Mammaaksa

* Isa ati baalaan martee fidde, gabaan bartee didde.

* Riqicha  abbaan buufateen, Rabbi namatti ce’a.

* “Dura na dhungatteef dhirsa naaf hin taatu” jette intalli.

* Kan Waaqni hadheesse , soogiddi hin mi’eessu.

* Hamma dhugaan dhufutti, sobni barcumarra teessi.

* Haalbee qara lamaa beekaatu itti fayyadama.

* Du’a baqachuutti mana du’aa seente.

* Mana waraabessaa foon liqeeffachuu  hindhaqan.

* Kan leenci naasise hindaaqqoo baqata.

* “Malannee boolla lama qotanne” jette hantuunni.

* Garaa nagaa qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha.

* Quuqaa cinaacha jalaa abbaatu beeka.

* Hirribni baay’een duumessa hiyyummaati.

* Adurreen garaa muratte, leenca qixa nama sodaachifti.

* Ilmiifi biqilli guyyaa malee hindhalatu.

* Adurreen bakka loon oolan hinbeektuu, galgala aannan dhugdi.

* Holqa seenanii dukkana hinsodaatan.

* Yaa saree “Cidhni akkami” jennaan “Isa quufe ni kadhatuu, isa beela’e ammoo ni dhowwatuu” jette.

* Daakaniif hinmarqani, dharra’aniif hin argani.

* Dubartiin fira hinqabne mana masaanuutti baqatti.

* Hiyyeessa irraa liqeeffachuurra sooressa kadhachuu wayya.

*Humna tabba baasuufi soora ganna baasu abbaatu beeka.

* Bareedina gurraachaafi dubbii nama gamnaaf nama bira gahetu hubata.

* Agabuu si bulchuuf ganamaan si beelessa.

Natsaannat Taaddasaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

One Comment to “Mammaaksa”

  1. Pingback: chilli heat slot

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *