in sadarkaan qulqullinaa taa’e guutuu qaba. Biyyootni guddatan laga faalame akka walitti gad hinlakkifneef waliigaltee walii mallatteessan qabu. Lageen daangaa ce’anii gara biyyoota birootti yaa’an ulaagaa qulqullinaa taa’e guutuu qabu.

Muuxannoon gaariin kun lageen biyya keenyaa kanneen daangaa ce’anii gara biyyoota birootti yaa’aniifi kan daangaa ce’anii hindeemne kanneen akka lageen Finfinnee biratti babal’achuu qaba. Faallaa kanaa lageen Finfinnee keessa jiran hundi garuu balfawwan dhangala’oo mana fincaaniifi industiriiwwan gara garaa keessaa ba’aniin faalamanii argamu. Qorannoo Baankiin Addunyaa adeemsiseen lageen Finfinnee sadarkaa daran xuraa’aa, tasumaa fayyaduu hindandeenyerra jiru.

Lageen Finfinnee balfawwan dhangala’oofi jajjaboon faalaman kunneen Aqaaqiirratti walarganii gara Laga Abbaa Saamu’eelitti makamu. Lagni Abbaa Saamu’eel ammoo gara Laga Awaashitti yaa’uun laga Awaash faalaa jira. Faalamni lageenii kun fayyaa namaarrattis ta’e beelladootaarratti miidhaa guddaa qaqqabsiisaa jira. Kutaan barnootaa keenya miidhaa sababa faalama lageenii kunneeniitiin namootaafi beelladootarra ga’aa jiru qoratee maxxansiisee agarsiiseera. Kanaafuu qulqullina lageen Finfinnee eegsisuun walqabatee hojiilee hedduutu nu eeggata.

Rakkoon faalama lageenii kun Finfinnee qofatti utuu hintaane Magaalaa Mojoottis bal’inaan mul’ata. Lageen toora Magaalaa Mojootti argaman hundi balfawwan dhangala’oo warshaalee gara garaa keessaa ba’aniin faalamanii mul’atu. Lageen toora Magaalaa Mojoo jiran keessumaa balfa dhangala’aa Warshaa Gogaa keessaa ba’uufi warshaalee biroo keessaa ba’aniin daran faalamaa jiru. Faalamni lageenii kun ammoo fayyaa namootaafi beelladootaarratti miidhaa guddaa qaqqabsiisaa waan jiruuf qulqullina lageenii eegsisuun hojii xiyyeeffannaa olaanaa argachuu qabuudha. Rakkoo gama kanaan mul’achaa jiru qonnaan bulaaniyyuu sirriitti ibsuu danda’a.

Yunivarsitii Finfinneetti Kutaan barnootaa Saayinsii Naannawaa pirojektii qulqullina lageen naannawaa Magaalaa Mojoo eegsisuuf gargaaru tokko hojjetee ture. Pirojekticha hojiirra oolchuun, seera qulqullina lageenii eegsisuuf bahe eeguufi hubannoo hawaasni qulqullina lageenii eeguurratti qabu gabbisuudhaan rakkoo sababa faalama lageeniitiin mul’achaa jiru hiikuun ykn keessaa bahuun ni danda’ama.

Bariisaa: Akka waliigalaatti hojiin eegumsaafi kunuunsa naannawaa Itoophiyaa sadarkaa akkamiirratti argama?

Pirofeesar Tashoomaa: Hojiin Ashaaraa Magariisaa yeroo ammaa biyya keenyatti lubbuu horatee sadarkaa gaariirratti argama. Biqiltuuwwan dhaabuufi kunuunsuun hojii hiyyummaa hir’isuu keessaa isa duraati. Biqiltuuwwan dhaabuun lafti akka bosonaa’u taasisuun bokkaan gahaan akka jiraatu, margi akka margu, biyyeen akka hindhiqamne, maddeen bishaanii akka gabbataniifi haalli qilleensaa akka hinjijjiiramne taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Margi gahaan jiraanaan bineensonni marga dheedan baay’atanii walhoru. Bineensoni foon nyaatan ammoo bineensota marga dheedan irratti hirkatanii waan jiraniif sirnichi madaalasaa eeggatee waliin akka deemu taasisa.

Qabeenya bosonaa eeguufi kunuunsuun jireenya dhala namaafis ta’e beneeldotaaf daran murteessaadha. Qabeenyi bosonaa jiraachuun omisha qonnaa guddisuun wabii nyaata mirkaneessuufi dinagdee hawaasaas ta’e biyyaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Biyyoonni guddatan dinagdee magariisa erga labsatanii bubbulaniiru. Biyya keenyatti biqiltuu dhaabuun hojii guddaa ittifufiinsaan raawwachuu qabnuudha. Hojiin Ashaaraa Magariisaas ittifufiinsaan hojjetamuu qaba. Jireenya keenyas ta’e bineeldotaa ittifufsiisuuf biqiltuu dhaabuufi kunuunsuun daran murteessaadha. Kanaafuu pirojektiin Ashaaraa Magariisaa kun cimee ittifufuu qaba.

Rakkoon jijjiirama qilleensaa sadarkaa addunyaattis ta’e biyya keenyaatti ajandaa guddaa ta’ee jira. Rakkoon kun kan dhufe bosonni garmalee manca’uun kaarbondaayoksaayidiin atimoosfeerii keessatti dabaluusaatiini. Kaarboondaayoksaayidiin atimoosfarii keessatti dabaluun ammoo jijjiiramni haala qilleensaa akka mudatu, ho’inni akka dabaluufi hanqinni roobaa akka mudatu taasisuun miidhaa cimaaf nu saaxilaa jira.

Biqiloota dhaabuu, eeguufi kunuunsuun jijjiirama haala qilleensaa eeguu keessatti gahee olaanaa qaba. Biqiloonni kaarbondaayoksaayidii, ifa aduufi bishaan lafa keessaatti fayyadamuun baalasaanii keessatti nyaata qopheeffatu. Sirni biqiloonni ittiin nyaata qopheeffatan kun footoseentesis (Photosynthesis’ )jedhama.

Sirna kanaan biqiloonni kaarbondaayoksaayidii qilleensa keessaa fudhatanii oksijiinii nuu kennu. Oksijiiniin ammoo jireenya dhala namaafis ta’e bineeldotaaf muteessaadha. Madaala lubbuqabeeyyii gidduu jiru eeguuf biqiloota dhaabuu, eeguufi kunuunsuun dhimma murteessaadha. Biqiloota eeguufi kunuunsuun madaallii uumamaa eeguu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf hojiin Ashaaraa Magariisaa kun gara fuulduraattis ogeessotaan deggaramee cimee ittifufuu qaba.

Bariisaa: Saayinsii Naannawaa barattanii Afaan Oromoo barsiisuufi kitaabota barnootaa Afaan Oromoo qopheessuurratti akka hirmaattaniif maaltu isin kakaase?

Pirofeesar Tashoomaa: Afaan Oromoo barsiisuufi kitaabota barnootaa Afaan Oromoo qopheessuurratti akkan hirmaadhuuf ka’umsa kan naa ta’e eenyummaadha. Afaan Oromoo jechuun eenyummaa kooti, eenyummaa keenya. Kufaatii Dargiirraa kaasee qubee facaasuu, Afaan Oromoo barsiisuufi kitaabota barnootaa Afaan Oromoo qopheessuurratti bal’inaan hirmaachaan ture; ammas hirmaachaan jira. Afaan Oromoorratti hojjechuun dhiiga koo keessa waan seeneefi eenyummaa koo waan ta’eef afaanicha barsiisuu, guddisuufi babal’isuuf hojiin jalqabe ittan fufa.

Ani hojii eegumsa naannawaa qofarratti utuu hintaane hojii Afaan Oromoorrattis bal’inaan hojjechaan jira. Hojii nuti Afaan Oromoorratti hojjechaa tureefi jiruun afaanichi yeroo ammaa dhaloota qubee horatee akkasumas afaanota addunyaa dijitaala’anitti dabalamee lafa qabateera. ALA bara 1990moota keessa yeroo kitaabota barnootaa Afaan Oromoo qopheessaa turre Gaazexaa Bariisaa akka wabiitti itti fayyadamaa turre. Sirboonni Afaan Oromoos hojii kanarratti baay’ee nu gargaaraniiru.

Bariisaa: Erga waa’ee Gaazexaa Bariisaa kaastanii gumaachi gaazexichi guddina Afaan Oromoo keessatti taasise nuuf ibsama mee?

Pirofeesar Tashoomaa: Ani warra Afaan Oromoo lafaa kaasee kitaaba barnootaa Afaan Oromoo qopheessan keessaa isa tokko. Yeroo kitaabota barnootaa Afaan Oromoo qopheessaa turre Gaazexaa Bariisaafi sirboota Afaan Oromoorraa jechoota hedduu guurrannee ittifayyadamneerra. Gaazexaan Bariisaa guddina Afaan Oromoo gara fuulduraatti tarkaanfachiisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Gaazexichi ammas taanaan guddina afaaniifi aadaa Oromoo fuulduratti tarkaanfachiisuuf gahee guddaa irraa eegamu bahachuuf kana caalaa cimee hojjechuu qaba.

Afaan Oromoo lukaan akka lafa ejjetu kan taasise keessaa tokko Gaazexaa Bariisaati. Wellistoonni Oromoos gama kanaan gumaacha guddaa taasisaniiru.

‘Waldaan Afaanota Afrikaa -3A’ ammoo Afaan Oromoo dijitaalessuun afaanichi afaanota guguddoo addunyaatti akka dabalamu taasiseera. Carraaqqii cimaa waldichi taasiseen Afaan Oromoo bara darberraa kaasee afaanota addunyaa 7,000 ol ta’an keessaa afaanota addunyaa dijitaala’an 133tti dabalameera. Anis walittiqabaa boordii waldichaa ta’een tajaajilaa jira.

Bariisaa: Kaayyoo hundeeffama Waldaa Afaanota Afrikaa-3A, hojiilee waldichi hanga ammaatti raawwateefi gara fuulduraatti raawwachuuf karoorfatee hojjechaa jiru gabaabsitanii utuu nuuf ibsitanii?

Pirofeesar Tashoomaa: Waldichi ALA bara 2022 hudaa’e. Kaayyoon hundeeffama waldichaa inni guddaan Afaan Oromoo dijitaalessuudha. Dhaabbanni ‘Google’ ALA bara Ebla 2006 maashiinii hiika ‘Google’ (Google Translation) uume. Afaanonni guddatan kanneen akka Afaan Ingilizii, Jarmanii, Ispaanish, Arabaa, Chaayinaafaan baatii lama keessatti afaansaanii dijitaalessan afaan hiikaa ‘Google’ ta’anii akka tajaajilan taasisan.

Ijoolleen Oromoo biyyoota alaa jiraatan Afaan Oromoo dijitaalessuuf yeroo gara garaa yaalaa turanis utuu itti hinmilkaa’in hafaniiru. Isa booda dargaggoonni Oromoo ogeessa ‘ICT’ ta’aniifi biyya keessa jiraatn walgurmeessanii Afaan Oromoo dijitaalessuuf waggoota saddeettan darbaniif yaalii cimaa taasisaa turan. Isaan keessaa tokko Dargaggoo Abdiisaa Baancaa kan yeroo ammaa hojii adeemsisaa waldichaa ta’ee hojjechaa jiruudha.

Akkuma waldicha hundeessineen namoota Afaan Oromoo guddisuufi dijitaalessuurratti hamilee qaban gurmeessinee gara hojiitti seenne. Waldichi hundaa’ee utuu hinturin qabiyyee jechoota Afaan Oromoo hiikaa ‘Google’tti galchuudhaan Afaan Oromoo akka dijitaala’u taasiseera. Yeroo ammaa afaanota Itoophiyaa keessaa jiran keessaa afaanonni afur (Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Tigreefi Afaan Somaalee) kan dijitaala’an yoo ta’u, Afaan Affaar ammoo dijitaala’uuf daandiirra jira. Waldichis afaanota shanan kunneenirratti hojjechaa jira.

Afaanonni Itoophiyaa dijitaala’anis qabiyyee barbaachisoo waan hinguuttanneef dokimantii tokko qulqullinaan hiikuurratti hanqina qabu. Waldichi rakkoo gama kanaan Afaan Oromoorratti mul’atu furuuf yunivarsitoota 19 irraa hayyoota Afaan Oromoofi Ingiliffa walittiqabuudhaan qabiyyee jechoota afaanichaa hiikaa ‘Google’tti akka galchan taasisaa jira. Jechoota fayyaa, seeraafi teknolojiis gara hiikaa ‘Google’tti akka galaniif barsiisonni kolleejjota 13 Oromiyaa keessa jiran keessa barsiisan hundi (600) ol hojii jechoota Afaan Oromoo gara ‘Google’tti galchuurratti akka hirmaatan taasifneerra.

Biiroon Barnoota Oromiyaas dhimma Afaan Oromoo dijitaalessuu kanarratti waldicha waliin waliigaltee mallatteessee bal’inaan irratti hirmaachaa jira. Waldichi ogeessota naannoo Oromiyaafi Oromiyaadhaan ala jiranis hojicharratti bal’inaan akka hirmaatan taasisaa jirra. Hojiin Afaan Oromoo dijitaalessuu yeroo ammaa lafa qabateera. Hojicha dhiyeenyatti manii yaadame biraan ni geenya.

Bariisaa: Afaan Oromoo dijitaalessuun guddina afaanichaa keessatti faayidaa akkamii qaba?

Pirofeesar Tashoomaa: Afaanota addunyaa 7,000 ol jiran keessaa Afaan Oromoo dabalatee kan dijitaala’an afaanota 133. Kana jechuun Afaan Oromoo afaanota addunyaa dijitaala’an 132tti hiikamuun tajaajila kenna jechuudha. Afaan Oromoo dijitaala’uun afaan, aadaafi eenyummaa sabichaa guddisuufi addunyaatti beeksisuu keessattillee gahee olaanaa qaba. Waa’een Sirna Gadaa, Irreechaa, aadaafi iddoowwan hawwata turistiifi sirboonni Oromoo gara hiikaa ‘Google’tti galchuun afaan, aadaafi eenyummaa Oromoo addunyaatti beeksisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Bariisaa: Hojiilee waldichi raawwachaa jiru caalaatti milkeessuuf eenyurraa maaltu eegama?

Pirofeesar Tashoomaa: Hojiilee waldichi raawwachaa jiru caalaatti milkeessuuf deggarsa ogummaafi dinagdee taasisuun baay’ee barbaachisaadha. Hojiin waldichi raawwachaa jiru kan saba bal’aati waan ta’eef hundumtuu waldicha deggaruun dirqamsaa bahachuu qaba. Kanaafuu hayyoonni ogummaadhaan, abbootiin qabeenyaa, qaamoleen mootummaafi mitmootummaa ammoo waldicha dinagdeen deggaruu qabu. Biiroon Barnoota Oromiyaa waldicha waliin ta’uun hojii Afaan Oromoo dijitaalessuu kanarratti hirmaannaa guddaa taasisaa jiruuf galateeffamuu qaba.

Hojii waldichi hanga ammaatti raawwateen jechoonni Afaan Oromoo miliyoona 1.9 gara hiikaa ‘Google’tti galaniiru. Kun gahaa miti. Jechoota Afaan Oromoo miliyoona 4-5 gara hiikaa ‘Google’tti yoo galchine afaanicha sadarkaa gaariirran geenya.

Bariisaa: Rakkoo Afaan Oromoo sirnaan qubeessuurratti mul’atu furuuf malli furmaataa maali jettanii yaaddu? Duula ‘Qubeessuu Challenge’ kan Abdiisaa Baancaa karaa fuula ‘Facebook’ isaa adeemsisaa jiru hoo akkamitti ilaaltu?

Pirofeesar Tashoomaa: Duulli ‘Qubeessuu Challenge’ Abdiisaan karaa ‘Facebook’ isaa taasisaa jiru waan gaarii ittifufuu qabuudha. Duulichi namni Afaan Oromoo utuu itti hinyaadin barreessu akka saalfatu taasisaa jira. Afaan Oromoo sirnaan qubeessuu kan hindandeenye seera Afaan Oromoo ittiin qubeeffamu barachuu qaba. Utuu seera afaanichi ittiin barreeffamu hinbeekin barreessuun seera afaanichaa cabsuu waan ta’eef kun sirnaan ittiyaadamuu qabu.

Namni seera Afaan Oromoo eegee barreessuu hindandeenye barachuu qaba. Dhimma kanarratti Biiroon Barnoota Oromiyaas duula qubeessuu jalqabeera. Duulli kun gara fuulduraattis cimee ittifufuu qaba. Anis gama kootiin duula kana jajjabeessaafi irratti hirmaachaan jira.

Bariisaa: Rakkoo waaltina Afaan Oromoon walqabatee mul’atu furuuf ammoo maaltu furmaata ta’a?

Pirofeesar Tashoomaa: Afaan Oromoo waaltessuuf mootummaan Akkaadaamii Afaanii hundeessuu qaba. Akka Heeronni Federaalaafi naannoo Oromiyaa ibsanitti, Afaan Oromoo Qubee Laatiiniitiin barreeffama. Tartiibni qubee Afaan Oromoo A-Zti kan jiruudha. Qubeen Afaan Oromoo qubee dachaa dabalatee lakkoofsaan 33dha. Seera Afaan kanaa cabsuun seera mootummaa cabsuu waan ta’eef yakka seeraan nama gaafachiisuudha.

Hanqina afaanichi qabu ammoo qorannoorratti hundoofnee furaa deemuu qabna. Kun hojii Akkaadaamiin Afaanii hojjetuudha waan ta’eef Akkaadaamiin Afaan Oromoo hundaa’uu qaba. Inistiitiyuutiin Qorannoofi Qo’annoo Oromoos dhimma kanarratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba.

Bariisaa: Akka waliigalaatti guddinni Afaan Oromoo sadarkaa akkamiirra jira?

Pirofeesar Tashoomaa: Afaan Oromoo sadarkaa duubatti deebi’uu hindandeenyerra gaheera. Afaan Oromoo boolla keessaa bahee afaan barnootaa, hojiifi saayinsiifi teknolojiitti akka ta’uuf kan sababa ta’e kufaatii Dargiiti. Afaan Oromoo yeroo ammaa dijitaala’ee afaan addunyaa ta’eera. Ammaan booda Afaan Oromoo toora afaanota addunyaa guddataniitti ol harkisuuf hojjenna.

Oolee bulee Afaan Oromoo Afaan Afrikaa ta’uu danda’a. Qubeen Afaan Oromoo Laatiinii ta’uun ammoo hundumtuu afaanicha akka baratan, dubbisaniifi hubataniif gargaara. Namni Ingiliffa beeku kamuu barreeffama Afaan Oromoo dubbisuuf hinrakkatu.

Bariisaa: Dhumarratti yaadni hinkaane yoo jiraate ykn dhaamsa yoo qabaattan?

Pirofeesar Tashoomaa: Dhimmoonni irratti haasofne hundinuu dhimma dhuunfaa utuu hintaane ajandaa sabaafi biyyaati. Gaazexaan Bariisaas dhimmoota kunneen ajandaa godhatee irratti hojjechaa jira.

Qaamoleen Waldaa Afaanota Afrikaa-3A deggeraa jiran keessumaa Biiroon Barnoota Oromiyaaf galata guddaa qabna. Qaamolee biroonis deggarsa barbaachisu taasisuun hojii waldichi raawwachaa jiru milkeessuu keesatti gahee irra eegamu bahachuu qabu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ “Pirojektiin misooma lageenii Finfinneerratti hojjetamaa jiru qulqullina lageenii eegsisuu keessatti gahee olaanaa qaba” -Pirofeesar Tashoomaa Sooromsaa”

Comments are closed.