“Biyya kana jeeqaa kan jiru anatu siif beekaadha” -Pirofeesar Efreem Yisaaq

Waggaa 82 dura lubni lammii Israa’eel tokko amantii barsiisuuf gara Dirre Dhawaa dhufe. Utuma achi jiranii hiriyyaan isaa dubartii tokko mataa baqaqsee gara Finfinneetti baqata. Achittis nama Fitaawuraarii Waaqjiraa jedhamuun walbaree, isaan warqeefaa waan hojjechiisaniif gara Najjootti fuudhanii deeman. Lubni kunis namoota sadii ta’aanii hiriyyaasaanii barbaacha garasuma deeman.

Garuu akka yaadan hiriyyaasaanii utuu hindeebisin isaanu qe’eedhuma Fitaawuraariitti hafan, waggaa torbas hojjetan. Kanaa booda hojii eegalan. Durba Najjoos fuudhanii ijoollee sagal horatan. Ijoolleesaanii keessaa dhimma jaarsummaa Itoophiyaarratti hojii baay’ee kan hojjetan Pirofeesar Efreem Yisaaq tokko.

Keessummaan Bariisaa Sanbataa keenyas isaanuma. Muuxannoofi mudannoosaanii nuuf qoodaniiru. Yeroo barreeffamni kun maxxanfamutti isaan gara Ameerikaatti deebi’aniiru. Baroonni barreeffama keessatti eeramanis akka kan Awurooppaanootaati. Dubbisa gaarii.

Bariisaa: Pirofeesar walbarruu?

Pirofeesar Efreem: Tolee, ani Efreem Yisaaqin jedhama. Kanin dhaladhe Wallagga Lixaa, Najjootti. Barnoota koo hanga kutaa saddeetittis achumatti mana barumsaa warra Siwidishittin baradhe. Najjoon biyya gaariidha, namoonni ishees gaariidha; ijoollummaakoo yommuun yaadadhu baay’een jaalladha.  Isaa booda gara Finfinnee dhufe mana barumsaa Haayilasillaasee, Sadarkaa lammaffaattin kutaa 9-12tti baradhe.

Barnoota sadarkaa lammaffaas qabxii gaarii galmeesisee xumuruun ‘Yunvarsiitii Kollejii Addis Ababaan seene. Achittis gosa barnootaa ‘pre medicine’ jedhamuun baradhe. Ta’us yommuun Najjoo barataa tureefi ergan Finfinnee dhufee biratti muuziqaas waanin baradheef utuun waggaa lammaffaa barachaa jiruun Mana Amantii Makaana Yasuusitti  kuwayeerii (gurmuu faarfattootaa) dhaabe. Gurmuun kun akka biyyaatti kan jalqabaa ture.

Itoophiyaatti Ambaasaaddariin Ameerikaa yommuusii  Saayiman jedhamu yommuu nuti gurmuudhaan faarfannu nu arganii  baay’ee nutti gammadan. Ofitti na waamanis akkan muuziqaa baradhu na gaafatan. Anis yoon carraa argadhe barachuu akkan barbaadu ibseef. Kanaa booda biyya Ameerikaa Kolleejii Konkordiyaa jedhamutti iskoolaarii naaf kennan.

Bariisaa: Barumsa keessan isa kolleejjii ni dhiistan moo?

Pirofeesar Efreem: Lakki hindhiisne. Kolleejjii keessatti waggaa lama falaasama erga barannee booda waggaa lamammoo barnoota keemistiriifaa, baayolojiifaa baranne. Ameerikaa yommuun deemees kanuman itti fufee baradhee xumure.

Yommus Ijoolleen Itoophiyaa Ameerikaa Kaabaa jirru 300 hincaallu. ALA bara 1959tti bakka addaddaatii walitti dhufnee Ameerikaa Kaabaatti Waldaa Barattoota Itoophiyaa dhaabne. Anaanis pirezdaantii waldichaa taasisanii na filatan. Yeros yaadni koo lamatti hiiramee ture. Ani kanin gara Ameerikaa deeme barnootaaf malee jireenyaaf waan hinturreef pirezdaantii ta’ee filatamuukoo badaa hinfudhanne.

Yaada kanaan utuun jiruun bara 1961 gara Itoophiyaatti deebi’een garee muuziqaa guddaa ‘hander Masaya’ jedhamuufi ijoollee 120 qabateen dhaabe. Gosti muuziqaa kun biyyoota Awurooppaafi Ameerikaatti wagga waggaan kan agarsiifamu yoo ta’u, anis gara Afaan Amaaraatti hiikeen ijoollee leenjise. Muuziqaan kunis baay’ee jaallatame.

Agarsiisa muuziqaa kanas guyyaa lama Mana Tiyaatiraa Haayilasillaaseetti dhiheessine. Yommuu kana dubartiin  Aadde Tsiyoon jedhaman arganii baay’ee itti gammadanii akka nuti qe’ee ‘Janoyii’  keessatti muuziqaa agarsiifnuuf haala nuu mijeessan. Bitooteessa 27 kabaja guyyaa bilisummaarratti muuziqaan agarsiifne, baay’ee jaallatame.

Kanaa booda garuu muuziqaadhaan itti fufuu hinbarbaanne. Sababni isaa yeroo sanatti biyyattiif kan barbaachisu muuziqaa miti. Namni baay’een rakkoofi beela keessa waan tureefis muuziqaan gaaffiisaas miti, hingaluufis. Kanaaf barnoota biraa barachuu akkan qabu murteesseen Yunvarsiitii Harvaardiitti iyyata galfadheen carraa argadhee waa’ee amantii waggaa sadiif baradheen digriikoo jalqabaa argadhe. Ittifufees Maastersii (MA) fi doktireetiifi (PhD) koo achumattin baradhe.

Bariisaa: Barnoota fayyaa barattaniin hinhojjetin hafatan jechuudhaa? Pirofeesar Efreem: Maaltu ta’e seete? Yeroo tokko utuu horii qalaniin dhiiga argeen kufe. Animmoo dhiiga hinjaalladhu. Kanaaf yommuun waa’ee banoota koon hojjechuu yaadu dhiigi akka jiru waanin bareef ittin dhiise.

Bariisaa: Erga barnoota Amantii barattanii xumurtanii gara biyyaatti deebitan moo?

Pirofeesar Efreem: Bara ani gara Ameerikaa deemee warri Ameerikaa gurraachotaaf kabajaa hinqaban turan. Namoota baay’ees akka garbaatti ilaaluun cunqursu. Qoodiinsi jiruus kan nama gaddisiisudha. Sirna barnootaasaanii keessattis gonkumaa waa’ee seenaa Afrikaa hinbarsiisan.

Kanarraa ka’uun gurraachonni Ameerikaa keessaa walitti qabamuun waldaa dhaabuu, hiriira mormii taasisuu eegalan. Anis Yunvarsiitii Harvaardiitti waldaa ‘Student Non Violent Coordinating Committee,’ jedhamu keessa seeneen sochii eegale. Yommusuma Maartiin Luutar Kiingi warraaqsa taasiseen yaadni haaraa eegalame. Gurraachonnis kabajamuu eegalan.

Kanarraa ka’uun  aniifi Afrikaanonni yunvarsiitiicha keessa jirru gaaffii dhiheessuu eegalle. Afaan, aadaafi seenaan Afrikaa barsiifamuu akka qabu dhiibbaa taasisuu eegalle. Yommuu kana pirofeesaroonni yunvarsiitichaa walitti qabamanii dubbichi dhugaa ta’uu amananii waa’een Afrikaa akka barsiifamuuf bara 1969 muummeen ‘African American Studies’ akka dhaabamuuf murteessan.

Kanaa booda pirofeesaroota muummee kana keessa barsiisan barbaaduu eegalan. Kun salphaa hinturre; sababani isaa waa’een Afrikaayyuu hinbeekamu ture. Animmoo akka carraa ta’ee yommuun doktireetiikoo baradhu waraqaa qorannookoo kanin hojjedhe seenaa Itoophiyaafi Afaan gi’iiziirratti ture. Bara sana waa’ee Afrikaa hojjechuudhaan doktireetii kan argate ana qofa.

Isaa booda pirofeesariin tokko akkan achitti hafee muummee haaraa baname kanatti barsiisu na gaafatan. Ani garuu hojiin biyyatti jalqabe waanan qabuuf biyyatti deebi’uu yaadaa waanan tureef yaadicha hinfudhanne.

Bariisaa: Hojii akkamii eegaltan?

Pirofeesar Efreem: Baran muuziqaa barsiisuu gidduutti deebi’e sana Jeneraal Taaddasaa Birruu, Abarraa Jambaree, Maartaa Takila Tsaadiiqifaa waliin ‘Beeraawwii Fidal Saraawwitii’ dhaabnee turre. Hojiin kun tola ooltummaadhaan kan hojjetamu ture. Jeneeraal Taaddasaan biyyatti pirezdaantii turan, animmoo dhalattoota Itoophiyaa biyya Ameerikaa jiran qindeessee horii walitti qabeen biyyatti ergaa ture. Haala kanaan gara namoota miliyoona 2.5 barsiisneerra.

Kanaaf akkuman barumsa koo fixeen biyyatti deebi’ee isa itti fufsiisuu waanin barbaadeef gaaffii warri yunvarsiitii Haarvaardi naaf dhiheessan fudhachuu hinbarbaanne. Ta’us muummeen sun haaraa waan tureef akkasumas, namammoo argachuu waan dhabaniif  xiqqoo barsiisee deemuu akkan danda’u waliigallee bara 1969 pirofeesarii Afrikaa isa jalqabaa ta’een hojii eegale.

Kun biyya keenyaaf waan guddaadha. Yeroo sanarraa eegalee waggaa waggaatti badhaasni ‘Ephraim Isaac prize for excellence In African studies’ jedhu ni kennama. Barattoonni yunvarsiiticha keessatti muummee haaraa kanatti barachuu eegalan hedduun isaanii waan na jaallataniif barnoota  kennamuuf fedhiin barataa turan. Seenaa, amantiifi aadaa Afrikaas hubachuu eegalan. Gaafa marsariitiin yunvarsiitii banamu waa’eenkoo ‘He thought 50 percent of the student during those years and, he was the most popular professor at Harvard’ jedhamee barreeffamee jira.

Egaa yommuun yunvarsiitichatti barsiisuu waliigalu waggaa lama sadii barsiisee yommuu muummeen haaraa sun bu’uura cimsatu biyyatti deebi’uu ture yaadni koo, Kanaafis bara 1972 dhufeen ture. Ta’us utuun waggaa tokko hinturin namni muummee sana hogganu waan dhibeef warri yunvarsiitii Haarvaardi akkan deebi’uu na gaafatan. Yoon dide silumayyuu warri adii muummee sana waan hinjaallanneef akka cufan waan beekuuf achitti deebi’uufan dirqame.

Bara sana warraaqsi eegale. Namoonni   hedduunis hidhamaafi ajjeefamaa turan. Namoonni ani Ameerikaatti  beekuu (kanneen akka Haayilee Fidaafaa yommuu Finfinneedhaa barataa turre ganna ganna konkolaataa fe’umsaarra teenyee wajjin Naqamteetti gala turre. Luba Guddinaa Tumsaafaa Najjootti waliin baranne. Baaroo Tumsaa waliin Wallaggatti yunvarsiitii banna jennee koree dhaabannee waliin socho’aa turre.) Kunneeniifi namoonni jijjiirama biyyattiif hojjetan baay’een warraaqsichaan ajjeeffamaniiru. Kanaaf gara Yunvarsiitii Harvaarditti deebi’ee barsiisuun murteesse.

Bariisaa: Waa’een ‘fidal saraawwiitii’ achumaan hafee?

Pirofeesar Efreem: Yaalii guddaa taasisaa turreerra. Yeroo tokko affeerraa irbaataa qopheessinee namni dolaara 100 kaffalee akka galu taasifneerra. Yeroo sana qarshii guddaa ture. Kanaanis galii guddaa arganne. Haala kanaan waggaatti al tokkos al lamas galii sassaabame fidee dhufee hordofaan ture. Ta’us yeroo warraqsi eegale bara 1974- 1987tti gara biyya kanaa hindhufne.

Bariisaa: Maaliif?

Pirofeesar Efreem: Yeroo sana haalli siyaasaa ture mijataa hinturre. Animmoo hojiin barbaada malee siyaasa hinjaalladhu. Warraqsichis anaan nan gammachiisne. Kanaaf dhufuu hinbarbaanne.

Bara 1977 irraa eegalee gara biyya Israa’eel dhaqeen Pireesan yunvarsiitiitti barsiisuun eegale. Utuun achuma barsiisaa jiru bara 1987 keessa Itoophiyaatti beelli uumame, ummanni baay’ees ni dhume. Yeroo kana  Dajjaazmaach Zawudee Gabrasillaasee (Ministira Dhimma Alaa turan) na waamanii, kana dura galii walitti sassaabuurratti muuxannoo waan qabdaniif ammas namoota beelaan dhumaa jiraniif qarshii walitti qabaa naan jennaan, tole jedheen sagantaa qopheessinee galii sassaabuu eegalle. Anis pirezdaantii ittaanaa ta’een dhimmicha hordoofuu eegale. Yunvarsiitiin keessaa barsiisaa ture torban tokkoof laaqana isaanii dhiisanii qarshii baay’een walitti qabame.

Haala kanaan waggaa 13 oliif biyyakoorraa citee ture itti deebi’e. Isaa booda erga yeroon warraaqsaa dhumu yeroo mootummaa ce’umsaa sanas Raas Mangashaan (mootii Tigraay turan) naa bilbilanii, haalli biyyaa sirrachaa akka jiruufi mootummaa ce’umsaa dhaabuuf sochiin eegalamuu naa ibsan. Dhimma kanarratti mariin Toroontootti taa’amuuf karoorfamuusaafi akkan irratti hirmaadhu na affeeran.

Ani garuu sababan siyaasa hinjaallanneef yaadasaanii hinfudhannen ture. Isaanis kun dubbii siyaasaa qofa osoo hintaane hayyoonnis kan irratti hirmaatan ta’uu waan naa ibsaniif waamichasaanii fudhadhe. Haala kanaan walga’ii Toorontoorratti hirmaadhe. Yommuus garuu warri siyaasaa waamaman hundi hindhufne. Kanaaf koreen jaarsoolii dhaabbatee isaaniin akka dubbisu murteeffame. Ana waliin namoonni sadii filatamne. Gara Eertiraa deemuudhaan jaarsummaa eegalle. Warra ADWUI’s mootummaan ce’umsaa akka dhaabbatuuf dubbisne.

Bariisaa: Jaarsummaan keessan milkaa’eeree?

Pirofeesar Efreem: Ta’uus hojicha nama sadiin qofa hojjechuun waan nutti ulfaateef koree biraa namoota 12 qabuun koree  nageenyaa dhaabne. Deggarsi waan nu barbaachisuufis dhaabbata Siwiidish tokko gaafannee isaanis fedhe godhatan. Kanaa booda mootummaan ce’umsaa hundeeffame nageenyi biyyattii akka deebi’uuf gaafanne xalayaa qaamoota dhimmichi ilaalu hundatti barreessine. Dargiiraa kan hafe paartiileen yeroos warraaqsa taasisaa turan hundi yaada keenya fudhatanii deebii nuuf barreessan. Utuu warra dargii eegnuu ADWUI’n karaa Gondarifaa mo’achaa gara giddugaleessaatti dhihaachuu eegale.

Yeroo kana warri ‘Beeta Israa’eelawwiiyaan’ jedhaman kuma 20 ta’aan biyyasaaniirraa  buqqa’aanii  Finfinnee turan. Kanaaf Israa’eelonni Ameerikaa jiran yoo ADWI’n Finfinnee qabate waraanni waan uumamuuf lammiileen Israa’eel achii akka ba’aaniif Pirezdaanti Buushiif gaaffii dhiheessan. Isaanis gaaffiisaanii fudhachuun jila tokko gara Itoophiyaatti erguun warri Israa’eeliis achii ba’aan, waliigalteen nageenyaas bifa biraan eegalame. Nutis haalichi nuu galuu didnaan nurra mootummaan humnaafi dhageettii waan qabuuf jennee yeroof jaarsummaa eegalle dhaabne.

Bariisaa: Cirumasaa dhiistan moo?

Pirofeesar Efreem: Lakki. Isaaan walga’iisaanii jalqabaa wayita Landanitti geggeessan nuti immoo bakka walga’ichaa deemuun hoggantoota Eertiraafaa, kan ABOfaa dubbisaa turre. Achittis Obbo Mallas Zeenaawiifi Obbo Isaayyaa Afawarqi waliin dubbanne. Dubbii keenyarratti laman isaaniiyyuu yommuu ‘Fidal saraawwiitii’ sana barsiisee waanan tureef na beeku turan. Isaanis dubbii ofii utuu biyyi biraan keessa hinseeniin ofumaan hiikuu akka barbaadan nuuf ibsanii, Finfinnee akka dhufnuuf nu affeeran. Yaada kana fudhannee qarshii deggarsaan arganne Gamtaa Afrikaatti galchine. Gara biyyaas dhufnee waan jiru ilaalle.

Kanaa booda haalli jiru gaarii wana tureefi mootummaan ce’uumsaas waan dhaabbateef gara Ameerikaatti deebi’uuf jennaan, “Nagaan kun ni eegalame malee hinxumuramne, reefuu biqiltuudha, kunuunsa barbaachiisa” jennaan yaadicha fudhadhe. Kanumaan koree nageenyaa dhaabuun waajjiras banne. Anis Ameerikaattin deebi’e. Nagaan argame jennee yaadne utuu waggaa lama hiturin warri ABO keessaa ba’aan. Duulli guddaanis uumame. Aniyyuu kana keessatti obboleessakoo Yoonaattaaniifi ilmasaa dhabeera. Namoonni hedduunis ni hidhaman.

Bara 1991 irraa kaasee waggaa waggaadhaan Obbo Mallasitti xalayaa barreessuun namoonni hidhaman akka hiikaman gaafachuufi dhiibbaa taasisaan ture. Kanaan namoonni muraasni hiikaman illee akka barbaannu ta’uu hindandeenye. Qaamaanis dhufee dubbiseera. Namoonni mana hidhaa keessa murtoo malee turuun isaanii sirrii akka hintaaneefis haqni isaaniis dhokachaa jiraachuus ifatti itti himeen ture. Mana hidhaa biyyattiis cufuun akka bareechanii muuziyeemii godhan illee gaafannaan natti kolfanii turan.

Utuma kanaan jirruu bara 1998 Eertiraa waliin waraanni eegalame. Yeroo kanas namoota 10 taanee ariitiidhaan gara biyyaa dhufne. Obbo Mallasiifi Obbo Isaayyaasiin haasoofsisne. Obbo Isaayyaas dubbiin kun karaa jaarsolii akka dhumuuf fedha guddaa qabu turan. Haala kanana si’a lama sadii deeddeebinee dubisnee bara 2000tti waraanni dhaabbate.

Bariisaa: Isaa boodas hojii jaarsuma hindhiisne. Kanarraan obboleessa keessanuu dhabdanitti. Akkamiin mufattannii abdii hinkutanne?

Pirofeesar Efreem: Hojii jaarsummaa kanin hindhiisneef  yoo nageenyi biyyattii guutuu hintaane ammas firoota koo biroo dhabuu dhiisuuf wabii tokkoyyuu hinqabu. Anaaf lammiin Itoophiyaa hundi  dhiiga kooti. Haala kanaan utuma irra deddeebinee Itoophiyaafi Eertiraa kadhannuu furmaati guutuu utuu itti hinkennamin rakkoon biraa immoo dhalatee filannoon bara 2005 immoo waan biraa fidee dhufe.

Bu’aa filannootiin booda mormii ka’een namoonni baay’een du’aniiru, hidhamaniirus. Yeroo kana gurraachonni Ameerikaa keessa jiran 70 ta’an ammoo Itoophiyaa daawwachuu waan barbaadaniif akkan isaan daawwachiisu na filatanii waliin dhufne. Carraa kanatti fayyadamuun ammas Obbo Mallasiin dubbise. Namoota hidhaman akkan gaafadhuuf akka naa eeyyamanis gaafadhe. Isaanis naa eeyyamnaan warra hidhame deemee dubbise. Faranjoonni dubbii kana dhaga’an hidhamtoota daawwachuuf gaafannaan kun dubbii biyya keessaati jedhamanii didanii turan.

Bariisaa: Isinis lammii Ameerikaati mitii akkamiin isinii eeyyamame?

Pirofeesar Efreem: Lakkii, ani ammayyuu ‘passport’ Itoophiyaan qaba. Waggaa hamma kana Ameerikaa taa’ee lammummaakoo hinjijjiirre. Isaanis kanaaf na eeyyaman. Haala kanaan deddeebi’ee  gaafachaa  namoonni hedduu akka hiikaman taasise.

Isa kanaa booda immoo dubbiin ABOfi Ogaadeen akka hiikamuuf yaaliikoo itti fufe. Wal ajjeesuun bu’aa  hinqabu jennee kadhachuutti kaane. Obbo Leencoofaa, Jaal Daawudifaa, Jaal Galaasaafaa, Doktar Diimaafaa waliinis marii taasisaan ture. Utuma isa kana hiikuuf tattaafannuu yeroo dheeraan darbee Galata Waaqaa guyyaan har’aa dhufe.

Bariisaa: Amma kan dhuftan biyyatti deebitanii jiraachuufi?

Pirofeesar: Dhaabbati ani hundeesse Wiirtuu Nageenyaafi Misoomaa jedhamu wagga waggaadhaan sagantaa qopheessa. Haala filannoo dimokraatawaa gaggeessuun danda’amuurratti marii  qophaa’eerratti hirmaachuufin dhufe.

Bariisaa: Inni isin dhama’aafi  turtan hundi milkaa’eera jettanii yaadduu?

Pirofeesar Efreem: Haalli gaariin ni jira. Araarrii Itoophiyaafi Ertiraa akkasumas, paartilee baqatanii deeman gidduutti uumameera; kun bu’aa guddaadha. Ta’us garuu ammayyuu Oromoon keenya ni hidhama, ni du’a, biyyasaa dhiisee baqata. Kanatti furmaata kennuu baannaan rakkisaa ta’uun isaa gaaffii hinqabu.

Bariisaa: Kanaaf maaltu ta’uu qaba jettu?

Pirofeesar Efreem: Ani akkan yaaduutti biyya kanatti rakkoo uumaa kan jiru anatu siif beekaadha malee ummanni rakkoo hinqabu. Ummanni  harka 90 ol jaalalaafi kabajaan waliin jiraata. Seerri biyya keenyaa  keessumaa seerri Oromoo baay’ee gaariidha. Namni walkabajee akka jiraatu kan taasisuudha.

Rakkoo ta’aa kan jiru dhibba keessaa shan kan ta’an warra akka koo biyya faranjitti baratanii, biyyatti deebi’anii “anatu isinii beeka” jedhanii ummata mataa naanneessaniidha. Isaan rakkoon namaayyuu waan galuuf natti hinfakkaatu. Ani humna barbaaduufi horii barbaaduun isaaniiyyuu naan galu.

Kanaaf isaan gadi taa’anii of ilaalanii ummatasaanii tajaajiluu qabu. Biyya kanaaf kan barbaachisu ijoolleen dhalatte akka guddattu, barattuufi bakka guddaa geessu, jaarsooliin nagaadhaan ba’aanii akka galan, dhukkubsataan yaalamee akka fayyu, qonnaan bulaan haalaan akka oomishu hojjechuudha. Ijasaanii banachuutu irra jira.

Isaan lafa gaariitti baratanii, waan gaarii nyaatanii, dhuganii, uffatanii aangoof fiiguurra gadi  bu’anii ummatasaanii ilaaluu qabu. Of jaallachuu qofa osoo hintaane nama biraas jaallachuu qabu. Anumatu nyaata, anumatu dhugaa keessaa ba’uu qabu. Dhukkubi nama biraa isaanis dhukkubuunii qaba.

Namni biyya keenyaa obsa guddaa qaba. Kanaafi utuu rakkoo meeqa qabuullee danda’ee kan taa’uuf. Biyyi keenya abdii guddaa waan qabuuf kana sirreessuu gaafata. Yoo kana ta’e warruma hayyootaatu biyya kana qajeelcha.

Bariisaa: Piroofesar ammas Ameerikaatti deebi’uuf jettu. Hinga’uu gara biyyaatti hindeebitanii?

Pirofeesar Efreem: Ani Ameerikaa taa’eeyyuu Itoophiyaarraa adda hinbaane. Barnoota koorraa eegalee hanga hojiikootti waanuma Itoophiyaan hojjedhe. Kanaaf as taa’uufi achi taa’uun koo hiika hinqabu. Ani ofiikoof waanin hojjedhe hinqabu. Takka takka gaafan aaru maaliifan waa’ee biyya kanaa dhiisee ofiif hinhojjedhu yeroon itti jedhellee ni jira.

Ammas fuulduratti hamma lubbuun koo jirutti biyyuma kanaafin hojjedha. Isuma ammaayyuu hawaasa Oromoo Ameerikaa jiraatan yeroo yerootti walitti qabee nan mariisisa. Haalli nageenya Oromiyaa furmaata guutuu akka argatuuf nan hojjedha.

Bariisaa: Yunvarsiitii barsiisuurraa soorama baatanittu mitii? Maal hojjettuuree?

Pirofeesar Efreem: Eeyyee soorama ba’eera, garuu hindadhabne. Kitaaboota haaraa barreessaan jira. Dhaabbata ‘Institute of Semetic Studies – Advanced Afro-Asiatic’ jedhamu keessatti daarektara ta’een hojjetaa jira. Wagga waggaadhaanis maxxansa qopheessuun maxxansiisna.

Bariisaa: Kana dura kitaabootaafi joornaaloota meeqa barreessitan?

Piroofesar Efreem: Kitaaboota kudhanii oliifi joornaaloota lakkoofsaan hin yaadanne barreesseera.

Bariisaa: Afaanoota meeqa dandeessu?

Pirofeesar Efreem: Afaanoota 17. Isaan keessaa kanneen akka Laatinii, Giriikiifaa afaanoota jabana durii waan ta’aniif dubbisuus nan danda’a. Afaan Ibraayisxiis akkanuma. Ani waa barachuu baay’een jaalladha. Horii argachuu caalaa beekumsa argachuun filadha. Horii akka waaqaatti ilaalee ofirratti hinmoosisu, tuffadhes  miillakootiin irra hinejjedhu; kun gorsa abbaakooti. Namni hunduu falaasama kana  utuu hordoofe natti tola.

Bariisaa: Maatii qabduu?

Pirofeesar Efreem: Eeyyee maatii qaba, ijoollee sadii, dhiira tokkoofi dubara lamas godhadheera. Akaakayyuu lamas argeera. Dhiheenyatti ammo tokko nan arga.

Saamraawiit Girmaatiin

Suurri Daanyee Abarraatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *