Akka biyyaatti harka qal’eeyyiin miliyoona saddeet fayyadamoo inshuraansii fayyaa ta’aniiru

Adaamaa: Akka biyyaatti harkaqal’eeyyiin miliyoona saddeet fayyadamoo inshuraansii fayyaa ta’uu Ministeerri Fayyaa ibse. Akka Oromiyaatti ammoo miliyoonni 3.8 fayyadamoo akka ta’an Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Ministir De’eetaan Ministeera Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa Konfiransiifi Qorannoo raawwii hojii Inshuraansii Fayyaa Oromiyaa bara 2014 Roobii darbe adeemsifamerratti akka jedhanitti, hojiin ishuraansii fayyaa haala naannolee biyyattii hunda jedhamuun hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa Oromiyaatti turee kan eegaleefi rakkoo nageenyaa keessa turamus waliigala miseensota akka biyyaatti miliyoona 46 keessaa miliyoona 21 (45) horachuun sadarkaa gaarii jira.

Tajaajilli inshuraansii fayyaa miseensota buusii waggaa kanfalan qofaaf kan tajaajilu osoo hintaane karaa harkaqal’eeyyii itti qaqqaban ta’uu eeranii, haala kanaan harkaqal’eeyyiin miliyoona saddeet ta’an bilisaan tajaajila argachuusaanii ibsu. Kanaafis buusii miseensummaa miseensonni kanfalan irratti mootummaan %25 dabaluun akka tajaajilaman taasisaa jiraachuu himu.

Caasaan fayyaa yoo cimate malee dameen hojii kamuu cimachuu akka hindandeenye kan himan Doktar Darajjeen, inshuraansiin fayyaa lammilee biratti eegalame kun labsiidhaan deeggaramee Hagayya bara 2015 irraa eegaluun hojjettoota mootummaa birattis akka ooluufi hojjettoonni miindaasaaniirraa harka sadii, mootummaan harka sadii kanfaluun hojiirra kan oolu ta’uu kaasu.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa gamasaaniin raawwii inshuraansii fayyaa naannichaa kana bara 2014 yommuu dhiheessan akka jedhanitti, raawwiin waliigalaa %84 qaqqabuu eeranii, akka naannichaatti miseensonni miliyoona 21 jiraachuufi kanas miliyoona 25n ga’uuf hojjetamaa jiraachuu himu. Kanaanis qarshiin biliyoona 1.8 sassaabamuufi harkaqal’eeyyiin miliyoona 3.8 tajaajila ittiin argachuu ibsu.

Hojii kana keessattis hojichi bifa walfakkaatuun deemuu dhabuu, godinaalee gidduutti garaagarummaan jiru bal’aa ta’uu, maallaqni haala barbaadamuun sassaabamuu dhabuu, ragaan qulqullina dhabuu, rakkoon nageenyaa akka rakkootti mudachuu himanii, fuuldurattis hanqinaalee kanneen furuun uwwisa inshuraansii fayyaa %100n ga’uun qarshii sassaabamuus biliyoona sadiin ga’uuf kan hojjetamu ta’uu dubbatu.

Sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulaakim Muluu gamasaaniin, qaqqabummaafi haqaqabeessummaan tajaajila fayyaa akka mirkanaa’uuf inshuraansiin fayyaa madda faayinaansii cimaa ta’uu eeranii, kanaanis qonnaan bulaa, horsiisee bulaafi jiraataan sangaafi lafa gurguree wal’aanamuurraa baraaramaa jiraachuu himu.

Kans caalaatti cimsuuf mootummaan xiyyeeffannaa itti kennee hojjetaa jiraachuu eeranii, hanqinaalee kanneen sirna faayinaansii cimsuufi odiitii jabeessuu, garaagaarummaa iddoodhaa iddootti mul’atu hir’isuurrattis xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu ibsu.

Pirezdaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii gamasaaniin, hojii mootummaan badhaadhina maatii mirkaneessuuf hojjetu keessaa seektara fayyaa cimsuun tokko ta’uu himanii, kunis hirmaannaa ummataa malee galma kan ga’u waan hintaaneef inshuraansiin fayyaa murteessaa ta’uu ibsu. Gama kanaanis jalqabarra shakkii qabaachuun hirmaannaan ture laafaa ta’us amma garuu faayidaasaa hubachuun hirmaannaan hawaasaa dabalaa dhufuu dubbatu.

Hawaasa fayyaqabeessaafi omishaa qabaachuuf fayyaarratti hojjechuun murteessaa ta’uu eeranii, hawaasni sababa maallaqa dhabuutiin tajaajila fayyaa akka hindhabneef inshuraansiin fayyaa furmaata isa cimaa ta’uu dubbatu. Oromoon aadaa walgargaarsa qabu kanarratti mul’isuu akka qabuufi inshuraansiin fayyaa wabii fayyaa lammiilee akka ta’uuf hunduu tumsuu akka qabu kaasu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 11 Bara 2015

Recommended For You