Oromoofi barreesitoota Seenaa biyyaa keenyaa

Oromoon ummatoota Itoophiyaa keessatti seenaan isaanii jallatee barraa’aa ture keessaa isa tokkoodha. Seenaa ijaarsa biyya kanaa keessatti Oromoon kallattii lamaan waraanamaa ture. Kallattiin duraa waraana qawween irratti raawwate yoo ta’u, kallattiin lammaffaan immoo waraana qalamaan ykn seenaa isaa dabsuun irraatti barreeffamee tureedha. Ummanni kun saboota seenaan isaanii haala quubsaa ta’een otoo hinbarreeffamin hanga yeroo dhiyootti turan keessaa isa tokko yoo ta’u, seenaa barreeffamaa dhabuu isaa qofa otoo hinta’in, kan barreefamaa tures dogogoraan kan guutameefi keessa dabree ummata Oromoo godaantummaan kan ramade, seena loogiin guutameefi ummata weerartuufi keessummaa jechuun barreeffamaa tureedha.

Kanarraa ka’uun barreesitoonni baay’een seenaa jaarraa 16ffaa keessa walitti bu’iinsa gareewwan amantii Kiristaanaafi Isilaamaa gidduutti uumameen Abbootiin Gadaa tokko tokko mootummaa deggaruu dhiisuun waraana Ahimad Giraany waan degaraniif gareen Kiristaanotaa aariifi jibbaa siyaasa yeroo sanaarraa ka’een olola eegaleedha. Maqaa Moloksee Abbaa Bahiree jedhamuun seenaa sobaa barreessanirraa ka’uun beekaniis ta’e otuu hinbeekin dogoggorarratti kan kufan yoo ta’u, kana booda seena qorattoonni ka’an, akkasums hayyoonni qo’annoo seenaafi afaaniirratti gaggeessan hedduun hojii Moloksee kanaa akka seenaa dhugaatti fudhachuun uummata Oromoo addunyaatti beeksiisa turaniru.

Hojiin Molokseen kun barreesse ololaafi siyaasa mootota yeroo sanaa kan dhaadheessu ta’uu isaa malee seenaan Oromoo sadarkaasaa eeggatee barraa’eera jechuun hindanda’amu. Kunis rakkoo bara dheeraa ture ta’uusaa malee madaa seenaa waraanaan irratti raawwachaa ture irra deddebi’ee akka yaadatu gochaa kan tureedha. Haata’u malee qorattoonni saayinsii, hawwaasaa, seenaa, afaaniifi aadaa ummata Kuushiifi Oromoorratti jaarraa tokko caaluuf raawwachaa ture kana sarara dhugarraa akka bu’u godhamaa jira.

Hojiin kunis ragaa seenaa kan barreeffamaan argaman sakatta’aafi afoola ummata keessaa funaanamerratti hundaa’uun falmiifi qo’annoo hayyoonni hedduun madda Oromoorratti gaggeessaa turan walmaddii qabuun yaada haara itti dabaluun seenaa Oromoo ibsuuf kan yaaluudha. Kana malees, sabni Oromoo Itoophiyaa keessa malee Ardii kaaba bahaa Afriikaa kana keessatti iddoo inni qabuufi, lammii ykn jiraataa duraa ta’uusaa kan mul’isuudha. Afaan isaas afaanota saba Kuush wajjin akka walitti hidhannoo qabuufi seenaa ummatichaan (Kuush) hundeensaa Oromoon tokko ta’uusaa walitti qabuun kan ifa gochuuf yaaluudha.

Seenaa Itoophiyaa keessatti mootonni durii qabanii biyya bulchaa turan Oromoofi kan Oromoorraa dhalatan akka ta’aniifi mootonni irraa dhalatan kunis walakkaan isaanii Oromoorra akka ta’an kan ifa godhu yoo ta’u, kan biraan hojiin kun guddinaafi babal’ina Afaan Oromoo seenaa bal’ina dubbatoota afaan kanaa hagam akka bal’aa ta’e kan ibsuudha. Gama biraan hirmaannaafi gahee Oromoon Itoophiyaa ammayyaa ijaaruu keessatti qabu haga tokko kan ifa gochuuf yaaluudha. Akkasumas guddina Afaan Oromoon kan walqabate yoo ta’u, kunis seenaafi babal’ini afaaniifi aadaasaa kan itti hubatamuudha.

Kana malees gahee jaarmiyaaleen Sirini Gadaa ummata Oromoo keessatti qaban kan ifa itti ta’eedha. Sirni Gadaafi mootummaan Oromoo sabni Oromoo qofaatti ijaarama siyaasaa gudda akka qabu kan mul’isuudha. Mata dureewwan eeramaniifi kanneen hafan martinuu qormaata yeroo dheeraa booda kan ifa ta’aniidha. Inni biraan seenaa Irreechi aadaa, seenaafi dhugeeffannaa saba Kuushiifi Oromoo keessatti mul’atu maal akka fakkaatu ibsuu yoo ta’u, ragaleen biroos kan hammateedha.

I. Falmii hayyootaa seenaafi xin-aadaa ykn antroopoloojii maddaafi qubsuma Oromoorratti kaasaa turan

Barreesitoonni hedduun seenaa saba Oromoofi madda isaa ilaachisanii baay’ee barreessaniiru. Waraanni ummata Oromoorratti qawween gaggeeffamaa ture waraana qalamaa bakka bu’ee hanga ammaatti nageenya waliin jireeya ummatichaa jeeqaa jira. Kunis hanga yeroo dhiyootti falmii xumuraa akka hinargamne ni beekama. Kunis, kan ta’uu danda’e ummanni Oromoo seenaa barreefamaa bara dheeraa dhalootaaf lafa kaa’ame dhabuu isaa yoo ta’u, sabni Oromoo qaama saboota Kuush akka ta’e qorannoon gadifageenyaan godhamaa ture ifa godha. Oromoon ummata humna guddaa qabu waan ta’eef humnoota Arabaafi Poorchugaal waan rukuteef maqaafi seenaa inni hinqabne irratti barreessaafi akka barraa’u gochaa turan.

Inni lammaffaan immoo ummatichi amantawwan gurguddoo lamaan yeroo booda biyya ollarraa dhufaniin waan dhuunfatameefi namoonni ummata kana keessaa ba’uun baratanis Oromummaasaanii gatuun gara jara sanaatti waan makamaniif amanticha keessatti Oromummaa ykn of ibsuurratti rakkoon kan uumame yoo ta’u, inni sadaffaan gareen hordoftoota amantaawwan lamaanii kun Oromoo dhuunfachuu qofa otoo hinta’in deggarsa ummatichaa argachuuf Oromoo isaanitti makaman maalummaafi aadaa isaanii balleessuu isaaniitti. Aadaa ofii akka dagatanii of wallaalaniif hojii hundeedhaa bu’qqisuuf hojjii bal’aa hojjetaniiru. Hir’inni dhabiinsa seenaa barreeffamaa kun hojii qorattonni seenaafi ragaa qabatamaa dhabuu isaanii malee, namoonni seenaa Oromoorratti hojjatan seenaa dogoggorraa akka hojii qo’annoo dhugaatti fudhachuun seenessuu akka eegalan ta’eera.

Kanarraa ka’uun barreessitoonni dursanii qorannoo seenaa kana eegalan madda Oromoo Itoophiyaadhaa alatti waan eeraniifi namoonni baay’een maddi saba Oromoo eessa? gaaffi jedhuuf deebii argachuuf bay’ee rakkachaa turaniiru. Rakkinni akkasii kun kan mul’ate seenaa Oromoo jaarraa 16ffaa keessa ummata godaantummaan biyya kana seene jechuun raga sobaan barreeffamerra kan maddeedha. Kanarraa ka’uun yaada Oromoon durumaa qabee jiraataa biyya Itoophiyaa kanaati jedhaniifi biyya alaa dhufe kan jedhan jidduutti falmii dheeraafi guddaan taasifamaa ture.

Hayyoota falmiirra turan kana keessa kan akka ‘Paulitischke (1888, 1893-96) Alaqaa Tayyee 1914, Alaqaa Atsime, I.M.Lewis (1959,1960), H.Lewis (1966), Cerulli, (1957) Haberland I.K. (1963) Baraukamper (1980) Getachoo Hayilee, 2005, Aleme Isheete 1984 fi wkf. Jarreen kana keessa walakkaan isaanii Oromoon ummata alaa galeedha kan jedhan yoo ta’u, kan hafan immoo kibba Itoophiyaatti gadi butaanii Booranaafi Keeniyaatti galchaa turan. Namoota Oromoon biyya alaatii dhufe jedhaniifi kan biraa jidduutti falmiin yeroo dheeraa godhamaa ture. Falmii kana jidduutti yeroodhaa gara yerootti ragaa qorannoofi barreeffama seenaa moototaafi amantii keessatti maqaan Oromoo argamuun isaa Oromoon akka jiraataa duraa biyya kanaa ta’e kan ibsuudha.

Barreesitoonni duraa kunis gaaffii guddaa kana dura dhaabachuun dhugaarra dhaabbatanii sobaaf falmaa kan turaniidha. Barreesitoonni gita bittaa deggaran dhugaa kana dhiisuufi dhoksuun seenaan Oromoo akka ummata godaanaa ta’eetti ibsuuf yaalaa turan. Haata’u malee ragaalee kanaafi ragaan isaan alas argamaniifi kan biraa dhawataan seenaan Oromoo gabbachaa dhufe. Argamni haaraan kun kaka’uumsa uumun namoota akka (De. Abbadie, 1897 Martial Da. Salvial, 1901) Nagaasoo Gidaadaa (1984). Tasamma Ta’aa (2002) Gadaa Malba, 1980. Mahamad Hassan 1990 Alamaayyoo Hayilee, 1996) wkf. Seenaan Oromoo akka bifa, gaarii ta’een barreefamuufi haala qabatamaa ummatichaa mul’isuun barreeffamu godhaniiru. Kana malees seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa jedhu hayyoota Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa bara 2008 qophaa’eefi hojiin Alamayyoo Hayilee (2007) keessatti maxxansiisan seenaa Oromoo hunddeen isaa akka lafa qabatu godhameera.

Hojii kamiyyuu caalaa hayyoonni Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa kitaaba “seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa“ dabalataanis kitaaba Seenaa Oromoo hanga jaarraa 20ffa jedhu kan ifa godhan yoo ta’u, dabalataanis Seenaa Oromoofi Sirna Gadaa, 2000, akkaasumas Seenaa Ormoo warjii 2003fi Sirna Gadaa Maccaa 2000 keessatti ragaa guddaa barreessuun seenaa ajaa’iba nama jechisiisu ifa godhaniiru. Falmii armaan dura tureef deebii qubsaa kennuu keessatti daangaa seenaa Oromoorratti jiru jijjiruuf bu’aa qo’annoo guddaafi jijjiiramni akka ta’u kan ta’eedha. Akka yaada hayyoota tokko tokkootti Kitabonni kun hojii seenaa Oromoorratti xiyyeeffate qofa otoo hinta’in, seenaa biyya kanaatiifuu bu’uura kan ta’eefi kallattii seenaa biyya kanaa armaan dura itti qoratamaa ture kan garagalchuudha jedhu. (Tasamma. T. jurnal of Oromo studies 2005).

Barreesitoonni seenaa Oromoo armaan dura ragaa qabatamaa hintaanerratti bu’uureffatanii hojjechaa turan sabni kun gonkumaa biyya kana keessa akka hinturre kan falman yoo ta’u, maddii hojii isaaniitti seenaafi ololaa Molokseen Abba Baharee jedhaman hojjataniif jibba dabtarootaafi deggartoota isaaniin barreeffamaa tureefi akkasumas Sheekota jibba Aadaa Oromorra qabanirraa akka ta’e ifa kan ta’eedha. Haata’u malee qorattoonni yeroo booda gara biyya kanaa dhufan keessaa dhawata hojii sobaa kana saaxiluun waan heddu hojjataniiru. Akkuma beekamu baroota (1843-1846) Oromiyaa keessa kan ture Antoine D’Abbade Sirna Gadaafi Qaalluu, akkasumas Aadaa Oromoo “Guduruufi” “Limmuu” Saqqarratti, waan hedduu barreessullee madda Oromoo eeruuf ragaa qabatamaa dhiyeessuu hindandeenye.

Haaluma kanaan madda Oromoo lafa Walal jechuu malee iddoo kana jechuun ifa gochuu dhiiseera. Haata’u malee Walaal Tulluwwan beekamoo Lixaa Oromiyaa (Wallaggaa) fi Kibba Oromiyaa (Boorana) keessatti beekaman ta’uu isaa eeruuf fakkaata. Barreessaan kun Oromoon saba bal’aafi Afriikaa keessatti ummata guddaa ta’usaa ifa godheera. Barreesitoonni baroota 1960 booda seenaa Oromoorratti hojjetan immoo maddaafi qubsuma Oromoo Afriikaa keessaatti naannoo gaanfa Afriika akka turetti, boodas ummata Sumaaleetiin achii dhiibamee gara jiddugala biyya kanaa dhufe jechuun ifa gochuuf kan yaalaniidha.

Haata’u malee barreesitoonni akka I.M.Lewis, (1960), Cerulli 1957, Trimingham, 1955; Huntingford, (1965), H. Lewis (1966), Braukukamber, (1980), Melba (1988) wkfn yaada Oromoon gaanfa Afriikaa keessa ka’ee gara kibba, dhihaafi kaabaatti socho’e jedhu kana cimsanii mormuu. Namoonni biroon yaada kana falmanis barreesitoonni akka Habarlandiifi (1963) M. Hassan (1994), fakkataaniifi kan biraas, Oromoon gaanfa Afriikarraa ka’ee gara Itoophiyaa jiddugalaati seene yaada jedhu kana ni mormuu.

Barreesitoonni Oromoon akka Itoophiyaadhaa ala ykn ardii Isiyaarraa dhufe jedhanis ni jiru. Jarreen kunis ummataa Oromoo akka Somaaleen baha biyyaa kanaatii dhiibamee ari’ameetti himu. Haata’uti Oromoon gurmaa’ina cimaa qabuufi humna gahaafi sodaachisaan socho’a tureefi moototaafi sulxaanota naannoosaa laafissee humnoota Sumaaliyaa keessaan yeroo san dhiibamee achii baqate jechuun rakkisaadha jedhu. Jarreen kunis kan akka /Trimingham 1952; Hanting ford, 1955 Alaqaa Atsmeefi Alaqaa I.E.S. Taayyee (1914) kan fakkataniidha.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 7 Bara 2015

Recommended For You