Seenaa Oromoo Warjii

Oromoon ummata Sirna Gadaatiin bulaa tureedha. Gadaan immoo jaarmiyaalee hawaasa isaa ittiin abboomu seeraa ofii ni qaba. Namoota dhuunfaanis  ta’e gareen seera Gadaa cabsan akkaata ittiin gorsu ni qaba, kan tole jedhee deebi’u  yoo deeffatu kan mormee achumaan deeme ni ildiimessa (niqoqoba). Sirni Gadaa bulchiinsa  gosaafi balbalaan gurmaa’eefi bifa federaalawaa fakkaatu  qaba.

Adeemsa yeroo keessatti amantiin Baha Giddugalaa gurguddoon lamaan (amantii Kiristaanaafi amantii Islaamaa) gara biyya keenyaatti seenuu yoo eegalan Sirna Gadaa irratti dhiibbaan alaa qaqqabuu jalqabe. Gareen Kiristaanaa jaarraa 4ffaa keessa kallattii kaabaan seenee naannoo Aksuum qabachuun baballifannaa amantichaa eegale. Bifuma walfakkaatuun, jarraa 7ffaa keessa gareen amantii Islaamaas gama isaan gara baha Afrikaatiin seenuun sochii baballifannaa eegale.  Gareewwan amantii kana gara biyyaatti fidan keessa daldaltoonni biyya Arabiyaa irraa dhufan adda dureen kan eeraman yoo ta’u, isaanitti aansee daldaltoonni biyya keessaa isaan waliin ta’uun amantaa kana fudhatanii suuta suuta amanticha baballisan.

 Gareewwan dursanii amantaa Islaamaa fudhatan keessaa gosti Oromoo Abbichuu Galaan Mana  Waayyuu kan booda Oromoo Warjii jedhamuun beekamu adda dureen kan eeramaniidha. Oromoon Warjii kun gosa Oromoo Galaan, Abbichuu mana Waayyuu keessaa dursanii amantii kana kan fudhataniifi sirna Gadaa dhiisuun  amantaa Islaamaa warra hordofan turan.  Oromoon Warjii jedhaman kun  maqaa Tigrii Warjiifi Tigrii Tarraachaa Jedhamuun kan yaamaman yoo ta’u maqaan kunis kan kennamuu  danda’e maqaa Tigirii Tajaaraa (Tujaar) jedhamu irraa akka ta’e himu. Yaata’uutii, jechi Tigriifi Tajaara jedhamu kun hiika ofii kan qaban yoo ta’u, Tigriinis ta’e, tajaarri  kun jecha Arabaa tujaar ykn daldalaa   jechuu akka ta’e maanguddoonniif  barreeffamni adda addaa  niibsu.

Maqaan Warjii jedhu kun garuu, maqaa ganamaa Oromoon hawaasa Aadaa sirna Gadaa dhiisee amantaa Islaamaa fudhateefi  akkaataa amantaa Islaamaa fudhateefi Waaqeffate jiraachuu jalqabeeti. Kunis hiikaan isaa Oromoo bulchiinsa sirna Gadaa dhiiseefi ji’a ilaaluun ykn hedduun  sooma raawatu waan ta’eef warra  ji’aa jedhee itti moggaasedha jedhu. Aadaa Oromoo keessatti namoota akka hojii isaanitti  maqeessun kan barameedha. Haaluma Kanaan warri sibila tuman  tumtuu, kan daldalaan gurguraa, kan lafa qotu qottuu, kan kanniisa horsiisu gaagurtuu,wkf. jedhani waamuun kan barameedha. Oromoon Warjiis waan ji’a ilaalee soomu eegaleef warra ji’aa jechuun moggaasa argate jedhama. Akkuma olitti ibsamuuf yaalame, Oromoon Warjii amanticha fudhachuusaan sirna Gadaa keessaa ofbaase.

Haala qubannaa isaanii yoo ilaallu, hawaasni Warjii  kun hundeessitoota wiirtuu amantaa Islaamaa dura yoo ta’an,  bakka yeroo ammaa Shawaa Kaabaa jedhamu konyaa Abbichuufi Nya’aa keessa  jiraachaa turan.  Gosni isaanii Galaan Abbichuu keessaa mana Waayyuuti. Kana malees, araddaan amantaan kun itti hundeeffame, daangaa warra Kiristaanaafi Oromoota warra seeraan bulan (Jidda) keessa ture. Kunis akka qofaatti falmii bara dheeraa warra kiristaanaafi sulxaanota biroo ollaa isaanii waliin gochaa turan mul’isa. Keessatu Sulxaanoonni Ifaat wal morkii daldalaa isaan gidduu jiru mo’achuuf kan qabsa’a turan yoo ta’u, qabiyyee sulxaanoota Shawaa iddoo lamatti qooduun akka mootummaa Sulxaanoota Shawaa kufu ga’ee isaanii taphachaa turan. (J.S.Tirimingham,1952 ;48)

Oromoon Warjii akkuma Oromoo kamiyyuu amantiin isaanii ganamaa Waaqeffataa ta’ullee,  booda addatti bahuun garee Kiristaanaafi Waaqeffataa gidduu qubachuun akka hawaasaa addaatti  ofilaaluu qaban. Bifuma walfakkaatuun, ummannii naannichaas aadaa biraa waan hordofaniif haariiroo isaan waliin qabu laaffise. Gama dinagdeen yoo ilaalamu Oromoon warjii yeroo duraa qonnaafi tikfattummaan kan bulan yoo ta’u, yeroo booda garuu hidhata warra Arabaa waliin qaban irraa kan ka’ee hawaasni kun irra jireessaan ummata daldalaan jiraatan ta’uun beekama. Kunis, wiirtuu daldalaa akka Roggee, Abduul Raassuul, Sirxii, Warraa Jaarsoo, Aliyyuu Ambaafi Walaalee gandoota jedhaman irratti olaantummaan hogganaa akka turan galmee seenaa irraa hubanna.

Kan biraa daldaala daandii dheeraafi babal’insa amantii Islaamaaf daandii saaqa kan turan Oromoo Warjiiti. Adeemsa baroota dheeraan booda, Oromoon Warjii walitti dhufeenya gandoota xixiqqaa kan bu’uurri isaanii amantii Musliimaa ta’e hundeessuufi gamteessuun mootummaa ofii bara 896/7 keessa dhaabbatan. Mootummaan kunis maqaan isaa mootummaa Oromoo Warjii ykn ‘’ Sulxaanoota Shawaa’’ jedhamuun beekama.  Mootummaan kunis sulxanoota musliimaa dursa Afrikaa bahaa  keessatti hundeeffameedha jedhu. Naannoon mootummaan kun irratti hundeeffame lafa Oromoo Tuulamaa, Abbichuu, Galaan,  Jidda, Oboo, Karrayyuu, Walloo Kibbaa of jalatti hammateedha. Akka seenaa yeroo sanaatti lafti kun lafa ardaa jilaa Tuulamaa kan sirni buttaa duraa duubaan irratti raawwatuufi Fixa-Jaarra Gadaa tokkookan irratti kabajamuudha jedhama. Namoonni Oromoo hintaaneefi afaan Oromoo sirriitti hin beekne maqaa kana jallisanii [Faxagaar] jedhu. Fakkeenyaaf, barreessitoonni akka Cheeruulii, Braakhaambarfi barreessitoonni Itoophiyaa hedduun ‘Faxagaar’ jechuun kan ibsan yoo ta’u maqaan kun afaan kamiinu akka hiika hinqabaane godheera. Yaa ta’utii,  akka Gadaa Oromoo Tuulamaatti jiilli buttaa isa dhumaa kan Abbaa Faajiin raawwatu ardaalee naannoo kanatti kan raawwatu waan ta’eef ‘’Fixa jaarra’’ jedhamuun yaamamaa ture. Yeroo ammaallee Waxabajjii 12 irratti jilli buttaa inni dhumaa abbaa faajiin kan raawwatu naannoo kanati. Jila buttaa kana booda korma buttaa gadlakkisuun ittarii ykn duula diina baasa kan itti lallabamu lafa seenaa qabeessa. Yaata’uutii, warrii afaan Oromoo hinbeekne garuu maqaa kana jallisuun akka Faxagaar jechuun yaamaa turan baruun barbachisaadha.

Naannoo mootummaan kun irratti hundeeffame yeroo ammaa aanaalee Waayyuufi Insaaroo, Basoofi Waranaa, Angoololaa  Xaraa, Jidda, Oborii, Abbichuufi Nya’aa, Qimbibiit, Mojaanna Wadaraa [Walaalee] Haagara Maariyaam, aanaa Barraakfi Alaltuu, Ejeree [Caffee Doonsaa] Sandaafaa Bakkeefi aanaa Ada’aa jedhamuun  beekaman ture. Mootummaan sulxaanota Shawaa Oromoo Warjiin hundeeffame kun akkuma eerame, amanticha baballisaa hojii daldalaa baha Giddugalaa waliin ture cimsuu keessatti gahee guddaa taphachaa ture.

Kanaanis, hawaasni Oromoo kan hafe ummata addunyaa biraa waliin akka walbaruuf qooda isaanii taphachaa akka turan beekamaadha.Gara faallaa ta’een nuti Oromoo miti jedhanii kan Oromoorraa qollifatanis akkuma jirutti ta’e, Oromoon Warjii hawaasa kamiyyuu dura amantiifi daldalaan bahaa giddugalaa keessatti  beekamtii kan argatan ture. Gama biraan, faayidaa daldalaafi qaroominaa addunyaa irraa kan adda baha’an  mootummaan yeroo sanaa  Daamotiifi Zaaguwee jedhamuun beekaman duula mormii amantiifi saamichaa daandii daldalaan walqabate Oromoo Warjii irratti gaggeessa turan.  Kana malees, gareen hawaasa Argobbaas amantii Islaamaa waliin haa hordofan malee,  morkii daldalaa waan qabaniif kufaatii  mootummaa sulxaanoota Shawaafi ga’e gudda qabu ture.

Morkii kana keessatti sulxaanotni Shawaa kan Oromoo Warjiin ijaarame, bara 1108 keessa waraana gama Kiristaanaan  irratti gaggeeffamee ture  akka gootummaan ofirraa qolatan seenaa keessatti eerameera. Itti aansuun, bara 1128 keessas duula cimaa irratti raawwate Oromoon Warjii jabinaan ofirraa qolachuu danda’eera. Injifannoon yeroo sana argame akka isaan amantii Islaamaafi daldala naannoo kanatti haala salphaan  baballisan isaan gargaareera.

Mootonni kiristaanaa faayidaa daldaltootaa biyya alaa irraa argatan jaallatanillee, namoonni biyya keessaa amantii Kiristaanaa dhiisuun baayyinaan gara amantii Islaamaatti waan makamaa dhufaniif yaaddoo guddaa isaanirratti uumee ture. Kanarraa ka’uun wiirtuulee daldalaa warra Musliimaa kana duula walirraa hincinne irratti gaggeessafii saamaa turan. Falmiin sulxaanota Shawaa (Oromoo Warjii) waliin taasisaa turaniin ardaaleefi qabiyyee Oromoota Warjii  gara kaabaafi lixaa ture ofjala olfatan. Dhumarratti mootummaan Oromoo Warjii bara 896 /7 keessa hundeeffame bara 1285 ergama seenaa isaa xumure ykn nikufe.

Kunis, hawaasni Warjii qabiyyeen isaanii mootota Abisiiniyaafi Ifaatiin  jalaa qabame. Qabiyyeen Oromoo Warjii bakka lamatti qoodame. Kara bahaan sulxaanota Ifaatiin yoo qabamu kara kaaba lixaan ammoo mootota Abisiniyaan (Kiristaanotaan) qabame. Gochi kunis gaggeessaa yeroo Sanaa sulxaanota Shawaa kan ture Deel Gaamiis irratti mormii kaasun aangoo irraa isaan kaase. Qabiyyeen kara bahaas abbaa aangoo Umar Walaasmaan  jala akka seenu godhe. Seenaan mootummaa Oromoo Warjii turtii waggoota 390 booda kan xumurame yoo ta’u, aangoon mootummaan Islaamaa naannichaa gara Ifaatiitti akka  ce’u ta’eera.

Walumaagalatti yoo ilaalamu, wiirtuleen mootummaa Islaamaa biyya kana keessatti turan, bu’urrii isaanii sulxaanoota Oromoo Warjii (Shawaa  Sulxaaneet) ture. Wiirtuleen madarasaafi barsiisa amantii Islaamaa  Oromoo Warjii irratti hirkatee akka ture ifaadha. Dabalataanis, wiirtuleen daldalaa kallatti kamiinuu bahaafi kaaba Afrikaa keessatti  warra Jabartiin jedhaman  (daldaltoota daandii dheeraa) gaggeeffamaa tureef hundeen isaanii Oromoota Warjii  kana ta’u seenaa irraa hubanna.

Obbo Alamaayyoo Haayilee
Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Gidduugala
Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee
seenaati.

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

One Comment to “Seenaa Oromoo Warjii”

  1. Pingback: blote tieten

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *