Sakatta’a seenaa Oromoo

Kutaa 11ffaafi isa xumuraa

Jarreen mootota Shawaa jedhanii of gurmeessan Nagaasii Kiristoosi kaasee hanga Minilk (mootii Shawaa) ga’utti yeroo waggoota 250 caaluuf falmii walirraa hincinne gochuun Oromoota Kaaba Shawaa Abbichuu Galaan, Jiddaa, Oborii Karrayyuu, Jiillee, Bala’a, Dullachaafi gara lixaan immoo, Warra Jaarsoo, Uru, Ada’a, Yaayyaa Meetta, Darraa (Salaalee) fi Boorannoo falmii qiixxifachiisaarra kan turan. Akkasumas lafa Oromoo kan amantiin Isilamaa fudhatan kan akka Walloo, Ifaat, Manzi ykn Manzuumaa, dhuunfachuun warreen amantaa Kiristaanaa fudhatan ofitti qabuun kan isaan mormaniifi amantaa Isilaamaa fudhatan immoo waraanuun biyyaa (lafaarraa) kaasaa akka turan seenaan ifa godha.

Oromoonni amantii lamaan hinhordofne baay’een garuu garee lamaaniyyuu mormuun hanga baroota ka’umsa Minilik II (1865) ga’utti humnoota naannawaasaaniitti cimaa deemu kana ofirraa rukutaa akka turan himama. (Atsmeta 1952) yaada kana yoo ibsu, Oromoonni Abbichuu lafa dirree ta’eefi fardaan loluuf namatti tolu kan qabatan yoo ta’u, warreen isa waraanaa (Amaarri Shawaa) lafa bowwaafi hallayyaafi qileen itti baay’atu keessa jiraatu jarreen kun akkuma allaattiin ykn risaan hantuuta samiidhaa gadi eegattu san, yeroo isaan tabba kana ol ba’an fardaafi eeboon rukutu. Warreen Amaaraas yeroo Oromoon waraanaaf gara bowwaa kanatti siqu goraadeen mormasaa kutu jedha. Kunis hanga qawween warra Awurooppaa warreen Kiristaanaa bira ga’utti tooftaa amantii namoota ofitti qabuun tokkummaa Oromoo diiguun itti fayyadamuu isaanii malee humna Oromoo cabsuu akka hindandeenye namatti mul’isa.

Jijjiiramni siyaasaafi waraanaa kan mul’achuu danda’e garuu jaarraa 19ffaa keessa bara mootii Saahileesillaseen mootii Oromoo Karrayyuu Halkoo mo’achuun Harraambaafi Qobboorraa ka’ee Ardaa Halkoo (Alkoo-Bar) to’atutti. Mootii Halkoon mo’atamtee gara Karrayyuu kibbaatti yoo baqattu, Amaarri Qundeefi naannawaasaa qabatanii Oromoo Karrayyuufi Abbichuu addaan kutuun humnasaanii Addaan qooduu danda’an. Naannawaan kun ammas magaalaa Dabra Birahaan dabalatee Konyaa Baasoo jedhamee kan beekamuudha.

Mootiin Shawaa Sahilasillaaseen akkuma haadha biyyaa Halkoo qawween mo’ate innis gara Oromoo Abbichuutti garagale. Haata’uutii isaan kana haala laayyoon mo’achuu waan dadhabeefi tooftaa amantii Kiristaanaa fudhachiisuufi soddummaan itti seene. Gama bahaatiin garuu Bulgaa qabatee hanga Sandaafaa ga’utti sululatti da’atee Oromoo saamuufi araddaasaa gubaafi saamaa ture. Darbees weerarasaa hanga Oromoo Sooddoofi Jiilleetti fullaasee saamuu eegale. Haata’uutii bara 1847 Sahilasillaaseen du’aan boqote. Du’a mootii kanaa booda waraanni xiqqoo qabbanaa’ullee bara Akaakayyuun mootii kanaa ykn mootii Minilik yeroo mana hidhaa Tewodroosii bahee gara Shawaatti deebi’u bifa haaraan itti fufe.

Mootii Minilkii II fi weerara Oromoorratti godhame

Mootichi Minilk Abbaasaa Hayilamolokotiifi Aadde Ijjigaayyoo Lammaarraa naannawaa Abbichuu, Ganda Angololaa jedhamutti bara 1844 dhalate. Mootiin kun gara haadhaatiin wanti gadifageenyaan beekamu jiraachuu baatullee maatii warra Bunee Boorri akka ta’an manguddooni ni dubbatu. Barreeffamoonni tokko tokko garuu akka Booranaa ykn Walloo taate ibsu.

Mootichi kun yeroo daa’imummaasaa gara waggaa 11 yoo ta’u, mootichi Gondor Tewoodroos gara Shawaa yeroo gabbarsiisuu dhufanitti Minilik haadhasaa wajjin yoo booji’an daa’ima turan. Naannawa kanatti qabamuun isaa ishee dhaloonni ishiifi firoonni ishee gara Oromoo akka ta’e ifa godha kan jedhan ni jiru. Minilik guddatee iddoo hidhamee Maqdalaarraa haadhasaa qabatee yoo deebi’u ammas kan isa simate Oromoo Kaaba-Baha Shawaa jiran yoo ta’u, booda abbaa waraanaa beekamaa Goobana Daaccii ta’uunsaa firoomina inni Oromoorraa qabu mul’isa.

Kana seenaarraa kan hubannu yoo ta’u, mootiin kun dhalootaan kan inni Oromoorraa qabuufi wanti inni dubbatu baay’ee kan walfaalleessuudha. Tarii isaafi Oromoo jechuun warra Amantii Isilaamaa fudhate jechuu ta’usaatii laata kan nama jechisiisuudha.

Gobana Daaccii

Mootichi kun gaa’ela siyaasaa inni raawwateefi kan inni ijoolleesaa lamaan Shawaaraggaafi Zawdituu dhumarratti heerumsiise Oromoof akka ta’e hubanna. Minilik haati warraasaa isheen duraa intala mootii Tewodroos Alxaash yoo taatu, ishee Maqdallaatti gatee akkuma baqateen haadha manaa ishee lammaffaan Bafaanaa jedhamti. Bafaanaan akkuma maqaan ishee ifa godhu Oromoo Booranaa (Walloo) akka taate beekama. Haati manaasaa isheen sadaffaan Xaayituu Buxuluu yoo taatu, sanyiin ishee Oromoo Gondor keessa jiraatan damee Yejjuuti. Xaayituu Buxul Adaadaa Gugsaa Walee Buxuliiti. Kan nama dinqisiisu immoo intalli mootichaa Minilik Zawudituun dhirsishee inni lammataa ilma Walee Buxul Gugsaati. Intala adaadaasaa jechuudha. Akka aadaa Oromootti gaa’ela seeraa jechuun nama rakkisa. Kan nama dinqisiisu Minilik Xaayituuf abbaa warraa afraffaa yoo ta’u, inni duraa Ilma Baafaanaa akka ta’e seenaan ni hima.

Gaa’ela intalasaa yoo fudhanne abbaan warraashee inni duraa ilma Raas Goobanaa Wadaajoo akka ta’e beekama. Wadaajoon ilma Mariid jedhamu erga irraa argatee booda waan walhiikaniif Mooticha Walloo Nugus Mikaa’el (Mahammad Aliitti) akka heerumte beekama. Mahammad Aliirraa ilma Iyyaasuu jedhamu deessee yeroo lammataaf da’umssarratti akka duute himama.

Iyyaasuun gara abbaasaan Oromoo Walloo (Mahammad Alii) ykn Nugus Mikaa’el yoo ta’u, mootichi Minilik lafa Oromoofi ummata Oromoo qawwee Awurooppaarraa argateefi humna Oromootiin yoo gabroomfatu jecha isaa keessatti Oromoo yoo galateeffatu hinmul’atu. Kunis abbootii waraanaa isa marsan kan akka Raas Goobanaa, Caacaa Doobbee, Birruu Nagawoo, Habta Goorgis Diinagdee (Qusee), Baalchaa Saafoo, Mahammad Alii (Nugus Mikaa’el), Walee Buxul, Hordofaa Cangaree, Tufaa Muunaa, Maannee Bulii, Birraatuu Goolee, Abbaa Jifaa, Kumsaa Morodaa, Bunee Boorriifi wkf. eeruun ni danda’ama.

Mootichi kun dhumarratti akaakayyuusaa Iyyaasuuf aangoon akka darbu yoo dhaamsa godhu “adaraa ilma kiyya hinganinaa, tokko ta’aa, Oromoon waan marfamneef ofeegaa” jechuun dhamsa dabarsee ture. Kunis kan argisiisu mootichi kun lafa Oromoo kan ta’e Finfinnee keessa otoo jiraatuu sammuun isaa garuu jibba guddaa dhokate Oromoorraa akka qabu kan ifa godhuudha. Mootichi Minilik babal’inasaa gara Kibbaa yeroo godhu humni Oromoo adda dureen akka isa gargaare seenaarraa ni hubatama.

Kunis kan ta’uu danda’e Oromoo hedduu kallattii jiddugalaafi lixaatiin Amantii Kiristaanaa fadhachuu isaaniifi warri amantii Isilaamas fudhate waan isa gargaareef akka loltuutti leenjisuun qawwee waan hireefi dabalataanis warri Awurooppaas waan isa gargaaraniifidha. Kana malees Oromoota addaan fo’uun dabareen wal-rukuchiisuun akka jaarsa araaraa jiddu seenee itti fayyadamaa turuu isaaniiti. Milkoominni guddaan mootichi argatee gorsistoota hedduu biyya alaatii gara biyyaatti seenuu isaanii malee abootiin waraanaa Faransaayiifi Raashiyaa kan akka ’Liwonteefi Bulatoouich’ hanga sadarkaan abbaa waraanaa (Dajjaazmaach) ta’uutti aangoo kennameefii ture.

Mootiin Shawaa obsa guddaa waan qabaniif milkoomaniiru. Mootiin Yohaannis IV waraana qabatee yoo itti dhufu humna isaa ilaaluun lolaan simachuurra araara filatee gabbareefii ture. Haata’uutii mootii Yohannisirratti duulli kallattii lamaan yoo itti ka’u, (Xaaliyaan Mitsiwwaadhaa, Mahidistiin Suudaanii gara lixaan) gargaarsa godhee gara dirree waranaa deemullee otoo waraana hingodhin deebi’uun humna qusachuu danda’eera. Haata’uutii mooticha Goojjam wajjin waliigaluun Yohaannis ganullee otoo Minilik hinwaraanin araaraan hiikuun gara Matammaatti duulee achitti du’ee hafe.

Duula Matammaa dura Yohaannis Gojjam waan waraana balleesseef humni cimaan biyya kana keessatti hafe humna Minilik II qofa waan tureef falmii tokko malee Shawaa dabalatee Kaabaafi Lixa Itoophiyaa akkasumas Kibba of jala oolchuun mootii mootichaa ta’uun aangoo biyyattii olaanaa qabachuu danda’ee ture. ” Obsaan aannan goromsaa dhuga” jechuun kanuma mitiiree. Mootichi Minilik obsaan gorsaafi barumsa biyyaafi biyya alaarraa argateen Impaayera Itoophiyaa jaarraa baay’eef adda babaate walitti fiduuf yaalii guddaa gochuu keessatti mootiisaaf milkaa’eedha. Haata’uutii mirgi sabummaa Oromoofi saboota biraas akka dhiitamaa ture yaadachuun barbaachisaadha. Kanarraa ka’uun warri gosasaa ta’e Immiyyee ykn haadha teenya jedhanii yoo isa faarsan, Oromoonis akka waliin faarsu barbadan, kun madaa seenaa keessatti hin irraanfatamne ta’us obsaan bira dabraa ture.

Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 5 Bara 2014

Recommended For You