Hir’ina dhiigaa (‘Anemia’)

Yeroo tokko namicha ollaa kiyyaa, “Mana yaalaa deemnaan hir’ina dhiigaafi dhiibbaa dhiigaa qabda jedhee lamaaniifuu qorichi naa ajajame. Kun akkamiin ta’a, walhinfaalleessuu?” Jedhee na gaafate. Yeroo baay’ee namoonni hiika dhiibbaa dhiigaafi hir’ina dhiigaa akka walfaallessutti yaadu, dubbiin garuu akkana:

Dhiibbaa dhiigaa: Dhiibbaa dhiigaa jechuun dhiibbaa (‘pressure’) ittiin dhiigni onnee irraa darbatamee ujummoo dhiiga raabsituu keessa (‘artery’) yaa’u ittiin ujummoo sana dhiibu jechuudha.

Hir’ina dhiigaa: Kun ammoo yoo dhiigni diimaan qaama keenya keessatti argamu haga barbaachisuu gadi bu’u ykn dandeettiin oksiijiinii qaama keenyaaf barbaachisu sombarraa fuudhee gara qaamaatti raabsuunsaa gadi bu’e jechuudha.

Kanaaf, dhiigni qaama keessaa yaa’u seelii dhiiga diimaa gadi bu’aa (hanga barbaachisuu gadi) ykn dandeettiin oksiijiinii baachuusaa hir’ataa osoo jiruu, yoo onneerraa darbatamu ujummoo dhiigaa humnaa ol yoo dhiibe namni kun hir’ina dhiigaas dhiibbaa dhiigaas qaba jechuudha.

Gara hir’ina dhiigaatti haa deebinu. Hir’inni dhiigaa namoota baay’ee kan hubu yoo ta’u, biyya guddatte, Ameerikaattillee ummata biyyattii %5 ni miidha. Biyyoota guddataa jiran kan akka biyya keenyaa, kan hir’ina nyaataatiin rakkatanitti ammoo daran olaanaadha.

Keessumaa daa’imman, dubartoota ulfaafi namoota yeroo dheeraa dhukkuba birootiin dhukkubsatanirratti daran baay’ata. Hir’inni dhiigaa sababoota lakkoofsi isaanii hedduu ta’aniin dhufa. Dhiigni diimaan yoo hanga barbaachisu omishamuu dadhabe, yoo erga omishamee booda qaama keessatti dafee utuu umuriin isaanii hinga’iin (guyyaa 120 gaditti) sababoota garaa garaan du’an, yoo sababa dhiigni dhangala’uun altakkaatti dhiigni hedduun qaama keessaa ba’eefi kkfn dhufuu mala. Hir’inni dhiigaa mallattoo dhukkuboota birooti malee dhukkuba of danda’e ta’ee dhaabbatu miti. Hir’inni dhiigaa mallattoo dhibee hir’ina dhiigaa sana fideeti. Kana jechuun namni hir’ina dhiigaa qabu tokko hir’inni dhiigaa akkuma jirutti ta’ee dhibee/dhukkuba hir’ina dhiigaa itti fide sanaaf qoratamee yaalamuu qaba.  

Maaltu hir’ina dhiigaa fidaa?

  • Dhiiguu (dhiigni baay’een yoo qaama keessaa dhangala’e) kanneen keessaa: garmalee dhiiguu yeroo dahumsaa, marsaa laguu (keessumaa kan hanga eegamuu ol yaa’u,) quncurraa (kintaarootii) yeroo hedduu dhiiguu, dhiiguu sababa balaa tasaafi kkf.
  • Hir’ina nyaataa hir’ina vaaytaaminootaa (keessumaa vaaytaminii akaakuu B, hir’ina foolik asidii, hir’ina wahiyyoo (elementii) ayiranii (Iron) fa’a.
  • Dhukkuboota garaachaa (kanneen garaacha dhiigsan ykn xuuxama soorataarratti dhiibbaa fidan), raammoo garaa ‘hook worm’ (kan dhiiga garaa keessaa xuuxuufi soorata nama jalaa qooddatu), 
  •  Dhukkuba busaa keessumaa yoo altakkaatti baay’ee dhukkubse (P.falciparum) seelii dhiiga diimaa ajjeesuufi yoo waggoota dheeraaf dhukkubaa ture immoo karaalee biroo hedduutiin, dhukkuba kalee yoo baay’ee namarra ture (omisha seelii dhiiga diimaa akka hir’isu waan taasisuuf), dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni omishamu miidhuudhaan)fi kkf.
  • Dhukkubootni biroo, dhukkuboota kamuu ta’an kan yeroo dheeraaf namarra turan haalota gara garaatiin hir’ina dhiigaa ni fidu.

Mallattoosaa

  • Bowwoo, gurra keessaa namatti iyyuu, lafti namaan maruu, dhamni nyaataa namatti jijjiiramuu, waa yaadachuu dadhabuu.
  • Dadhabbii, afuurri ciccituu, harkiifi miilli diilallaa’uu, dha’annaan onnee otuma taa’anii akka nama fiiguu namatti dhaga’amuu

Akkamiin of wal’aanuu ykn of gargaaruu dandeenya?

Hir’inni dhiigaa laaboraatoorii daran salphaa ta’e dhaabbata fayyaafi kilinika kamittuu argamuun qoratamee barama. Sababa hir’inni dhiigaa kun itti dhufe beekuun garuu yeroo tokko tokko qorannoo olaanaa barbaaduu danda’a.

Wal’aansi hir’ina dhiigaa waan hir’ina dhiigaa fide san baruurraa jalqaba. Hir’inni dhiigaa sababa dhukkuboota gara garaa irraan dhufu dhukkuba san (kan hir’ina dhiigaa fide) yaaluu irraan fayya. Kun mana yaalaa deemuun kan gargaaramanidha.

Akka hawaasaatti hir’ina dhiigaarraa of eeguuf keessumaa biyya keenyatti  miilla qullaa deemuu dhiisuun ga’ee olaanaa taphata. Kunis raammoon ‘hook worm’ jedhamu kan armaan olitti dhiiga mar’imaan namaa keessaa xuuxuun hir’ina dhiigaa namatti fidu akka qaama keenya hinseenne waan gargaaruufi.

Lammaffaan hir’ina dhiigaa sababa nyaata dhabuu ykn akaakuu nyaata dhiiga keenyaaf gaarii ta’e nyaachuu (soorachuu) dhabuu irraa dhufu hambisuuf haala armaan gadii dhiiga keenyaaf akka fayyadan beeknee nyaachuu qabna.

  • Vitaamin ‘B12’ argachuuf: Foon diimaa, hanqaaquufi bu’aalee loonii akka aannanii
  • Faalik asidii (‘folic acid’) argachuuf: Kuduraaleefi fuduraalee baala qaban akka salaaxaafi raafuu, cuunfaa burtukaanaa, ruuzii, paastaafi midhaan akka baaqelaafaa.
  1. Ayiranii (Fe) ga’aa argachuuf: Tiruu, qurxummii, dinnicha (mosee), atara, foon diimaafaa sirnaan soorachuudha.

Nyaatawwan armaan olitti tarreeffaman kanneen ayiranii argachuuf soorannu kana yoo danda’ame waantota Vitaamin ‘C’ ofkeessaa qaban kanneen akka loomii wajjin yoo nyaanne xuuxama ayiranii dabaluun sirriitti akka qaama keenyaaf fayyadu taasisa. Yoo bunaafi shaayii wajjin dhugne garuu xuuxamuu wahiyyoo ayiranii waan hir’isaniif nyaatawwan ayiranii qaban kanneen waliin altakkaatti fudhachuun hingorfamu.

Akkamiin namoota hir’ina dhiigaan hubaman gargaaruu dandeenya?

Umuriin seelii dhiiga diimaa qaama keenya keessatti erga uumamanii booda giddugaleessaan guyyoota 120 ykn ji’a sadii qofa. Dhiigni diimaan ji’a afran kana dura qaama keenya keessa ture guutummaatti jijjiiramee kan biraatiin bakka bu’a. Dhiiga kana utuu namoota hir’ina dhiigaan du’aniif osoo arjoomneehoo?

“Dhiigni koo dhiiga isaa/ishee wajjin osoo walfudhachuu danda’uu, ani daqiiqaa 15 keessatti dhiiga arjoomuu osoon danda’uu, namni akka kootii dhiiga dhabee/dhabdee maaf lubbuun darbaa?” jennee of haa gaafannu, deebiisaas daqiiqaa muraasa kenninee dhiiga arjoomuun haa deebisnu. Hora bulaa deebanaa!

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *