Oromoofi barreessitoota seenaa biyya keenyaa

Kutaa 6ffaa

6. Moototaafi anga’oota Oromoo bara jiddugalaa

Yeroo baay’ee seenaan mootota Itoophiyaa yoo ka’u, kutaalee kaaba Itoophiyaa keessaa ka’uun namoota biyya bulchaa turan qofarratti akka xiyyeeffatamaa ture ni beekama. Kunis mootota amantaa Kiristaanaa keessaa ba’aniifi sanyii dhaloota isaaniis afoola mooticha Solomoon isa Yihudotarraa dhalachuun sanyii isaanii dhahatan ykn hedanii wajjin qofa wal-qabsiisu. Haata’u malee akka bal’ina biyyattii kanaatti moototni Islaamaa wiirtuu ofii qaban Ifaatiifi Sulxaannonni hedduu akka jiran seenaan ifa godha.

Mootonni kunis Ifaat, Dawwaroo, Sherkaa, Harar, Darraa, Awusaafi Haragaay akka turan seenaa keessatti himamaa ture. Hubannoo kana erga argannee yeroo biraa hanga itti deebinutti kana asirratti dhiisnee, kanatti aansuun mootota Itoophiyaa bebbeekamoofi namoota seenaa keessatti cimaa ta’aniifi anga’oota keessaa dhaloota isaaniin Oromoofi Oromootti maxxanuun kan aangoo biyya kanaa qabataniifi hanga dhuma jaarraa 17ffaa keessatti mootummaa Kiristinnaa wajjin tokko ta’uun hojjatan tokko tokko fudhannee haa ilaalluu.

Inni duraa Mootii Yikunuu Amlaak yoo ta’an, mootichi kun akkuma ifa ta’e, Haatisaa Intala Azaachi Caalaa kan taate Giiftii Hawwii Caalaati. Innis aangoo kan qabate bara 1270 keessa yoo ta’u, aangoo mootummaa kan qabachuu danda’e Oromoota Booranaa (Walloo) Salaalee, Mogor Meettaa; Ada’aa; torban Walloofi maatii isaa wajjin waraana Oromoon ummata Sudaan kaabaa dhufan gargaaramuun akka ture dubbatama.

Akaakayyuu, isaa Azaachi Caalaan nama beekamaafi Abbaa waraanaa ta’uun isaas akka isa gargaare shakkii kan hinqabne yoo ta’u, Yikunnu Amlaak gara haadhaan akka Oromoo Booranaa (Walloo) tureefi mootummaa dhuunfachuu akka danda’e dubbatama. Kana malees gargaarsa Luba beekamaa yeroo sanaa (Abbaa Takleen) muudamee gara aangootti akka dhufeefi gargaarsa Abbaa Takleen isaaf godhanis lafaafi qabeenya biyyattii keessaa siisoo (1/3) akka mana sagadaaf (Church) kennamu waadaa galuun ture.

Kunis hanga bara 1966tti seera biyya kanaa keessatti hojiirra ooluun manni sagadaa Ortodoksii qabeenya guddaa mootota biyyattii wajjin qoodachaa turte. Gama biraan seenaa kanaan dura jaarraa 10ffaa keessa ture babal’ina amantichaa mormuun Oromoonni tokko tokko Abba Libaanosiif; nama Horaa jedhamuun kan walqabatuudha. Abbaa Libaanos kan jedhamu Molokseen Kiristaana baroota 890 keessa Gara lafa Amma Dabra Libaanos jedhamu dhufee yoo amantaa barsiisaafi babal’isaa turan, Abbaa biyyaa kan ture Horaan akka barattoota isaa Ajeeseefi isaanis achii ari’e ykn kaase seenaa isaanii keessatti ifa ta’ee ture. Maqaan Horaa jedhu kunis Oromoonni akka naannoo sana turan ifa kan godhuufi beekamuudha. Haa ta’u malee walitti bu’iinsi kun maaliif akka ta’e ifaa miti.

Seenaa Abbaa Taklaayimaanootiifi ummata Oromoo

Molokseen kun otoo hindhalatin dura duula mootii Lammiin inni Daamoot bulchaa ture raawwateen kan walqabate yoo ta’u, haati isaa mootiin booji’amtee akka namni kun ishee fuudhe seenaa dhaloota Abbaa Taklee keessatti kan beekamuudha. Booda gara biyyaatti deebitee Abbaa Taklee akka deesse kan dubbatamu yoo ta’u, Abbaa Takleen kan dhalatan bara 1198 akka ta’eefi kan du’an immoo bara 1297dha. Namni kun utuu hindhalatin dura mootiin Lammii jedhamu naannoo Daamoot (Gojjam, Shawaa Kaabaa Walloofi Shawaa Lixaa, Wallagga Bahaa, walitti qabuun) akka mootiitti bulchaa ture.

Kunis ragaa ummanni Oromoon durumaa kaasee biyya kana keessatti jiraataa ta’uu isaa malee iddoo baay’eetti qoodamee mootummaa Sirna Gadaatiin of bulchaa akka ture mul’isa. Daamoot iddoo bay’eetti Daa’imat jechuun seenaa keessatti beekama. Kana malees kuun Sirna Gadaafi sadarkaa siyaasaa olaanaarra gahee, kuun immoo mootummaan bulaa akka ture kan mul’isuudha. Kanaan walqabatee Abbaa Takleen guddatee luba olaanaa yoo ta’u, gara mootii Lammii deemuun mootichaafi ummanni isaa amanticha akka fudhataniif barsiisanii cuuphaa akka turan dubbatama.

Mootii biraan seenaa Oromootiin walqabatee ture Amda Tsiyoon yoo jedhamu, mootichi kun kan aangoorra turan bara 1314-44tti yoo ta’u, dhalootaan naannoo Walloo kibbaa ta’ee akaakayyuu mootii Yikunnu Amlaak nama tureedha. Namni kun akkuma akaakayyuu isaa haati warraa isaa intala Oromoo kan taateefi maqaan ishee Jaan Mogosaa “Daadhii” nama jedhamtuudha. Amda Tsiyoon nama Muslimotaafi Oromoota naannoo Walloo, Dawwaaroo, Raayyaafi Ifaatiirratti duula guddaa gaggeeessee dhumiinsaafi saamicha guddaa irratti raawwateedha. Mootiin kun yeroosaatti nama kitaabota hedduu barreessiseefi raabsaa ture.

Mooticha Amda Tsiyoon booda kan ka’an immoo Mootii beekamaan Zara Yaaqoob 1434-1468 keessa kan jiraate yoo ta’u, innis nageenya ummata bulchaafi Saboota biraa wajjiin bulchuufi firoomina Oromoo wajjin uumuuf jecha intala Oromoo kan taate, kan warra Garaad Mohammad Maknoon nama jedhamtu Zaan Zeelay jedhee moggaasuun fuudhe. Kunis gaa’ela siyaasaa akka ture kan ifa godhuudha. Maqaan mootummaa ishee Zan Zeelaa jedhamu hanga lafa, ykn biyya Zeelaa ga’utti akka bulchan hawwii qaban ibsuuf fakkaata. Waanti biraan mootichi kun ittiin yadatamu tokkoffaan fuulaafi qaama namootaarratti masqalii akka taatoo itti hojjachiisuufi humnaan akka kiristaana ta’an gochuu yoo ta’u, lammaffaan immoo kitaaba hedduu akka barreessaa turan dubbatama.

Mootichi ittaansuun (1468-1478)tti ture immoo mootii Ba’iida Maariyaam kan jedhamuudha. Walitti dhufeenyi mootiin kun seenaa Oromoo waliin qabu iddoo guddaa kan qabu yoo ta’u, haati isaa Oromoo yoo taatu, haati warraa isaas Intala Garaad Mohammad Bantii: Illeenii Mogosaa kan jedhamtuudha. Mootichi kun nama baroota 1470 keessa biyya Itoophiyaa xinnittii ykn Abisiiniyaa (mo’aa) turaniidha. Mootiin kunis gar tokkoon Oromoo akka ta’eefi saba Oromoo wajjin jiraachuuf hariiroo gaarii akka qabu mul’isa. Haata’u malee rakkoo abbaan mootichaa duraan uumaniin yeroo tasgabbiin itti hin mul’anneedha.

Ittaansuudhaan kan Oromoorraa dhalate mootichi bara jiddugalaa ilmi Ba’iida Maariyaam Naa’ood yoo ta’u, innis kan fuudhe intala Tulluu Baddeessaa Illeenii 2ffaa yoo taatu, maqaan ishee kan Oromoo yeroof hinbeekamne barrisaa 1490 keessa akka ture beekama. Dubartoonni kun iddoon dhaloota isaanii naannoo Kibba Walloo qabee hanga lafa Malkaa Hawwaas ga’uu keessa (Dawaaroo) keessa akka ta’e himama.

Mootiin Naa’ood erga du’ee booda Ilmisaa Libna Dingil bara 1500 aangoo qabate innis akkuma abbaasaa intala Oromoo Lelee Jaarraa nama jedhamtu fuudhee isheenis mooticha kanaaf ilma Fiiqii Xoor jedhamu deesse. Abbaan ishee Jaarraan nama beekamaafi masaraa moototaa keessatti ajajaa waraanaa olaanaa kan tureedha. Yeroodhuma kana mootiin Libina Dingil Warra Awurooppaa (Poorchugaalotaa wajjin akka michooman waan dhaga’ameef walmorkiin deeggartoota garee Islaamaafi Kiristaanaa jidduu ture masaraa mootichaa keessatti jabaachaa dufe.

Kanarraa ka’uun jarreen gartuu Islaamaa gargaarsi biyya Turkiifi Arabaa waan dursee qaqqabeef humni waraana Musliimaa jabaachuun sochii guddaan eegalame; yeroo waraanaa kana mootichis Oromoota duraan isa deeggaraniin waan walitti bu’eef maatiin isaa walakkaa waraanaan booji’amee ofii isaatiif baqate. Kana booda waraana musliimotaan mo’amee gara kaabaatti Bahara Nagaash Dooriitti baqachuun gale.

Yeroo kana soddaan mootichaa Bahira Nagaash Doorii Tulluun Abbaa biyyaattii akka mootii naannoo Argiigoo bulchaa nama ture ta’uutu beekama. Biyyi kun Tigraay kaabaa dabalatee hanga Galaana Diimaa ga’uutti kan hammate yoo ta’u, Bahira Nagaash Doorii akka naannoo kana bulchaa turan seenaa bara 1470-1530 keessatti ni beekama. Bahira Nagaash Dooriin essumni nama kanaas Tulluu Baddeessaa ajajaa waraanaa gara bahaa (Dawaaroo) akka ture himama.

Gama biraan Abbaan duulaa Faanu’eel Tulluu namni jedhamu Oromoo yeroo san gara mootichaa ta’anii waraanni musliimotaa akka gara kaabaatti hin fullaane naannoo (Dawwaroo ykn Ituu) ta’uun kan ittisaa ture akka ta’e seenaa keessatti ni beekama; yeroodhuma kana waraana Sulxaanotaa keessa cimaafi dursaa kan ture Ahimad Giraanyi, abbootii waraanaa Kiristaanotaafi mootii Libna Dingil moo’achuun biyya dur Itoophiyaa jedhamtuufi kan ammaa tanas dabalatee walitti qabuun bulchuuf kan ka’e ta’uu ibsee duula cimaa gaggeessuu eegale.

Giraany Harargee keessa darbee kaabaan hanga Suudaan kaabaa ykn Nuubiyaafi bahaa, kibbaan Somaaliyaa walitti qabee waggoota 15f kan moo’aa ture ta’uu isaa malee namni kun waggoota dheeraa dura saboota hedduu dur kaabaafi baha Afrikaa kan ummata tokko ture walitti fiduun siyaasaa tokko jalatti akka bulan nama godheedha.

Kanaaf Somaalonnis ta’e Itoophiyaanonni hedduu akka mootii isaaniitti akka ilaalaa turan dubbatama (saba Kiristanaa malee). Ahimad Giraanyi nama Oromoo ta’eedha jedhu. Haati warraa isaa Oromtittii Baatii Dili Wambaraa akka jedhamtu beekama. Kana malees humnoota Oromoos akka raayyaa waraanaatti itti gargaaramaa akka ture himama. Kunis Sulxaanichi mataan isaa Oromoodhaan walitti dhufeenya guddaa akka qabu kan ibsu yoo ta’u, kana malees raayyaan waraanaa isaa Oromoota akka turan.

Ittifufa

Ahimad Giraany Harargee keessa darbee kaabaan hanga Suudaan kaabaa ykn Nuubiyaafi bahaa, kibbaan Somaaliyaa walitti qabee waggoota 15f kan moo’aa ture ta’uu isaa malee namni kun waggoota dheeraa dura saboota hedduu dur kaabaafi baha Afrikaa kan ummata tokko ture walitti fiduun siyaasaa tokko jalatti akka bulan nama godheedha

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 12 Bara 2015

Recommended For You