Ayyaanni injifannoo Adwaa 127ffaan haala aarsaa kanfalame madaaluun kabajama

Finfinnee: Ayyaanni injifannoo Adwaa 127ffaan haala aarsaa gootonni waraanarratti kafalan madaaluun akka kabajamu koreen qindeessaa ayyaanichaa ibse.

Ayyaanni injifannoo Adwaa 127ffaa sadarkaa biyyaalessaatti qophiiwwan addaddaan kabajuuf koreen qindeessaa Ministeera Ittisaatiin gaggeeffamu Ministeera Aadaafi Ispoortii, Poolisii Federaalaa, Waldaa Gootota Itoophiyaa duriifi dhaabbilee biroo ofkeessatti qabate hundaa’eera.

Kabaja ayyaana kanaa ilaalchisee ministeerri ittisaa, Ministeerri Aadaafi Ispoortiifi Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa wajjummaan ibsa kennaniiru.

Ministir De’eetaan tajaajila komunikeeshinii mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaa ayyaanni injifannoo Adwaa ibsituu bilisummaa guutuu Afrikaafi ummattoota gurraachaa waan ta’eef sadarkaa injifannicha madaaluun kabajamuu qaba jedhan.

Kanaaf ayyaana injifannoo waggaa 127ffaa baranaa duudhaasaa eegee karaa walfakkaatuun kabajuuf gaggeessummaa Ministeera Ittisaatiin koreen dhaabbilee itti waamamaa ofkeessatti qabate hundaa’eera jedhan.

Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa injifannoon Adwaa bilisummaaf jecha kumaatamtoonni gootummaan aarsaa kan itti kafalan ummattoonni gurraachi kan itti boonaniidha jedhaniiru.

Itoophiyaa weerara faashistiirraa oolchuuf gaggeessitoonni waraanaafi loltoonni gaarren Adwaarratti raajii hojjetan sadarkaa isaan madaaluun akka yaadataman sadarkaa biyyaalessaatti kabajaan walfakkaatu jiraachuu akka qabu eeraniiru.

Ayyaanni baranaa siidaa miniliik lammaffaa jala abaaboo kaa’uun, riqicha Adwaatti agarsiisa loltummatiin, ittaansuun addababayii Masqalaatti agarsiisa loltummaa gootonni ittiin yaadatamaniin akka kabajamu beeksisaniiru.

Daarektarri quunnamtii ummataa Ministeera Ittisaa Koloneel Geetinnat Adaanaa ayyaanni injifannoo Adwaa kan tokkummaa keenyaa, yaaddoofi qormaatileen keenya kan itti salphatan xiqqaatan, bu’aan injifannoo eegamee dhalootaaf kan itti darbuudha jechuun ibsan.

Kanaaf haalli amma ammaatti ittiin kabajamaa ture karaa walfakkaatuun akka ittifufu aayyaanichi diina Itoophiyaa qolachaa seenaa abaabileesaa kan dhaale gaggeessaa raayyaa ittisaan akka gaggeeffamu murtaa’eera jedhan.

Ayyaanicha karaa walfakkaatuun iddoowwan hundatti kabajuun akka danda’amu qaamoleen biyya keessattis ta’e biyya alaatti qophii qaban kallattii koreen kaa’een akka kabajan waamicha dhiheessaniiru.

Haala Kanaan Guraandhala 23 bara 2015 barii madfii al 21 dhukaasuun jalqabamee dirree Masqalaatti hiriiraafi agarsiisa loltumma dhaloota ammaafi dhaloota dhufu agarsiisuun nixumurama jedhaniiru.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015

Recommended For You