Olka’iinsa Dhiibbaa Dhiigaa (Hypertension)

Fuulli kun dhimmoota fayyaa waliigalaarratti xiyyeeffachuun ogeessa damichaatiin torbanitti al tokko kan isinii dhihaatudha. Isinis gaaffii dhimma fayyaarratti yoo qabaattan teessoo keenyaan yoo nuuf ergitan ogeessaan kan deebii itti kennamu ta’a.

  • Dhiibbaa dhiigaa jechuun maal jechuudhaa?

Dhiibbaa dhiigaa jechuun dhiibbaa dhiigni qaama keenya keessa yaa’u  ujummoolee dhiigaa (artery) ittiin dhiibu jechuudha. Dhiibaan dhiigaa kun lakkoofsa ‘milimeter mercury’ kan safaramu yoo ta’u, sadarkaalee adda addaa armaan gaditti ibsaman of keessaa qaba. (Dhiibbaan dhiigaa armaan gaditti ibsame kun kan daa’imman hin ilaallannedha)

Dhiibbaa dhiigaa Haala Dhiibbaa dhiigaa Yaala
90/60 mmHg haga 119/79 mmHg Dhiibbaa dhiigaa ‘Sirrii”
120/80 mmHg haga 139/89 mmHg Dhiibbaa dhiigaan dura (Pre-Hypertension) Haala jireenyaan dhiibbaa dhiigaa gadi buusuu ( kan akka sochii qaamaa, nyaata coomaaf soogiddi itti hin baay’atiin nyaachuu
140/90 mmHg haga 159/99 mmHg Olka’iinsa dhiibbaa dhiigaa  sadarkaa 1ffaa ykn salphaa (Stage I Hypertension) Qorichoota dhiibbaa dhiigaa mana yaalaa irraa ajajamanfi haala jireenyaa foyyeessuu.
160/100 mmHg ol Olka’iinsa dhiibbaa dhiigaa  sadarkaa 2ffaa ykn cimaa (Stage II Hypertension) Qorichoota dhiibbaa dhiigaa mana yaalaa irraa ajajamanfi haala jireenyaa foyyeessuu.
  • Olka’iinsi dhiibbaa dhiigaa hagam lubbuu namaa galaafataa jiraa?

Dabaluun dhiibbaan dhiigaa akka addunyaatti namoota biliyoona tokkoo ol huba. Waggaa tokko keessatti lubbuu namoota miliyoona 9.4 (9,400,000) galaafata. Namoota olka’iinsa dhiibbaa dhiigaa Kanaan hubaman keessaa hedduun isaanii kan ofirratti hin beekne yoo ta’an, gariin isaanii ammo yaala ga’aa ta’e argataa hinjiran.

  • Dhiibbaa dhiiga keessan sakkattaasiftanii beektuu?

Dhiibbaan dhiigaa akka dhukkuboota warren kaanii mallattoo adda ta’e waan hin argisiifneef namoonni hedduun kan ofirratti beekan erga dhiibbaan dhiigaa yeroo dheeraaf irra turee dhibeewwan yaalamanii fooyya’uun ulfaataa ta’e itti fidee booda.  “Silent killer” ykn “dhukkuba sagalee dhokfatee nama ajjeesu” jedhamee kan wamaamus kanumaafi.

Dhibee olka’uun dhiibbaa dhiigaa kun namatti fidu keessaa kaanneen akka sammuu keessatti dhiiguu ykn dhiigni itituu (stroke), dhibee onnee  (hypertensive heart disease), dhibee kalee (hypertensive nephropathy) fi kkf dha. Dhibeewwan kun erga nama qabanii yaalanii fooyyessuun isaanii ulfaataa waan ta’eef dursanii dhiibba dhiigaa sakkatta’amanii ofirraa eeguun hedduu barbaachisaadha.

Meeshaan ittiin dhiibbaa dhiigaa safaran baay’ee salphaafii buufata fayyaa hospitaala kellaa fayyaafi bakka hundatti argamudha. Dhuunfaatti illee bitachuuf ulfaataa miti. Haa ta’u malee hawaasni keenya hubannoo dhiibbaa dhiigaa isaa safarachuu waan hinqabneef miidhamee erga dhukkuba biraatti ce’ee booda dhufa. Kun tasumaa hafuu qaba.

Namoonni dhiibbaan dhiigaa isanii ilaalchifatanii dabalaa akka jiru beekan (120/80 mmHg haga 139/89 mmHg) yoo xiqqaate waggaatti altakkaa dhiibbaa dhiigaa isaanii irra deddeebi’anii ilaalchifachuu qabu.

Namoonni dhiibbaan dhiigaa isaanii ilaalchifatanii sirrii ta’e (120/80 mmHg gadi) ammoo, yoo xiqqaate wagga lama keesatti altakkaa dhiibbaa dhiiga isaanii ilaalsifachuun isanirra jira.

  • Qorichoota  dhiibbaa dhiigaaf kennaman sirnaan fudhachuu dhiisuun hagam nama miidhaa?

Qorichoonni dhiibbaa dhiigaa hir’isuuf ogeessa fayyaan kennaman rakkoowwan lubbuu galaafatan akka sammuu keessatti dhiiguu (stroke), dadhabuu onnee (Heart Failure), dhibee kalee fi kkf akka namatti hindhufneef dhiibbaan dhiigaa akka ol hinkaane kan ittisanidha.

Namoonni hedduun sababa garaa garaatiin qorichoota kennamaniif kana addaan kutanii tasa dhukkubsatanii yoo gargaarsaaf gara hospitaalaa dhufan ni argina. Keessumaa rakkoo sammuu keessatti dhiiguu (stroke) erga qaama isaanii gam-tokkee laaffisee booda kan dhufan. Erga rakkoon kun mudatee gargaarsonni gama fayyaatiin godhaman baay’ee abdachiisoo miti. Kanaaf qorichoota dhiibbaa dhiigaaf kennaman adda kutuun tasuma hin barbaachisu.

  • Dhiibbaa dhiiga olka’e hir’isuuf ykn akka ol hinkaane ittisuuf qorichaan alatti maloota jireenyaa fayyadamnee akkamiin of gargaaruu dandeenyaa?
  • ISPOORTII ykn SOCHII QAAMAA. Yoo xiqqaate torbanitti guyyaa afuriif guyyaatti daqiiqaa 30 ispoortii hojjachuu qabna. Ispoortiin hojjannus dirqama kan leenjisaadhaan ykn mana ispoortiitti hojjatamu osoo hin taane; kanneen akka deemuu, wadaroo irra utaaluu, shubbisuu, fi kkf illee ni ta’a. Sochiin qaamaa dhiibbaa dhiigaa gadi buusuuf qofa osoo hintaane dhukkuboota onnee fi ujummoolee dhiigaan walqabatanii dhufan kamirraa nama eeguuf ga’ee baay’ee ol’aanaa taphata. 
  • ULFAATINA HIR’ISUU. Ulfaatinni qaamaa gaafa dabalaa deemu dhiibbaa dhiigaaf qofa osoo hin taane dhukkuboota hedduuf nama saaxiluu akka danda’u ni beekama. Kanaaf maloota akka haala nyaata keenyaa sirreessuufi sochii qaamaa armaan olitti ibsame taasisuudhaan hir’isuu qabna. Ulfaatinni qaamaa “olka’aadha” kan jedhamu yoo ‘Body Mass Index (BMI)’ yookiin ulfaatinni qaamaa nama tokkoo 25 ol ta’edha. BMI ofii meeqa akka ta’e argachuudhaaf: dheerina keessan safaraa, sana booda dheerina keessan waliin baay’isaa (square godhaa), itti fufuudhaan ulfaatina qaama keessanii safaraa. Dhuma irratti ulfaatina keessan lakkoofsa dheerina kessan san square gootanii argattaniif hiraa. Kan argattan sun BMI keessani. Fkn ulfaatinni kiyya 74kg dha, dheerinni kiyya 1.82m dha, kanaaf BMI kiyya 74 ÷ (1.82 × 1.82) = 22.34 ta’a. kanaafuu ulfaatina hir’isuun nan barbaachisu.
  • HAALA NYAATAA. Haala nyaataa ilaalchisee nyaatni dhiibbaa dhiigaa dabaluu keessatti ga’ee guddaa qabu ashaboo (salt) dha. Kanaaf nyaata ashaboon itti baay’atee soorachuurraa of qusachuun dirqama. Keessumaa namoonni umuriin isaanii waggaa 50 ol ta’an, namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban, namoonni dhukkuba kalee qaban, namoonni kana dura akka dhiibbaa dhiigaa qaban itti himame, nyaata ashaboo irraa of qusachuu qaban. Dabalataan nyaata coomni itti baay’ate nyaachuu dhiisaanii bakka isaa fuduraalee fi kuduraalee baay’isuun filatama.

Fayyaan Faaya

Dr. Gurmeessaa Hinkoosaa

Yuunivarsiitii Arsii

Recommended For You

One Comment to “Olka’iinsa Dhiibbaa Dhiigaa (Hypertension)”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *