“Ejjennoo Misir calaqqisaa jirtu ijaarsa hidha Abbayyaarratti dhiibbaa tokkollee hinqabaatu” -Obbo Muusaa Sheekkoo (Ogeessaafi Xiinxalaa Siyaasa Bishaanii)

Baadiyyaatti barnoota amantii Islaamaa sirnaan barachuudhaan magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinneetti, Afaan Arabaa barsiisuu kan danda’an, dhaabbilee gurguddoo kanneen akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi Gamtaa Afrikaa keessatti hojjachuuf carraa kan argataniifi dandeettii Afaan Arabaa irratti horatan kanaan immoo yeroo biyyattiin hidha guddichaan walqabatee dhiibbaa guddaa jala turtetti olola sobaa biyyattii irratti adeemsifamu fashaleessuudhaan dhugaa Itoophiyaa Addunyaaf ibsaa kan turaniifi jiran, yeroo ammaatti immoo Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaatti Hogganaa Ittaanaa biirichaa kan ta’an Obbo Muusaa Sheekkoo keessummaa Bariisaa torbee kanaati.

Bariisaa: Keessummaa Gaazexaa Bariisaa maxxansa torbee kanaa ta’uuf eeyyamamoo ta’uu keessaniif galatoomaa jechaa, mee jalqaba iddoo dhalootaafi haala guddina keessaniirraa eegalluu?

Obbo Muusaa: Isinis dhimma faayidaa biyyaarratti yaada kiyya fudhachuuf dhufuu keessaniif galata qabdu. Ani Muusaa Sheekkoo naan jedhan. Kan dhaladhee guddadhes Godina Arsii Lixaa, naannawa magaalaa Adaabbaatti. Barnoota kiyya sadarkaa duraa ganda baadiyyaa keessa Mana Barnootaa Haqoo Qarraa jedhamutti eegaleen hanga kutaa afuraffaatti achumatti baradhe. Kutaa shanaffaafi jahaffaa immoo magaalaa Roobeettin baradhe. Akkuma sadarkaan barnootaa dabalaa deemuun immoo boodarra kutaa torbaffaarraa kaasee Finfinneettin baradhe.

Gara Finfinneetti dhufuun dura garuu haala guddina kiyyaa akkuma ati na gaafatte siif haa ibsu. Naannawa ani itti dhaladhe sana hidha maddisiisa anniisaa ibsaa Malkaa Waakkannaatu jira. Kunis kan hidhame laga Waabee irratti. Kanaaf ani ijoolummaakoo irraa kaasee waa’ee lageeniifi haala isaan hidhamuudhaan madda anniisaa humna ibsaa ta’uu danda’aniin taajjabaan guddadhe.

Laga Waabee iddoo hidhi Malkaa Waakkannaa irra jiru sanatti ijoollee hedduu taanee gamaafi gamasitti ce’aa taphachaafi itti bashannanaa guddanne. Umurii daa’imummaa sanatti bifa bashannanaatiin haa ilaallu malee akkuma umuriin keenya dabalaa deemuun faayidaa hidhi sun akka biyyaafi naannawaa sanaatti ummataaf kennuu danda’u dhiheenyatti hubachaafi qalbeeffachaan guddadhe.

Haala kanaan guddachuunkoo immoo yeroo ammaa akka waliigalaatti faayidaa lageen Itoophiyaafi gahee isaan jiruufi jireenya ummata biyyattii fooyyeessuuf qaban sirnaan akka hubadhuuf nagargaareera jechuun ni danda’ama.

Bariisaa: Kanaafuu waggoota shanan darbaniif mirga Itoophiyaan laga Abbayyaarraa fayyadamuu qabduun walqabatee falmiin isin taasisaa turtanis haaluma guddina keessan kanarraa madda jechuudhakaa?

Obbo Muusaa: Sirritti malee! Maal sitti fakkaate, hubannoon ani daa’imummaa koorraa eegalee qarqara laga Waabeetti hidha Malkaa Waakkannaarratti horadhe sun dhawata dhawataan akkuma umuriinkoo dabaluufi beekumsikoos ida’amaa deemuun cimaa dhufuun falmii waggoottan afraniifi shanan darban dhimma hidha laga Abbaayya irratti miidiyaa guguddoo biyyoota alaa irratti dhihaachuudhaan faayidaa Itoophiyaatiif akkan falmu daandii naaf saaqeera.

Haalliifi bakki guddinakoo haalan amma keessa jiruuf shoora olaanaa kan taphate ta’us, dabalataan immoo afaanota biyya alaa keessattuu Afaan Arabaa sirnaan barachuunkoofi muuxannoo gabbataa achirratti qabaachuunkoos falmii hidha guddichaan walqabatee miidiyaa biyyoota alaa keessattuu kanneen Afaan Arabaatiin dalagan waliin taasisaa turrefi jiruuf shoora dabalataa taphateera.

Kana qofaa osoo hintaane, hawaasni bal’aan naannawa sana jiru waa’ee lageeniifi faayidaa isaan dinagdee biyya tokkoo irratti qaban sirnaan akka hubatuuf carraa waan argateef, yeroo ani miidiyaa gurguddoo addunyaa irratti dhiyaadhee waa’ee laga Abbaayyaa irratti falmii taasisu maal akka ani haasa’aa jiruufi sababa maaliitiif akkan haasa’us sirnaan hubatu.

Bariisaa: Afaan Arabaa erga gara Finfinneetti dhuftanii bartan moo baadiyyaadhumatti bartan? Hanga ammaa afaan kanaan eessa eessa hojjattan?

Obbo Muusaa: Ergan Finfinnee dhufee barnootuma idileen barachuu itti fufe malee barnoota Afaan Arabaa irratti waanin baradhe guddaa hinqabu. Gaafuma baadiyyaa jirru barnoota idilee cinatti barnoota Amantii Islaamaa barachuun naannawa sanatti beekamaadha. Kanaaf inumayyuu barnoota idilee caalaa barnoota amantii irratti xiyyeeffadhee akkan baradhuuf gama maatiitiinis fedhiifi deeggarsi waan tureef afaan Arabaa sirnaan kanin baradhe biyyumatti malee Finfinneetti miti.

Barnootakoo akkuman xumureen carraa barnoota sadarkaa olaanaa Yunivarsitii Jimmaatti barachuu argadhuus, hojiiwwan gara garaa hojjechaa waanin baradhuuf gara Jimmaatti osoo hindeemiin, asumatti hafee kolleejjota dhuunfaatti barachaa hojiikoos cinatti itti fufsiisuu danda’eera.

Ergan gara Finfinneetti dhufee carraa garagaraatti fayyadamuun leenjiiwwan gaggabaaboo hubannoon afaanicharratti qabu gabbisan fudhachuun garuu waanuma jiruudha. Finfinneetti ergan galee booda irra jireessaan barnootuma idilee barachuun keessattuu gama ogummaa kompiwutaraatiin digirii duraa argachuufi dabalataanis akaakuuwwan barnootaa birootiinis digirii qabaadhuus yeroo ammaa digirii lammataa hojjachaan jira.

Gara gaaffii keetti yemmuun deebi’u, ergan gara Finfinneetti dhufee gara sadarkaa kolleejjii ga’een booda barnoota idilee cinatti Afaan Arabaatiin beekumsa gaarii horachuu kootiin dhaabbilee guguddoo garagaraa keessa hojjechuuf carraa argadhee jira.

Wanti si ajaa’ibu garuu namni hedduun yeroo ani dhaabbilee garagaraa guguddoo ta’an keessatti Afaan Arabaatiin hojjedhuufi miidiyaa guguddoo irratti afaanichaan falmuufi barreessuuf akka waan ani afaan kana yunivarsitii guguddoo biyyoota Arabaa keessatti baradheetti fudhatu. Ani garuu Afaan Arabaa kanin baradhe baadiyyuma dhaloota kootti malee yunivarsitii biyyoota Arabaattii miti. Barnoota koo idileeyyuu kanan sirnaan barachuu eegale erga barnoota amantiifi afaan Arabaa sirriitti qalbeeffadheen booda. Koorsiiwwan gaggabaaboo waggaa tokkoofi lama biyyoota alaatti akka dabalataatti fudhadheen ala beekumsi Afaan Arabaakoos kan argame biyyuma keessatti, sanuu baadiyyuma keessatti jechuudha.

Dhaabbilee ani keessatti tajaajilaa ture keessaa immoo Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniifi Komishiinii Misooma Afrikaafaa maqaa dha’uun ni danda’ama.

Bariisaa: Gara hojii dippilomaasii hidha laga Abbaayyaa kana hoo akkamiin dhuftan?

Obbo Muusaa: Maal sitti fakkaate, waggaa shanan har’aa yemmuu falmiin hidha laga Abbayyaatiin walqabatee ka’u sana ani imbaasiiwwaniifi dhaabbilee garagaraa keessatti firilaansiifi dhaabbidhaan hojjechuun alatti muuxannoo miidiyaa kanas hinqabun ture.

Boodarratti dhiibbaa Itoophiyaan qabeenyashee kan ta’e laga Abbayyaatti akka hinfayyadamneef biyyootni alaa keessattuu biyyoonni Arabaa taasisaa dhufan akka anin gara miidiyaatti dhufee faayidaa biyyakootiitiif falmuuf na dirqamsiiseera. Ni yaadatta yoo ta’e yeroo sanatti gama Misiriinis ta’ee miidiyaa faayidaa Misir deggaraniin dhiibbaa guddaan miidiyaa addunyaatiin taasifamaa kan ture Afaan Arabaatiini. Itoophiyaan immoo yeroo sanatti namoota Afaan Arabaatiin faayidaa biyyaatiif miidiyaa kanneenirratti falmii gaggeessan gahaa hinqabdu turte.

Kanaaf anis beekumsa kootiin yeroo itti biyyakootiif waan gaarii hojjachuu danda’u ta’uusaa hubachuudhaan hiriyyootakoo kanneen akka Mahaammad Al Arusiifaa waliin taanee faayidaa hidha laga Abbayyaa irratti biyyootni Arabaa sirnaan hubannoo akka argataniif afaanuma isaan dhagahaniin falmutti galle jechuudha.

Yeroo Misir soba ishee dhugaa fakkeessitee himatutti, Itoophiyaan immoo dhugaashee ummata Arabaatiif afaan isaan hubachuu danda’aniin ibsuu dadhabde sanatti haalli ture xiiqii keessa waan nu galcheef gara hojii dippilomaasii laga Abbayyaa kanatti gallee sa’aatii 24f hojii dhaabbii taasifanne jechuudha.

Bariisaa: Erga isin ijoolleen biyyaa gara hojii dippilomaasii hidhaa laga guddichaatti galtaniin booda maaltu jijjiirame faayidaan dhufe jira jettanii yaaddu?

Obbo Muusaa: Faayidaafi jijjiirama olaanaatu dhufe malee. Erga ana dabalatee namoota muraasa taanee ijoolleen Afaan Arabaa sirriitti dandeenyu miidiyaa isaanii irratti dhihaachuun ijaarsi Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti gaggeessaa jirtu maal akka ta’e, faayidaan inni biyyaaf qabuufi dhiibbaa tokkollee biyyoota yaa’a gadii kanneen akka Misir irratti akka hinqabneefi ololli gama Misiriin hafarfamu immoo soba ta’uusaa hubachiisuu eegallee booda ilaalcha biyyootni Arabaa Itoophiyaa irratti qaban harki caalu akka geeddaramu taasisuun danda’amee jira.

Mahaammad Al Arusii, Zayid Ziidaan, Ustaaz Jamaal Bashiir, Abdu Shukur Abdusamadiifi Nuuraddiin Abdaafaa namoota ciccimoo nuwaliin ta’anii miidiyaa guguddoo addunyaa irratti dhihaachuun dhugaa Itoophiyaan qabdu addunyaaf ibsuun ololli sobaa Misir Itoophiyaa irratti gaggeessaa turte immoo soba ta’uusaa kanneen addunyaafi biyyoota Arabaa hubachiisaa turaniidha.

Kanaaf bifa walii galaatiin yemmuu ilaalamu erga ana dabalatee namootni muraasni Afaan Arabaa sirriitti danda’an gadi baanee dhimmoota faayidaa laga Abbaayyaa irratti olola sobaa Misir dura dhaabbachuun dhugaa hidha haaroomsa Itoophiyaa guddicha addunyaaf ibsuu jalqabnee booda jijjiiramni ilaalchaa guddaan biyyoota Arabaa Itoophiyaa irratti qabaataa turan hundeedhaan akka jijjiiramuuf carraa guddaa uumeera jechuun ni danda’ama.

Bariisaa: Dhimmuma bishaanii kanaan kan walqabatu Itoophiyaan qabeenya bishaanii hedduu qabaattus yeroo ammaa kana ulaa galaanaa hinqabdu. Kana argachuuf mirga akka seeraafi seenaatti Itoophiyaan qabdu akkamitti ibsitu?

Obbo Muusaa: Gaaffii Bareedaa na gaafatte. “Itoophiyaan buufata galaanaa yookiin bulaa galaanaa argachuuf mirga qabdi moo hinqabdu? Mirga ni qabdi yoo ta’e hoo mirgi kun kan karaa seeraati moo kan karaa seenaati?” isa jedhu sirriitti ilaaluun baay’ee barbaachisaadha. Jalqabarratti gama seenaatiin mirga Itoophiyaan ulaa galaanaa naannawa Galaana Diimaatti qabdu yemmuu ilaallu, barreessitootni gurguddoon akka addunyaatti beekaman hedduu seenaa Itoophiyaa yemmuu barreessan waa’ee Galaana Diimaa biraa hambisanii hinbeekan, maqaa Itoophiyaa yeroo hunda galaana diimaadhaan walitti hidhanii kaasu. Kanaaf seenaan Itoophiyaa kanaan duraa hundi Galaana Diimarraa gargar bahee yeroon itti barreeffame waan hinturreef, seenaan waa’ee Itoophiyaa irratti barraa’ee Galaanni Diimaan keessa hinjirre immoo akka seenaa hir’uutti kan fudhatamudha. Seenaa kamuu keessatti Itoophiyaan Galaana Diimaa irratti ulaa galaanaa yookiin buufata galaanaa qabaachuudhaaf mirga seenaa akka qabdu kan agarsiisuudha.

Gama seeraatiin yemmuu ilaallu immoo, yeroo biyyi Ertiraa sirna kolonii Xaaliyaan jalaa baatee konfedereeshiniidhaan Itoophiyatti makamtu waliigaltee barraa’etu jira. Akka carraa ta’ee yeroon sun yeroo Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii itti hundaa’eefi Itoophiyaan immoo biyyoota dhaabbaticha hundeessan keessaa ishee tokko waan turteef, Ertiraan kolonii Xaaliyaaniitiin booda maal ta’uu akka qabduufi Itoophiyaa waliin immoo hariiroo akkamii qabaachuu akka qabdu waan dhaabbaticha keessatti galmaa’etu jira.

Kunis maaliidha yoo jette, keessattuu dhimma Galaana Diimaatiifi buufata Asabiin walqabatee, Itoophiyaan galaanicharratti buufata qabaachuudhaaf yookiin isa jirutti fayyadamuudhaaf mirga akka qabdu waliigaltee dhaabbatichaa keessatti taa’ee jira. Waliigaltee yeroo sana waliin jireenya Itoophiyaafi Ertiraa irratti yeroo sana Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii keessa taa’etti yoo deebinu waan hedduu arguu dandeenya.

Kana waan ta’eef, gama seeraatiinis yemmuu ilaallamu Itoophiyaan ulaa galaanaa yookiin buufata galaanaa Galaana Diimaa irratti qabaachuuf yookiin immoo isa jirutti fayyadamuuf mirga gama seeraas akka qabdu asirraa hubachuun ni danda’ama jechuudha.

Dhimma kanarratti ogeessonni seeraa keeyyata waliigaltichaa sana baay’isuudhaan ummatni akka sirnaan hubatu taasisuu keessatti ammas shoorasaanii akka bahataniif dhaamsa dabarsuun barbaada.

Gama biraatiinis, gaafa Ertiraan konfedereeshiiniidhaan Itoophiyaatti makamtus waliigaltee dhimma ulaa Galaana Diimaa irratti biyyoota lameen gidduutti barreeffametu jira. Kunis Itoophiyaan ulaa galaanaatiif galaana diimaa fayyadamuudhaaf mirga haqaa akka qabdu walii galtee mirkaneessuudha.

Seenaa yeroo as dhihootti yemmuun siif deebi’u immoo, bara 1984tti yemmuu Ertiraan Itoophiyaa irraa fottoqxee biyya ofdandeesse taatee hundooftutti waliigaltee biyyoota lamaan giddutti mallattaa’etu jira. Kunis, iddoon argama yookiin bakki Galaanni Diimaan itti argamu lafa Itoophiyaa ta’uu yoo baateyyuu, itti fayyadamuudhaaf garuu mirga guutuu akka qabdu waliigaltee sanarratti ifaan taa’ee jira.

Kana qofaa miti. Boodarratti yeroo waraanni Itoophiyaafi Ertiraa giddutti adeemsifamaa ture xumuramee Aljarsiitti gara waliigaltee araaraatti galamus dhimma fayyadamummaa Galaana Diimaa irratti waan taa’etu jira. Kunis dhimmoota araaraa waraanichaan alatti Itoophiyaan ulaa galaanaa naannawa Galaana diimaatti fayyadamuuf mirga akka qabdu akkuma seerotaafi walii galteewwan sanaan dura biyyoota lameen giddutti taasifamaniitti kan eeyyamuudha.

Kana waan ta’eef, gama seenaatiin seenaan Itoophiyaa kamuu Galaana Diimaa waliin ka’uunsaafii seenaan biyyattii Galaanni diimaan keessa hinjirre seenaa hir’uu ta’uunsaa, dooniiwwan Itoophiyaa hanga ammaatti galaanicharratti argamuunsaanii, waggoota dheeraadhaaf Itoophiyaan humna waraanaa galaanaas naannawa sanaa qabaachuunshee gama seenaatiin mirga Itoophiyaan galaana sanarraa qabdu kan agarsiisuudha.

Dabalataan immoo haqa siyaasaa waan jedhamutu jira. Kana jechuun dhiheenya bakka sanarraa qabdu qofaan haqa siyaasaa biyyi tokko iddoo murtaa’e tokkorraa qabdu jechuudha. Akka fakkeenyaatti yemmuu siif kaasu, biyyootni akka Raashiyaa, Saawudii Arabiyaa, Araboota Gamtoomaniifi kanneen biroo fageenya dheeraa imalanii dhufuudhaan Galaana Diimaa irratti buufata waraanaa hundeeffataniiru.

Jarri kun hundi fageenya isaan Galaana Diimaa irraa qabaniin yemmuu madaalaman iddoo sanatti fayyadamuudhaaf ykn buufata galaanaa ijaarachuuf haqa siyaasaa hinqaban. Haa ta’uu malee biyyoota dinagdeefi humna waraanaatiin of cimsan waan ta’aniif iddoo sanatti buufata ijaarachuu irraa kan isaan dhorke hinjiru.

Itoophiyaan immoo Galaana Diimaa irraa kiiloomeetira 60 qofa fagaattee kan argamtu waan taateef galaanichatti fayyadamuuf haqa siyaasaa qabdi jechuudha.

Kanaaf, gama seenaatiin, gama seeraatiin, haqa siyaasaatiiniifi ulaagaalee jiran hundaan yemmuu ilaallamu Itoophiyaan galaana diimaa irratti ulaa galaanaa argachuudhaaf mirga haqaa akka qabdu kan mirkaneessaniidha.

Bariisaa: Dhumarratti, mariin torbee kana hidha guddicharratti Finfinneetti taasifamaa ture waliigaltee malee bittinaa’uun ijaarsa hidhichaa irratti dhiibbaa akkamii qaba laata?

Obbo Muusaa: Dhiibbaa tokkollee hinqabu. Mariin taasifamaa ture kun kan har’a eegale osoo hintaane waggoota 11f kan adeemsifameedha. Mariiwwan hanga ammaatti taasifamaa turan hunda kan gufachiisaa tures Misiruma. Kun immoo ilaalcha dulloomaa waliigaltee bara sirna kolonii Ingiliiz mallattaa’e sana hawwurraa kan madduudha.

Akkuma duratti siif kaasuudhaaf yaaletti injifannoowwan gama dippilomaasiitiin waggoottan afuriifi shanan darban kana keessatti hidha guddichaan walqabatanii hojjatamaniin irra jireessi addunyaa haqa Itoophiyaa hubachuu danda’eera. Hubachuu qofa osoo hintaane immoo amanees fudhachuu danda’eera.

Kana waan ta’eef sochiin Misir yeroo ammaa addunyaa gowwoomsuufi biyyoota Arabaa Itoophiyaa irratti kakaasuudhaaf hojjettu kamiyyuu kanaan booda waan milkaa’uu miti. Sababnisaas waggoottan shanan darbanitti ummata Afaan Arabaa dhaga’u hundaaf hojii miidiyaa guguddoo addunyaa fayyadamuun hojjetameen hunduu dhugaa Itoophiyaafi haqa Itoophiyaan hidha laga kanaatiin walqabatee qabdurratti hubannoo sirrii horachuu danda’ee waan jiruufi.

Kana waan ta’eef mariin torbee kanaa kun waliigalteedhaan guduunfamuu baatus dhiibbaan inni ijaarsa hidhichaa dhibbantaa 96 irra gahe kanarratti qabu tokkos hinjiraatu.

Bariisaa: Yeroo bal’aa nuu kennitaniif irra deebinee galatoomaa jenna.

Obbo Muusaa: isinis ulfaadhaa!

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ “Ejjennoo Misir calaqqisaa jirtu ijaarsa hidha Abbayyaarratti dhiibbaa tokkollee hinqabaatu” -Obbo Muusaa Sheekkoo (Ogeessaafi Xiinxalaa Siyaasa Bishaanii)”

Comments are closed.