Maaliif Jedhame?Maaliif Finfinnee jedhamte?

Finfinneen lafa horaati. Iddoon horri kun itti argamu araddaa amma “Filwuhaa’’ jedhamutti yoo ta’u, dur bosonaan haguugamtee turte. Iddoon kun bakka bishaan ho’aan lafa keessaa ol finiinu ykn ol utaalu waan ta’eef ol finnisa jedhama. Kanarraa ka’uun Oromoon gosa Gullallee hora ol finiinu ykn fincaa’u jechuun moggaase.

Yeroo booda dhuma jaarraa 19fa keessa yeroo mootonni Shawaa babal’inaan as ga’anitti abunoonni  Bataskaana Kaatolikii mana barumsaa tokko asitti ijaaranii misooma ammayyaa naannawa kanatti qubachuun caalaatti hawachaa dhufan.

Maqaan naannawichaas hora Finfinnee jedhame. Kanaaf Finfinnee maqaa ganamaa kan Oromoon Gullallee itti moggaase, ardaa Oromooti. Booda garuu warri Minilikiin  wajjin dhufe Addis Ababaa jennaan Oromoonis morkii kanaan “Shagar’’ jechuun magaalattii moggaase. Kan horaa garuu ammas horuma Finfinneeti.

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

One Comment to “Maaliif Jedhame?Maaliif Finfinnee jedhamte?”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *