Oromoofi barreessitoota seenaa biyya keenyaa

Kutaa 2ffaa

Haata’u malee Sabni Oromoo naannawawwan armaan olitti eeraman Hargeessaafi Somaaliyaa jiddugalaa keessa qubatee jiraachaa akka tureefi kunis seenaa keessatti kan beekaman yoo ta’u, isaanis seenaa waliin jireenya saba kanaa keessatti haalaan kan beekameedha.

Itoophiyaafi biyyoota Afrikaa kaaba bahaa naannawa Sudaan Marawwee, Suuba, Nuubiyaafi Naappaataa, akkasumas wiirtuuwwan Aksumii hanga galaana Diimaa (Arigiigoo)fi biyya jiddugala, Oromiyaa ammaafi gara kibbaan immoo Somaaliyaa walakkaa qabee hanga Keeniyaa laga Xaanaafi Buufata Doonii garba Hindii jedhamutti tamsa’ee jiraachaa kan tureedha.

Kana malees qubatniifi tamsa’inni Oromoo hanga Taanzaaniyaafi Ugaandaatti kan dabreefi biyyoota haroowwaniitti akka mul’atu ragaa guddatu mul’ata. (Antone D’Abbadie:1843/ (Haberland 1973, Martian De Salviac-1801) (Ehert K.1981) Asmaroom Laggese 2001, (Alamaayyoo 2007).

Kanarraa ka’uun Oromoon saba guddaa kaaba bahaa Afrikaa keessatti ardii bal‘aarra tamsa’ee qubateefi jiraataa duraa kan tureedha jechuun ragaa qabaniin ni ibsu. Hayyoonni kunniin qorannoo yeroo dheeraa godhamaniin sabni Oromoo qubataa duraafi saba bal‘aa ta’uu isaa mirkaneessu. Yaada kanas hojii‚ D’Abbadie‘ irratti hundaa’uun kan barreessan‚ Martial De’Salviac‘ yoo ibsan; ‘‘The Oromo is an ancient people, the Great African Nation” jechuun ifa godha. Kana malees namni kun bal’ina Afaan Oromoo ilaalchiisee yoo ibsu.

“…specially from the reign of emperor Iyo’as 1750 to the 1860th The Oromo … and the language of the Oromo was used for diplomacy and for commerce in Ethiopia from the 140N (degree North) latitude and to 4th degree latitude south, also it inundated in its forms the neighboring language…(De. Salviac 1981:378) “jechuun kan ibse yoo ta’u, kunis Oromoon ardii bal’aa kanarra durii kaasee akka jiraachaa ture kan ibsu ragaa guddaadha.

Barreessaan ‘Martian De Salviac’ qorattoota biraa eeruun akka ifa godhanitti, baha Afrikaa keessaa hanga ‘Wa-Houma, Wa, Nyamezi, Wa-Ganda’fi Taanzaaniyaa ga’utti Oromoon ummata faca’ee jiraatuufi ummata Baantuu jedhamu keessa seenee hanga Kongoo bahaa Ruwaandaafi Burundii dabalatee tamsa’ee kan jiruudha jedhu. (M.De.Selivaic 1901:14)

Gara kaabaatiin immoo Itoophiyaa kaabaa keessa dabree hanga Nuubiyaa, Misira duriifi Arabiyaa, constantnooph (Turk) Sooriyaa, Handaara lafaa Qophiroos, ‘Seychelles’ keessa jiraachuu malee afaaniifi aadaasaanii eeguun akka jiraatan barreessaniiru.

Ragaalee barreeffamaafi seenaa qorannoo gadi fageenya qabuufi namoota argaa dhageettii qabanirraa walitti fiduun xiinxalamee dhugaadhuma kanarratti hundaa’ee kan barraa’eedha. Kanarraa kaanee yoo xiinxallu ummanni kun hagam sanyii dhala namaa isa bal’aafi guddaa akka ta’e hubachuu dandeenya.

Gama biraatiin immoo qorannoofi barruun kun iccitii seenaa Oromoo balleessuufi dhoksuuf godhamaa ture maaliif akka ta’e baruuf nama kakaasa. Loogiin kunis seenaa saboota gurraachaa warra adiin akka dhokfameefi warri Awurooppaafi Arabootaa qofti ummata gaarii ta’uusaanii akkuma barreeffamaa ture, biyya kana keessattis seenaan saba Oromoos loogiin akka irratti godhamaa tureefi dagatamuusaa mul’isa.

Kana malees qorannoo seenaa amantiifi madda qaroomina saba gurraachaa warreen (Giriikota, Awurooppaafi Arabootaa) akkamitti akka saamamaa ture kan ibsuudha. Kana malees ragaan seenaa Arabootaafi warra Awurooppaa dura amantiiwwaan guguddoo amma addunyaa kana keessatti beekamaniifi barumsaafi falaasamni isaaniif maddisaa saba gurraacharraa akka ta’e kan mul’isu ragaa gabaabaa kana dabalataan yoo ilaallu akkas jedha.

“…The Greek Philosophy was the offspring of the Egyptian Mystery system… Egypt was the center of the body of ancient wisdom and knowledge, religious, Philosophical and scientific spread to other lands through student initiates. Such teachings remained for generations and centuries in the form of tradition, until the conquest of Egypt by Alexander the great, and the movement of Aristotle and his school to compile Egyptian teaching and claim it Greek philosophy.” (The stolen legacy 1984)

Haaluma kanaan beekumsiifi Filoosoofi Giriikii jedhamee kan dubbatamu martinuu maddisaa Afrikaafi barumsa saba gurraachaa akka ta’e kan nama hubachiisuudha. Kana malees ragaa dabalataa yaada kana cimsu bifa kanaan qindaa’eera.

“… History is telling us that the Horn of Africa is the birthplace for mankind. At the same time history is also telling us that the Horn of Africa is the cradle of civilization, and that all forms of knowledge such as science, philosophy, mathematics, engineering…etc. In other words, history is still proving that these men have preserved their wisdom in the culture of African people, especially in the traditional religion of Oromo people, Waqqeffannaa and Gada system.”

Kanarraa kan ka’e saboonni Afrikaa keessattuu (kaabaafi bahaa) Afrikaa iddoo hundeen dhala namaa itti argame qofa otoo hinta’in maddaafi jalqaba amantaawwan beekamoofi qaroomina ilma namaa maraaf akka bu’uura ta’e dubbatama. Kunis saba Kuush Oromoo dabalatee kan hammate ta’uusaa mul’isa.

Madda Oromoo ilaalchisee barreessaan “Gabaur” jedhamu akka seenaa ykn “Historie elementaire” jedhu keessatti ibsuuf yaalii godhetti saba Oromoo ummata dur ‘Gauls’ jedhameefi kaabafi lixa Afrikaa akkasumas kibba Awurooppaafi lixa Isiyaa akkasumas kaaba baha Afrikaa keessa tamsa’anii jiraachaa turaniin baay’ee kan walfakkaatuudha jedha.

Yaada isaa ittifufuun ummata Oromoofi saboota naannoo armaan olitti eeraman kana akkas jechuun ibsuuf yaalii godhee ture.

“The similarity of name Corroborated by the close congeniality of morals, by identity of customs, by the national traditional and by Abyssinian documents which we will see militate in favor of origin of the race, for its layering of vines with an uprooted stump “at Sundown” with whites that come from “Europ” jedhee ture. Kana malees Oromoofi ummanni “Gauls” jedhaman kun waan hedduun kan walfakkaatan akka tureefi kanas yoo ibsu:

“… The Oromo and the Gauls Persist, with an equal and Chivalrous obstinacy in the monotheism, in spite of the quasi Universal Shipwreck of pagan nations; people rigorously prohibit one another, the anthropomorphic representation of divinity and the erection of monuments that need to be dedicated to them.”

Akkuma mul’atu Oromoofi ummanni “Gual” jedhamu wareega Waaqaaf galchan muka guddaa jalatti akka raawwatamuufi iddoo wareegaafi kadhaan Waaqaa raawwatu kanatti tuutaan ta’uun aarsaa godhu. Walfakkeenya ummata Oromoofi saba Gaul jedhamee dur beekamu jidduu jiru dhimma amantii malee gara Siyaasa isaaniitiinis baay’ee akka walfakkaataniidha kan ibsamu.

“…The Oromo and Gaul people rule one another by Oligarchic and renewable government; with one and the social state has as its base the principle of solidarity and patronage…” jechuun Martial De Salviac barreessaa seenaa durii Gabaur eeruun ibseera.

Kana malees jechi isaan “Oromo” jedhanii ittiin of yaaman jagnummaafi qophii isaan diina ofirraa ittisuuf qaban, aangoo olaanaafi ifa ta’e fedhii isaan filannoof qaban, qulqullina sirni isaan biyyaafi gosa isaanii ittiin gaggeessan, eebba kan kennuufi, qulqullina seera isaanii hagam akka ture ibsuuf kan itti gargaaramaniidha jedhu” (M. De. Salviac 1901:368).

Yaaduma kana cimsuun Lubni beekamaan Abbaa Jerome Lobo jedhamu iddoo addaddaatti barreessuufi jecha ummanni Oromoo afaansaatiin “Oromo” jedhee of yaamuusaa mirkaneesseera.

Kun otoo kanaan jiruu ummanni durii kaasee naannoo kaaba Afrikaafi Awurooppaa Kibbaa keessa jiraachaa ture aadaa Oromoo waliin walfakkaatu kan qabu ta’uu akka armaan gadiitti ibseera.

“… All the diverse names above comport the meaning of Oromo powerful, brave, bellicose, Warriors. That which the Romas seemed to translate in defining the Gauls; Gens aspera, Proterva, Audax, Bellica. In the ancient Breton and the old Gallic, or language of the land of Gelles, a strong man, a warrior called himself; kell, Gall, Kimber. The Gaelic use the word gall to name, be it the French, be it the Gauls, now, the same idiom keeps the expression gal for, battle, feat of sudden uproar and Valiant: galach signifies bravery, and adjectively, brave, courageous, Galla, in the same language translates, gentility, loyalty and beauty.

The Breton calls a robust powerful man; galloudek and galloudus, powerful, strength, domination, galloud, the verb: to be able, to enjoy power, of the authority, rings gallaut; Gallant equivalent to noble, Valiant, brave (English). It is from the cretic root gall, strong, from which Litre derived our word; gaillared (jovial). The root ‘Kell” is better found in the German held, a hero . . .

The Hebrew El, the Arab All-ah, the strong, the heroes then by extension; God” The simplest element of these multiple branches is in effect the Hebrew very up, to be strong, which in its conjugation, adopts the various forms, one still finds in Sanskrit the word galla; fighter, galadiator, boxes. Even as we have specified the palpable resemblances, the conformity of use and customs of the Oromo and the Gauls in waiting to demonstrate the affinity of the language, thus one another’s name of the nation’s appear to be like the common armory of a bifurcated offspring.” jechuun ummata dur Gaules jedhamuufi saba Oromoo hundeefi burqaa tokko akka qabaachuu danda’an ibsuuf yaalii gochaa turan.

Kana malee Saayinsii xinqooqa (linguistic evidence) irratti xiyyeeffachuun walfakkiifi tokkummaa jechoota Oromoofi saboota dur Afrikaa Kaabaafi Awurooppaa Kibbaa keessa dur jiraataniin wal maddii qabuun yaada Oromoofi Gaulles jedhaman akka hundeen isaanii tokko ta’e ibsuuf yaaleera. M. De. Salviac 1901:376.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA F ulbaana 14 B ara2 0

Recommended For You