Sakatta’a seenaa Oromoo

Kutaa 10ffaa

Wanti asirratti eeramuu qabu abbaan waraana mootota Shawaa Abbiyyeen bara 1747 Oromoo Karrayyuu wajjin otoo wal waraanuu qabamee ykn duularratti hofaadhaan akka du’e himama.

Baroota 1669 keessa abbaa waraanaa Nagaasii Kiristoosiin kan hundeeffame mootummaan Shawaa hanga bara 1703tti mootummaa Gondor jalatti al tokko tokko beekamtii argachuun al tokko tokko immoo isaan ala jabaachaa, guddachaafi babal’achaa akka dhufeen Oromoorratti dhiibbaa kallattii lamaan uume. Innis tokko gara kaabaan Oromoo Walloofi Raayyaarratti yoo ta’u, kuun immoo Oromoo Karrayyuu, Jiilleefi Tuulamaarratti ture. Haaluma walfakkaatuun Oromoon Gojjam keessa jiru yeroo eenyummaasaa itti gateefi meeshaa mootota Gondor ta’uun gara lixaan lafa hanga Guduruutti moototaan qabachuu eegaleedha.

Mootota Shawaa kana cimsuuf meeshaan waraanaafi humni nama Gondorirraa dhufu kun waraana Oromoorratti gaggeeffamu akka injifatan isaan gargaare. Yeroo kana garuu Oromoon akka waliif birmatu Sirni Gadaa jidduu galummaansaa laafee waan tureefi tasuma hindandeenye. Waraanni Gondorii gargaarsaaf dhufes lafa Oromoorra qubatee abbaa qabiyyee isaan godhe. Keessattuu bara 1720 mootiifi Abbaan waraanaa Shawaa gabbara waggaan kennu waan dhaabeef mootiin Gondor waraana gara Shawaatti ergeen waan moo’ameef hoomaan waraana Gondorootaa kan du’arraa hafe akkuma jirutti booji’amee Shawaatti hafe.

Namoonni booji’aman kun akkuma jirutti daangaafi lafa Oromoorra akka qubatan godhaman. Tooftaan kunis Oromoon yoo duula kaasee dhufe dursee akka isaan rukutuufi yeroo isaan walfixan qophiidhaaf akka moototaaf tolutti yaadamee kan godhameedha. Qubattoonni kunis lubbuu isaaniif jecha cimanii loluu eegalan, Waraanni akkasii waan isaan qaqqabeef cimaa dhufan. Iddoon qubatan kunis lafa gabbataarra waan tureef qonna eegalan. Kunis jireenya gaarii waan isaaniif fideef odeeffannoo isanii Gondoriif naannoo firoota booji’amtootaa bira waan gaheef humni namaa hedduu jireenya qananii kanarraa hirmaachuuf gara Shawaa ykn lafa Oromootti dhufan.

Haaluma kanaan Nagaas Kiristoosiin kan hundeeffame mootummaan Shawaa bara 1769–1813 Gondor jalatti guddachaa dhufe bifuma kanaan bara 1800 keessa mootii Sahilasillaaseenis (1813 – 1847) sanyii Mootii Solomoon isa Isiraa’el ofiin jechuun mootummaa Gondorirraati jedhee akka mootii Shawaatti ofiin of moggaase. Meeshaa bittaan biyyoota baha jiddugalaafi Awuroopparraa dhufaniin lafaafi qabeenya Oromoo saamuun gara wiirtuu ofiitti deebi’uu malee hoomaa waraana Oromoo fardaan lolan cabsuu hindandeenye ture.

Kunis lafa gabbataafi qabeenya looniifi midhaanii akka of jala hinoolfanne isa godhe. Saahilasillaaseen booda gorsitoota Gondorirraa dhufaniifi biyya Awurooppaarraa dhufanitti gargaaramuun, tooftaan waraana mo’achuu kun akka isa hinbaasne beekee Oromootti michoomuun tokkummaa isaanii soddummaafi firoomaan diiguu eegale.

Alkoobar (Halkoo-Bar)

Alkoo-Bar kan jedhamu Shawaa kaabaa Naannoo Amaaraa keessatti lafa argamuudha. Gandi Alkoobara jedhamu moggaasnishee akkuma armaan olitti eerame maqaa mootii Oromoo beekamtuu gosa Karrayyuu Halkoo jedhamturraa akka ta’e dubbatama. Jaarraa 17ffaa keessa bara mootonni Shawaa babal’achaa turanitti naannawa kana jiraachaa kan ture Oromoo akka ta’eefi mootii ykn haadha biyyaa cimtuufi waraanaan beekamtuu akka qaban dubbatama. Mootiin kunis waraana mootota Shawaa Amhaayees, Sibistee, Abhiyyeefi Saahilasillaaseen itti godhamaa ture ofirraa faccisaa akka turteef booda duula qixxeeffachiisaa booda naannawa kana gadhiisistee gara Karrayyuutti akka baqatte dubbatama. Oromoon Karrayyuu hedduun keessattuu gosti Dullachaas gara Affaaritti socho’uun yoo hafan, kuun gara Fantaalleetti baqatan.

Waraana kana booda mootii Saahilasillaaseen iddoo jireenyasaa gaareewwan Qundeetti hirkachuuf Arabaafi Qobbootti dhiisee gara Halkoobarriti dhufe. Kunis lafa waraanaaf mijooftuu taateefi da’annoo tulluuwwanii qabdu Tulluu Alkoo irra qabate. Kana booda naannoon sun maqaa mootittii sanaan Halkoo-bar jedhamee yaamamuu egale jedhama.

Halkoo-bara mooticha Shawaa Saahilasil laaseen bara 1813-47 keessa kan hundoofte yoo ta’u, hanga mootiin mootota Teewodroos Shawaa dhufee waraanaan to’annoosaa jala oolchutti teessoo mootummaa Shawaa turte. Kana booda garuu hanga Minilik II (lammaffaan) dhufee aangoo qabatutti konyaan Shawaa Kaabaa hundumtuu ofiin of bulchaa turan.

Gandoonni naannawa Alkoo barii jiran ammas akkuma dur maqaa Oromoon kan yaamaman baay’eetu jira.

Fakkeenyaaf kan akka – Dabbalee (Magaalaa xiqqoo)

– Gooro Beera

– Oromoonna Merqoo (Ganda)

-Gaara Nagaha (Imma Mirat) Iddoo Irreechaa

– Waaderaa (Mojaanaa waadaraa, Aaanaa)

– Qobboo

– Araabsaa (Arranbaa)

– Gaara Qundee (Gaara dheeraafi guddaa)

– Gaanyii

– Dullachaa

– Doofan Walaabu

– Gaachanii wkf. kan jedhamanii yaamamu.

Duula bara dheeraa kana keessa Oromoonni hedduun ganda isaaniirraa buqqa’an gara Argobbaatti kuun immoo Affaaritti kan kiristinnaa ka’an Amaaraatti makamuun akka naannoo kanarraa baqatan dubbatama. Fakkeenyaaf gosti Karrayyuu Dullaachaa jedhamu irra jireessi akka Affaaritti makamaafi amantii Isilaamaa fudhate achitti gale dubbatama. Haata’u malee Oromoon olaantummaa mootota Shawaafi kiristaanummaa fudhachaa turan hedduun akka achumatti hafaniifi eenymmaa ofiillee kan irraanfatan hedduudha.

Saahilasillaaseen tooftaan inni Oromoo ittiin cabsuu barbaade inni duraa Oromoo olaantummaasaa amanan tokko tokko aangoo olaanaa kenneefii gosa Oromoo Tuulamaa keessaa aangootti muuduu ture. Kunis Oromoo gosa tokko ofitti qabuun meeshaa waraanaa bittaan argame kenneefii wal ficcisiisuun boodas araaraaf fira fakkaatee jidduu seenuu ture. Tooftaan kunis Oromoo Abbichuufi Oborii akkasumas Jiddaa gidduutti qaawwi akka uumamu godhee ture. (Gadaa Meelbaa 1984) waraana kana keessatti garee tokko gargaaruun humni Oromoo akka dadhabu gochaa ture. Qaama Oromoo Galaan kan ta’an ja’an Galaan Jiddaa, Abbuu, Warra Jaarsoo, Liiban, Gaadullaafi Ada’aa yoo ta’an, Abbichuus ta’e Oboriin akkasumas yaa’a balbala gosa Jiddaafi Sadan Tuulamaati.

Mootichi Saahilasillaaseen gorsistoota Awurooppaatiin gargaaramaa duula Abbichuufi Jiddaarratti gaggeesseen milkoomees lafa da’annoo isaa Ankoobarritti deebi’uun jirachaa ture malee waraanni Oromoo mo’ame jedhee achii bahuun qubaatii haaraa gaggeessuu hinbarbaanne ture. Saahilasillaaseen Oromoo yeroodhaaf ofitti qabuun akkuma mooticha Gondor Susiniyaas, Iyyaasuufi Bakkaafaan godhe booda fixuuf malee jaalatee miti. Inni jaallatus firoonnisaa isa balleessu. Hammeenya isaanii keessaa tokko yoo fudhanne;

Ijoollee inni Oromtittii, intala Gaarii (Hiikee) Gaariirraa godhate lamaafi ishee qorichaan akka ajjeesan maanguddoonni Abbichuu xiiqiidhaan dubbachaa turan. Mootiin Shawaa Saahilasillaaseen beektota Awurooppaa qabachuun tooftaa warri Awurooppaa ittiin biyya hedduu qabatan barachuun “Diina kee yeroodhaaf fira godhachuu” kan jedhu hordofuun Oromoo muraasa ofitti qabee muuduun kan biraarratti kakaasuuf waraanuutti gargaarame.

Haala kanaan Saahilasillaaseen akkuma mootonni Gondoriifi Tigraay warra Awurooppaa wajjin michuu ta’aniifi faayidaa isaan argatan qorachuun itti gargaaramuuf yeroo itti hinfudhanne. Mootiin Shawaa kunis, Gara Arabiyaa kibbaa Yamaniifi Taajuraarraa meeshaa waraanaa hedduu bittaan kan galchan yoo ta’u, warra Awurooppaarraayis meeshaafi gorsitoota galchuu eegalan. Itoophiyaa jiddugalaa ykn Shawaa keessaa bifa daldalaafi misiyyooniin warri Awurooppaa baay’inaan kan seenuu eegalan bara mootii Shawaa Saahilasillaasee keessa ture.

Warreen Awurooppaa kana keessa Ingiliiziifi Faransaay kan dursu hinturre. Dippiloomaatonni Awurooppaa kun Halkoo-barri kan jiru masaraa Saahilasillaaseefi naannoo kana erga daawwatanii booda, biyyasaaniitti deebi’uun meeshaan waraanaa mooticha kanaaf kennanis ta’e gurgurtaan akka ergamuuf hoggantoota biyyasaaniif gaaffii dhiyeessaa turan.

Imaltoonniifi mishinaroonni Awurooppaa kunniin Habashoota diinaan marfaman kanneen baraaruufi gargaarsa kennuun gargaarsa kiristinnaaf godhamuufi humnasaanii jabeessu akka ta’e cimsanii waan himaa turaniif yeroo kanaa kaasee meeshaan waraanaa yeroo sanatti bifa haaraan omishamaa ture gara kanatti seenaa ture. Kana keessatti maamilummaa Habashootaafi faranjootaa haalaan cimaa yoo deemu dhumaatiin saboonniifi ummattoonni biraan homaa itti hinfakkaannee.

Barreesitoonni Awurooppaa kunis barreeffama (Asoosama) warra Awurooppaa gammachiisuuf jecha Abisiiniyaa biyya fagoo taateefi miidhagduu kana kan dhaadhessu oduu gaarii facaasaa turan. Kana keessaa barreessaa beekamaan San Siimoon jedhamu yaada kana fudhachuun magaalaafi lafa hinmul’anne magaalaa bareedduu (iftuu) ykn biyya namoonni walqixxummaan keessa jiraatu “utoppiya” jechuun hojjattoonni Awurooppaa fincilaniif kakaasaa akka ture eeruun ni danda’ama.

Mootichi Shawaa Saahilasillaaseen gorsiistoota Awurooppaatiin gargaaramuun, Oromoo kaaba Shawaarratti waggaa waggaan duula hedduu gaggeessaa turan. Kallattii biraatiin yeroo warri Awurooppaa biyyoota Afrikaa, Isiyaafi Laatiin Ameerikaa mara akka Koloniitti qabachaa ture waan ta’eef, ergamni Awurooppaa gama kanaan jiru humna ofii baay’ee otoo hinballeessin Habashootatti gargaaramuun namicha to’achuu ture.

Waraana bakka bu’ummaafi saamicha kanarratti misiyoonoonniifi ergamtoonni Ingiliizii kan akka Z.M.Harriss akka turan beekamaadha. Barreeffamaafi yaadannoo “M. Harris” akkasumas “Kraf” keessaa (1840) yoo fudhannu yaada yeroo sana akkasitti ifa godhu.

“Mootichi Saahilasillaaseefi waraanni isaa lafa ykn iddoo “Sululta” jedhamutti qubannee turre guyyaa keessaa gara sa’aatii 8:00 yoo ta’u, waraanni jalqabame. Sababiin waraanichaa Oromoon naannawa kana jiraatu gibira gaafatame yeroon waan galchuu dhiiseef jedhama. Yeroonsaa bona waan ta’eef namoonni yeroo itti bobba’an ture. Waraanni mootichaas wanta argatan mara erga saamanii booda midhaan (omisha) argame hanga danda’e guurratanii kan hafe gubuutti ka’an. Mootichis ajaja kennametti baay’ee gammadee manneen hafanis akka daaraa ta’an ajaje. Kan biraa M. Hariss kan barreesse waraana Oromoo Meettaarratti gaggeeffame yoo ta’u, waraana guyyoota murtaa’e keessatti godhameen namoonni Oromoo 4,500 akka dhuman ta’eera jechuun kan galmeesseedha. Seenaa gaddisiisaan Oromoorratti raawwate kun iddoo tokkoofi gosa naannoo tokko qubaterratti kan godhame yoo ta’u, iddoo biraatti bifuma walfakkaatuun akka raawwachaa ture hubachuun nama hin rakkisuu.

Ittifufa

Obbo Alamaayyoo Hayilee:  Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 28 Bara 2014

Recommended For You