Oromoofi barreessitoota seenaa biyya keenyaa

Kutaa 3ffaa

Barreessaan seenaa ummata Itoophiyaa durii jechuun Mariiraas Balaayiin barreeffame akka ibsutti, immoo saba Oromoo sayniidhuma, Kuushiifi Mandabaayii jedhee kan ibsu yoo ta’u, innis kitaaba seenaa moototaa Suubiyaa, Marawwee, Nuubiyaa, Naappaataafi Aksuum akkasumas Zaaguween walitti qabuun seenaa Oromoo ifa gochuuf kan yaaleedha. Barreessaan kun seenaafi ragaa barreessitoonniifi beektonni Habashaa ifa gochuu hinbarbaanne hedduu kan saaxilan ta’uu isaa malee gumaachaafi gahee Oromoon Itoophiyaa keessatti qabus ifa gochuuf karaa kan baneedha.

2. Ummattoota Sulula Abbayyaafi Oromoo

Akka barreessaa ‘Christopher Ehret’ jedhutti sabni Kuush durumaa qabee lafa baddaafi badda-daree akkasumas gammoojjiiwwan Itoophiyaa keessa qubatee jiraachaa kan ture ta’usaa ifa godha. Saboonni Kuush kun immoo naannoo eerame kana keessa qubataa duraa akka ture himama. Kunis saboonni Kuush Oromoo dabalatee Itoophiyaafi lafa naannoo isaa jiru keessa dhaloota Kiristoosiin dura bara 5000 B.C. dura akka tureefi boodas barkumee dhuma 4000 keessa gara damee saboota Kuush adda addaatti qoodamee akka tamsa’e ibsu.

Saboonni Kuush kun hundeen isaanii Nuubiyaa, Itoophiyaa durii Marawwee akkasumas lafa sulula Abbayyaafi Misiraa akkasumas Atbaaraa jedhu akka tureefi boodas ummanni kuun ykn walakkaan achumatti hafee kan socho’an wiirtuun isaa achii ka’ee dhimma beekamuufi hinbeekamneen, tarii waraana gara kaabaan isaanirratti gaggeeffameen ta’uu danda’a, gara Lixa, Afrikaa, Kaaba, Bahaafi Kibbaatti socho’uun qubatee jedhu. Isaan kana keessaa warri Kuush bahaafi jiddugala yeroo booda sochii isaa kan wiirtuu jijjiiruu itti fufee gara kibbaatti socho’e jedhu. Ehert (1976), Melb-(1988), Tasammaa (2205) B.A.T.O. (2006), (Mardok 1965) Alemayyoo (2007) (Bender 1975).

Qorannoofi qo’annoo seenaa madda adda addaarraa argameen, yeroo ammaa sabni Oromoo akka qaama saba Kuushotaa ta’eefi ardii Afrikaa keessatti kaaba-bahaafi Lixa Afrikaa Itoophiyaa dabalatee qubataa duraa ta’ee kan mul‘atuudha. Kanaafis saboonni Kuush biyya Itoophiyaafi naannoo ishee keessa dhaloota Kiristos dura bara (B.C.) 5000 dura akka jiraataa ta’eefi saboonni Kuush kun afaanota yeroo ammaa naannoo kanatti dubbatamaa jiran adda addaatti qoodamuu akka danda’an ibsu. Ehert, 1976 Bender 1976/. (B.A.T.O. Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa 2006f Tasammaa Ta’aa 2005).

A. Ragaalee Oromoon akka qaama Saba Kuush ta’e Mul‘isan keessaa tokko tokko ifa gochuuf yoo yaalamu, sabni Oromoos akkuma saboota Kuushirraa maddaniifi tamsa’an hundaa yeroo booda akka afaaniifi Aadaa isaas qabatee naannoo amma jirutti akka faca’e kan hubatamu yoo ta’u, walfakkiin afaanota Oromoofi Agaawu, kan Kunaamaa, Beejjaa, Affaar, Sumaalee, Sidaama, Koonsoo, Hadiyyaa, wkf. yoo qoratamu walitti dhufeenya afaanota kanaa qorachuun waggoota meeqa dura akka addaan faca’an tilmaamuun ibsuuf yaaluu. Tilmaamaafi dhaha guyyaa (Calendar) kanas ximmaada (Theory) ummattoonni kun dur madda tokkorraa akka ka’an kan jedhu ifa godha. (Bender 1976).

Kana malees hambaalee Aadaa, Afaanii, argamni Arkiyooloojiifi Siidaawwan mul‘atan afoola ummatichaafi raawwii sirna amantaa Kuush dabalatee, yeroo dheeraa dura ummanni kun tokkummaa isaanii kana keessatti mul‘achuu danda’e. Gama biraatiin babal‘ina Amantaawwan Yihuudotaa, Kiristaanaafi Islaamaarraa kan ka’e ummattoonni naannoo galaana Meediteraaniyaanii jiraniifi Arabiyaa kibbaafi akkasumas Faarsirraa buqqa’uun gara biyya kanaatti godaanan jaarraa adda adda keessa walitti makamuun naannoo kanarratti jijjiiramni guddaan akka mul‘achuu danda’e dubbatama.

Sochiin kunis kallattii Itoophiyaa durii (Marawwee, Nuubiyaa, Suuba, Saaba, Naappaataa, Aksuum Lastaa, Gondor keessa) jiraachuuf yoo dhufan, irra jireesssi qubattoonni kun ummatatti makamuun qubachaa kan turaniidha. Jarreen hafanis kophaa ofii of-ijaaruun, afaan isaanii cimsuufi waraana ykn raayyaa cimaa ijaaruun wiirtuun amantaafi daldalaa, akkasumas siyaasaa saba Kuushotaa iddoo eeraman kanatti akka babal‘atu gochaa turan. Kanarraa ka’uun rakkina kana dandamatanii kan achitti hafan malee ummanni biraan achi ture gara lixaafi kibbaatti socho’uun akka qubatan seenaan ni addeessa. (Ehret 1976).

Bifuma kanaan Itoophiyaan dur bal‘inni ishee walakkaa Misiraa kaasee biyyoota akka Suudaan, kaabaafi bahaa, Itoophiyaa amma jirtu, Eritria, Jibuutii, Sumaaleefi Keeniyaa dhuunfattee kan turte yoo ta’u, kana keessaa akka tamsa’aa turan himama. Seenaa biyya kanaa keessatti Itoophiyaan akka bal‘oo taate yeroo baay’ee yoo dubbatamu ni dhaga’ama. Bara jidugalaa qabee mootiin tokko gochuuf yaale jiraachuu baatullee Ahimad Giraany Sulxaana yaada kana galmaan ga’uuf yaleedha. Yeroo booda garuu walitti bu’iinsaafi wiirtuuwwan daldalaa yeroo adda addaa uumamaniin kophaatti ba‘uun biyyoonni heddu mul‘achuu qaban.

Sabni Oromoos rakkinaafi sochii kana keessatti qooda kan qabu ta’ee walakkaan jireenyasaa qonnaan bulaafi loon horsiisuurratti kan xiyyeeffate waan tureef, daandii daldalaarratti falmii godhamaa ture dhiisuun gara lafa tasgabbii qabuufi nagaan jiraachuurratti fuulleffachuun, wiirtuu siyaasa isaa biyya jiddu galaafi kibbatti yoo sochoosu, Oromoon amantaa jaraa fudhatan garuu achumatti hafuun, iddoodhuma duraan turetti saboota aadaa biyya alaatii dhufanitti dabalamuufi makamuun aadaa isaanii fudhachuun akka jiraachaa ture seenaa keessaa ni hubanna. (Ehert. (1976), melba (1988), Tasammaa, (2005), Alamayyoo (2006).

Kanarraa ka’uun Kuush jechuun hundeefi hidda dhaloota Oromoo akka tureefi Oromoonis qaama saba Kuush waan tureef iddoo seenaa Kuush jiru mara seenaan Oromoo jira jechuudha. Kanaaf seenaan kun barreessitoonni seenaa biyya kanaa tokko tokko saba Oromoo akka godaantuufi keessummaatti fudhatanii barreessaa turan soba ta’uu kan ifa godhuudha. Hojiin isaanii akka ragaa sobaafi qabatamaa hinta’in kan mul‘iisuudha.

Akka argannoofi ragaa barreessitoota seenaa baroota 1980tti sabni Oromoo jiraataa jidduugala Itoophiyaafi kibba naannoo Madda Walaabuu, ykn lafaafi iddoowwan yeroo ammaa Baalee kibba lixaa akka ture dubbachaa turan. Isaan biraas yaada kana fooyessuun Walloo, Karrayyuu, Arsii Kibbaa qofa akka ta’e ibsuurratti daangaafi madda Oromoo murteessanii turan. Rakkinni jara kanaas guddinaafi ummata Oromoo beekuu dhiisuurraa kan ka’eefi bal‘ina qubaatii isaa wallaaluurraa kan ka’eedha.

Maddi hojii isaaniis barreessitoota Arabaa kan akka “Ibn Said“ yoo ta’an, isaanis Oromoofi Somaaleen jaarraa 13ffaa itti akka gaanfa Afrikaa keessa waliin turan ragaa mul‘isu kan qabaniifi, namoota seenaa aadaafi afaan Oromoorratti hojjechaa turan kan akka (H.S.Lewis, 1966)fi Cerulli, (1957), (I.M.lewis 1959; 1460), Trimingham (1952), Wiedner (1965) kan jedhaman yoo ta’u, kunis madda Oromoo kaaba Somaaliyaafi jiddugala Somaalee qofatti hidhuun kan murteessaniidha.

Qo’annoofi qorannoon namoota kanaan hojjatame hojii namoota kana booda ka’an kan akka Mahammad Hassan (1990)fi Habrland I.K. (1985) tiin godhame jijjiiruufi fooyyessuun Oromoon maddiifi biyyi inni dur irra ture, iddoo hayyoonni duraa eeran dabalatee naannoo Arsiifi Baalee akkasumas lafa baddaa naannichaa akka ture falmaa turan.

Kunis qo’annoofi qormaata afaan Oromoorratti mul‘achuu danda’eera. Kana malees rakkina seenaa Oromoorratti mul‘ate arguufi hubachuun rakkina ture. Haata’u malee hojiin jara kanaa yaada hubannoo dhabiinsa-seenaa Oromoorratti jiruufi loogii siyaasaa biyya kana keessa ture ifa gochuu kan danda’eedha. Qubsumni Oromoo garuu naannichas dabalatee akka biyya kanaa saboota biraan walitti makamuun lafa irracaalaasaa dhuunfatee jiraachaa akka ture beekama.

Kana malees barreessitoonni Afaan Kuushootaarratti hojjetan kan akka Paaitschke (1889) Green field (1965) akka ifa godhanitti, Oromoon kaaba-bahaa Afrikaa keessa kan tureefi jireenyi isaa bara mootummoota Aksum biyya gaggeessaa ture naannicha keessa dursee jiraachaa akka ture kan mul‘isuudha. Kana malees naannichatti Oromoon saba beekamaafi hundee saboota hedduu akka ta’e eeruun dhaloota Kiristoos dura bara (200 B.C. – 800 A.D.) dura kan naannicha keessa turan akka ta’e ifa godha. /Greenfield 1967/.

Namni kun madda isaa eeruu baatullee Oromoonni Raayyaafi Azeboo biyya isaanii kan durii naannoo Arabiyaa Kibbaa (Gulf of Aden) irraa ka’uun naannoo amma jiru (Tigraay) keessa kan qabatan ka’umsa Amantaa Islaamaa dura akka ta’eefi Abashoonni garuu isaan booda akka dhufan (Semetics) kan ifa godhu yoo ta’u, warri kuushotaa garuu akka isaan dursan hima. (Ibid).

Itti dabaluunis qubannoon Oromootaa Arabiyaarraa dhufan kan jedhu kun maaliif iddoo jiranirraa akka ka’an ibsuu baatullee warreen Seemotaa booda Arabiyaarraa ka’uun qabiyyee Kushootaa akka dhuunfatan himuuf yaaleera. Itti ida’uunis warri Seemotaa lafa Kaaba-baha Afrikaa jedhamuufi qabiyyee ummata Kaamota (booda Kuush) jedhaman keessa tamsa’uun tuutaan ijaaramuun akka qubataniifi wiirtuuwwan daldalaa yeroo sanaa akka dhuunfachuu eegalan himama.

Warreen Kaam ykn Kuush jedhaman kana keessa saboota akka Oromoo, Somaalee, Affaar, Sidaamaa, Beejjaa, Saahoo, Agawu, Bini’amiir”, wkf. akka ta’an beekamuu qaba. (Perham 1969, Tasammaa 2000, Ehret 1976, Alemayyoo 2007). Ummatoonni kun akka warreen biyya alaa dhufaniin dhawaataan garuu biyya dhuunfatanii booda amantaa jaraa fudhachuun waliin jiraachuu akka qaban himama. Humnoonni alaa dhufan tokko tokkos yeroo booda amantaafi aadaa jaraa mormanii kophaatti of ijaaruun akka socho’uu qaban seenaa keessatti ni beekama. (Trimingham 1954, Taddese Tamrat 1974, Perham).

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 21 Bara 2015

Recommended For You