Dhukkuba vaayirasii tiruu jechuun maal jechuudhaa?

Erga dhiiga keessan qorachiiftanii of beektanii booda talaallii fudhachuudhaan vaayirasicha ofirraa ittisuun ni danda’ama.

Dhukkubni tiruu kan” viral hepatitis” jedhamu gosoota vaayirasii shan (hepatitis A, hepatitis B, hepatitis C, hepatitis D fi hepatitis E virus) irraan kan nama qabu yoo ta’u, rakkoo tiruu yeroo dheeraa kan fidan hepatitis B fi C qofadha. Yeroo ammaa vaayirasiin sodaachisaafi biyya keenya keessattis lubbuu hedduu galaafataa jiru vayireesii tiruu isa gosa “B” jedhamu kanadha.

  • Vaayirasiin tiruu lubbuu namaa hangam galaafataa jiraa?

Addunyaa keenya irra namoonni gara biliyoona lamaa (2,000,000,000) ta’an vaayirasii kanaan kan qabaman yoo ta’u, hedduun isaanii dhiiga isaanii keessaa ittisni qaamaa (immunity) lolee kan balleessu yoo ta’u gara miliyoona 300 (300,000,000) ol kan ta,an vaayirasiin hepatitis B kun qaama isaanii keessa jiraata. Kanneen keessaa kan walakkaa miliyoonaa ta’aan waggaa tokko keessatti lubbuun isaanii sababa vaayirasii kanaa ni darba.

Gara biyya keenyaatti yoo dhufnu argamni vaayirasii kanaa akka dhaabbanni ittisafi to’annoo dhukkuubootaa (CDC) gabaasetti dhibbeentaa 10 haga 20 ta’a. Kana jechuun namoota kudhan keessa namni tokko vaayirasii kana of keessaa qaba, nama biraatti dabarsuu danda’a jechuudha. Kun hagam akka inni baay’inaan argamuufi hagam akka of eeggachuu qabnu nutti mul’isa.

  • Namoonni vaayirasii tiruu kanaan carraan qabamuu isaanii olka’aa ta’e namoota akkamiitii?

Namoota mana yaalaa keessa hojjatan, ogeessota fayyaa dabalatee (dhangala’aa qaama dhukkubsataa keessaa ba’uuf saaxilamoo waan ta’aniif; namoota qunnaamtii saalaa namoota addaa addaa hedduu waliin raawwatan; dubartoota mana bunaa keessa galiif walqunnaamtii saalaa dalagan (commercial sex workers) fi kanneen biroo.

  • Dhukkubni Hepatitis B karaa kamiin daddarbaa?

Vaayiransiin kun akkaataan namaa namatti daddarbuu isaa vaayirasii HIV waliin kan walfakkaatu ta’ee, dandeettiin daddarbuu isaa kan vaayirasii HIV harka 50 oliin caaludha. Vaayirasiin hepatitis B kun karaan ittiin daddarbu inni guddaa karaa qunnaamtii saalaafi meeshaalee qara qaban waliin fayyadamuudhaani. Akkasumas haadha irraa dhalatti (yeroo da’umsaafi gadameessa keessatti), dhangalaa’aa kaamiyyuu qaama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti faca’uun ni daddarba. Karaan daddarbuu isaa dhukkuba HIV waliin wal fakkaata. Haa ta’u malee carraan namaa irraa namatti daddarbuu kan vaayirasii kanaa HIV caalaa baay’ee olka’aadha.

  • Dhukkubni vaayirasii hepatitis B mallattoo akkamii agarsiisaa?

Vaayirasiin hepatitis B nama tokko erga qabatee booda waggoota dheeraadhaaf mallattoo tokko illee osoo hinargisiisiin dhokatee jiraata. Yeroo kana namoonni vaayirasii kana qaban (baataa) gara nama biraatti dabarsu. Waggoota dheeraa erga nama keessa turee booda vaayirasiin kun suuta suutaan seelota tiruu ajjeessuun hojii ala taasisa. Kanneen biroo ammoo tiruu isaanii kaansarii tiruu (hepatocellular carcinoma) qabsiisa.

Vaayirasiin kun dhukkuboota kana erga  namattii fidee booda, mallattoowwan miidhamuu ykn dadhabuu tiruu argisiisan mul’isa. Mallattoon dhukkuba kana keessaa: qaamni guutummaa guutuutti (keessumaa garaan) dhiita’uu, halluun ijaa gara keellootti jijjiiramuu, haalluun fincaanii bifa kokaa kollaa fakkaachuu, dadhabsiisuu, nyaata jibbisiisuu, balaqqamsiisuu, dhagna gubsiisuufi kanneen birooti.

  • Of eeggaannoo akkamii gochuu qabnaa?
  • Namoota dhukkuba kana akkaqaban beekameefi mallattoo dhukkuba kanaa qaban (hanga manayaalaa deemnee qoorachiifnutti) harka duwwaa tuttuquu irraa of qusachuu qabna.
  • Talaalliin hepatitis B virus fudhachuun hanga dhibbeentaa 90 umrii guutuudhukkubicha namarraa dhorkuu danda’a. Talaalliin kun keessumaa namoota mana yaalaa keessa hojjataniif namoota qunnaamtiisaalaa namoota hedduu waliin taasisaniif hedduu barbaachisaadha. Taalaalliin kun namoota umuriin keenya sadarkaa daa’immanii ol ta’eef kilinikoota dhuunfaa hedduu keessatti argama. Daa’immaniif garuu akkuma sagantaa talaalliitti kennamaa jira.
  • Yoo tarii osoo talaallii isaa hinfudhatiin dhiiga nama dhukkuba kana qabuu waliin walitti buutan, qorichi sa’aa 72 keessatti fudhachuu qabdan (immunoglobulin) ni jira. Kanaaf erga mudatee booda atattamaan mana yaalaa deemuun dirqama.
  • Namni vaayirasii tiruu Kanaan akka qabame ofirratti beeke furmaata akkamii argachuu danda’aa?

Namoonni dhiiga isaanii keessa vaayirasiin kun jiraachuufi jiraachuu dhiisuu isaa hinbeekne qoratamuudhaan ofbeekuun isa jalqabaati. Keessumaa namoonni armaan olitti vaayirasii kanaaf saaxilamoo ta’an atattaamaan qoratamuun barbaachisaadha. Yoo qoratamanii dhiigni ofii vaayirasii kanarraa bilisa ta’uu beekan talaallii vaayirasii kanaa fudhachuu qabu. Namoonni qoratamanii dhiiga isaanii keessa vaayirasiin kun akka jiru beekan, qorannoon laaboraatoorii hagam akka tiruun miidhameefi wantoota gargaraa baarbaachisan tokko tokko agarsiisan dabalataan erga qoratamanii booda sadarkaa qoricha barbaachisu irraa kan ga’anii jiran yoo ta’e, qoricha vaayirasii kanaa gosa garaa garaa waan jiraniif fudhachuun ni danda’ama. Qorichoonni kunis yeroo ammaa biyya keenya keessatti waan argamaniif fudhachuun ni danda’ama.

“Fayyaan Faaya”

Doktar Gurmeessaa Hinkoosaa ogeessa fayyaa yoo ta’an,
Koolleejjii Medikaalaa Hospitaala Kiddus Phaawuloosiitti
baratan. Wayita ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.

Recommended For You

One Comment to “Dhukkuba vaayirasii tiruu jechuun maal jechuudhaa?”

  1. Pingback: grote blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *