Yaa jaalala haadhaa!

Dur gurbaa tokkotu intala tokko baay’ee jaallatee jaalalaan akka waliin jiraataniif gaaffii dhiyeesseef. Intallis tole jettee gurbicha waliin  jaalalaan jiraachuu jalqabde. Boodarra akka aadaa Oromootti wal fuudhanii abbaa warraafi haadha warraa ta’anii waliin jiraachuu itti fufan.  Haati warraa abbaa warraa ishee baay’ee jaallattus haadha isaa garuu baay’ee jibbiti turte. Gaaf tokko abbaa warraa isheetiin  “Ani haadha kee ijaan arguu waanan hinbarbaaneef  hanga ati haadha kee ajjeestutti ykn hallayyaatti darbattutti si waliin hinjiraadhu” jettee jalaa badde.

Haati utuu ilmi ishee taa’ee gadduu argitee “Maal dhala koo  maal taate? Haadha warraa kee waliin maal irratti waldhabdan? Maaliif si dhiistee badde?” jettee gaafatte. Mucaan ishee garuu sababa haati warraa isaa, isa dhiiftee deemteef itti himuun waan isa dhiphiseef callisuu filate. Haata’u malee haadha warraa isaa irraa adda bahee jiraachuunis waan isa ulfaateef  haadha isaa hallayyaatti darbatee ajjeesuuf murteesse. 

Haati isaa itti deebitee “Mucaa koo maal gochuu wayyaree? jettee gaafatte. Mucaan ishees “Waan haati warraa koo anaan jette raawwachuu malee falli biraan hinjiru” jedhee haadha isaa gaagura keessa kaa’ee
hallayyaatti darbachuuf fudhatee ka’e. Yeroo inni hallayyaatti darbachuuf jedhu haati isaa “Dhala koo yeroo hallayyaatti na darbattu ana waliin hallayyaa keessa akka hinbuuneef muka qabadhu” jetteen. Garaan dhale kan isa dhalatee caalaa garraamiifi ho’a qabeessa. Yaa jaalala haadhaa!

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *