Oromoofi barreessitoota seenaa biyya keenyaa

Kutaa 5ffaa

Duulli guddaan Peershiyaa, Giriikootaafi Faarsii jidduutti gageeffame, humna namaafi Arboota (Elephant) waraanaaf ta’an barbaacha gara Itoophiyaafi Hinditti akka socho’aniifi ummattoota kaaba baha Afrikaas akka loltuutti itti fayyadamuuf gabroomsaafi akka jeeqaa turan seenaan nidubbatama. Kana malees yeroo duulli Maqedooniyaafi Faarsi (Baabiloon) wajjin godhamaa ture Saboonni naannoo Mediteraaniyaanii jiran heddu biyyarraa buqqa’anii akka gara Itoophiyaa seenaniifi mootichi Aksuum Afalaasiis simannaa gaarii isaaniif akka godhe himama.

Kunis gurri mootichaafi haalli qubattoota itti simate hanga biyya jiddugala bahaatti beekumsa akka argatu isa godhe. Sochiin kunis Aadaa ummata naannichaarratti keessattuu Kuushootarratti dhiibbaa guddaa akka gochaa tureefi wiirtuuwwan daldalaasaanii diigamuu qofa otoo hinta’in, irraa buqqa’uun wiirtuun haaraan gara kibbaatti akka hundaa’u gochaa ture. Dhaloota Kiristoos booda baroota 400 – 900 A.D. itti yoo dhufnu immoo yeroo seenaa guddinaafi kuufaatii mootummaa Aksuum kan itti mul’ate ture.

Kana booda mootummaan Laastaa (Agawoota) waan hundeeffameef Aadaan saboota Kuush kan dhorkame dagaaguu kan itti eegaleedha jedhu. Yeroo kana Oromoonnis qaama mootummaa isa kan Daamotaa (Oromoo)fi Agawootaa ta’uun nageenyaan akka wajjin jiraachaa ture dubbatama. (Tirming ham 1954 M.Ras.Belay 1984 Alamaayyoo Hayilee 2007). Daamoot kan jedhamu kana barreessitoonni hedduu “Daa’imat” jechuun barreessu. Haata’u malee Daamoot jecha Oromoofi Maqaa Gosa Oromoo Gojjamiifi Wallaggas akkasumas Shawaa Kaabaafi Lixaa keessa jiraataniidha.

  1. Saba Oromoofi babal’ina amantaa baha jiddugalaa

Oromoon ummata Waaqa tokkotti amanuudha. Jechi Waaqa jedhu kan Oromoo dabalatee kan ummattoota Kuush kaaniiti. Amantaawwan yeroo booda ka’an kan akka Yiihuudaafi Kiristinnaa akkasumas Islaamni amantii Kuushotaa kanatti maxxanuun akka hundeeffame seenaan nihimama. Ka’umsi isaaniis kanuma mul’isa. Amantaan yeroo booda ka’an kun kitaabaan waan hordofamaniif irra cimaa dhufan.

Dhaloota Kiristoos booda bifa adda ta’een sochiifi walitti bu’iinsi ummataafi buqqa’iinsi naannoo Galaana Mediteraaniyaanii irraa waan jabaachaa dhufeef, namoota duraan baha jiddu galaarraa gara kaaba bahaa Afrikaatti seenan malee ammas gara biyyoota naannoo Mediteraaniiyaanirraayis gara Itoophiyaatti seenuu eegalan. Namoonni kunniinis biyyoota yeroo ammaa, Turki, Xaaliyaanii, Sooriyaa, Misira, Giriiki, Qophiroos, Palistiniyaa Arabiyaa, Yemeeniifi Isiraa’eelirra yoo ta’an, dhimmi sochiifi buqqa’iinsi kanaas hubannoofi barumsa amantaa Kiristaanaafi Islamaa jidduutti garee uumamerraa kan ka’eedha.

Hayyoonni amanticha sababeeffachuun buqqa’aniifi isaan duukaa gara Marawwee, Itoophiyaa, Puunt, Daahilaak, Misiraa wkf. dhufan kun yeroodhaa gara yerootti bay’achaa deemuun aadaafi amantaan naannichaa akka jijjiramu taasisan. Kunis naannoo kanatti jijjiirama guddaa akka taphachaa turan ifa godha. Kana keessaa seenaa mana sagadaa Kiristaana Itoophiyaa keessatti namoota saglan qulqulluuwwan kan jedhaman fudhachuu ni dandeenya. Isaaniis:

  1. Abbaa Zamiikaalee (Abuna Areegaawii) Romirraa.
  2. Phenxeleewoos
  3. Yisichaa Ñ_T (Roomirraa)
  4. Abbaa Liiqaanoos (Qosxinxiiniyaa)
  5. Abbaa Yimta (Qeesariyaa Ixaaliyaa)
  6. Abbaa Ihimiyaa (Atsookkiyaa Ixaaliyaa)
  7. Abbaa Kaliiqiyaa (Giriiki)
  8. Ofdeeyaa ykn Isiyaa, (Turkiifi Ixaaliyaa.
  9. Abbaa Afisee – Isiyaarraa

9fa Abbaa Aleef (Qeesaariyaarraa) akka dhufan beekama. (M.Ras- Balaay 1985:143).

Jarreen kun jalqaba mootota yeroo sana Aksumirra turaniifi amanticha cimsuun waan lallabaniifi warreen Kiristaanaa isaaniin dura biyya kana keessa turan jabeessuufi qindeessurratti gahee guddaa akka taphatan seenaa mana sagadaa Ortodoksii Itoophiyaa keessatti iddoo guddaa warra qabaniidha.

Gara amantii Musliimaas yoo ta’e, Hordoftoonni amantaa kanaa Arabiyaarraa gara biyya kanaatti baqachuun akka lubbuu isaanii baraaran seenaa keessatti kan beekameedha.

Gama biraatiin babal’ina amantaa kanaa keessatti warri moototaa namoota amanticha hinfudhanneefi isaan morman balleessuufi iddoo jiranirraa buqqisuun walitti bu’iinsi haaraan naannicharratti akka uumamu gochaa kan turan ta’uusaa nama hubachiisa. Gama seenaa Oromoon walqabatee kan jiru baroota 480 A.D keessa Oromoon naannoo Aksuum akka ture kan ibsu faarfannaa isaatiin kan beekame Yaared (Qulqullichi) barumsa isaa Aksuum keessatti eegalee kan ture dhiisuun eessuma isaa jalaa yoo baqatu, (Aksuumirraa) gara biyya Mandabaayi (Oromootti) baqate jedha.

Kana booda garuu raajii isatti mul’ateen gara eessuma isaatti deebi’ee dhiifama isa gafatee barumsasaa itti fufuun boodas baratee nama beekamaa akka ta’e dubbatama. Kunis bara eerame kana keessa Gara Lafa Oromoon jiru jedhee seenaa keessatti ibsamuun isaa naannoo Aksuum akka Sabni kun yeroo sanas ture ragaa guddaa akka ta’e ifa godha. Itti dabaluunis namoota dhimma adda addaan rakkataniif Oromoon dawoo guddaa akka ta’e kan ifa godhuudha.

Gama biraatiin Baroota 623 A.D. keessa Amantaan Islaamaa Arabiyaa keessatti yoo dhalatu, walitti bu’iinsa ka’een namoonni hedduun gara kaabaafi baha Itoophiyaatti kan baqatan yoo ta’u, kana keessaa Intala Mahammad Raajichaa (Nabiyyichaa) dabalatee gara biyya kanaa akka seenan beekama. Yeroodhuma kana mootichi Itoophiyaa bulchaa ture mootii (Atsee) Al Nagaashii akka ture kan beekamu yoo ta’u, namni kun baqattoota kana yoo simatu jecha Oromoo “Ashamaa! Ashamaa! Ashama!” jedhu akka itti gargaarame ragaan barreeffamaa ni ibsa.

Kunis Oromoon kaaba Itoophiyaa naannoo Aksuum akka tureefi jiraachuu isaa malees ummata sadarkaa hoggansa mootummarra jiru ta’uusaa kan mul’isuudha. Gama biraan immoo Ashamaa! Ashamaa! kan jedhu Afaan Oromoo yeroo sanatti afaan ummataafi dippilomaasii naannichaa ta’uu kan ifa godhu yoo ta’u, seenaa kanarraa waa hedduu hubachuun kan danda’amuudha. Trimingham (1952). B.A.T.O. Seenaa Oromoo hanga jaarraa 16fa (1998).

Kana malees maqaadhumti mootii kanaa Nagaashii otoo hinta’in “Nagaasee” akka ta’e barreeffama afaan Arabaa irraa akka hubatan manguddoonniifi sheekonni Sambatee ni dubbatu. (Hajii Hassan Basalee Manguddoota Walloo kibbaa Sambatee 1989). Yaadni kunis qorannoof banaadha jenna.

Walitti bu’iinsaafi mormii amantoota, Yihuudiin, Kiristaanaafi, Islaama, malee akkasumas amantoota durii (Waaqeffataa) jidduu tureen irra jireessi ummata naannoo kanaa hordooftoota Amantii Yihuudota mootummaa Zaaguweetiin deeggaramuun waltajjiitti dhufe. Yeroo kana tasgabbii amansiisaan yeroodhaaf mul’atullee ittifufiinsaan yeroo dheeraaf turuu hindandeenye.

Mootonni Agawuus booda kan isaanii ykn Agawu dhiisanii Amantii Kiristaanaa waan fudhataniif mormiin aangoof godhamu akka haaraatti itti fufee. Bara 919 A.D. Mootichi Marhaa Taklaayimaanot yoo aangoo qabatu ummattoota muuda ykn. harkafuuchaa isaaf fidan keessaa kan Mandabaayi (Oromoo) Azaloo, Raayyaafi Saboota Tigraay, Gaafaat, akkasumas Oromoota Daamoot, wkf. isaan beekamoodha.

Ragaan kunis Oromoon jireenyaafi hirmaannaa mootummaa Itoophiyaa keessatti iddoo guddaa akka qabaachaa ture kan ifa godhuudha. Mootummaan warra Zaaguwee bara 919 A.D. irraa kaasee hanga bara 1270 ykn waggoota 361 ta’uuf mootummaa Itoophiyaa kaabaa erga hogganaa turee booda namni gara haadha isaatiin Oromoo ta’e ykn. ilma Hawwii Caalaa, Yikunuu Amlaak mootii moototaa ta’e. Kunis aangoo gara Kuushota irraa gara sanyii mootii Salamoon ykn Seemotaatti yeroo ce’umsi itti godhameedha kan jedhamuudha. Seenaa Oromoofi mootota jidduu ture kanas barreeffama itti fufu keessatti haa ilaallu.

  1. Mootoota Itoophiyaafi Hidhannoo isaan Seenaa Oromoo Waliin qaban. (1270-1632).

Mootota bara jiddugalaa keessatti aangoo olaanaa qaban keessaa tokko mooticha Yikunuu Amlaaki. Mootiin kunis bara 1270 A.D. irraa kaasee akka ta’eefi seenaan Oromoofi walitti dhufeenya mootota Itoophiyaa maal akka fakkaatu akka hubannu nu taasisa.

Mootummaan Zaguwee sanyii mootii Salamoon hangafticha Angoorraa fonqolchee kan hundeesseefi boodas mootii Yikunuu Amlaak gara dhaloota haadha isaan Oromoo ta’uu isaa ragaan ni ibsa.

Seenaa kanarraa akka hubatamutti, Yikunuu Amlaak akka haatisaa Oromoo taate ifa kan godhu yoo ta’u, gara Abbaa isaatiin Sanyii Salamoon haa jedhamu malee, namni kun Oromoo ta’uu isaa beekuun mootonni Laastaa akka mormaa turaniifi kunis walitti bu’iinsi akka ture mul’isa. Gama biraan jaarraa kana keessa mo’achuuf Yikunuu Amlaak gargaarsa humna Oromoon akka fala argate kan mul’isuudha.

Yaadni kunis Oromoon akkuma dhaloota Kiristoosiin dura aangoo biyyattii keessatti iddoo olaanaa qabu jaarraa 13ffaa keessa sadarkaa mootummaa biyyattii hogganuurra akka ture kan hubachiisuudha. Kana keessa akaakayyuun mootii Yikunuu Amlaak Azaach Caalaan mootummaa Zaaguwee keessatti sadarkaa Azaachi ykn hayyuu olaanaa ta’uun isaanii ragaa guddaa ta’uu danda’a. Kunis aangoo olaanaa qabaachuun isaa qubsumniifi maddi ummata Oromoo biyya kanaa ala ture warra jechaa tureef, madda odeeffannoofi ragaa ykn wabii gaarii Oromoorratti akka hin argatin hubachuun ni danda’ama.

Ittifufa

BARIISAA SANBATAA Onkololeessa 5 / 2015

Recommended For You