Oromoofi barreessitoota seenaa biyya keenyaa

Kutaa 7ffaa

Bara duula guddaa Ahimad Giraany sana Ajajaan waraana Dawwaaroo gara mootichaa ture Faanu’eel Tulluu mo’amee erga achii ka’ee booda namni Dawwaaroo bulchaa ture Oromticha Daaglaa jedhamuufi namtichi kunis booda ajajaa waraanaa olaanaa mootichaa kan ta’eedha. Haata’u malee waraana cimaa gaggeeffameen Daaglaan booji’amuun isaa kan ifa ta’eedha. Hogganaan kun haati warraasaas obboleettii Faanu’eel Tulluu akka turte beekama.

Kana malees Oromoon Naannawa Tuulamaa (Shawaa) turan mooticharratti mormii kaasuu yoo eegalan, Abbaa Gadaasaanii mootichi waan ajjeesaniif mormii kaasuun waan waraana Giraany Mohammad deeggaraniif mootichi isaanirratti duule. Duula kanarratti Abbaa Gadaa Kootuufi Abbaa Gadaa Guchii ajjeesuun akkuma dhaadate reeffasaanii allaattii nyaachise. Kunis Oromoofi mooticha jidduutti rakkoo guddaa waan uumeef yeroo sanaa jalqabee mootichi (Libna Dingil) Oromoo Tuulamaafi Maccaarraa gargaarsa dhabe. Oromoo Ammayyaafi Tuulamaa kan xiyyaa waraanaa summii qabaniifi fardaan lolan isaaf ajajamuu dide.

Kana booda humna waraana Oromoo dhabuun mootichi garmalee mo’amee, gara kaabaatti baqate. Haata’u malee; hoggantoota Oromoo gara Itoophiyaa kaabaa jiran kan akka Jaarraa Tulluu, baharraa Nagaash Yisihaaq Dooriifi Fayyisaa Dabalaarraa gargaarsa (deeggarsa) waraanaa mootichaaf akka gochaa turan seenaan ni mirkaneessa. Waraanni gara kaabaa mooticha gargaaraa ture “Bale Gadaa Xoor” ykn Waraana Gadaa kan jedhamu yoo ta’u, isaaniis naannawa Indartaa akka turan seenaa keessatti yeroo baay’ee ibsamaa ture.

Mootii Libna Dingilis garmalee mo’amee otoo asii achi baqatuu dhumarratti bara 1533 du’e. Erga mootichi du’ee booda Ahmad Giraany wiirtuu ykn Teessoosaa Gondor keessa iddoo Wayinaa Dagaa jedhamu gochuun hanga biyya Siinaar (Nuubiyaa) ga’utti waggoota 15f mo’aa akka ture dubbatama. Kana booda waraanni Poorchugaalotaa qaqqabee hanga Giraany Mahammad ykn Ahmad Giraany du’utti qabsoo hadhaawaan taasifamaa turuutu dubbatama. Libna Dingiliin booda ilmisaa Galaawudiyoos umuriisaa guutuu Poorchugaalota wajjin ta’uun Oromoofi Sulxaanota Islaamaa iddoowwan adda addaa wajjin otoo falmuu akka duularratti du’e beekama.

Yeroo kana Oromoo Sirna Gadaatiin bulaa turetti immoo tooftaa waraanaasaa haaromsuun cimsee waraana Gadaa Michilleen injifannoo bara 1522 argateen kallattiin waraana biyya kana keessatti godhamu jijjiire.

Haaluma kanaan bara 1943 booda humnoonni lamaanuu Oromoon mo’amanii yoo addaan bahan Oromoon Gadaan socho’u biyya ofii dhuunfatanii Gadaasaa cimsuun of ijaaruu qabe. Waraana waggoota dheeraa kana booda irrajireessi Oromoo lafa ofiitti dacha’uun utuma tasgabbiin jiraatanii mootummoonni haaraan Gondoritti Galawdiyoos booda ijaaramuun of cimsanii duula walirraa hincinne Oromoorratti eegalan.

Haaluma kanaan mootichi Sartsa Dingil immoo Oromoo Gondoriifi naannawasaa turan walakkaa ofitti qabuun duula guddaa Oromoo kallattii biraarratti gaggeessaa ture. Kana keessa duula guddaa Bahira Nagaash Doriirratti godhame eeramuu danda’a. Waraanni kun Oromoo kaaba jiraniifi Oromoo jiddugala biyyaa jiran Jiilleefi Raayyaa ykn Arigiigoo walitti buusuun kan walficcisiisaa turan ta’uutu dabbatama. Walitti bu’iinsi yeroo mootummaa Sarsa Dingil kunis mormii guddaa kaasuun biyya kana jeeqaa akka ture dubbatama.

Sartsa Dinglitti aansee kan mootii ta’e mooticha Suusiniyoos yoo ta’u, innis haatisaa Oromoo Liiban kan taateefi (Gondor) keessatti dhalatteedha. Boodas firootasaa kan gara haadhatti makamuun mootummaa Gondor ykn kan isa morman gargaarsa waraana Oromootiin mo’atani aangoo mootummaa kan gonfateedha ykn gargaarsa Oromoon taasiseefiin aangoo qabachuu danda’e.

Yeroo kana Oromoo akka Azaachi Xinnoo / Takla Silaasee/ ykn Fayyisaa maqaa hayyuu olaanaa /Marii Raas/ jedhee moggaaseefi duree Amantii Kaatoliiki akka isa taasise dubbatama. Azaachi Xinnoo /Fayyisaan/ yeroo duraafi nama seenaa Oromoo bifa dhugaa ta’een barreesseefi keessattuu sabni Oromoo akka amantii Waaqeffannaa qabu yeroo duraaf kan ibseedha.

Kana malees akkuma warri Kiristaanaa gara Iyyarusaalem deemaniifi warri Islaamaas gara Makka deemuu, Oromoonnis gara Madda Walaabuu Muudaaf akka Qaalluutti /Abbaa Muudaatti/ deeman ibsuufi nama yaaleedha.

Ragaaleen armaan olitti eeraman baroota aadaan, afaaniifi seenaan Oromoo Itoophiyaa kaabaatti cimaa turuu kan ibsu qofa otoo hinta’iin, yeroo Oromoon ittigaafatummaa guddaa mootummaa biyya kanaa keessatti qabaachaa ture kan ibsuudha. Kanaaf ragaan armaan olitti eerame kun sabni Oromoo godaantummaan gara Itoophiyaa jaarraa 16ffaa keessa bara 1522 seene warra jedhaniif seenaansaanii ragaa dhugaa kan hinqabne, ololaafi soba ta’uu kan ibsuudha.

Jaarraa 17ffaa kaasee mootummaan Gondor Oromoo Yajjuutiin waan dhunfatameef carraan bulchiinsa biyya kanaa isaan harkatti akka kufe kan beekamuudha. Yeroo kanaa qabee seenaa biyya kanaa keessatti siyaasni Oromoon biyyattii keessatti qabu bifa ifa ta’een ta’uu baatus akka haaromfame beekama. Ijaarsi tokkummaa biyya kanaas tokko jedhee kan eegale yeroo Oromoon siyaasa Gondoritti makameefi aangoo olaanaa biyya kana qabate akka ture dubbatama.

II. Seenaa bal’inaafi guddina Afaan Oromoo

Afaan Oromoo afaanota Afrikaa kaaba bahaa keessatti dubbataman keessaa kamuu “Caala bal’inaan kan dubbatamuufi afaan saba durii kan ta’eedha. Afaan kun afaanota Afrikaa keessa, afaan Seemota kan ta’e Afaan Arabootaafi Afrikaa keessaa Siwaahiliin yoo isaan morkate malee bal’inaan dubbatamuun kan isaan walqixxee ta’e hinturre.

Afaan Amaaraa, yeroo booda guddatee wiirtuuwwan daldalaafi siyaasaa naannichaa tokko tokkotti kan faca’e ta’uusaa malee ammayyuu irri jireessi ummata biyya kanaafi ollaa Oromoo ta’an Afaan Oromoo akka afaan walqunnamtiitti daldalaafi siyaasaatti kan fudhachaa turaniidha jedhu. /Mortiin De’Salviac 1901:378/ (Gadaa Melbaa 1984).

Afaan Amaaraa /Seemota/ Afaan Oromoo keessaa jechoota heddu ofitti moggaasuun ittifayyadamu yoo ta’u, qabeentaan Afaan Amaaraa %20-30 Afaan Oromoo akka ta’e, qorattoonniifi hayyoonni ximmadda hawwaasa /social anthropology/ ni ibsu. (Gadaa Melba 1984).

Akka fakkeenyaatti yoo fudhanne jechoota Oromoo ta’anii gara Afaan Amaaraatti kan dhuunfatamanii /jagnaa, Godaanaa, Fuuloo, Ashaboo, Mucaa, Gaammee, Addababa’ii, Dubartii, Arbanyaa, Cooma, Collee … kkf/ ibsuun ni danda’ama. Gama weedduufi afoola durdurii heddu eeruun yoo danda’amu weedduuwwan akka “Korma Gaafa Lolaa, Kuullee magaalleewwaa, magaalloo magaalloo” Neeyi Birraa! soraa soraa”fi kkf ibsuun ni danda’ama.

Gama guddina Afaan kanaa ilaalchisee rakkoon aadaafi siyaasa amantiiwwan addunyaa lamaaniin /kiristinnaafi musliimaan/ walqabateen waanti baay’ee jedhamu jiraatullee, inni duraa garuu Afaan Oromoo qubee ykn harfii ofii waan qabaachaa hinturreef carraan guddinaa qabaachuu danda’u hafuusaatiin akka hacuucamu ta’eera.

Kanaaf carraa seenaafi afaansaa guddisuurratti hubaatii guddaan uumamuu danda’eera. Kana malees afaan kun afaan namoota baratanii ta’uu dhiisuun rakkoo guddinasaarratti uumeefi danqaa kan tureedha. Haa ta’u malee seenaa barreeffamaafi guddina afoola afaanota Itoophiyaa keessatti carraa barreeffamaan /barreeffama ammayyaa/ mul’achuun Afaan Oromoo seenaa bara dheeraa qaba.

Kanaan walqabatee Seenaafi maqaan Oromoo jedhu kun barreessitoota warra Awurooppaa biratti dursee beekamuu eegale nama ‘Fra Mauro’ jedhamuun yoo ta’u, namni kunis Moloksoota Itoophiyaarraa gara Itaaliyaa /Floorance/ walgayiif /konfiransii/ amantaaf deemanirraa akka ta’e eeree ture.

Kunis bara 1441 keessa yoo ta’u barreessaan kunis Oromootaafi daangaasaanii akka lagaafi Tulluu akkasumaas bosona [Oromoo] ture kan ibsu yoo ta’u, walitti bu’iinsa Oromoofi saboota gara kaaba ykn isaan jidduu ture kan ifa godhuudha (zurla, 1806;136) akka barreessitoota (zurla 1806, Krapf, 1840) jedhanitti maqaan Oromoo jedhu laga ykn malkaa Galaan jedhurraa kan madde akka ture himuuf yaalu. Haa ta’u malee malkaan kun eessatti akka argamu ibsuufi yaaliin isaan godhan daran yaraadha.

Seenaa Oromootiin walqabatee kan jiru barreeffama mana sagadaa Kiristaanaafi seenaa moototaa yoo ta’u, innis walitti dhufeenyaafi waldiddaa saba Oromoofi mootota kana jidduutti ture kan ifa godhu akka ture kan mul’isuudha. Barreeffamoonni kun baay’een isaa manoota amantaa keessatti kan itti cufameefi kan ifa hin taane ta’uusaa malee afaan Gi’iiziitiin barreeffamuunsaa dubbisuurratti rakkoo uumaa kan tureedha.

Akkuma beekamu seenaa Oromoo qofa otoo hinta’iin kan Itoophiyaa mara waggoota hedduuf walitti bu’iinsa amantii Kiristaanaafi Islaamaarraa kan ka’e yeroo waggoota dheeraaf akka dhokataa ture ni beekama. Kunis biyyattiin akka addunyaa hirraafattuufi isheeniis hirraanfatamtu taatee turte dubbatama. Isaan dura garuu walitti dhufeenyi siyaasaafi daldalaa gariin akka ture beekama.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 19 Bara 2015

Recommended For You