Oromoofi barreesitoota Seenaa biyyaa keenyaa

Kutaa 4ffaa

Bifuma kanaan walitti dhufeenyaafi walfakkii ummata Oromoofi saboota damee Kuushirraa maddan saayinsii xinqooqaafi sanyaba (linguastics and antroograpological evedens) fudhachuu ykn irratti hunda’anii qorachuun dhugaan kun akka ifa ta’e godhameera.

Ragaaleen qo’annoofi qormaata seenaa Oromoorratti mul’atan yeroodhaa gara yerootti baay’achaafi tooftaan qormaataas bilchinaan waan ittifufeef seenaafi madda akkasumas qubsumni ummatichaa eessa akka ture dhawaatan ifa ta’a jira.

Haaluma kanaan hojiilee qormaata barreeffamaan ifa ta’an malee afoolaafi hambaalee akkasumas argama arkiyolojii akka wabitti fudhachuun seenaan jireenya Oromoofi qubsumnisaa kaabafi bahaa Afriikaa keessaa biyyaa amma Itoophiiyaa jedhamtu dabalatee Suudaan kaaba bahaa, Ertiraa, Somaaliyaa, Keeniyaafi biyyoota haroowwan keessatti iddoo guddaa akka qabu beekamaadha jedhu. Kana ala Oromoon Aadaafi Amantaan walqabsiisee eenyummaafi biyyasaa Itoophiyaadhaa ala jedhe yeroon inni itti dubbate seenaa keessatti hinmul’atuu.

3. Seenaa Mootoota Itoophiyaa bara jiddugalaa (1270-1632)fi gaa’ela siyaasaa Oromoo waliin qaban

Kitaabni Amantii kiristaanaafi seenaa mootota Itoophiyaa durii “Matsihaafa Subaa’ee, Matsihaafa Aksuumaay Siiraak Za-Indabeetiifi Matsihaafa taariika Nagasti” jedhaman keessatti ragaaleen saba Oromoo ibsan Maqaa “Kuush, Mandabaay, Ormaa, Oromo…” jechuun ibsa ture. Kana malees sabni Oromoo naannawa kana jiraachuusaa malee akka sadarkaa mootiifi hayyoota olaanaa ta’an ibsa.

Kana malees ragaan kun Oromoon akka jiraataa durii ta’e ni mul’isaa. Iddoon jireenyasaa duriis akkuma Kuushota maraa biyya Maarawee Suuba, Nuubiyaafi Aksuum ykn Itoophiyaa durii keessa tamsa’ee jiraachaa akka ture kan ifa godhu ragaa guddaadha.

Mootummaan Naannoo kana bara Aksum dura ture kansaa akka ta’e dubbatama. Kanaafis Mootummaan “da’amat” seenaa keessatti beekamu kan Oromoota ykn Daamoota akka ta’e himu. Kana malees daamoota mootummaa Oromoota gara kaabaatti sirna Gadaa dhiisuun hundaa’eedha. Yaada kanas qorman ittifufiinsa qabu hojjatan jira.

Kitaaba seenaa mootootaa ykn “Taariika Nagast” jedhu keessatti seenaa mooti Asteer /Yoodiiti/ qabee hanga mootii Iyyaasuu Adiyaam Sagad I /duraa/ kan jiruufi boodas hanga mootii isa dhuma Hayilee Sillasee I kan hammate seenaa bara dheera kan keessatti hammatame yoo ta’u, inni Matsihaafa Subaa’e jedhu immoo seenaa duriirra kaasee hanga mootii Minilik I kan ifa gochuuf yaaluudha.

Kitaabni sadaffaan kan Aksumaay Siraak barreesse immoo seenaa Minilik I kaasee hanga Asteer ykn Yoodiiti kan himu yoo ta’u; kitabooleen kun isa dur Itoophiyaa keessatti argaman qofa otoo hinta’iin Sudaan keessa iddoo Maarawwee jedhamu naannawa Jabal Obaafi, Jabal Kuraaraa jedhamu keessatti onaafi holqoota naannawicha keessaa qotamee kan argameedha. /Nuubiyaan hanga jaarraa 14ffaatti wiirtui beekamaa Kiristaana Afrikaa keessatti argamtu tokko turte/.

Ragaaleen kun seenaa Oromoo malee biyyi amma Itoophiyaa jedhamtun dur hagam akka bal’aa turteefi biyyoonni naannawa Sudaan bahaa jiran kan akka Nuubiyaa, Naappata, Suuba, Suubiyaa, Siinaar akkasumas Aksuumiifi kkf gara kaabaa hanga Afriikaa kibba bahaatti maqaa Itoophiyaa jedhamuun beekamaa akka turan seenaarraa hubachuun ni danda’ama.

Barreessitoonni durii kunniin otoo ragaalee kanneen hinsakatta’iin ykn beekaa bira dabruun hagam olola sobbaa seenaa Oromoorratti akka barreessaa turan nama hubachiisa.

Kan biraa dhiisnee seenaa Oromoo qofarratti yoo xiyyeeffanne jireenyaafi qubsuma Oromoo durii kaasee akka Itoophiyaafi Afrikaa bahaafi kaaba keessa turan kan mul’isan Mootii Iti’eel / Maakidaa/ jedhamtuufi bara 4463 Dhaloota Kiristoos dura waggoota (1037 dura) akka ta’eefi mootittiin tun iddoon dhaloota ishee lafa Raayyaafi Azaboo jedhamu keessatti akka tureefi achitti dhalatte eeramuunsaa ni beekama.

Kunis Raayyaan achi jiraachuun ragaa tokko yoo ta’u, iddoon ykn teessoon mootumma ishees /wirtuu/ Nappaata akka ture seenaan ni ibsa. Iddoon dhaloota mootitti kun kaayyoo keenya ta’uu baatullee maqaan Maarawwaafi Raayyaa jedhu yeroo sanatti eeramuunsaa Oromoon akka achi ture ragaa guddaadha.

Kunis akka Oromoon gosa Raayyaa durii qabee biyya kana keessa ture ibsuusaa malee mootumma Itoophiyaa durii Sudaan kaaba bahaa akka dabalatu mul’isa. Kana malees Oromoon Maccaafi Tuulamaa hidda dhalootaasaanii dhahanii Raayyaa jechan marawwicha jedhu. Kunis hundee dhaloota Oromoo Kaaba kan akka Raayyaafi Yajjuu akka dabalatu beekama.

Kana malees barreeffama seenaa ummata Suubaa keessatti Oromoo murtaa’aniin Mandabay jechuun yaamuun kan ibsan yoo ta’u, yeroon mootummaansaanii aangoorra turu waggoota 40 ta’uun kun sirna Gadaan kan walitti hidhame fakkaata.

Fakkeenyaaf mootiin Maakidaan /Iti’eel/ kan aangoo qabattee dhaloota Kiristoos dura bara 4463 ‘B.C’. yoo ta’u, Kunis (5500- 4463 = 1037 B.C.) akka ta’uufi ilmiishee Miniliik I immoo Dhaloota Kiristoos Dura bara 4514 akka mootiitti dhaaluu danda’e ibsa.

Kana malee abbaasaa mootii “Salamooniin” muudama akka argatee dubbatamaa. Booda gara biyya haadha isaatti dhufe yeroo isheen woggoota 40 angoorra turte sooroma baatu mootummaa ishee dhaalee biyya bulchuu qabe dubbatama.

Yaa ta’u male sirni mudama mootummaa bifa sirna Gadaan ykn Kuushiin raawwatamu hafee akka Yihudootaatti akka muudamuufi biyya haadha isaa sirna haaraan akka bulu godhe dubbatamaa.

Seenaa kanaan dura ture garuu walharkaa fuudhiinsi aangoo kan raawwatu waggaa 40 walirra fagaachuufi malkaa bu’uun, achitti “waaqa” galateeffatanii dhagaa guddaa koruun seera lallabuun angoo keennuufi fudhachuun tureera. Kunis sirna Gadaa Oromoo wajjin kan walitti hidhate fakkaata.

Haala akkasiin woggoota afurtama turanii angoo walii dabarsuun kun hanga Jaarraa 13ffaa ykn hanga Ilama mootii Laallii Bekatti akka ture seenaarra ni hubatama. Jijjiirama Aadaafi wiirtuwwan beekamoo akka Suubiyaa, Naphataa, Suubaafi Maarawwee kunis rakkina aadaa haaraafi jireenya ummata durii jidduutti uumameen jeequmsi akka kaasaa ture hubatama.

Kana malees Mootichi Minilik I Aadaa ummata Dashat Kuush (Saaba) kan ture dhaha ykn heda guyya kan urjiifi addeessan walitti hidhate hambisuufi mallattoosaatiini. Burkuteesseefi gonfoo/ zawidii/ isaa hambsee akka aadan Yihuudoota kan /Leencaan/ waltti hidhannoo qabuun akka bakka buuse himamaa.

Kana malee dhadannoonsaas akka jedhutti, “mootumma Kuush irraa kan dhufe sirni mallattoo- mootummaa urjiin, bofaafi Jawween walitti hidhannoo qabu kufe /burkutaa’e/, urjiin daashat /Kuush/ harcaacee” jechuun labsii godhee aadaa saba Kuush ifatti dhorkuun mootumma Aksuum kan haadhasaa dhaaluun qabate aadaansaa akka baduu godhe.

Kunis Aadaa ummata Kuush Oromoo dabalatee yeroo sanaa kaasee dhorkamuufi akka rukutamu gochuun isaa kan ifa godhuudha. Akkuma beekamu dhaha guyyaa ykn dhahaa Oromoo keessatti urjiifi walitti dhufeenyii, addeessaa iddoo guddaa kan qabuudha.

A. Oromoofi Mootumma Aksuum

Oromoon qaama saba Kuush akka ta’eefi qoodama ummata Kuush waggoota kuma (8000-7000) dura godhamaa tureen eenuymmaasaa akka kophaatti bahuu qabe tilmaamama. Yeroo sana eegalee Oromoon eenyummasaa eeguun kan ture saba Afrikaa kabaa bahaa keessa isa tokko.

Kanarra ka’uun qaroominoota naannwawa kanatti mul’atan keessaayis akka qooda guddaa qabu hubachuun ni danda’ama. Seenaan hanga yeroo kanaatti ifa hinta’iin, keessatti dhaloota Kiristoos dura bara 5179 mootichi aangoorra ture maqaan /Angoon/ mootummaasaa kan Oromoo ture.

Fakkeenyaaf mootoo bara eerama kana keessa ture. Atsee Fantaallee akka ta’eef inniis duunan ilmii isaa Atsee Cilaaloon akka mootii ta’uun biyya bulchaa ture seenaa keessatti ni mullata. Kanas Ragaan seenaa ifa yoo taasisu.

Baroota eeraman kanneen keessa bulchitoota naannawaa keessaa akka (Mariiras 1984, 71) ibsutti lafa Itoophiyaa kaaba lixaa kan bulchaan mootii Morkaa Kittaniifi Saglan Magaal, maqaa isaaniirra ka’uun Oromoo akka ta’an hubachuun ni danda’ama. Kunis jireenya Oromoo biyya kana keessatti qubata duraafi saba hundeensaa biyyuma kana keessa ture ta’uu kan ibsuudha.

Seenaa ardoota siyaasaa, daldalaafi amantii dur durii kanneen akka naannawa Malkaa Abbayyaa, Suuba, saaba, Nappaata, Maarawweefi boodas Aduliis Aksuum magaalota saboota Kuushiin baroota adda addaa keessa, duraa duubaan hundeeffamaniidha.

Jijjiramafi kuufaati wiirtuwwan daldalaafi siyaasaa kanaaf dhimmii guddaan duula guddaa yeroodha gara yerootti kaaba afriikafi bahaa jiddugalaatti godhama tureefi ummattoota naannawa Arabiyaafi galaana Meeditraniyaaniirraa buqa’uun gara naannawichaatti godananiin akka ture ragaan ni ibsa.

Kana malee olantumma siyaasaafi daldalaa argachuuf walitti bu’iinsa jidduusaanii tureen kufaatiifi jijjiramni yeroo boodaa kun dhimma akka ta’e dubbatama.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 28 Bara 2015

Recommended For You