Miira hinmo’atamuu

Lammiileen Chaayinaa baay’een Peengi Shu’iliiniin maqaa masoo  Ajaa’iba jedhuun waamu. Sababiin kanaas Peengi walakkaa qaamasaatii balaa konkolaataatiin dhabee daldalaa maqaa gaarii qabu ta’uu waan danda’eefi.

Peengi sababa balaa kanaatiin waggoota lamaaf Chaayinaa Kibbaa, Hospitaala Shen Zenitti wal’aanameera. Ogeessonni fayyaa wal’aansa baqaqsanii hodhuu taasisaniifis keessoo qaamasaa miidhame iddootti deebisanii lammata akka hojjetu gochuuf tattaaffii cimaa taasisuusaaniiti kan himamu.

Miidhamtoota qaamaa kanneen birootiif fakkeenyummaan kan eeramu ga’eessi waggaa 30 kun rakkoo tokko malee hojii daldalaasaa adeemsisaa jira.

Supparmaarkeetiisaa kanneen biroorraa kan adda taasisu mi’oota hundagatii walakkaan gadi buusee ykn hir’isee gurguruusaati. Kanaanis, “Suuqii namicha qaama walakkaa gatii walakkaadhaan” jedhamuun maamiloota hedduu horachuu danda’eera.

Namni kun wiilcharii fayyadamuun haalatti namoonni balaa walfakkaataaf saaxilaman dandamachuu danda’anirratti ni gorsa. Ogeessonni fayyaa, “Haala fayyaa Peengi yeroo yeroodhaan to’anna. Yeroo ammaa akkuma namoota biroo umriisaa kanatti argamanii fayya qabeessa. Isa addunyaa kanaratti namoota biroorraa kan adda taasisu nama qaamasaa gara caalu dhabee jiraachuu danda’e ta’uusaa qofa” jedhu.

Yeroo mara fuula Peengirraa gammachuufi seeqqannaatu mul’ata. Iccitiin kanaa ammoo miirasaa mo’amuuf harka hinkennanne ta’uun beekameera.

Maddi: odt.com

Charinnat Hundeessaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

One Comment to “Miira hinmo’atamuu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *