Qilleensa siyaasa Harariifi pirezidaantiishee haaraa

Jijjiiramootni siyaasaa biyyattii keessatti erga mul’achuu eegalanii waggaa tokkorra darbeera. Pirezidaantonni naannolee, ministirootniifi hoggantootni duraanii gara sadarkaa federaalaatti kan darban yoo ta’u,  gariin ammoo humna haaraan bakka buufamaniiru.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii, Obbo Ordiin Badriis hoggantoota haaraa gara ittigaafatamummaatti dhufan keessaa tokkodha. Imala jireenyasaaniifi rifoormiiwwan naannicha keessatti adeemsifamaa jiran ilaalchisee Gaazexaa Bariisaa waliin tibbana turtii taasisaniiru. Kunooti!

Bariisaa: Hunda dursa nu waliin turtii taasisuuf eeyyamamoo ta’uu keessaniif galateeffanne, Obbo Ordiniin eenyu yaa jennu?

Obbo Ordiin: Maqaan koo Ordiin Badriin jedhama. ALI bara 1973tti magaalaa Harar Hospitaala Jogol keessattan dhaladhe. Maatii koof ilma hangafaa waanan ta’eef jireenya qananiitiin na guddisan. Haadhaafi abbaakoo qixuman jaaladha; isaanis akkasuma.

Abbaan koo abbaa seeraa waan tureef, barnoota koo sadarkaa 1fa magaalota addaddaa keessatti baradhe. Sababnisaa bara sirna dargii keessa hojjetaan mootummaa tokko iddoowwan ramadame hundumaatti deemee hojjechuuf dirqama qaba ture. Kanarraa kan ka’e Arbaa Minci, Harariifi Gursumitta baradheen gara sadarkaa 2fatti tare. Barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo mana barumsa Harar Madaanalamittan baradhe.

Barnoota sadarkaa 2fa ergan xumuree boodas carraa yunivarsiitii waanan argadheef Yunivarsiitii Bahaar Daarirraa Saayinsii pedaagoojiitiin digrii jalqabaa koo fudhadheera. Yunivarsiitii Haramayyaarraa ammoo hoggansa barnootaan (educational leadership) digrii 2fa argachuu danda’eera.

Bariisaa: Bara kam hojii mootummaa eegaltan? Dameen hojjechaa turtan hoo?

Obbo Ordiin: Si’a jalqabaaf hojii mootummaa kanan eegale bara 1997ti. Ergasii kaasee akka ogeessaattis ta’e ittigaafatamummaan iddoowwan addaddaatti ramadamee hojjedheera. Kanaanis Biiroo Barnoota naannoo Hararii keessatti ogeessa barnootaafi hogganaa ittaanaa ta’uun tajaajileera. Kolleejjii Barsiisota Hararii keessattis diiniifi diinii ittaanaa ta’uun, Ittigaafatamaa Waajjira Pirezidaantii naannichaa, akkasumas Hogganaa Biiroo Aadaafi Hambaa naannichaa ta’uun ummata koo tajaajilaan ture. Kunoo wayita ammaa ammoo fedhii Rabbii taanaan Onkololessa 20  bara 2011 irraa kaasee Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii ta’een ummata tajaajilaan jira.

Bariisaa: Haalli gaa’elaa hoo?

Obbo Ordiin: (Kolfa!), maal dargaggeessan fakkaadhee? Tole, ergan haadha warraa koo Rahaanii Saladdiin waliin bultii dhaabbadhee waggoota kudhan lakkoofsiseera. Har’a kunoo rabbiin haa galatu malee daa’imman sadii horachuu dandeenyeerra. Kan hangafaa Rittaachi Ordiin jedhamti. Kan ittaanu dhiira yoo ta’u, Mohaammad Ordiin, akkasumas kan sadaffaa ammoo Mahii Ordiin jedhamti.

Bariisaa: Imala jireenya keessanii keessatti waqtiin  baay’ee rakkisaadha jettan yoom?

Obbo Ordiin: Ani waqtiin baay’ee rakkisaadha jedhee ittamanu yoo jiraate wayita ammaa kanadha. Kunis gama tokkoon jijjiiramoota hawaas-dinagdeefi siyaasaa keessa jirra. Haalli  siyaasa Itoophiyaas qilleensa hamaatiin raafamaa jira. Kanarraa kan ka’e rakkooleen furmaata osoo hinargatiin jiran hedduudha. Kunimmoo waqtii jijjiiramaatti iddoo hoggansaarra taa’anii ummata tajaajiluun rakkisaa ta’uusaa kan mul’isuudha.

Fakkeenyaaf, wayita ammaa walitti bu’iinsi sabummaarratti xiyyeeffate, haasaan jibbiinsaafi siyaasni shiraan xaxame haalaan babal’achaa waan jiruuf lammiileen biyyattii tokkummaafi waljaalalaan akka waliin hinjiraanneef gufuu uumaa jira. Haalli nageenyaas baay’ee sodaachisaadha. Gama tokkoon hawaasni gaaffilee misoomaa kaasaa waan jiruuf deebisuuf ammoo nagaafi tasgabbiin murteessaadha. Nagaafi tasgabbii mirkaneessuuf ammoo yeroo hundumaa kutannoon hojjechuu nama gaafata. Kunimmoo haalaan ulfaataa waan ta’eef, maatiifi daa’imman keef yeroon ati kennitu hinjiraatu. Osuma boqochuuf jettees yeroodhaa yerootti ajandaawwan hedduun jijjiiramanii waan dhiyaataniif obsaan hojjechuu barbaada.

Waqtiin kun rakkisaa yaa ta’u malee, yeroo kanatti Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii hogganuun anaaf kabaja olaanaadha; seenaa waan ta’eef ittis gammadeera. Waanan hubadhe yoo jiraate garuu waan marti walqixxaataa waan hintaaneef ciminaan, amantummaafi qajeelummaan ummata naannichaa tajaajiluudha. Kanaaf ummatni na cinaa dhaabbachuu qabu.

Bariisaa: Gara sadarkaa pirezidaantummaatti erga dhuftanii ji’oota saddeet lakkoofsistaniittu. Gaaffilee ummata naannichaa akkamiin deebisaa jirtu?

Obbo Ordiin: Ummatni akka ummataatti rakkoo kan qabu miti. Kana ana miti addunyaatu ragaa baha. Hangan hubadhetti, gaaffiin ummataa inni ijoon tokkoomnee yaa jiraannuudha malee addadda faca’uu miti. Jijjiirama keessatti wayita gara walta’insaatti deemamu rakkoolee hedduun mudachuu akka malan beekamuu qaba. Kan amma biyyattii mudachaa jiranillee kanuma calaqqisiisu. Kunoo har’a waliigalteen gaaffilee ummataa deebisuuf tattaafachaa jirra.

Bariisaa: Hojiilee hanga har’aatti hojjettan keessaa isa kamiin milkooftan?

Obbo Ordiin: Yeroo dheeraaf sektara barnootaa keessan ture. Hojiilee bu’aa qabeessaafi quubsaas hojjedheera jedheen amana. Naannoo Harar keessatti rakkooleen barnootaa hangas mara jiraachuu baatuyyuu walgeettiifi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf tattaaffii olaanaa taasisaan ture. Harcaatiin barattootaas akka hinuumamneef tooftaawwan garagaraa bocuun hojjechaa waanan tureef itti milkaa’eera jechuu nandanda’a.

Bariisaa: Olaantummaa seeraa kabachiisuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Ordiin: Akkuma biyyaattuu jijjiiramni siyaasaa gara gaariitti qilleensa’uu erga jalqabeewaggaa tokko ta’eera. Yeroo kana keessatti irra caalaatti marii siyaasaa adeemsisaa waan turreef, hoggantoota duraanii sadarkaa addaddaarra jiran jijjiiruu dandeenyeerra. Ta’us, jijjiiramootni dhufan guutummaatti milkaa’aniiru jechuu hindandeenyu. Sababiinsaa hojiileen hafan waan jiraniif. Hundarra dhimma nagaafi tasgabbii naannichaarratti xiyyeeffannootiin hojjechaa waan turreef, hanga tokko sochii siyaasa seeraan alaafi jeequmsaa duraan ture akka qabbanaa’u gooneerra.

Bariisaa: Walitti dhufeenyi ODPfi Liigii Biyyaalessa Hararii(LBH) akkamiin ibsama?

Obbo Ordiin: Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Hararii walta’iinsa paartilee siyaasaa lamaan (ODPfi LBH) gaggeeffamaa jira. Mana mareefi qaama raawwachiistuu keessattis teessoo walqixa kan qabnu yoo ta’u, aangoo mootummaas qixaan qoqqooddaneetuma waliin naannicha bulchaa jirra. Waggoota kurnan lamaan darban keessa paartilee siyaasaa lameen gidduutti walshakkiifi walamantaan waan hinturreef, hojii walkuffisanii darbuun shirri siyaasaa bal’inaan adeemsifamaa tureera.

Kanarraa kan ka’e olaantummaan seeraa gaaffii keessa galeera, ummata tajaajiluurra fedhii dhuunfaa ofii galmaan gahachuuf hoggantootni fiigaa turan bajatni naannichaa seermalee akka qisaasa’u godhaniiru. Lafti invastimantiif oolu weerarameera, daldalliifi ijaarsi seeraan alaa babal’ateera, qaamoleen nageenyaas sochiiwwan seeraan alaa keessatti qooda fudhachaa waan turaniif, gurmaa’insi seeraan alaa akka heddummaatu ta’ee ture. Kuni marti walitti ida’amuun nageenya ummataa sodaa guddaa keessa galcheera.

Bariisaa: Rakkooleen eeraman kunneen furaman moo?

Obbo Ordiin:  Hoggantootni paartilee lameenii akka jijjiiraman ta’eera. Kanaan booda hojiin nu jalqaba hojjenne waldhabdee paartilee lamaan gidduu ture furuu yoo ta’u, itti milkoofneerra. Akkaataa itti gaaffilee ummataa walta’insaan deebisuu dandeenyurrattis sanada waliigaltee qopheessinee hojjechaa jirra. Kanaaf walitti dhufeenyi paartilee siyaasaa lameenii haala gaariirra waan jiruuf jaalalaan ummata keenyaaf kan hojjechaa jirru ta’uusaa hubatamuu qaba.

Bariisaa: Rakkooleen nageenyaa mudachaa turan amma maalirra jiru?

Obbo Ordiin: Naannoo Harariitti rakkooleen nageenyaa turan haaraa miti. Sosochiin ummataa akkuma biyyaatti waan tureef qilleensi siyaasa Itoophiyaa akka jijjiiramu godheera. Gaaffileen ummataan ka’aa turanis gariinsaanii deebii kan argatan yoo ta’u, gariin ammoo adeemsarra jiru. Fakkeenyaaf, mormii dhiyeessa bishaan dhugaatiifi gatiinsa balfaa waliin walqabatee ture beenyaa gahaa kaffaluutiin guutummaatti furreerra.

Rakkoolee qaamolee nageenyaarratti mul’achaa turan furuuf ammoo keessumaa poolisootni naannichaa leenjii haaromsaa akka fudhatan gochuun danda’ameera. Haala qabatama naannichaatiin wayita ilaallu humni addaa (liyuu haayiliin) barbaachisaa waan hintaaneefis gurmaa’insichi akka diigamu gooneerra. Miseensota poolisii gochoota seeraan alaa keessatti hirmaachaa turan garuu ragaarratti hundoofnee seeratti dhiyeessineerra.

Ji’oota darban keessa waliigalaan hojiilee hedduu hojjenneerra. Hojiileen ijoon lama garuu kan nu hafan ta’uusaa hubatamuu qaba. Isaanis ijaarsa seeraan alaa sirna qabsiisuufi lafa manneen barnootaa, dhaabbilee amantiifi namoota dhuunfaa bal’inaan weeraramaa ture deebisuudha. Kana sirreessuuf garuu haala siyaasa biyyattii qajeelchuu gaafata.

Bariisaa: Konfiransiin hariiroo obbulummaa Harariitti erga adeemsifamee as bu’aawwan argaman maali?

Obbo Ordiin: Pirezidaantiin ittaanaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hariiroo obbolummaa ummata Oromoofi kanneen biroo cimsuuf tattaaffii olaanaa taasisaa turuunsaanii kan beekamuudha. Ji’a darbe keessa naannoo keenyatti argamuun ummata waliin teenyee bal’inaan marii’anneerra. Kanaanis hundarra walitti hidhamniinsa ummattoota Itoophiyaa Bahaa (Oromoo, Somaalee, Affaariifi Adaree) uumuutiin bu’aan guddaan galmaa’eera jechuu nan danda’a. Kana ammoo itti fufsiisuu danda’uu qabna.

Kana malees, hariiroo hoggantoota ODPfi Liigii Biyyaalessaa Hararii gara gulantaa olaanaatti guddisuun danda’ameera. Kunimmoo dhimmoota nageenyaafi misooma hundaarratti waliin akka hojjennuuf kaka’umsa guddaa kan uumedha.

Bariisaa: Daraggootaaf carraa hojii uumuu waliin walqabatee maaltu hojjetame?

Obbo Ordiin: Dargaggootaaf carraa hojii uumuuf bajatni barana ramadame guddaadha. Waggoota darban keessa carraa hojii uumuuf miliyoona kudhanii hanga kudha shanii qofatu ramadama ture. Barana garuu miiliyoona torbaatama ramaduun dargaggootni hedduun hojii keessa akka seenan taasifameera. Rakkooleen turan bajata gahaa ramaduu dhabuu osoo hintaane, dargaggoota haalaan gurmeessuufi to’achuu dhabuutu ture. Kunimmoo hojii dhabdummaan dargaggootaa maallaqa kennuu qofaan kan hiikamu akka hintaane mul’isa jechuudha.

Kana furuuf ammoo akka mootummaatti kallattiin taa’eera. Kunis, liqii maallaqaan dura daraggootaaf leenjii hubannoosaanii gabbisu kennuuf karoorfameera. Kana waliinis iddoowwan omishaafi gurgurtaa qopheessuuf, akkasumas walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf qabameera. Wanti guddaan hubatamuu qabu yoo jiraate garuu ilaalcha dargaggootaa jijjiiruu danda’uudha.  Ilaalchi, “Maallaqa ummataa nyaadheen bada” jedhu dargaggootarratti mul’achaa waan jiruuf fooyyessuuf hojjechaas jirra. Kanaaf dargaggootnis qoodasaanii bahachuu qabu. Bajata naannoo keenyaaf ramadame garuu seerumaan itti fayyadamaa kan jirru ta’uusaa hubatamuu qaba.

Bariisaa: Dargaggoota Adareef bajatni mootummaa qofaatti kennama yaadni jedhu jira. Kun sirriidha?

Obbo Ordiin: Kun dhugaarraa kan fagaatedha. Yaadotni dogoggooraa ummata Oromoofi Hararii (Adaree) walitti buusuuf hedduun deddeebi’aa turaniiru; ammas jiru. Mootummaan dargaggoota Adareef bajata qofaatti ramadu hinqabu. Bajatni naannichaa ifaan ifatti ramadama; hojiirra oolas. Kanaaf dubbiiwwan sobaa afarsuutiin ummattoota yeroo dheeraaf karaa nagaafi jaalalaan jiraachaa turan walitti buusuuf yaaluun yoomillee hinmilkaa’u; nuyis cimnee qabsoofna.

Bariisaa: Dallaa Masaraa Jogolirratti miidhaan dhaqqabaa waan jiruuf galmee ‘UNESCO’ haqamuu danda’a sodaan jedhu jira. Maaliif?

Obbo Ordiin: Dhuguma dubbachuuf dallaan Masaraa Jogol haala yaaddessaa keessa jira. Masaraan kun ALI bara 2006tti akka hambaa kiliyaatti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Damee Barnootaa, Saayinsiifi Aadaatti (UNESCO) galmeeffameera. Hambaan kunimmoo kan ummata Hararii qofaa osoo hintaane kan ummattoota Itoophiyaafi addunyaa maraati. Wayita Yuneeskootti galmeeffames hambaa dhala namaa jedhameetidha.

Kanaaf ummata addunyaa biratti faayidaansaa olaanaa waan ta’eef, kunuunsaafi eegumsa olaanaa isa barbaachisa. Wanti beekamuu qabu yoo jiraate ammoo dallaa Jogol keessa dhagaa tokko ykn appaartimantii tokko qofatu jira miti. Dallicha keessa manneen durii miidhaginaan ijaaraman hedduutu jiru. Haalli jireenya ummata Oromoofi Adaree, haalli uffannaasaanii, sirni nyaataafi kkf dallichuma keessatti argamu. Dallicharratti miidhaan qaqqabnaan ammoo kun marti kan badan ta’uusaanii hubachuun barbaachisaadha.

Naannawa dallichaa kallattii arfaniin jirurratti ijaarsa seeraan alaa gaggeessuun dhorkaa ta’uyyuu waggoota lamaan darban keessa seeraan ala raawwatameera. Namootni dhuunfaa waliinsaanii hinbeekamnes dallichaa diigaa waan turaniif, miidhaan hamaan gaheera. Wayita ammaa garuu rakkoolee turan furuuf hawaasa waliin hojjechaa jirra.

Bariisaa: Ummattoota naannoo Harariifi Itoophiyaaf, akkasumas daraggootaaf ergaan dabarsitan yoo jiraate?

Obbo Ordiin: Ergaan ummataa biyya keenyaaf qabu yoo jiraate faffaca’uurra tokkoomuun sadarkaa badhaadhina hawwaa turreerra  kan nu geessisu ta’uusaa beekamuu qaba. Kanaaf waljibbuufi waldhiibuurra jaalalaan waliin jiraachuun hundarra kan caalu ta’uusaa ummatni Itoophiyaa osoo hubate waan gaariidha.

Dargaggootni ammoo umriin dargaggummaa hubannaa guddaa kan barbaadu ta’uusaa beekuu qabu. Si’a baay’ee dargaggootni miirasaanii to’achuu dadhabu. Kunimmoo balaa kamiifuu kan isaan saaxilu ta’uusaa beekanii yaada tasgabbaa’aa horachuu qabu. Hunduu dameerratti bobba’anirratti bu’aa qabeessummaa isaanii mirkaneeffachuuf tattaaffii walirraa hincite gochuun murteessaa ta’uusaa osoo hubatan gaariidha.

Hundarra ammoo yaada bilchina qabu horachuuf dargaggootni aadaa dubbisuusaanii gabbifachuun isaanirraa eegama. Biyya bulchuun, gaggeessuufi qaroomsuunis yaada bilchina qabuun waan ta’eef. Daraggootni kanaan booda waan dogoggoraafi yakka ta’e hojjechuurraa of qusatanii jireenyasaanii, maatiisaaniifi biyyasaanii jijjiiruuf mootummaa waliin qindoominaan hojjechuu qabu.

 Takkaalliny Gabayyootiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

One Comment to “Qilleensa siyaasa Harariifi pirezidaantiishee haaraa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *