Mammaaksa

Badiin bultii keessaa kudha shan;

            .Shan ni dhoksu;

            .Shan ni gorsu;

            .Shan  ni obsu;

 . Gabaan tokko dagattu  malee walii hingaltu,

 . Olkaa’an malee olka’aniif hinfuudhan,

 . Yaa afaanii jette funyaan gadi ilaaltee,

 . Wallaalaan waan beeku dubbata; beekaan waan dubbatu beeka,

 . Sanyiidhaaf sanyiirraa kutu, alagaa makarratti waakkatu,

 . Karaan sobaan darban  deebiitti nama dhiba,

 . Tafkiifi yaadni yartuun mana onaatti galu,

 . Bifa Waaqqayyotu nama tolcha, adeemsa abbaatu ofii tolcha jedhe jaldeessi,

  . Qotataa hinjajin, guduunfataa jaji malee,

  . Marqaa malli kutu madaansaa hinmul’atu,

  . Ergan galee naaf gale  atuu…abbaa keetii jedhe lugni,

Bariisaa Sanbataa Adoolessa 6/2011

Recommended For You

One Comment to “Mammaaksa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *