Federaalizimii sabdaneessa ijaarsa biyyaatiif

Kutaa 2ffaa

Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattootaa Itoophiyaa marsaa 18ffaaf, Sadaasa 29 bara 2016 Naannoo Somaalee, Magaalaa Jigjigaatti mataduree, “Heddumminni walqixxummaa tokkummaa biyyalessaatiif” jedhuun sirnoota garagaraatiin kabajameera.

Guyyaa ayyaana kana sababeeffachuun mariin Gumii Balal marsaa 35ffaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kan geggeeffame yoo ta’u, hayyuun sirna federaalizimii (Yunivarsitiirraa) Doktar Tasfaayee Jimaa mataduree, “Federaalizimii sabdaneessaa keessatti” jedhuun waraqaa qorannoo dhiyeessaniiru. Nutis qorannoosaanii haala ittaanuun qindeessineerra.

Waldanda’uu

Inni biroon ijaarsa dhaabbileeti. Kana cimsuuf Ijaarsi biyyaatiif daran murteessaadha. Ittaansee kan ilaallu hojiirra oolmaasaati. Hawaasa sabdaneessa ta’eef waantonni lafee dugdaa ta’an maal fa’i yoo jenne waldanda’uudha. Waantota baay’eedhaan waldanda’uu jechuudha.

Waan gara gara taaneef, waanti tokko jedhamu hinjiru. Tokkummaan maatii keessayyuu hinjiru. Haati warraafi abbaan warra adda adda. Ijoolleen adda. Ollaatti, naannootti, biyyatti adda. Oggaa sadarkaa biyyaatti guddatu walxaxaa ta’aa deema. Kanaaf waldanda’uun daran murteessaadha. Waldanda’uun lafee dugdaa saba sabdaneessaati.

Walkabajuu

Afaan, amantii, aadaafi duudhaa ofii kabajaa kan warra kaaniis kabajuu. Waanti walkabajuu jedhamu kun murteessaadha.

Fudhachuu

Fudhachuu jechuun kan ofii godhadhu jechuu miti. Nisimatta. Kansaati kan kooti kan jedhamuudha. Jiraachuusaa itti amanuu jechuudha.

Beekamtii kennuu

Beekamtii kennuunis daran murteessaadha. Heddumminaaf gatii kennuu. Akka cubbuu ykn rakkootti ilaaluu dhiisuu jechuudha. Heddummiina qabeenyaa, waantota baay’eetu achi keessa jira. Walitti dhufiinsi beekumsaatu biyya ijaarafaa jedhanii amananii fudhachuu. Walqixxummaatti amanuu. Afaan, aadaan kamuu walqixa. Kana heerri biyyattiis ni hima. Kanneen eerre kunniin lafee dugdaa biyya saboonni sablammoonni keessa jiraataniiti.

Amaloota federeesshinii

Aangoo sabootaafi sablammootaaf kennuu. Heerri biyya keenyaa saboonni 80 akka jiran mirkaneesseera. Saboota kanneeniif walqixxummaa kenneera. Aangoo walqixa ta’e kan kenneedha; qoodiinsa aangoo.

Amaloota federaalizimii

Sabootaafi sablammootaaf aangoo kennuu. Heerri Itoophiyaa saboota 86tu biyya kana keessa jira jedhee mirkaneesseera. Sabootaaf walqixxummaa kan kenneedha. Aangoo walqixa ta’e kan kenneedha. Qoodiinsi aangoo amaloota federeeshinii keessaa isa tokko. Yoo xiqqaate manneen marii lamaafi isaa ol qabaachuu. Ofiin of bulchuu hanga foxxoquutti kan jedhu amala federaalizimii sandaneessaati.

Walqixxummaatti amanuu

Aadaan, afaaniifi amantiin kamuu walqixa.

Hanqinoota

Rakkoon daangaa bulchiinsaa naannolee hiikamuu dhabuun waggoota 30 darbanitti akka rakkootti waan ka’aa tureedha. Hanqinni ga’umsa raawwachiisummaa sadarkaalee adda addaarratti mul’atu, dimokraasiifi sirna federaalizimii walsimsiisuu dhabuun rakkoodha.

Dimokiraasiin waan akka xaxaamaatti ilaalamu miti. Dimokiraasiirratti hayyuun tokko, ni filatta, ni to’atta, yoo rakkoo uume ammoo nikaastaadha. Kanarratti hanqina qabna. Fakkeenyaaf hogganaan aanaa sanaa mana marii aanichaa keessa filatamamoo godinarraa mudamee aanaa dhaqa?

Yoo godinarraa aanaaf ergina ta’e sirna qeenxeeti malee federaalizimii hinibsu. Gaafa dimokraasii ta’u aanaan mana marii qabaata. Manni marichaa achuma keessaa bulchaa filachuu qaba. Gaafa kun ta’u dhimma bulchiinsa gaarii jedhamutu dhufa. Bulchiinsi gaariinis achitti bada.

Yoo mana marii keessaa hinfilatamne ta’e caacculee bulchiinsa gaarii keessaa fakkeenyaaf ittigaafatamummaa ilaalla. Ittigaafatamummaan maal jedha? Ittigaafatamummaan kee warra si filateefi, jedha. Yoo godinarraa ergamtee aanaa dhaqxe mana marichaatiif gaafatamaa ta’uu hindandeessu.

Si hinbeekanu hinbeektu. Ittigaafatamummaan kee warra godinaatiif ta’a jechuudha. Iftoominni kees akkasuma. Mana marichaafis ta’e ummata aanichaatiif hinta’u. Olaantummaan seeraas sirratti hinhojjetu. Manni marii waan si hinfilanneef si kaasuufi to’achuu hindanda’u. Kan si kaasuu danda’u warra godinaa si muudeedha.

Fakkeenyaaf malaammaltummaa hojjetteeta yoo ta’e si gaafachuu hindanda’an. Kanaaf caaccuu kana waan keessaa ganne natti natti fakkaata. Federaalizimiin ammoo gaafa dimokiraasiidhaan walunatu milkaa’aa ta’a.

Maqaa sirrii hintaane kanneen akka federaalizimii sanyiifaa jedhamee sirnichaaf kennamee seeneffama. Kana dhaloonni waan sirnaan dhaluuf irratti hojjetamuu qaba.

Sabqunnamtiin hawaasa hubachiisuurratti gumaachasaanii waan bahatan natti hinfakkaatu. Ummanni sirna ittiin bulaa jirru kana haalota adda addaatiin ilaalaa jira. Kana ammoo sabqunnamtiitu hamma tokko gara tokkotti fiduu danda’a.

Dhaabbilee dimokiraasii akka miidiyaafaa ciccimoo dhabuu, sirna hariiroo mootummoota naannolee jidduutti cimsu dhabamuu. Malaammaltummaanis rakkoo guddaadha biyyayyuu waan diiguuf jechuudha. Hawaasni sirnicharratti hubannoo walqixa ta’e dhabuu. Yeroon yeroo odeeffannoo waan ta’eef sabqunnamtiin waan guddaa hojjechuu qabu. Keessumaa sabaafi sablammoota biyya kanaa dammaqsuu keessatti.

Federaalizimii sabdaneessaa biyya ijaaruu keessatti

  1. Akkaatuma baay’inasaatiin ummanni siyaasa, dinagdeefi hawaasummaadhaan qooda fudhachuu qaba.
  2. Akkaataa teessuma lafaatiin hariiroon hawaasni waliifi alaaf qabnu wajjin daran socho’uu qabna.

Waan tokko dhiphisneetuma ilaaluun barbaachisaa miti. Kun waan ummata dabalatee qaamolee hundarraa eegamuudha.

  1. Seeneffama waloorratti cimnee hojjechuu qabna. Akkuma ministirri muummeen irradeddeebiidhaan kaasan seeneffamni waan salphaa miti; dhalootatu dhaala waan ta’eef. Akkaataa seenessaatu biyya ijaaruus diiguus danda’a waan ta’eef kanarratti hojjechuu barbaachisa.

Seeneffamni irratti xiyyeeffannu kan waloo ta’uu qaba; fakkeenyaaf Itoophiyaa kan jedhurratti. Nuti Itoophiyaa akkamitti seenessina? Eessa dhaabannee Itoophiyaa ilaalla? Ala moo qarqara dhaabannee ilaalla? Akkaataan nuti itti seenessinu murteessaadha jechuudha. Saboonniifi sablammoonni waa’ee Itoophiyaa seenessa waloo taasifachuu qabu.

Kana malees waa’ee hidha haaromsaafi ashaaraa magariisaas as keessatti kaasuu dandeenya. Kunniin seeneffama walooti. Waan addunyaarratti hinhojjetamnetu biyya kanatti hojjetame. Akkaataa waantota akkanaa ittibarsiisnuufi seenessinurratti of ilaaluu qabna biyya kana ijaaruuf.

Barbaachisummaa ulaa galaanaa akkamitti seenessina, seenessaa jirra? Doktar Abiyyi Ahmadiin hogganaa mul’ata egeree qabu jennee maaliif hinseenessine? Kitaabota inni barreessee nuu gumaache keessa waanti jedhamu hinjiruuyii? Yeroo ADWUI dhimmi ‘taalaaquu marii’ ykn ‘hogganaa guddicha’ jedhamu seenessa laayyoo hinturre. Seeneffamni murteessaadha.

Waa’een barbaachisummaa ulaa galaanaa ‘nuti amma kan barbaadnu qullubbii diimaa malee galaana diimaa miti’ jedhamee seeneffamuu qabaa? Waa’ee galaanaa egeree keenya waan ta’eef sirnaan seeneffamuu qaba.

Hariiroon sabootaafi sablammoota jidduu jirus sirnaan seeneffamuu qaba. Yeroo baay’ee kan seeneffamu waa’eedhuma waraanaati. Innuu waan walitti nu buusuuf isa keessaa bahamee hariiroo ummatootaarratti hojjechuu qabna.

Walmalee jiraachuun hindanda’amu

Akka waan ummatoonni kaleessa walbaraniifi waggoota 30 darbanii as waliin jiraachuu eegalaniitti seeneffamaa jiraa bari. Kun sirreeffamuu qaba. Dhugaa jirurratti hundaa’anii seenessuun nidanda’ama. Waa’een hariiroo sabootaa hinhimamne, hinbarreeffamne. Sabni tokko isa kaan malee, Affaar Oromoo malee, Somaaleen Oromoo malee, Affaar Somaalee malee, Amaarri Oromoo malee… jiraachuu akka hindandeenye maaliif hinseeneffamne?

Marii biyyaalessaa

Mariin biyyaalessaa yeroo ittibitachuu wayya malee jalqabnee fashalaa’uu hinqabu kan jedhurratti waliigalamuu qaba. Otoo homtuu alatti hinhafiin hunduu hirmaatee milkaa’uu qaba. Malaammaltummaarratti xiyyeeffannaadhaan hojjetamuu qaba. Sabqunnamtiin waan irraa eegamu gumaachuu qabu. Manni murtii bilisa ta’uu qaba. Dhaabbilee ciccimoo horachuu, kanneen jiran cimsuu barbaachisa. Yoo kun ta’e biyya ijaaruun nidanda’ama.

Aadaa marii gabbisuun barbaachisaadha. Hawaasa mariidhaan amanu keessaa baanee akkamitti mariitti amanuu dadhabne? Keessumaa hayyoonni kanarratti yaaduu qabu. Dhimmoota shaniif walgeenyee afurirratti waliigallee tokkorratti walitti dhukaasnu malee jenna; jaarraa 21ffaa keessatti.

Oromoon dubbiin haa bultu jedhaa bar. Paartiilee ciccimoo qabaachuu qabna. ‘Suuqbadarateen’ ammaa kun hinbarbaachisu. Caacculee dimokraasii sirna federaalizimii keessatti ida’uufi mirkaneessuunis nu barbaachisa.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016

Recommended For You