Oromoofi barreessitoota seenaa biyya keenyaa

Kutaa 8ffaa

Haata’u malee jalqaba jaarraa 15ffaa keessa imaltoonni Poorchugaal gara biyyattii seenuu waan eegalaniif biyyattii addunyaatti beeksisuu qofa otoo hinta’in jalqaba walitti bu’iinsa haaraafi babal’ina kallattii waraanaaf kan daandii baneedha. Babal’inni waraanaafi falmiin kun immoo biyya qabiyyee Oromootarratti kan godhamaa tureedha. Duulawwan qixxifachiisaafi dhumiinsa yeroo dheeraa booda gareen lamaanuu ummata Oromoo iddoo lamatti qooddachuun waan milkoomaniif injifannoon isaanii garuu eenyuufuu otoo hinta’in walfixiinsa qofa ta’ee hafeera.

Meeshaan waraanaa Awurooppaa erga biyya kana seenee booda gareen Kiristaanaa waan cimaa dhufeef Oromoon akka Aadaasaatti jiraatuufi warra Musliimaa yeroof mo’achuun mirgi namummaafi amantaa isaanii dhiitamaa tureera. Isaan duras warreen Musliimaas gargaarsa Turkiifi Arabootarraa waan argataniif waraana kaasuun ummata Oromoo isaanitti hinmakamne saamuu, booji’uufi gara biyya alaatti geessanii gurguruun seenaa sukkanneessaa irratti raawwachaa akka turan beekama. Bifa kanaan biyyi keenya kun baroota jiddugalaa keessa, kan walabummaan keessa taa’an otoo hintaane, lafa mirgi ummataa itti dhiitamaa tureefi sirnicharraa faayidaa kan argatan malee “mana hidhaa’ ummataa akka turte tilmaamuun nama hinrrakkisuu.

9. Qorannoo Seenaafi hojii guddina Afaan Oromorratti raawwatamaa ture

Qorannoo Seenaafi afaan ummattoota Itoophiyaa keessatti argaman keessaa kan dursee qorannoon isaa eegale Afaan Gi’iiziin akka ture beekamaadha. Kunis amantaan walqabatee wiirtuuwwan amantaa akka Iyyeruusaaleem, Roomaafi Alaksanderiyaa keessatti qofa akka tureefi boodas gara biyyoota lixa Awuroopaatti mul’achaa akka dhufe dubbatama.

Haata’u malee babal’ina Sirna Kaappitaalizimiin walqabatee sochiin biyya haaraafi ummattoota Afrikaa qooddachuu yoo eegalu, imaltoonniifi daldaltoonni Arabaa akkasumas luboonni amantaa babal’isan biyya kana seenuu yeroo eegalan afaan Gi’iizii malee afaanota saboota Itoophiyaa keessatti argaman qorannoon isaanii tokko jedhee akka eegale dubbatama.

Afaanota qorannoon isaanii eegale keessaa tokko afaaniifi seenaa Oromooti. Hayyoota qormaata afaan Oromoo bifa haaraan eegalan keessaa hayyoota Faransaay kan dursu hin jiru. Haaluma kanaan hojii nama dinqisiisu kan hojjate nama ‘Edmen Francois Jomard’, (1839) kan jedhamu barreessaa jalqabaa jaarraa 19ffaa keessa tureefi Oromoota gara Awurooppaatti gurguramanirraa Afaan Oromoo qorachuun mataduree “Notice Surles Oromoo de Limou” jedhuun bara 1839 barruulee maxxanfame ishee duraati.

Waggoota muraasa booda barreessaan biyya Jarmanii ‘Karl Tuscher’ kan jedhamu Oromoo hedduu gara Awurooppaatti gurguramanirraa akka qorate ibsuun, galmee jechoota Afaan Oromoo “The dictionary of Oromo language” jedhu galmee jechootaa barreeffaman keessaa isa duraati.

Kan biraa barreessaan biyya Faransaay W.Newmans’ kan jedhamus Afaan Oromoorratti barruulee “Feviewarticles notes on the Oromo verb and pronunciation: 1847” maxxansaniisee seenaa jalqaba qorannoo Afaan Oromoo keessatti isaan beekamaniidha.

Jechootaafi haala dubbii (seerluga) Afaan Oromoorratti hojii gaarii kan hojjate tokko ‘France Praetorius’ kan jedhaman yoo ta’an, Oromoo “Grammer Zur Grammatika der Oromo sprache” kan jedhu (Berlin 1893) keessa kan maxxansaniidha.

Walakkeessa jaarraa 19ffaafi jalqaba jaarraa 20ffaa keessa gara qorannoo gaggeeffamaniitti yoo deebinu afaan Oromoorratti qofa otoo hinta’in seenaafi amantii Oromoon walqabatee hedduu kan hojjate ‘Antanine d’Abbadie fi obboleessa isaa Antoine Mika’e’ namoota beekamoodha. Barruulee ‘D’Abbaadii’ dura qopheesse isaan duraa keessaa “On the Oromo; Great African Nation” jedhu bara 1890 maxxanfame seenaa Sirna Gadaa kan hammateefi hangam Gadaan sirna dimokraatawaa akka ta’e kan ibsuudha. Hojiin isaa inni duraa kun hayyoota biyya Faransaay, Jarmanii, Xaaliyaaniifi Ingiliizii akka qormaataaf isaan kakaase dubbatama.

Seenaa Sirna Gadaa Oromoo Guduruutti aansee ‘Antonie D’Abbaadiin’ kan hojjate seenaa Oromoo Shanan Gibee (Limmuu Saqqaafi kan mootii Abbaa Bagibooti). Barreeffama teessoo lafaafi ‘Geograph’ Oromiyaa lixaa ilaalchisee ‘A.D’Abbadiin’ kitaaba ‘Geographie de I’Ethiopie: 1890” maxxansiise keessatti qabiyyee lafa Oromoorrattiifi ogummaa ummanni qabu bal’inaan kan ibseedha. ‘A.D’Abbaadiin’ Sirna Gadaa tokkummaa Oromoo eeguu keessatti gahee inni qabu ibsuu bira dabree ummata isaa “Basque” jedhamu kan Faransaay keessatti faca’an tokko gochuuf tooftaa Sirna Gadaafi mala dimookraasii Oromoo akka itti gargaaramuu qabu barsiisaa ture. “Akkuma torban guduruu tokko ta’e” “Ziz piak bat” (seven are one) jechuun ‘Basquetal’ iddoo torba jiraatan tokko gochuuf yaada qabu ibseera.

Galma yaadannoo ‘Antoine d’Abbadii’ bara 1860-1870itti Faransaay keessatti ijaaramee miidhagina Aadaa Oromoo kan gonfateefi kora Caffee Oromoo kan mul’isuudha. Muuziyeemiin kun ammas akka biyya Faransaay keessa jiru beekamaadha. Kunis jaalala barreessaafi qorataan Saayinsii hawwaasaa kun jaalala ummata Oromootiif qabu kan mul’isuudha.

Qorannoofi imaltuu biraan nama Xaaliyaanii ‘Antonio Cecei’ kan jedhamu kitaaba isaa jildii 3ffaa bara 1881 barreesse keessatti “Grammer and vocabulary of Oromo” yeroo baay’ee irradeddeebi’uun kan maxxanfameedha. Kan biraan “Grammaticae dizionario della lingua Oromoninya’ (millano 1892), keessa nama barreesseedha. Baroota kana hayyootaafi imaltoonni Xaaliyaanii baay’inaan kan Afaan Oromoorratti hojjatan yoo ta’u, isaan keessaas kan akka, ‘Luigi Robecehi, Bricche E.’ mata dureewwan ‘Vocabularies and grammatical details of Somali, Oromo and Harari’ kan jedhuufi afaanota shaniin kan hiikame ture. Dabalataanis “Bollettion della societa Geograpafia Italiane 1890 volume III, Vocabulary della lingua Oromo 1881-1892’ irratti guddina Afaan Oromoorratti hojjetamaa kan tureedha.

Imaltoota Jarmaniif qorataan ‘Phillip Paaltishke’ jedhamu immoo afaanota Hararii, Oromoofi Somaalee iddoo tokkotti walitti fiduuf kan qorate yoo ta’u, maddoota afaan kana (ethnological) isaanirratti kan xiyyeeffate ture. Kitaabni kun ‘Und Anthropologia der Oromo and Harari (Leipzinj 1888)’ keessa kan ifa ta’eedha.

Kana booda dhalataa Itoophiyaa (Oromoo) kan ta’eefi lammumma Siwiidiin kan fudhate Hiikaan (Onosmous Nesib) Afaan Oromoorratti “An Oromo Primer, The Oromo Spelling book (mankull, 1894) barreessuun qorannoo gaggeeffamaa tureen seenaa keessatti iddoo guddaa kan qabuudha. Hojii Abbaa Gammachiis kana keessatti gargaaraan isaa ‘Asteer Gannoo’ gahee guddaa akka qabdu beekama. Kanas fuula itti fufu keessatti bal’inaan ta’uu baatuus hubachiisuuf yaalla.

Afaanota Itoophiyaa keessatti mul’atan kamiyyuu dura seerluga barreeffamaan Awurooppaa keessatti kan maxanfame Galmee jechoota Afaan Oromoo “Jalqaba Barsiisaa” jechuun luba Onosmoos Nasiibiifi Asteer Gannoon waliin ta’uun hojjatan akka ture beekama. Kunis bara (1886) kan Afaan Oromoon maxxanfameedha.

Hayyoonni lamaan kun maatii isaaniirraa yeroo adda addaa fudhatamanii yeroo baay’ee irra deddeebi’amee namoota bay’eetti erga gurguramanii booda gara buufata doonii matsawwaatti Qonsiilaa Faransaayii kan ta’e ‘Warner Muzengerti’ yeroo dhumaaf gurguramanii akka walaba ta’aniifi barumsaaf gara (Siwiidiinitti bara 1862) Ergamuun boodas amantaa Kiristinnaa fudhachuun akka Cuuphaman dubbatama.

Namni Onosmoos jiraatti walaba baase kun boodas dubartii Asteer Gannoo jedhamtus akka walaba taatu bituun iddoo Onosmoos ergametti deemtee barumsa ishee akka itti fuftu godhe. Jarreen lamaan achitti walgargaaruun kitaaba jalqaba Barsiisaafi afoola Oromoo jedhu akka waliin barreessan dubbatama. Hojii afoola Oromoo Abbaan Gamachiis barreessan keessatti miiltoon isaanii Asteer Gannoo bu’aa guddaa akka qabdu kan hubatamu yoo ta’u, bilchinni isheen Aadaa Oromoo keessatti qabdu qooda guddaa akka qabachaa ture kan nama dinqisiisuudha.

Kana malees Onosmoos Nasiib kitaaba “Oromo Spelling Book” jedhamu akka galmee jechootaatti kan qopheessan yoo ta’u, kunis kitaaba afoola biyya kanaa isa duraa ta’uu akka danda’utu tilmaamama. Abbaa Gammachiis nama kitaaba qulqulluu gara Afaan Oromootti hiikeedha. Jalqabbiin Afaan Oromoo sadarkaa barreeffamaatti guddachuun kun garuu bifa eegalameen itti fufuu hindandeenye.

Barreessitootaafi namoota guddina afaaniifi seenaa Oromorratti baroota jalqaba jaarraa 20ffaa keessa hojjatan keessaa inni duraa ‘Conti Rossinini’ nama jedhamuudha. Namni kun akkuma namoota isaan duraa qorannoo Afaaniifi seenaa Oromoofi ummattoota Itoophiyaa hedduu erga qoratee booda bara weerara Xaaliyaanii biyya kana keesssatti iddoo olaanaafi nama siyaasaa kan tureedha. Hojii isaa keessaa tokko “The Falk literature of the [Oromo] of Southern Ethiopia. (Cambridge, mass…1922) yoo ta’u, barreessaan Xaaliyaanii kan biraa ‘Mario-Moreno’ kan jedhamu Afaaniifi durdurii qoosaafi afoola Oromoorratti kan waan dansa hojjateedha. (Roma 1935) “An Oromo Grammatica teoretica-Practica della lingua [Oromo] (milaano 1939) kan jedhamu barreessee.

Hojii hayyootaa kana booda faayidaa qabeessummaan Afaan Oromoo erga hubatamee booda qorattoonniifi hayyoonni Biritaniyaa (Ingliizii) waltajiitti dhufuu jalqaban. Isaan kana keessaa tokko ‘Edwen.C.foot’ kan jedhamuufi saayinsii lafaa (geography) kan hordofu galmee jechootaa hedduu kan maxxansiiseedha. Kana keessaa tokko Oromo-English English- Oromoo dictionary (Cambridge 1913) keessa kan maxxanfameedha.

Lubni Faransaay beekamaan bara 1922 ‘Andre. Jarosseos’ galmee jechootaafi seerluga Afaan Oromoo “Nations Grammaticales Sur la Lamgue Oromo Dirre Dawa 1922) kan maxxansiisan yoo ta’u, ammas qorataan Biritaaniyaa kan akka ‘Arnold Weinholt, Hadson fi Croven Howell Wolker’ iddoo tokkotti “Elementary and practical Grammar of Oromo language (London 1922) kan barreessaniifi jara kanatti aansuun immoo hayyuun Faransaay galmee jechoota “Oromo and Amharic, vocabulary, Franchi Oromo, Abyssinia (Dirre Dawa 1925) kan maxxanfaman isaan guddaadha.

Baroota Xaaliyaaniin Itoophiyaafi Sumaalee akkasumas Eritiraa dhuunfatte keessa yeroo kamiyyuu caalaa afaanota kaaba baha Afrikaarratti kitaabni heddu kan barreeffameedha; namoonni kunis kan akka “Pietro Gerardo Jansen’s fi Andre jarousseaws’ kkf. yoo ta’an, galmee jechoota Oromoo, afaan Oromoofi seerlugarratti kan hojjatan yoo ta’u, kunis (Harar 1939) kan dubbistoota hedduu harka ga’eedha. Isaan kana malees ‘Father Marino fi Father Cidiani Father Irenio d’Arenzane’ seerluga afaan Oromoorratti kan barreessan yoo ta’u, maxxansi isaanii kunis bara (1940) keessatti kan raawwate ture.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 26 Bara 2015

Recommended For You