“Yaadni ani durirraa kaasee qabu Itoophiyaanoonni Oromoodhaaf beenyaa kanfaluu akka qabaniidha” -Hayyuu Dinagdeefi Siyaasaa Obbo Bulchaa Dammaqsaa

Obbo Bulchaan ni dubbatu:

“-Oromoon mirga argate malee Bilisummaa guutuu hin arganne

-Mirga abbaa biyyummaa Finfinnee malee babal’inni Finfinnee nu yaachisuu hin qabu

-Badii Finfinneen qonnaan bulaashee irratti raawwatte ogeeyyotaan qoratamu qaba

-Wollo Oromorraa fagaate malee Oromummaa hin mulqanne

-Oromoon diinagdeen of utubu malee mirguma argates bulfachuu hin danda’u”

Bakka yeroon ammaa qabsoon Oromoo qaqqaberraa hanga Dubbii Finfinneetti, tajaajila dheeraa dhaabbilee Idil Addunyaatii hanga paartii siyaasaa hundeessuutti adeemsisaan keessa darban irratti yaadasaanii osoo hin qusatin nuuf kannuusaaniitiin dursinee galateeffanneerra.

Gaazexaa Bariisaa waliin turtii kan taasisan Obbo Bulchaan, dhimmoota kanneeniifi kanneen biroo  irratti yaadni bal’aan isaan nuuf kennan akka armaan gadiitti dhihaateera.

        Bakka  Qabsoon Oromoo Irra jirurratti

Gaafa jalqaba paartiiwwan Oromoo hundeessuudhaaf sochii taasisaa turre sana warri maqaan Itoophiyaa qofti akka waamamu barbaadan nutti kolfaa turan.

Isin Oromoo Oromoo jechaa kan ooltan maal barbaaddaniiti? Maalis fiduu dandeessu jechaa nutti qoosaa turan. Ani nama diinagee ta’us rorroon Oromoo irra ture dirqiin siyaasatti na fideera.

Bifa walii galaatiin amma yemmuu ilaallu garuu qabsoon Oromoo diina jilbiiffachiise malee hin ajjeefne.  Haa ta’uu malee kunuu injifannoo guddaadha.  Gulantaan Oromoon biyya kana keessatti qabaachuu qabus kana caalaa ta’uyyuu inni amma argannes waan tuffatamuu miti.

Siyaasni Itoophiyaa keessatti haqaan masakamnaan Oromoon tokkumaasaa cimsannaan deebi’ee gabrummaa jalatti hin kufu.

Oromoo ta’ee namni jijjiirama amma jiru dura dhaabbatu hin jiru, garuu wantoota sirreeffamuu qabanirratti yaada kennuufi ijaaruun immoo dirqama Oromoo hundaati.  Kanaan alatti garuu bu’aa siyaasaa dhuunfaatiif yeroo murteessaa kanatti wal dura dhaabbachuunis ta’ee paartii biyya bulchaa jirutti hojmanee baay’isuun fudhatama hin qabaatu.

Paartiin wal hiruu osoo hin taane Oromoon ammas walltumsee diina dhiibutu isarra jiraata malee furmaata biro hin qabu.

Rakkoon nageenyaa gama lixa Oromiyaatiin irra deddeebi’ee mul’achaa jiru sunis tokkummaa Oromoofi walitti dhiheenya paartiin biyya bulchaa jiru ummatasaa waliin qabu kan miidhu waan ta’eef dafee sirraa’uu qaba.

ABOnis yoo ta’e ganama kan manaa isa baase roorroo ummatasaa irra gahaa ture malee quufaa miti. Yeroo ammaa kanatti immoo waamicha abbootii gadaa fudhatee hidhattoonnisaa bosonaa akka galan heeyyamuunsaatti gammannus, warri ammas bosonatti hafanii nageenya lixa Oromiyaa booreessaa jiran immoo kaayyoonsaanii ifaa miti.

Yeroo ammaa kanatti Oromoon mirga argate malee guututti hin bilisoomne. Mirga arganne kana gara bilisummaa guutuutti ceesisuuf immoo diinagdeedhaan deeggaruun murteessaadha. Aangoon siyaasaa diinagdeen hin deeggaramne immoo hirriba muka gubbaati.

Kaayyoon Oromoo inni guddaan akka warri dhugaa keenya awwaaluu fedhan biyya diiguuf osoo hin taane, biyya wal qixummaan ummattoota hundaa itti mirkanaa’e waliin ijaaruudhaafi. Qabsoon inni gaggeessaa tures immoo biyyaafi qabeenyasaarratti abbaa ta’ee ofiin of bulchuufi hiree ofii ofiin murteeffachuu irra ajandaa darbe hin qabu.

Walii galaan Oromoon hundi  Dr Abiyyifaa cinaa yoo dhaabbanne qabsoon Oromoo  baabura riqicha cee’aa jiruudha.

      Dubbii Finfinnee irratti

Wanti ani durirraa kaasee yaadaa ture, Itoophiyaanonni  Oromoodhaaf beenyaa kanfaluu akka qabaniidha.  Maaliif jedhame immoo, magaalaan isaan akka magaal guddoo biyyatti itti fayadaman tun lafeefi dhiiga Oromoo irratti kan ijaaramteefi babal’atte ta’uusheeti.

Finfinneen magaala guddoo Itoophiyaat jechaa kan achii buqqa’uufi sanyiinsaa lafarraa badaa ture garuu kan Oromoo qofaati malee kan Itoophiyaa hundaatii miti. Haqa kana hubachuun immoo nama ta’uu malee Oromoo ta’uun hin barbaachisu.

Gosoota Oromoo sababa babal’inna magaalaa kanaatiin badan har’a laakkofnee haloo bahuuf osoo hin taane, badii hanga ammaatti sababa kanaan dhabneef garuu beenyaa gaafachuun seera kamiinuu waan danda’amuudha.

Kanaaf adeemsi Oromoon qofti buqqa’aa Itoophiyaanonni immoo irratti of dhiibaa jiraachaa turan sun dhaabbatee, badii hanga ammaatti qonnaan bulaa irra gaheef immoo koreen bilisa ta’e dhaabbatee qorachuudhaan beenyaan kanfalamuu qaba.

Gama biraatiin immoo, yeroo kanatti Oromoo yaachisuu kan qabu dhimma abbaa biyyummaa Finfinneeti malee babal’inashee ta’uu hin qabu. Yemmuu babal’attu garuu akka isa durii qonnaan bulaa ari’aa osoo hin taane hammachaa ta’utu isarra jiraata.

Haqa walii waliif galchaa garaa qulqulluun waliin adeemuun waan hundaa caalaa filatama. Warri haqa kana fudhachuu hinbarbaanne immoo duula maqa balleessaa Oromoo irratti labsaa jiraniin jiraattoonni magaalattii jeeqamuu hin qaban. Finfinneen tan Oroo taatus faayidaa yoo ta’e malee miidhaan jiraattotarra gahuu danda’u tokkos hin jiru.

        Seenaa gabaabaa Obbo Bulchaa Dammaqsaa

Namni hedduun paarlaamaa biyyattii keessatti haasawa nama ajaa’ibsiisuufi booharsuun isaan beeka.  Keessattuu dhimma guddina diinagdee biyyaa  irratti gabaasa Muummeen ministera yeroo sanaa Obbo Mallas Zeenaawii  paarlaamaa dhiheessaniin wal qabatee yaadni isaan achirratti kennan  yoomillee taanaan sammuu  lammiilee biyya kanaa keessaa waan badu hin fakkaatu.

Kana males paarlaamaa biyyattii keessatti   Afaan Oromootiin yaada kennuu nama tokko jedhee eegaleefi ilaacha aadaafi afaan tokko jedhu nama cabseedha.

Nama dhaabbilee idil Addunyaa garaa garaa keessatti biyya bakka bu’uun tajaajileefi milkaa’ina hedduu gonfatedha.

Obbo Bulchaa Dammaqsaa, dhalatan Lixa Oromiyaatti yemmuu ta’u, kan guddatan garuu handhuura Oromiyaa Finfinnetti.  ( Yuunversiitii  kolejjii Addis Ababa) Yuunversiitii Finfinnee isa ammaa irraa qabxii olaanaadhaan kan eebbifanii  Addunyaa hojii tokko jechuudhaan Ministera Maallaqaatti eegalan.

Gaafa baruumsarra turanitti sochii fincila barattootni mootii Hayila sillaasee irratti gaggeessaa turanirratti dammaqinaan hirmaachurraa kaasee hanga  barattoota qindeessuutti kan qaqqaban Obbo Bulchaan, osoo diinagdee baratanuu  nama siyaasaa ta’anii of argan.

Yemmuu barataa yuunversiitii turanitti mooticharratti fincilaa turanis garuu dandeettiinsaan qabaniin osoo mormanuu Ministera maallaqaatti qacarurraa kaasee hanga ittaanaa ministeraatti  muudamuudhaan mooticha tajaajilaniiru.

Dandeettiinsaanii yerorraa yerotti dabalaafi cimaa dhufuusaatiin akkasumas mootichis  ittamanaa dhufuudhaan  boodarratti ergamni cimaan tokko itti kennamee  dhaabbata Biyyaaleessaa keessatti Itoophiyaa bakka bu’uudhaaf filaman.

Itoophiyaan biyyoota dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii  hundeessan keessaa ishee tokko ta’uunshii dhaabbilee Idil Addunyaa sanaan booda hundeeffaman keessattis  miseensummaaf hedduu rakkachaa hin turre.

Dhaabbilee kanneen keessaa tokko kan ta’e Baankiin Addunyaa,  nama  ogummaa Ikonomiksiifi Faayinaansii qabuufi Itoophiyaa bakka bu’u waan barbaadamuuf yeroo sanatti  namni teessoo sanaaf malu Obbo Bulchaa qofa waan tureef Seenaa Oromoo keessattis waan haaraa galmeesse.

Mootiin hayila sillaasee seenaan Oromoo akka sirnaan hin himamneefi Afaaniifi Aadaan Oromoo akka hin mul’anne gochaa turanis teessoo guddaa kanaan Oromoo araarfachuu waan fedhan fakkaatu.

Carraa argame kana dabarsuu kan hin feene Obbo Bulchaan, egamicha  fudhatanii waggoota shaniif Baankii Addunyaatti bakka bu’aa Itoophiyaa ta’uudhaan tajaajilaniiru.

Turtiin namni tokko  dhaabbatichaaf filame waggoota shan keessatti kan xumuramu waan ta’eef, Obbo Bulchaan nama biraatiin bakka bu’uun dirqama ture.

Yeroo sanatti garuu Obbo Bulchaan aangoosaanii xumuranii nama birootiin bakka bu’uuf yemmuu yaadamutti sirni siyaasa biyyattii  geeddarame.

Mormiin Obbo Bulchaanfaa gaafa Yuunversiitii turan mooticharratti gaggeessaa turan cimtee  raayyaa ittisaa biyyaa harkatti kufte.  Fincila barattootaa kanatti fayyadamuudhaan gareen Dargii aangoo mootichaa guututti dhuunfatee biyya humnaan bulchuu eegale.

Yemmuu barataa turanitti mooticharratti fincilaa kan turan Obbo Bulchaan garuu, kan isaan muudaafi ergama itti laate mooticha waan tureef kufaatii isaaniin booda gara biyyatti deebi’uudhaaf  fedhii hin qaban ture.

Kanarraa ka’uudhaanis  aangoonsaan Baankii Addunyaa keessatti qaban xumuramus muuxannoo achirraa argatanitti fayyadamuudhaan gara dhaabbata guddicha Addunyaatti makaman.

Yeroo namni hedduun mootummaa dargiitiin biyyasaa keessatti ajjeefamaa jirutti gara biyyaatti galanii biyya tajaajiluun waan hin yaadamne ta’uu kan himan Obbo Bulchaan, sirnichi humnaan ala nama barate ofitti dabaluudhaaf fedhii waan hin qabneef fedhiin gara biyyaatti galuuf qabanis achumatti hafe.

Abdiin gara biyyaatti galanii biyya isaan guddifteefi achiin isaan geese tajaajiluuf qaban karatti haftus, kutannoofi kaayyoonsaanii garuu isaanuma waliin dhaabbata Idil Addunyaa isa tokko irraa gara isa biraatti walumaan imalan.

Hangafaafi haadha dhaabbilee Idil Addunyaa hundaa kan ta’e Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti makamuudhaan sadarkaa garaa garaatti tajaajiluuf carraa argataniiru.

Yeroo sanatti Itoophiyaanota dhiisii Afrikaanotnuu dhaabbata akkasii keessatti baay’inaan kan hin mul’anne yemmuu ta’u, Obbo Bulchaaf garuu mana hojiisaanii waggoota 22 ta’uudhaaf dirqameera.

Barnootaanis ta’ee hojiidhaan bakka silaa ilmi namaa gahuudhaaf hawwu hunda kan daawwatan  hayyuun kun,  bara umrii jaarsummaasaaniitti immoo dhaabbilee kanneen irraa soorama bahanis  ummata tajaajiluu irraa garuu wanti isaan dhaabe hin turre.

Keessattuu Oromoon diinagdeedhaan akka jabaatuufi akka cimuuf muuxannoo qabaniin deeggaruu Baankii Dhuunfaa jalqabaa (Baankii Awaash) undeessan.  Siyaasni Oromoo akka jabaatuuf immoo paartii federalistii Kongirasii Oromoo hundeessan.

Namni umriidheeraa tajaajiluun sooramarra jiru kun garuu waan danda’u hundaan Oromoo sooruu haala kanaan itti fufuudhaan yeroo ammaa nama ummaticha biraa kabajaafi jaalala gonfatan ta’aniru.

Bara jireenyasaaniitti  bu’aa bahii hedduu keessa darbbanis, keessattuu roorroon ummata Oromoo irra ture hedduu isaan yaachisaa kan ture ta’us, yeroo ammaa kanatti  immoo injifannoo argametti  boonuusaanii ibsu.

Qabsoo yeroo dheeraatiin booda bu’aa siyaasaa amma akka biyyattii argameen samni akka Oromootti gammade hin jiru. Adeemsi kun gufannaanis kan akka Oromootti miidhamu hin jiraatu waan ta’eef eenyuyyuu caalaa injifannoo kana tikfachuun Oromorraa eeggama.

Injifannoon argame guutuu akka ta’uuf immoo Oromoon diinagdee irratti xiyyeeffachuu akka qabuufi daqiidaa tokkoofis diinarratti malee walirratti duuluu akka hin qabnes ni dhaamu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Bariisaa Waxabajjii 15 bara 2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *