Kanaaree qorichi dhibee ishee?

Gaaf tokko oggaa doktarri tokko laaqana nyaachuuf ba’u waardiyyaadhaan hangan dhufutti namoota naaf keessummeessi jedhee deeme. waardiyyichis tole, doktar rakkoo hinqabu jedheen. Akkuma doktarichi demeen  namichi tokko dhufee ol seene. Waardiyyichis maaltaate si dhukkubamoo jedhee gaafate. Namichis “Eeyyee na bowwaafata” jedhee deebiseef. Yeroo kana waardiyyichi paaraastaamoolii kenneefii geggeesse.

Akkuma namichi ba’een dubartiin tokko seente. Yeroo kana waardiyyichi maal akkam sigodha jedhee gaafata. Dubartittiinis “Utuun dhiira ijaan hinargin waggaa 10 ta’eera” jettee deebifteef. Yeroo kana namichi qoricha ijaa ‘xabbitaa’ kenneefii geggeesse.

Doktarichi laaqanasaa nyaatee yeroo deebi’u, “Yeroon laaqanaaf ba’e namni dhufe jiraa?’’ jedhee waardiyyicha gaafannaan, waardiyyichi, “Eeyyee doktar! Namicha tokkoofi dubartii tokko dhufanii turan. Namichi na bowwaafata jennaanan ‘Paaraastaamoolii’ kenneefii geggeesse. Dubartittiin ammoo utuun dhiira hinaraggin waggaa 10 ta’eera naan jennaanan qoricha ijaa ‘Xabbitaa’ kenneefii geggeesse jedhee doktorichatti hime. Doktarichis, “Kanaaree qorichi dhibee ishee?” jedhee gaafate jedhama.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 8/2011

Recommended For You

One Comment to “Kanaaree qorichi dhibee ishee?”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *