Akkuma dhugaa deemaniin fayyummaa namaa gadi dhugamaa deema.

  • Addunyaa keenya kanarra nama hagamtu alkoolii dhuga jettanii yaadduu?

Akka Dhaabbanni Fayyaa addunyaa jedhutti sadarkaa addunyaatti namoota biliyoona 2.3 (2,300,000,000) ol ta’antu dhugaatii alkoolii dhuga. Waggaa tokko keessattis rakkoowwan dhugaatii alkoolii waliin walqabatanii dhufaaniin lubbuu namoota miliyoona sadi (3,000,000) ol akka darbus ni himama. Dhiironni dubartoota caalaa dhugaatii alkoolii kan baay’isan yoo ta’u, dubartoonni ammoo haga dhugaatii alkoolii xiqqaa ta’een dhiirota caalaa miidhamu.

Gara biyya keenyaatti ammoo gaafa deebinu harka dhibba keessaa %  41 dhugaatii alkoolii yoo xiqqaate ji’atti altakkaa ni dhugu (WHO STEP analysis 2015).

  • Yoo hagam dhugan nama miidhaa?

Dhugaatiin alkoolii kan miidhaa qaamaa namarraan ga’u haguma baay’isanii dhuganiifi turtii yeroo hagamiif akka dhugan irratti hundaa’a. Dhiirotaaf guyyaa tokkotti dhugaatii lamaa ol (more than two drinks), dubartootaaf guyyaa tokkotti dhugaatii tokko ol (more than one drink) kan dhugan yoo ta’e kallattiidhaan tiruufi qaamota biroo irratti miidhaa geessisa. Namoonni alkoolii Kanaan dura dhuganii hinbeekne alkoolii yoo dhugan (xiqqeesanii illee ta’u) faayidaa isaa irra miidhaan isaa waan caaluuf tasuma jalqabuu hinqaban. Kanneen duraan dhugan, yoo dhuguu dhaaban miidhaawwan duraan qaama irra ga’an waan fooyya’aniif dhugaatii dhaabuun baay’ee jajjabeeffama.

  • Dhugaatiin jabinaan hagam walcaalaa?

Dhugaatiin kan nama macheessus ta’e kan qaama namaarraan miidhaa geessisus akkuma jabina ykn cimina isaatti. Inni cimaan (jabaataan) baay’ee kan nama miidhu yoo ta’u inni salphaan (laafaan) ni fooyya’a. Ciminni dhugaatii alkoolii tokkoo kan madaalamu parsantii alkoolii inni ofkeessaa qabuuni. Kan alkoolii parsantii guddaa qabu isa cimaa ykn hedduu nama miidhudha.

Gabateen armaan gadii kun cimina dhugaatii alkoolii yeroo hedduu biyya keenya keessatti dhugamanii giddu galeessaan (average) kan agarsiisudha.

Dhugaatii Alkoolii Cimina Parsantii Alkoolii (Giddu Galeessaan) (Average)
Biiraa 5%
Farsoo 2.8-6.5.0%
Daadhii 8%
Wayinii 12%
Araqee Aadaa 37.22%
Araqee Ammayaa 40%
  • Alkooliin miidhaa akkamii qaama keenya irraan ga’aa?

Sirna walhormaataa irratti: Dhugaatiin alkoolii fedhii saalaa dhiirotaa ni dabala, qaamni saalaa garuu akka hinkaane taasisa ykn ni hir’isa (enhances libido and inhibits irection). Yeroo dheeraa yoo walitti fufiinsaan dhugan cidhaan illee akka shuntuuree hammaan xiqqaatu taasisa, baay’inni ispeermii garmalee akka hir’isu taasisa. Ijoollee umuriin xiqqaa ta’an kan qaamni saalaa isaanii guddina irra jiru yoo dhugan sirni walhormaataa isaanii akka seeraan hindagaagne taasisuudhaan isaan huba.

Dubartoonni biyya keenya keessatti baay’inaan dhuguu baatanis warren dhugan irratti rakkoowwan akka: marsaan laguu akka seeraan hindhufne taasisuu, Ovaariin hammaan akka hir’atu gochuu, carraa ulfaa’uu gadi buusuu, erga ulfaa’anii carraa ulfi irraa ba’uu olkaasuu illee fiduu mala.

Ulfa/daa’ima garaa keessaa irratti: Etaanoliin (keemikaala alkoolii keessaa) haala salphaan pilaaseentaa keessa darbee daa’ima garaa keessaa irratti miidhaa geessisa. Miidhaalee inni geessisu keessaa muraasni: daa’ima dhalatu sammuun gad’aanaa taasisuu, ilkaan guurrii fi onneen akka seeraan hinguddanne miidhuudha.

Sammuu irratti: Rakkoo qaama sammuu ‘cerebellum’ jedhamu (Cerebellar degeneration) miidhuun iji namaa akka seeraan hin ilaalleefi sirriitti deemuu akka hindandeenye taasisa, dandeettii waa yaaduufi yaadachuu keenyaa guutummaa guutuutti balleessuu (Wernicke-korsakoff-syndrome) danda’a, qaamni namaa keessumaa gara miilla lamaan adooduufi miirri gubuu namatti dhaga’amuu (Peripheral neuropathy) namatti fiduufi karaalee biro midhaa  hedduu sammuu keenyatti fiduu danda’a.

Sirna buullaa’insa soorataa irratti:  Dhukkuba garaachaa haga dhiigsuutti geessisuu, baqaquu qoonqoo (keessumaa yeroo balaqqaman), kulkuluu rajiijii (pancreatitis) fiduu mala. Karaa alkooliin yeroo hedduu ittiin lubbuu namaa galaafatu tiruu miidhuudha. Namni tokko erga alkoolii dhuguu eegalee kaasee suuta suutaan qaamni inni ajjeesaa deemu inni 1ffaan tiruudha. Jalqaba irratti tiruun fayyummaa dhabuun coomni keessatti kuufamu (Fatty Liver)fi kukulkula tiruu cimaa (acute hepatitis) namatti fida. Gara dhumaatti seelota tiruu ajjeesuun tiruu hojii ala taasisa, tiruu namoota muraasaa ammoo gara kaansarii tiruu (Hepatocellular Carcinoma) tti jijjiira. Dhalli namaa tiruu malee jiraachuu waan hindandeeyneef lubbuu galaafata. 

Sirna dhiigaa: Oomisha dhiiga adii (WBC) gadi buusa, kun ammoo dandeettti dhukkuboota hedduu ofirraa loluu qaamaa namaa gadi buusuun infekshinoonni sasalphoon akka nama huban taasisa. Kana malees alkooliin hir’ina nyaataa namatti fiduudhaan hir’inni dhiigaa akka mudatu taasisa, lakkoofsa pilaatileetii qaamaa keessaa hir’isuudhaan carraa dhiiguu qaamaa dabala.

Sirna onneefi dhiigaa: Battaluma dhuganitti dhiibbaa dhiigaa gadi buusuufi giluukoosii (glucose) qaama keessaa gadi buusuun of nama wallaalsisuu mala.Onneen keenya akka sirnaan hinkottoonfanne ittisa, waggoota hedduuf yeroo dhugaa turan olka’iinsa dhiibbaa dhiigaaf nama saaxila, dhukkuba hidda dhiigaa onneef (coronary artery disease) nama saaxila.

Kaansarii waliin walqabatee: Alkooliin carraa kaansaroota hedduun qabamuu ni dabala. Haaluma kanaan:  carraa kaansarii harmaan qabamuu harka 1.4n dabala, carraa kaansarii qoonqoo (harsassee) fi garaachaa harka sadiin dabala, carraa kaansarii mar’imaaniin qabamuu harka 1.5n dabala. Guyyaatti yoo dhugaatii torbaa ol kan dhugan ta’emmoo kaansaroota kanneen malees carraa kaansaroota hedduu biroon qabamuu harka shaniin dabala.

“Fayyaan Faaya”

Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa
Doktara fayyaa yoo ta’an Koolleejjii Medikaala
Hospitaala Kiddus Phaawuloosiitti baratan. Wayita
ammaa Yuniivarsiitii Arsiitti barsiisaa jiru.

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *