“Rakkoolee uumamaafi namtolchee nu qunnamaa turan keessatti bu’aawwan jajjabeessoon galmaa’aniiru” – Shaneef waamichi araaraa dhiyaate

Adaamaa: Yaa’iin idilee 4ffaa, waggaa 2ffaa bara hojii Caffee 6ffaa Caffee Oromiyaa guyyoota lamaa kaleessarraa kaasee adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, yaa’ichaan pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa (BMNO) Obbo Shimallis Abdiisaa gabaasa raawwii hojii ji’a ja’aa erga dhiyeessanii booda miseensotaan mariin irratti taasifameera. Yaa’ii Caffichaarratti Shaneef waamichi araaraa dhiyaateera.

Jalqaba yaa’icharratti haasawa kan taasisan Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, “Qormaatilee uumamaafi namtolchee haalota adda addaatiin nu mudatan gara carraatti jijjiiruun injifannoowwan guguddoo galmeessisuu dandeenyee jirra” jedhan.

Gaaffii misoomaa yeroo yeroon dabalaa dhufe deebisuuf, mootummaan tarsiimoo misooma damdaneessaa galma badhaadhinaatti geessu qabatee, qormaatilee uumamaafi namtolchee adda addaa bifaafi amalasaanii jijjiirratan hunda carraatti jijjiiraa injifannoowwan guguddaa galmeessisaa har’a kan gahe ta’uu ibsan.

Ummanni Oromoo Itoophiyaa ijaaruu, tokkummaafi birmadummaashee eegsisuu keessatti shoora bakka bu’iinsa hinqabne hanga har’aatti taphachaa kan as gahe ta’uu seenaan kan galmeesseefi hacuuccaa sirnoota dhufaa dabraniin irratti fe’amee ture qabsoo taasiseen ofirraa fonqolchuudhaan, sirni federaalizimii dhugaa obbolummaafi sabdaneesummaarratti bu’ureeffate akka ijaaramuuf, waggoota riifoormii dabarsine keessatti imalli badhaadhinaa akka milkaa’uuf adda durummaan gaheesaa bahachaa kan jiru ta’uunsaa ni beekama jedhan.

Yeroo ammaa humnoonni finxaaleyyiifi daldaltoonni siyaasaa aangoo ummataa karaa qaxxaamuraan qabachuuf abjootan, ummata Oromoorratti jibbiinsaafi hoggantoota keenya kabajaafi birmadummaa biyya keenyaatiif gatii qaalii kaffalan irratti duula maqballeessii taasisaa jiran Caffeen Oromiyaa, dhimma kana callisee kan hinilaalleefi hadheeffatee kan balaaleffatu ta’uu, akkasumas, qaamni dhimmi ilaallatu bu’uura heeraafi seeraatiin tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatuuf akeekkachiisaa, ummanni Oromoos, duulli jibbiinsaafi maqballeessii taasifamaa jiru, duula eenyummaa Oromummaarratti aggaamame ta’uu hubachuudhaan, tokkummaasaa jabeeffatee injifannoo gonfate akka tikfatuuf maqaakoofi maqaa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin waamicha dhiyeessaniiru.

Pirezidaantiin BMNO Obbo Shimallis Abdiisaa gabaasa dhiyeessaniin, naannichatti rakkoolee kenna tajaajilaa kuma 42fi 386 sadarkaalee hundatti adda bahan keessaa rakkooleen kuma 18fi 289 hiikamuun sirna gaafatamummaa gara garaa hordofsiisuu hoggansaafi hojjettoota kuma 12fi 282 irratti tarkaanfileen adda addaa fudhatameera jedhan.

Horataafi bulchiinsa fandii Buusaa Gonofaa cimsuufis qarshii biliyoona 1.2 ol walitti qabamuus eeran. Dhimmoonni hedduun manneen murtii aadaatiin furamuun dhimmoonni mana murtii idileetti dhiyaachaa turan hir’achaa dhufuus ibsaniiru.

Haqa ummataa mirkaneessuuf baatiiwwan ja’an darbanitti manneen murtii aadaa sadarkaa jalqabaa keessatti dhimmootni kuma 152fi 485 dhiyaatanii kumni 117fi 202 furmaata argataniiru jedhan.

Dhiyeessii qorichaafi meeshaalee yaalaatiin walqabatee qoricha buufataalee fayyaafi dhaqqabiinsa qoricha hawaasaa babal’isuuf manneen qorichaa modeela hawaasaa 73 xumuruun tajaajila akka kennan taasifameera.

Baatiiwwan ja’an darbanitti carraa barnootaa walgitiinsa qabu babal’isuuf hojjetamaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaan duraa haaraa 5,464fi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1ffaa-8ffaa haaraa 20 ijaaruun danda’ameera.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuufis sagantaan nyaata barattootaa hojiirra oolchuun manneen barnootaa kuma 14fi 043 keessatti barattoota miliyoona 7.5 nyaachisuuf karoorfame keessaa manneen barnootaa 9,701 keessatti barattoota miliyoona 4.65 nyaachisuun danda’ameera.

Omishaafi omishtummaa bunaa dabaluuf ji’oota ja’an darban keessatti sanyii bunaa kiiloo giraama kuma 537 ol qopheessuun biqilaan bunaa biliyoonni 1.56 kununfamaa jira.

Sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan biliyoona 4.16 lafa heektaara miliyoona 1.15 irratti ganna darbe dhaabbateef kunuunsa taasifameen biqiltuuwwan %92 ol lataniiru. Barana biqiltuu biliyoona 4.9 dhaabamuuf hojii hojjetamaa jiruun biqiltuuwwan biliyoonni 1.87 qophaa’aniiru.

Naannichatti bara kana Inisheetiivii misooma qamadii jallisii bonaatiin lafa heektaara miliyoona tokkoo olirratti qamadii facaasuuf karoorfamee hojjetamaa tureen hanga ammaatti heektaarri miliyoona 1.1 irra sanyiin faca’eera.

Qorannoo yakka malaammaltummaaf koree hundeeffamee hojii eegalameen qabeenyi yakka malaammaltummaa horatame bu’uura qorannoo seeraatiin qarshiin miliyoona 331tti tilmaamamu mootummaaf deebi’eera.

Rakkoo guddaa Godina Baalee, aanaalee Gurraa Dhaamoleefi Naannoo Somaalee Godina Liiban waliin yeroo dheeraaf ture araaraan hiikuun danda’ameera.

Ilaalchaafi gocha finxaalessummaatiin walqabatee gareen finxaaleeyyii amantiifi sabummaa dahoo godhachuudhaan saba Amaaraafi Oromoo waggoota hedduuf waliin jiraataa turaniifi jiraataa jiran gargar baasuuf yaalii taasifamaa ture bu’uuraan hiikuun hariiroo naannolee lamaanii daran cimsuuf waltajjiin marii “Obbolummaa Sabdaneessummaan Nageenya Waaraafi Badhaadhina Waloof” jedhuun sadarkaa hoggansa olaanaa naannolee lamaaniitti magaalota Baahirdaariifi Adaamaatti gaggeeffamee tureen bu’aan argamuus ibsaniiru. Mootummaan naannichaa nageenya naannichaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa akka jirus eeraniiru.

Humni waggoota afran darbaniif hidhatee Oromiyaa keessa socho’aa tureefi ummata Oromoo aarsaa hinmalle kaffalchiisaa ture, garaagarummaa jiru mariidhaan hiikuun araaraaf akka of qopheessu maqaa Caffee Oromiyaatiin waamicha dhiheessaniiru.

Miseensonnis gabaasa dhiyaaterratti yaada kennaniin, “Gabaasni dhiyaate mootummaan naannichaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf waan waadaa gale raawwachaa jiraachuu agarsiisa” jedhan.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015

Recommended For You